Seerlugaa Afaan Oromoo
Oduu Haaraya

Seerlugaa Afaan Oromoo


Baach (baat)
Morom-mul’istuun tuni, himmeen uunkaa sharxiidhaa qaban keessatti hirmaatti. Akkagara fi’ilummaadhhaa waan qabduufiis, matima adda addaatiif uunkaa adda addaati qabdi. Kunii hormaata issiiratti mul’ata. Akkaataa hima keessatti itti hirmaattu ibsuu dura, hormaata morom-mul’ilstuu tana haa laalluu.

Baadhu,  Baattu,  Baatu,  Baannu,  Baattan,   Baatan

Hubannoodhaaf himmen kanaa gaditti aanu laali…
Deemuu baadhu, maal na goota?
Deemuu baattu, si tuma.
Ar’aatana dhufuu baatu, kitaaba saa dhabe
Daftee galuubaattu, ni tumamti.
Yoo nyaachuu baanne , akkamiin jiraanna?
Maallaqa kiyya naa deebisuu baattan, isiniin himadha.
Afaan Oromoo beekuubaattan, akkaamiin malaggaa dabran.

Morom-mul’istuun fi’ila uunkaa sharxiidhaa qabutti maxxantu tuni, uunkaa wahenna si’aneefi qaatee mul’isuus ni qabdi.

Dufubaatu    Silaa dhufubaate
Dhuf baattu  Silaa dhufubaatte
Rafubaattu   Silaa rafubaatte
Yoo rafubaatte  Silaa rafuubaatte
Galubaattu    Silaa galubaatte
Yoo galu baatte  Silaa galubaatte
Yoo deebisuu baatte    Silaa deebisuu baatte
Dhufubaadhu  Silaa dhufubaaadhe
Dhufubaanne  Silaa dhufubaanne
dhufu baattan   Silaa dhufu baattan

( )U baattu yoo( ) uu silaa ( ) uu baattee

Dhufubaattu   Yoo dhufubaatte     Silaa dhufbaatte
Galubaattu      Yoo Galubaatte       Silaa Galubatte
Fuudhubaattu  Yoo fuudhubaatte   Silaa fuudhubaatte
Deebisubaattu  Yoo deebisubaatte  Silaa deebisubaatte
Nyaachubaattu  Yoo nyaachubaatte  Silaa nyaachubaatte
Argachubaattu   Yoo argachubaatte  Silaa argachubaatte
Qabamubaattu   Yoo qabamubaatte  Silaa qabamubaatte
Baraubaattu       Yoo barubaatte          Silaa barubaatte
Barsiisubaattu     Yoo barsiisubaatte    Silaa barsiisubaatte
Barachubaattu     Yoo barachubaatte   Silaa barachubaatte
Barachubaattu     Yoo barachubaatte   Silaa barachubaatte

Kanneen asii olitti dhihaate kun hundee fi’ila jechuudha.

Hima iyyaafateeysa

Himni dhaamsa bifa gaaffiitiin qindeeyfame, hima iyyaafateeysa jedhama. Himni uunka kana qabu hundi asxaa gaaffiitiin ( ? ) xumurama.

Fk.

Hangatuun nideemtii?
Abbaankee bobbahee?
Haaswa keessan fixattanii?
Aadde Faxumaa jechuun isiidhaa?
Umriin saa waggaa kudha-saddeetii?
Obboo Tuujiin boru galgala dhufaa?
Kitaaba ergifatte sun hindeebistuu?
Maqaan intala teetii Kadijjaa?
Haati tee aadde Iftuudha?
Bineessi buburreen kun, qeerransaa?
Qaadhimaan kee kami?
Ar’a guyyaan maali?
Obboo Robaan eenyu?
Fijaan (mindaan) ji’atti argattu meeqa?
Manni obboleessa keenyaa eessa?
Kaleessaafi dheengadda maalif nurraa hafte?
Yoom deemti?
Akkamjirtu?
Gaafam, eessattifi sa’aa meeqatti wlgarra?
Maaltu natti sikaase?

Himmeen digdamman armaan olii, irra deebi’i laali. Jechoonni xumura himmeen kanneenirra jiran, sagalee bifa kamii akka qabaniis xiinxali. Himmeen kurnan duraatiifi kurnan boodaa garaagarummaa sadarkaa sagalee birsaga maaheessaatiin mul’attu qabaachuu isanii hubadhu. Jechoonni himmeen kurnan dura ittiin xumuraman, sagalee dheertuudhaan xumuraman. Himmeen kurnanuu jechoota sagalee dheertuu qabaniin guduunfaman jechuudha.

Hubannoodhaaf, jechoota xumura himmeen kurnanirra jiran asiin gaditti tarrifnee haalaallu.

1 Nideemtii?
2 Bobbahee?
3 Fixxattanii?
4 Isiidhaa?
5 Kudha-saddeetii?
6 Dhufaa?
7 Hindeebistuu?
8 Kadijaa?
9 Iftuudhaa?
10 Qeerransaa?
Jechoonni kunneen, iyyaaafateessumma himmeen kurnaaniiti mul’isan. Kuniis, sagalee maaheeysarraa qabaniin ibsan. Sagalee dheertuu saanii gara sagalee gabaabdutti yoo jijjiire ammo, uunkaa jechhootaa qofaamiti, uunkaan himmeeniitiis nijijjiirama. Himmeen uunkaa gaaffiidhaa qabaatan tahuun isaanii ni hanqata. Hima torbaffaa malee, kanneen biraa hundi gara eyyeeysummaatitti geeddaramu. Mallattoo gaaffii (?) xumura himmenirratti kaayuu qoftiin, himmeen sunneen uunkaa iyyaafateesummadhaa hin qabaachiftu.

Himmeen  jechoota sagalee gabaabduudhaan xumuramanii uunkaa gaaffiidhaa qabaniis nijiran kana hubachuudhaaf, himmeen lak 11-20 haa ilaallu.
Kami?  Maali?   Eenyu? Meeqa?  Eessa?  Maalif hafe?  Yoom deemti?  Akkamjirtu?   Sa’aa meeqatti wlgarra?  Maaltu?

jechoonni tarree xumuraarratti hiriira galan hundi sagalee gabaabduundhaan xumuraman. Himmeen sunneen ammoo, jechoota uumamuma isaaniitiin ” jechoota gaaffii” jedhaman ofkeessa qaban. Saba kanaafiis, sagalee birsaga maaheeysaa dheerreeffachuun isaan hinfeesisu. Jechoonni gaaffiidhaa qubsuma ( urgee, fuula) fedherra, jechuuniis, dura, jidduu ykn xumura himaarratti qubachuun nimala. Isaanumti hima keessa jiraachuu qoftiin hima sun hima gaaffiidhaa nitaasisa. Himmeen akkasiitiis mallattoo gaaffiidhaa qofa itti daballa.

Jechoonni ’jechoota gaaffii’ jennuun hedduudha. Hubannoodhaaf hammatokko asii gaditti tarrisna.

Hoggaa xumura himaarra qubatu Maali?Eenyu?  Yoomi? Meeqa? Kami?Tami?    Eessa?  Eecha?
hoggaa xumura Himaarra hinqubanne
  Maal………. Eenyu……..Yoom……..Meeqa…..Kam……Tam….Eessa…..

Jechoonni gaaffiidhaa, maxxntoota garagaraa maxxanfachuudhaan yookiin isaanumti jechoota biraarratti maxxnuudhaan yknn makamuudhaan hima keessatti hirmaatti.

Fk maalif…, maaliin…..,maalitti,….maalirraa….maaluma…,maalirratti…,maalfaa….kkf
Eenyu ( eennu)?
eenyuun (eennuun)…
eenyuuf (eennuuf)….,
eenyutti (eennutti)
eenyurra (eennurraa)……
eenyurraa (eennurraa)…
eenyuma (eennma)…..
eenyurratti (eennuratti)….
eenyufaa (eennfaa)    eenyuree (eennuree)…..kkf   

Kam ? kamiin? (tamiin?)
kamiif? (tamiif?)
kamirraa? (tamirraa?)
kamuma? (tamuma?)
Akkam? (attam, asham?)
Hammam? (Hagam)
Bakkam?  Biyyam?
Garam?  Gamam?…
kamitti?  kamfaa?
Hanqam?)  kkf

Jechoonni ’eessa’ (eecha) ’yoom’ ’meeqa’ jedhamaniis haaluma akkanaati qaban. Barnoota kutaa knaatiis dogongorakaraa kanaan mul’atan sirreessudhaan goolabna.

Dogongora                    Sirrii

Yoom dhuftaa?                        Yoom dhufta?
Kun maalii?                              Kuni maali?
Maalfeetaa?                             Maalfeeta?
Garam deemtaa?                     Garamdeemta?
Gatiin meeqaa?                       Gatiin meeqa?
Eessa bultaa?                          Eessa bulta?
Akkam taatanii?                     Akkam taatan?
Maalif hingaafannee?              Maalif hingaafanne?
Akkamitti hindhufnee?          Akkamitti hindhfne?
Maalif hindeeminii?                 Maalif hindeemin?….kkf

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

qubee jalqabaa Copia di NXPowerLite

Galmee jechoota Afaan Oromoo

Kaayyoon qophii kanaa Afaan Oromoo gabbisuu, dagaaysuu/dagaagsuu fii guddisuudha. Afaan kana waalteessuudha. Oromiyaan bal’oodha, akkuma …