Oduu Haaraya

Namni tokko du’a diina isaatti ni gammada malee hin gaddu

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Mata duree kanaan barreeffama gabaabaa kana akkan dhiyeessu kan na taasise. Du’a abbaa-irree Mallasaa ilaalchisee mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessaa miseensota Waltajjii Marii Oromoo ofiin jedhan namootni tokko tokko gadi bahnii du’a kanatti gadda isaanitti dhaga’ame ibsuu isaanii ti. Akka dhuunfaatti, abbaan fedhe waan itti dhaga’ame tokko ibsuuf mirga qaba. Kaayyoon barruu kiyyaas mirga namoota kana gadi qabuu fi yaada isaanii qeequufis miti. Haa ta’u malee, wanti na dinqe tokko, karaa’uma fedheenuu, bakkee’uma fedhettuu haa du’u diinni diinuma; diinummaan isaas hin hirraanfatamu. Mallasaan hogganaa jaarmayaa nama-nyaataa Wayyaanee ture.

 

Jaarmayaan kun ammoo dhiiga ilmaan Oromoo meeqa akka dhangalaase fi dhangalaasaas jiru; lubbuu ilmaan Oromoo meeqa akka galaafate; Oromoo meeqa mana hidhaa keessatti akka dararaa jiru otuu beekamuu; kun hunduu hirraanfatmee ykn dagatamee, akkamitti duutii nama kanaa nama gaddisiisa? Mallasaas ta’ee maatiin isaa yookaanis firootni isaa kan biraa hafee du’a ilma Oromoo tokkotti gadda isaanitti dhaga’ame ibsanii beekuu? Maarree, namootni keenya kan qabsaa’ota ofiin jedhan fi qabsoo kana keessattillee gahee guddaa taphachaa turan, har’a gadi bahnii gadda isaanitti dhaga’ame maatii fi firoota Mallasaatiif ibsuun isaanii, waan ta’e kana hundaa hirranfataniiti moo garaa laafina isaanii addunyaatti beeksisuufi? Eenyu gammachiisuufi? Eenyu birattis galata argachuufi?

 

Karaa tokkoon rakkoolee mooraa QBO keessa jiraniif furmaata argachuuf marii gaggeessina jechaa; mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabiin bu’ee, humni Oromoo cimee, irree tokkoon tokkummaadhaan diinarratti haa duullu jedhanii yaamicha dabarsaa; karaa biraatiin garuu waan Oromoorra gahe fi gahaas jiru dagatanii du’a diina hamaa kanaatti gadda isaanitti dhaga’ame ibsuun waan wal faallessu hin ta’uu? Karaa feetenuu haa dhuftu, duuti du’uma. Mee haa jennu, otuu Mallasaan qabsoo bilisummaa Oromoo kana keessatti ajjeefame, du’a isaa kanattis gaddamee, mooraa keenya keessaa ibsi akkanaa ni bahaa laata? Hogganaa keessan ajjeesuu keenyaaf gaddi nutti dhaga’ame, dhiifama nuuf godhaa jedhanii maatii fi firoota isaa dhiifama gaafatuu laata? Moo namni kun duuti isaa gara Waaqaatiin/Rabbiitiin dhufteef garaa isaan nyaate?

 

Dubbii kana raajeffachuuf ykn oo’isuuf otuu hin taane, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, ibsi akkanaa kun mooraa keenya keessaa gadi bahuun isaa Oromoo biratti qaanii guddaa dha jedheen fudhadha. Kan biraa ammoo, wantin ibsa kana keessatti hubadhe tokko, alagaa fi diinaaf (Wayyaaneellee dabalatee jechuu dha) yaamicha marii dabarsuu dha. Mee asirratti gaafiin kaasa: kun yaamicha marii ti moo kadhaadhaa? Diinni fi alagaan mariitti akka dhiyaatu godhuun kan danda’amu, dura ofiif tokko ta’anii; mooraa ofii cimsanii; humna cimaa fi abdachiisaa yoo uuman qofaa dha jedheen amana. Yoo karaa kanaan diina fi alagaa jilbiifachiisanii, akka mariitti dhiyaatu taasisan malee, humna laafaa qabatanii diinaaf yaamcha marii dabarsuun ykn kadhachuun faayidaa takkalle hin qabu. Projektii hin milkoofne yaaluun yeroo fi humna ofiitiin taphachuu ta’a jedheen yaada.

 

Asirratti wantin ifa godhuu fedhu fi dubbistootni barreeffama kanaas akka hubatan barbaadu, warri Waltajjii Marii Oromoo (WMO) jedhanii mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbii uumuuf yaalii godhan, hojii isaanii kana qeequuf akka hin taane dha. Nagaa buusuuf, waliin haasawuu fi dhimma waloo tokkorratti waliin mari’achuun waan deeggaramuu fi jajjabeessamuu qabu dha. Marii kamiiyyuu yoo ta’e, yoo fedhii uummata Oromoo bal’aa hin faallessine, bakkuma fedhettuu godhamuun nama gammachiisa malee waan badaa ta’uu miti. Haa ta’u malee, bitaa fi mirga ; baddaa fi jala; duuba fi fuuldura ofii hubachaa waan tokko dalaguun baay’ee murteessaa dha. Ibsa jarri baasan kanas akka waan guddaa tokkootti fudhadhee; yookaanis bookee akka arbaatti ilaaluu kiyya otuu hin taane, haala uummatni keenya keessa jiru otuu beekanuu maaliif du’a diina hamaa kanatti gaddama kan jedhutu sammuu kiyya tuqe. Ana kan na gaddisiisu yoo jiraate, Mallasaan QBOtiin otuu hin injifatamin du’uu isaa ti.

 

Barruu kiyya otuu hin xumurin dura, dhaamsi ani qabsaa’ota Oromootiif carraa kanaan dabarsuu barbaadu, humnaanis haa ta’u; mariitti dhiyeessinee karaa nagaatiinis haa ta’u; diina keenya injifachuu kan dandeenyu, yoo dura mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbii uumnee; karaa kanaan humna cimaa fi abdachiisaa mooraa keenya keessatti uumne qofaa dha. Humni Oromoo abdachiisaan kan uumamu ammoo, yoo tokkummaa ykn/fi tumsa humnoota bilisummaa Oromoo uumne qofaa akka ta’u hunda birattuu dhugaan kun hubatamuu qaba. Dura mana keenya haa qulqulleessinu; mooraa keenya haa cimsinu; humna keenya haa jabeessinu. Sana booda alagas ta’ee diinni otuu hin jaalatin dirqamee marii nu wajjin godha malee, akka amma jirru kanatti diina wajjin marii yaaduun gaaga’ama keessa akka nu galchu beekuu qabna.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …