Oduu Haaraya

Sabboonan Oromoo poolisiin wayyaanee poolisoota wayyaanen galaafatamuusaa !

Magaalaa finfinneetti guyyaa har’aa ( 26 / 04 / 2015 ) poolisiin kun dhalataaf falmataa oromoo kan ta’e sababni ajjeechan kun itti murtaa’ef waa’e biyya ofiirratti mirga dhabuu Oromoo lammiisaa ilaalchisee gungumuusaa waan baraniif akka ta’e beekameera. 

kanaaf poolisiin kun sababa oromummaasaan jibbamuufis jecha poolisoonni wayyaanee lakkoofsan hedduun kutaa tokkotti harkisanii seessisuun gariin dhidhiitaa, gariin uleef sadafii qawween tumaa fi kuun albeetin waraananii ajjeesunsaanii beekameera.

Egaa erga poolisii dhalataa Oromoo kanarratti kun marti raawwatee booda uummata mootummaa waliin wal hin jaalannetu ajjeese, namoota yakka kana Poolisii keenyarratti raawwatanimmoo barbaannee qabuun seeratti dhiheessina jechuun Sobanii diraamaa hojjechuuf akka oduu afarsaa jiran iccitiin baheera.

Kunimmoo tooftaa ittiin akka filannoon sobaasaanii kun hin gufannee fi yakki ofumaa isaan raawwatan kun iccitiinsaa akka hin baanef akka ta’e nama hubannaa gaari qabu kamiifuu hubachuun hin rakkisu.

Akkaataa fakkeenya Poolisii kanaatin loltoonni buufata waraana addaddaa keessa jiran Oromoo sabboontota ta’an sababa akkuma baay’ina keenyaa nuti Oromoon biyya keenyarratti abbaa mirgaa ta’uu danda’uu qabna jechuun wayyaanerratti gungumaniif Keessa keessa guuramanii akka ajjeefamaa turanii fi ammas itti jiran yeroo addaddaatti Post siniif godheen ture.

Gaaffin mirga Oromoo afaanin gaafatamee afaanumaan kan deebi’u waan hin ta’iniif gaaffi gowwummaa hin gaafatinaa. aangon mootummoota habashaa kamiyyuu dachee Oromiyaarraa ari’atamuuf qulqullaa’uu kan danda’u warraaksa uummata bal’aa keenya hirree jabaa qofaan ta’uusaatti hubachuun tooftaa fonqolchaa mootummaa uumurratti xiyyeeffachuun hojjedhaa.

firaa’oliin
diddu gobiin !

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …