Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Hojiin Malee Ololaan Bakka Hin Gahu

Jaarmayoota siyaasaa, sabboontotaa fi kanneen mirga namoomaaf falman marti mootummaa empaayera Itophiyaa irratti of aangomsee jiru irraa hammeenya suukanneessaa gosa adda addaa raawwatamaa turee fi jiru irraa  karaa itti mirgi ummatootaa kabajamee nagaa waaraa fi bilisummaan mirkaneeffamu, ummatootni dhumiinsa, hidhaa, baqaa fi beela irraa baraaraman faluu irratti xiyyeeffatuun qabsaawaa turan. Hanga qabsoon godhan milkaa’uttis qabsoo itti fufanii jiran.

Haalli siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa empaayera Itophiyaa yeroo ammaa wayyoomina agarsiisuu irra kan duraanii caalaatti hammaataa arreedaa akka jirus ifatti mul’ata.  Addatti ammoo filannoo kijibaa wayyaanee marroo 5ffaa Waxabajjii 2015 adeemsifameen, dhibbaa dhibbatti mo’atuu isaa qaaniin alatti eerga labsateen asitti ummaatootni empaayera kanaa fedhii fi filannoo isaaniin alatti akka murna bicuu jalatti Ameen jedhanii bulaniif dirqisiifamaa jiran.

Gochaaleen diinummaa fi farrummaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran ammoo hunda irra ulfaataa fi bal’aa tahuu irraa goleelee Oromiyaa hunda waliin gahaa jiran. Ummata Oromoo diineffatuun sababa nuhi hin deggertan jedhuun, qe’ee isaa irraa buqqaasuun, hojii irraa gugsuun, hidhuu fi bakka gariitti ammoo ajjeesuun gochaalee diinummaa guyyuu lammii Oromoo irratti raawwatamaa jiranii dha. Gochaa diinummaa kana Oromoo irraa ittisuuf, dabrees kaasuuf, ABOn hojii hangafa godhatee kan irratti hojjataa ture tahullee ammaan tana tarkaanfii gara garaa bakka adda addaatti fudhataa jiruun abdii ummata Oromoo tahuu caalaatti mirkaneessaa jira.

Dirqamni ummata Oromoo balaa irraa hanqisuu fi bilisummaa isaa gonfachiisuu kan jaarmayaa tokkoof dhiifamu osoo hin taane, kanneen maqaa isaa dhahatuun qabsaawaa jirra jedhan hunda kan ilaallatu, akkasumas, dirqama sabboontotaa fi walii gala lammii hundaa tahuun dagatamuu hin qabu. Haa tahu malee mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti kanneen kanaaf  dursa kennuun irratti hojjataa jiran ni takkatu.

Jaarmayootni maqaa Oromoo maxxanfatuun akeeka gara garaaf qabsaawan jiraatuun haqa hin haalamnee dha. Addi Bilisummaa Oromoo jaarmayootni Oromoo jiraatuu irraa mormii hin qabu. Akeeka gara garaa qabaatuu isaaniifis jibbiinsa irraa hin qabaatu. Haa tahu malee waan ijaaramaniif qabsaawanii bakkaan gahatuuf hojjatuu irra ABO komatuu, balaaleffatuu fi maqaa xureessuu irratti qofa fuulleeffatuun, kan ijaaramaniif ABO dura dhaabbatuufi moo rakkoo ummata Oromoo furuufi? gaaffii jedhu akka gaafatuuf dirqama.

Jaarmayoota ABO hamatuu fi komatuu hojii duraa godhatan waliin atakaaroo seenuun gonkumaa fedhii ABO tahee hin beeku. Hin tahus. Haa tahu malee kanneen akka simbira masqalaa waggaatti gadi bahuun jirra jedhan, hojiin garuu hin jirre kanneen, afanfajjii hawaasa keessatti uumaniin qoodaminsa dhalchan, gurmuu hawaasaa laaffisan, adabadhaa jechuun hawaasa afanfajjii irraa oolcha.

Garaagarummaa kaayyoo fi dantaa matayyaa irraa rakkoo dhaaba keessatti uumamaa tureen gurmaa’uun kanneen heeraa fi seera dhaabaa cabsanii dhaaba irraa of fageessan ABOn akka hoggana gahummaa fi dandeettii hin qabneen durfamaa jiru, kaayyoo fi akeeka yeroo waliin hin tarkaanfanne irratti cichuun qabsoo qancarse, seera dhaabaa hojii irra oolchuu  fi kk. fakkaataniin balaaleffataa, gama isaaniin yeroo gabaabaa keessatti bilisummaa Oromoo kan argamsiisan tahuu labsatuu addunyaa hundatu dhaga’e.

Kanneen ABO Qabsoo Bilisummaa Oromoo qancarse jedhanii yakkan qabsoo bilisummaa fuula dura furgaasuuf waadaa seenan hanga tokko illee waliin deemuu dadhabuu irraa bakka hedduutti wal qooduu fi  wal harcaasuun, rakkoo ABOn keessa ture caalaatti akka ummata Oromoon addatti ammoo hawaasa Oromoo alaa biratti akka hubatamu taasise malee, qaphxiileen dadhabiinsaa ABO irratti tarrisan haqa qabaatuu hin mul’isne. Ummatni Oromoo kanneen kaayyoo akka tooftaatti jijijjiiruu barbaadan, akkasumas yeroo isaanii ABO komatuu fi hamatuun dabarsan baga nuuf dhuftan jedhee simatuu diduun of irraa faccisuu fi dura dhaabbatuun akeekni ummatni Oromoo dhaabbatuuf maal akka tahe mirkaneesse.

Kanneeniin alatti jaarmayootni ABO abaaruu fi komatuun jaarmayaa nu taasisaatti amananis taanaan ABO irraa bahanii waggoota torbaa fi saddet booda illee ABO balaaleffatuu fi yeroo hunda tokkummaa lallabuu irra taranii qabsootti bobba’uun jiraachuu isaanii hojiin of mul’isanii hin argamne.   Qabsoon godhan ABO komatuu fi hamatuutti daangeffame.

Haallan akkanaa mooraa QBO keessatti mul’atuu fi waggoota dheeraaf jiraatuun gaddisiisaa fi qaanfachiisaa dha. Dhimma sirratuu qabu tahuus ABOn ni amana. Waan taheef ABOn kanneen yeroo isaanii ABO balaaleffatuu fi komatuutti dabarsan gochaa diigaa kana irraa of qabanii diina ummata Oromoo irratti akka fuulleffatan gorsa. Hamii fi komiin itti jiran kan QBO fuula dura hin tarkaanfachiisnee fi  gufuu tahuu hubachiisuu fedha. Akkuma yeroo gabaabaa keessatti rakkina Oromoo furra jedhanii addunyaatti labsan, isa irratti xiyyeeffatuun hojjatanii ummata Oromoo hiraar keessaa akka bilisoomsan ABOn dhaamaaf. Dhalaandhala baay’isuu fi kan hojiitti jiru komatuun qofti qabsaawaa hin taasisu.

Dhaabni kamiyyuu taanaan akeeka ittiin masakamuu fi kaayyoo dhaabbateef fiixa baasuuf tattaafata godhuu fi hojii hojjatuun madaalama. Ummatni  abbaa dhimmaas kanuma irratti hundaa’uun madaala.  Kana dagatuun godoo tolfatan keessatti  olola qabatamaa hin taaneen ABO hamatuu fi irratti ololuun jaarmayaa haqaa hin taasisu.  Akka baay’ina balaaleffannaa fi yakka tarrifamaa tureen ABOn  2008 booda jiraachuu hin malle. Haa tahu malee yakki dharaa fi ololli kijiba irratti hundaa’e jabina ummataa, qabsaawotaa fi sabboontotaan bakka hin gahiin hafe. Kanneen dhabama ABO hawwanis ofiif xiqqaatan. Galatni kan qabsaawotaa fi ummataa Oromoo haa tahuu, ABOn daran jabaatee fi cimee dirqama qabsoo ofitti fudhatee itti jiru bakkaan gahuuf diina kuffisee kufaa jira malee hin laaffatne.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dhaloota irraa eegalee  mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo akka dhugoomuuf qabsaa’e. Har’as kanuma tarkaanfachiisa. Dantaa sabaa ganee diinaaf hin jilbeenfatu. Haalli natti hammaate ykn addunyaan jijjiiramte jechuun kaayyoo ganamaa irraas hin goru. Kana malees ABOn alagaa abdatuun hin ijaaramne. Abdiin isaa Ummata Oromoo ti. Bilisummaanis wareegaan alatti akka hin dhufne ABO jalaa dhokataa hin turre. Kanaafis wareegama hedduu qaqqaalii baasuun har’a gahe. Kun fuula duras kan itti fufuu dha. Kanneen kanatti hin amanne ammoo karaa nu baasa jedhaniin sosso’uun, akeeka nuuf taha jedhan maxxanfatuun mirga isaanii tahuu ABOn ni beekaaf. Waan taheef ABOn kana irraa rakkoo kan hin qabne tahuu hubachiisaa, waan yaadan bakkaan gahatuu irratti akka hojjatan hubachiisa. Hunda keenya madaaluun kan murtii kennu ummata Oromoo tahuus yaadachiisa. Kana waliin ABO irratti duuluu hojii duraa godhatuu akka lagatan dhaamaa, olola dharaa ABO irratti oofamu dhaggeeffatuun akka afanfajjii hin seenne dhaamsa isaa ummata Oromoo abbaa dhimmaaf dabarsa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …