Oduu Haaraya

Seerlugaa Afaan Oromoo

Inni
Isiin (ishiin)
Ati
Isin
Isaan
Ani
Nuti
Isaan
Ishiin (isiin)
Inni

Matimummaan sadarkaa jechaa ykn jechoonni hima keessatti itti hirmaatan malee, irroommii jechoota jibir(muraasa) qofaaf kennemeemiti. Jechi hima tokko keessatti matimummaadhaan hirmaatu, hima biraa keessatti sadarkaa biraatiin hirmaachuu ni dandaya.

Matim-mul’istoota  (subject determiner)

Jechoonni matimummaadhaan hima keessatti hirmaatan keessaa baay’een, mallattoo matimummaa isaanii mul’istu qaban. Mallattoon tuniis, jechoota matimummaadhaan hirmaatanirratti maxxanuudhaan matimummaa mul’isti. Sababa kanaaf matim-mul’istuu jedhamti. Matim-mul’istoonni himmeen afaan Oromoo keessatti itti gargaaramnu gos afuri.

Isaaniis:
N ,Ni ,I ,Tu

Matim-mul’istuun tuni, jechoota (matimoota) sagalee dheertuudhaan xumuramanirratti maxxanti.

Fk
Caala, Gadaa, Hoolaa, Caaltuu, Diimtuu, Bareedduu, Lammii, Firii, Waqarrii, Guddoo, Gadoo, Jiboo, Raaree, Burree, Hiree

Caaltuun dheengadda ganama dhufte
Gadaan tokkoo bara saddeeti.
Raareen ganda keenyaa bal’oodha.
Diimtuun Hangaatuudha. Firiin isin afeerte.
Hireen tiyya jalloon karaarratti buutee hin qaceeltu.
Guddaan rabbuma.

Ni

Matim-mul’istuun tun, jechoota birsaga maaheessa dubbifamtuu leexaa sagalee gabaabduu “a” jedhamtuun uumaman qofarratti maxxanti.

Fk

Nama, Ummata, Bara, Baala, Mana, Galata, Gaara, Lola,Waaqa, Bartoota, Jajara,Fuula, Muka, Areeda, Jara, Gaala, Faaya, Dheeda, Xumura, madaala

Check Also

abbaa urjii 1

Kitaaboota dubbifamuu qaban

Kitaaboota dubbifamuu qaban