Abdii Boruutiin
Barreeffama mata-duree “QBO: Ammaas carraan biraa akka nu hin dabarre” jedhu keessatti, yaada fi ilaalcha siyaasaa yeroo ammaa mooraa QBO keessatti mul’atan gara bifa afuritti baasee akkan ibsuu yaale ni yaadatama. Barreeffama kana keessatti ammoo, jaarmayoota siyaasaa Oromoo ilaalchisee waanan hubadhe tokko tokkon dhiyeessuu barbaada. Duraan dursee garuu jechoota lama kan “bilisummaa Oromoo” fi “walabummaa Oromiyaa” jedhaman, kan yeroo baay’ee barreffamas ta’ee dubbii keessatti mul’atan, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti ibsuun fedha. Ibsi kunis kan barbaachisaa ta’e, barruun kiyya kun jechoota kanarratti hundaayee waan dhiyaatuufi. Ibsi ani jechoota kanaaf kennu ibsa hayyootni siyaasaa kennanirraa adda ta’uu waan danda’uuf, yoon dogoggore akka na sirreessan dursee gaafachuun barbaada.
“Walabummaa Oromiyaa” jechuun Afaan Ingiliziitiin “Oromian independence” kan jedhu yoo ta’u, kun gabaabumatti Oromiyaa walaboomtee, mootummaa ofii ijaarrattee fi ofiin of bulchitee, akka biyya addunyaa tokkootti beekamtu ijaaruu dha. Jechi bilisummaa Oromoo jedhu garuu karaa lamaan ibsamuu ni danda’a. Inni tokko bilisummaa Oromoo, kan walabummaa Oromiyaa keessatti argamu dha. Oromiyaa walaboomtu keessatti mootummaan abbaa-irree ijaaramee, bilisummaa uummataa kan hin eegne yoo ta’e malee, akka yaadaatti walabummaan Oromiyaa yoo argame, bilisummaan Oromoos mirkanaawuu ni danda’a jechuu dha. Inni kan biraa, akka warri Itoophiyaa diimookraatessuu jedhan amananitti, bilisummaa isa diimookraasii fi Federaalisimii dhugaa keessatti argamuu danda’uu dha. Impaayarittii diimookraatessuu danda’uun gaafii biraa ti.
Egaa, asirraa kaanee yoo hubatnu, kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo fi akkasumas jaarmayoota bilisummaa Oromootiif qabsoofna jedhanis garee lamatti baasuun ni danda’ama.
- Inni tokko kaayyoo walabummaa Oromiyaa kan jedhu yoo ta’u, humnoota bilisummaa Oromoo kaayyoo kanaaf qabsaa’anis garee tokko keessatti galchuu jechuu dha.
- Inni biraa kaayyoo Itoophiyaa diimookraatessuu fi Federaalisimii dhugaa ijaaruu kan jedhu ta’ee, humnoota kaayyoo kana qaban ammoo garee tokko keessatti galchuu dha.
Yaada lamaan kana cuunfinee yoo ilaalle, gabaabumatti, mooraa QBO keessatti jaarmayoota siyaasaa Oromoo bakkee gurguddoo lamatti hiruu ni dandeenya. Ilaalcha isaan qabani fi karaa isaan hordofan; akkasumas garaagarummaa tooftaa fi tarsiismoo isaanii akkuma jiranitti yoo dhiifne, akka kaayyoo isaan qabani fi/ykn galii isaan barbaadanitti garee lamatu jiru jechuu dha.
Jaarmayoota siyaasaa Oromoo kan biyya keessa jiran dhiifnee, warruma biyya alaa jiran yoo ilaalle, akka hubatnoo kiyyaatitti, jaarmayootni beekaman: ABO SG kan Obboo Dawud Ibsaatiin hogganamu, ABO QC kan Obboo Dhugaasaa Bakakkootiin hogganamu fi Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa – THBO (ULFO) waan kaayyoo tokko qaban fakkaatu. ABO garee Kamaal Galchuu fi warri yeroo ammaa Waltajjii Marii Oromoo (WMO) yookaanis ODF jedhanii socha’aa jiran ammoo waan kaayyoo walfakkaataa qaban fakkaatu. Asirratti wantan dubbistoota barreeffama kanaa hubachiisuu barbaadu, sagantaa, tooftaa fi tarsiimoo jaarmayoota keenyaa waanan sirriitti hin beekneef, yaada’uma adeemsa isaaniirratti mul’aturraa ka’een akka kaayyoo tokko ykn walfakkaataa qaban tilmaame. Garaagarummaa isaan qaban kaasee ibsuu hin barbaadu. Qabiyyeen barreeffama kiyyaas kan itti xiyyeeffatu kaayyoo jaarmayootni Oromoo akka waliigalaatti qabani dha.
Jaarmayoota Oromoo kanan maqaa isaanii armaan olitti kaase kanaa ala, kan biraas akka jiru ni beekama. Inni kunis ABO warra jijjiiramaa kan jedhamani fi garee Kamaal Galchuurraa adda bahan, akkan yeroo tokko dhaga’etti warra KY ABO moggaafatanii dha. Ragaa qabatamaa qabaachuu baadhus warra Obboo Ibraahim Muummeetiin hogganaman natti fakkaatu. Akkan dhiyoo kana ibsa tokko bilisummaa.com irratti argetti, warri “OLF provisional council” jedhanii ibsa sana baasan sun jara kana ta’uu malu jedheen yaada. Isaan kun kan biraa yoo ta’an garuu, ABO garee shantu jiru jechuu dha. Akkana yoo ta’e garuu kun baay’ee gaddisiisaa dha. Akka amantaa kiyyaatitti, yeroon ammaa yeroo tokkumaa uuman malee yeroo jaarmayaa heddoomsan waan hin taaneefi. Asirratti wanti hubatamuu qabu, warri WMO jedhaman kun ifatti akka jaarmayaatti waan beekaman natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, yoo ibsa tokko baasan waan akka jaarmayaatti of dhiyeessan fakkaatu.
Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, yeroo ammaa yaadolee ykn kaayyoolee gurguddoo lamatu mul’achaa jiru. Isaan kunis impaayarittii diimookraatessuu yaaluu fi yoo danda’ame diimookraasii fi Federaalisimii dhugaa ijaaruu dha. Inni kan biraa impaayarittii diiganii Oromiyaa walaboomtu ijaaruu dha. Jaarmayootni ani armaan olitti tarreesse kunis, yaada (kaayyoo?) gurguddoo lamaan kana keessaa waan hin baaneef, akkuman duraan ibse, garee lamatti hiramuu ni danda’u. Garee Itoophiyaa diimookraatessuu fi garee Oromiyaa walaboomsuu jechuu dha. Warra yaada ykn kaayyoo tokko ykn walfakkaataa qabantu garee tokko keessa galu. Garaagarummaan isaanii tarii adeemsa isaanii yookaanis tooftaa fi tarsiimoo isaanii ta’uu danda’a jedheen yaada. Garaagarummaa isaanii isaanumaaf dhiisee, mee karaa kaayyoo fi galii isaan barbaadaniin waan tokko tokko jechuun fedha.
Kaayyoo fi galii isaanii yoon jedhu, kaayyoo isaan qabani fi galii isaan barbaadan, kana jedhee, ifatti lafa kaayuuf otuu hin taane, waanan adeemsa isaaniirraa hubadhen ibsa. Hubatnoon kiyya kun ammoo, waan isan jedhan; waan isaan dalagani fi waan isaan ibsanirraa madde. Karaa kanaan yoon hubadhu, jaarmayoota Habashaa waliin hojechuurratti garaagarummaa haa qabaatan malee, warri yaada Itoophiyaa diimookraatessuu qaban kaayyoo fi galiin isaanii tokkuma jedheen yaada. Warri walabummaa Oromiyaatiif qabsoofna jedhanis, karaa ittin qabsoo kana gageessanirratti garaagarummaa xixiqqoo haa qabaatan malee, kaayyoo fi galiin isaaniis yoo tokkollee ta’uu baate walfakkaataa dha jechuun ni danda’ama. Jaarmayootni kun hunduu kan waliin qaban maal yoo jedhame, akka yaadaa fi ibsa jechootaatti, bilisummaa Oromoo kan jedhu ta’a.
Gara gaafii akka mata-dureetti ka’etti deebi’uudhaaf, jaarmayootni Oromoo erga waan waloo tokko, asirratti bilisummaa Oromoo jechuu dha, qabaatanii, isa kana galiin gahuurratti waliin hojjechuun; tumsa waliif ta’uun silaa fedhii qofaa otuu hin taane, dirqamallee ta’uu qaba ture. Maaliif dirqama ta’a yoo jedhame, fedhii uummta Oromoo bal’aa guutuun dirqama lammummaa fi Oromummaa waan ta’uufi. Kan fedhii kana hin eegne fi hin kabajne, fedhii dhuunfaa guuttachuuf yoo ta’e malee, uummata Oromootiifan dhaabbadha jechuu hin danda’u. Tokkummaa uumuun yoo hin danda’amne, tumsa waliif ta’uun ni danda’ama. Gaafiin asirratti ka’u garuu, Maaliif kana godhuu dhiisu ykn dadhabu? kan jedhu ta’a. Wanti biraa yoo hafe, Oromummaanuu akka waliif tumsan nama taasisa jedheen amana.
Akkuman kanaa olitti ibse, walabummaan bilisummaas waan ofkeessatti qabuuf, mee jaarmayoota keenya warra galii kaayyoo isaanii walabummaa Oromiyaa godhatan haa ilaallu. Tooftaaf jedhanii galii booddee banaa godhanii dhiisuudhaan; hiree ofii ofiin murteeffannaa uummata Oromootiif haa dhiisanis; lakkii karaa tokkoon qabsoofnee galii booddee geenya haa jedhanis; walumaagalatti tooftaa fi tarsiimoo mataa ofii qabaatnis, kaayyoon jaarmayoota kanaa tokko jechuu ni danda’ama. Tokko jechuun yoo nama rakkisellee, guutumaa guututti kaayyoo ykn galii walfakkaataa qabu jechuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Kanarratti hundoofnee yoo ilaalle, gaafii: Maarree maaliif tokkummaa uumuun ykn tumsa ijaaruun isaan rakkisa? kan jedhu akka ka’u taasisa. Dhugaa dhas kun gaafii seeraa ti. Jaarmayootni kaayyoo tokko qaban, kan fedhii uummata tokkootiif dhaabbatan tokkoomuun maaliif isaan rakkisa?
Tokkoomuun ykn tokkummaa ijaaruun akka waan jaarmayootni walitti baqanii, jaarmayaa tokko ta’an qofaatti ilaalamuu hin qabu. Kun karaa tokko ta’ullee, qabiyyeen tokkummaa akka ilaalcha kiyyaatitti, karaa kana qofaadhaan hiikamuu hin qabu jechuu kooti. Dhugaa dha, yoo jaarmayootni waliittbaqanii, akka jaarmayaa tokkootti ijaaraman, jaarmayaan ijaaramu kun ammoo, dura taa’aa ykn hayyu-duree tokko qofaa qabaata. Miseensotni koree hojii gaggeessituus namoota muraasa ta’uu malu. Jaarmayootni yoo waliittibaqan kun hunduu waan hin oolleef, sodaan isaan qaban soda taayitaa dhabuu ta’inaaree laata? Gara garatti hiramanii hafuu kan filatan, tokko kan biraatiin liqimsamuun isaan sodaachisee ta’inaa? Hunduu bakkee taayitaa dhabuuf sodaatuu laata?
Egaa, hubatnoo kanatu gaafii akka mata-dureetti ka’etti nu geessa. Isa kanatu, jaarmayootni keenya gara garatti hiramanii hafuu fi humna mooraa keenyaa laaffisuun, qabsoo bilisummatu godhamaa jira moo qabsoo fedhii dhuunfaa fi taayitaatu godhamaa jira laata? nama jechisiisa. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, tokkoomuun ykn walittibaqanii jaarmayaa tokko uumuun yoo isaan rakkise ykn sodaachise, gaafii Maaliif tumsa humnoota Oromoo mooraa QBO keessatti hin ijaarre? jedhutti nama ceesisa. Tumsi yookaanis Afaan Ingliziitiin “Alliance” kan jedhamu, hiikni isaa jaarmayootni akkuma jiranitti walaba ta’anii, garuu kaayyoo tokko lafa kaawwatanii; isa kanarrtti waliin hojjechuuf; humna cimaa uumuuf waliigaltee tokkorra gahuu dha. Kuni hoo jaarmayoota keenya ni rakkisaa? ykn Tumsa ijaaruuf sababni isaan sodaachisu jiraa?
Hanga jaarmayootni keenya kaayyoo waloo tokko qabanitti, kaayyoo kanas galiin gahuuf tumsa ijaaruun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu; yoo fedhiin biraa kan dhuunfaa ta’e duuba jiraate malee jechuu kooti. Asirrattis, gaafiin taayitaa ka’uu malaaa laata? Moo waan qabsoofnuuf sana dagachaa jirraa? Barreeffama kiyya xumuruudhaaf, dhaamsi ani dhumarratti dabarsuu barbaadu: yoo danda’ame tokkummaa; yoo hin danda’amne ammoo tumsa humnoota bilisummaa Oromoo ijaaranii; humna mooraa keenyaa cimsuun yoo amma hin taane, yoomiyyuu ta’uu hin danda’u. Carraa impaayara tana keessatti uumamuuf deemuutti fayyadamnee kaayyoo keenya galiin gahuu kan dandeenyu tokkummaa dhaanis haa ta’u, tumsaan; karaa’uma fedheenuu humna mooraa keenyaa yoo cimsine qofaa dha. Gara gara facaaanee hafuu fi qabsoo taayitaa godhuu dhiifnee; qabsoo dhugaa qabsoo bilisummaa Oromoo haa goonu.