Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Kudhasadaffaa

 

Barreeffama kutaa kurnaffaa keessatti akkan ibsuu yaaletti, waayeen Muummicha Ministeerotaa (MM) haaraa Dr Abiyyi Ahmad Oromoo yaadaan ammallee bakkee (iddoo) lamatti akkuma hiretti jira. Yaadni ani achitti ibse akkuma jirutti ta’ee, garuu haasa’a adda addaa MM godhaa ture fi akkaataa inni hojii isaatti seenee jiru har’allee Oromoota waliin mormisiisaa jira. Akka hubannoo kiyyaatitti Dr Abiyyi erga MM ta’ee hojii isaa eegalee kaasee dogonggora adda addaa akka godhe dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Dhimma kana laalchisee barreeffa kana keessatti yaada tokko tokko kaasuun yaala.

MM Dr Abiyyi deeggarsa Oromoo hundaa argachuu fi hojii isaatiinis milkaa’uuf maal godhuu qaba?

Fedhii fi kaayyoon isaa kan dhuunfaa maal akka ta’e sirriitti beekuun rakkisaa ta’ullee; akka dura taa’aa AWDUI fi MM biyyattii tanaatitti wanta inni dursa kennuufii barbaadus isumaaf dhiisnee; garuu akka ilma Oromoo tokkootitti duula irratti banuurra mee yeroo xiqqoo kennineefii ofsirreessuu isaa haa laallu. Yeroo kennuufii yoon jedhu yaadni kiyya warra hojii isaatiif yeroo isa barbaachisa jedhanirraa adda. Ani wantin jechuu barbaade, dogonggora godhaa jiruuf akka hubatuu fi sirreessuuf yeroon haa kennamuuf jechaan jira. Kunis akka ilma Oromoo fi Obboleessa keenya tokkootti laaluudhaani.

Dr Abiyyi akkuma MM ta’ee muudameen silaa hojiin isaa kan duraa waajjira isaa seenee dafee kaabinee ijaaree; hojiilee hatattamaan hojjetamuu qaban tartiibaan lafa kaayee; isaan kana hojiidhaan agarsiisuu calqabuutu irra ture. Sana godhuu dhiisee, akkuma argamaa jiru, hojii isaa Naannoleerra deemuudhaan eegale, ammas ittijira. Waan kana godhuuf inni sababa mataa isaa qabaachuu mala. Tilmaama kiyya boodan itti deebi’a. Haa ta’u malee, hojiilee hatattamaan hojjetamuu qaban sana hojjechuun hafee; siriidhaa waan Oromoo madeessan tokko tokko haasa’a isaa keessatti darbachuun akka uummatni abdii isarraa kutatan taasisaa jira. Kana, sana jedhee irra deebi’uu waanan hin barbaadneef, dogonggora hojjetaman sana sirreessuuf ammas yeroo qaba.

Hojiin hatattamaan hojjetamuu qabu maali?

Akkuma beekamu Labsiin Yeroo Muddamaa – LYM (State of Emergency) kan deebi’ee labsameef sababni isaa: uummata ukkaamsuuf, maqaa nagaa fi tasgabbi eegsisuutiin karaa faallaa ta’een uummata nagaa dhoowwuuf, akka nagaan bahanii hin galle godhuuf, nama hidhuuf, dararuuf, dubartoota gudeeduuf, ajjeesuuf akkasumas qabeenya saamuuf karoorfatamee waan godhamee dha. Dhugaa kana warri AWDUI keessa jiran hunduu sirriitti beeku. LYM kun immoo caalaatti kan miidhaa jiru addatti uummata Oromoo ti; Oromiyaarratti xiyyeeffate; humna Qeerroo laaffisuuf ittiyaadamee godhame; kan hunda caalaa nagaa dhabes uummatuma Oromoo ti; kan jumlaadhaan hidhamaa jirus uummatuma kana. Hojiin hatattamaa MM silaa isa kan dhaabsisuu danda’uutu irra ture. Kana godhuuf ammaaf humna dhabullee, Seerri fi Heerri biyyattii sanaa garuu aangoo isaaf kenna.

Erga LYM uummatarraa akka ka’u godhamee fi uummatnis nagaa fi tasgabbii argate booda Naannoleerra deemuun itti aanee dhufuu ni danda’a ture. Kuni osoo hin ta’in hafee; kunoo uummata keenya har’allee miidhaan meeqa irra gahaa jira. Kuni ta’aa osoo jiruu; kanaaf mala ykn fala barbaaduu dhiisee, Dr Abiyyi Sabboonummaa Oromoorratti olola oofuun, dhiibee gandatti galchuu yaaluun isaa uummatni akka abdii isarraa kutatu taasisa. Dubbii gabaabsuuf, Dr Abiyyi deeggarsa uummata Oromoo bal’aa argachuu fi seenaa boonsaa hojjechuu kan fedhu yoo ta’e, LYM dafee akka uummatarraa ka’u godhuu qaba. Uummata Oromootti abdii horee of duuba hiriirsuu danda’uu qaba. Yoo kana hin goone, innillee gaaga’ama cimaa keessa galuuf deema. Dhugaa kana hubachuu qaba.

MM Dr Abiyy hojii isaa kan calqabaa godhatee maaliif Naannoleerra deemuu filate?

Osoo MM ta’ee hin qaadhimamini fi hin filatamin dura haasa’a yeroo adda addaa godherraa yoo hubannu, namni kun “Itoophiyummaan isaa” hangam cimaa akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu. Obboo Lammaa Magarsaa faa dabalatee Itoophiymmaan araada (ኢትዮጵያዊነት ሱስ ነው) jechaa akka turan yaadannoo yeroo dhihoo ti. Waan ta’eef, dararama uummata Oromootiif dursa kennee; LYM kun akka irraa ka’u taasisuu caalaa kan isa dhiphise (cinqe) fi isa yaaddesse tokkummaa biyyattii tanaa waan ta’eef, osoo uummatni keenya dhiigaa fi du’aa jiruu; isa kana dhiisee Naannoleerra deemuu fi uummattoota sossobuu filate. Adeemsa kana keessatti immoo alagaa gammachiisuuf jedhee Sabboonummaa Oromoollee gadi xiqqeessuu yaale.

Ani kanan jechaa jiru, waan dursa argachuu qabuuf dursa kennuun dirqama; uummatni inni irraa dhalate kun miidhamaa osoo jiruu; rakkoo kanaaf mala ykn fala hatattamaa godhuutu irraa eegama jechuuf malee, Naannoleerra deemuu fi uummattoota wajjin haasa’uun sirrii miti jechaa hin jiru. Kuni ta’uu qabaayyu; garuu tartiiba fi yeroo isaa eeggachuu qaba. Kuni waan hatattamaan ta’uu qabuu miti. Jiruu fi jireenya ilma namaa keessattuu yoo laalame, manni isaa diigamaa osoo jiruu; maatiin isaa miidhamaa osoo jiruu; namni mana nama biraa ijaaruu deemu fi maatii nama biraa tiksuu yaalu jiraa? Dura maatii isaa sana miidhaa jalaa baasee; sana booda kan ormaas miidhaa jalaa baasuu dhaqa malee kan ofii manumatti dhiisee, irraa hin deemu jechuu dha. Dubbiin Dr Abiyyi fakkeenya kana wajjin walfakkaata.

Dr Abiyyi dhimma Oromoo kana akka laayyootitti laaluu dhiisee; xiyyeeffannaa guddaa kenneefii; uummata kanarraa miidhaan akka dhaabbatu LYM hatattamaan kaasisuu danda’uu qaba. Yoo kana godhe, milkiin isaas kanaan calqaba; deeggarsa uummata bal’aa Oromoo argachaa deemuu danda’a. Yoo kana hin goone garuu, akkuma miidhaan uummata keenyarratti cimaa deemuun, Dr Abiyyis kufaatii hamaadhaaf ofqopheessaa deema jechuu dha. Seenaa boonsaa hojjechuu osoo danda’uu, seenaa badaa hojjetee akka hin hafne, carraa amma uumameef kanatti fayyadamee uummata Oromootiif beenyaa kaffaluu qaba. Beenyaan kunis xiqqaatee yoo xiqqaate nagaa fi tasgabbii uummata kanaa mirkaneessuu dha. Kun kan argamu immoo yoo LYM uummatarraa hatattamaan ka’ee qofaa dha.

Dhumarratti, akkuman kanaan duras irra deddeebi’ee jechaa ture, gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa jijjiirama xixiqqoo AWDUIn godhamuun (innumtuu kan danda’amu yoo ta’e??) deebii argachuu akka hin dandeenye jala sararuun fedha. Kuni kan argamu qabsoo ittifufuudhaan hireen uummata Oromoo uummatichumaan mirkanaa’uu yoo danda’ee dha jedheen amana. Sirna Wayyaanee keessatti, hanguma fedhe jijjiiramni bu’uraa yoo godhame, gaafii Oromoo ni deebisa jedhee hin yaadu.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …