Seerlugaa Afaan Oromoo
Oduu Haaraya

Seerlugaa Afaan Oromoo


Jechoonni sagalee gabaabduun xumuraman
Jechoonni sagalee gabaabduun xumuraman, if dandayanii hima gooduun isaanii ni mala. Kanaafuu, waahuu itti maxxansuun ykn faanabsuun hin feesaisu.

Anaafi atiis, namuma.
Dhaloonni kiyya Jimma; guddinni kiyya Fifinne; baroomsi kiyya
Roobe;hojiin tiyya Salaale.
Birbirsi muka; ejersiniis muka.
Magaalaan gamasii mul’attuusun Wliso jedhaniin.
Kan yuusu waraabeessa.
Ka barrdu leenca.
Ka gaddodu gaala.
Kan waahalle beeku rabbi.
Ka sigaafatu ana.
Tan gamasii asdeemtu sun, intala tiyya

Gosa himmeenii

Himni gosa afuri, isaaniis:-

Dhuga himeeysa

Himni dhugaa ykn haqa callaa dubbatu (himu) hima dhuga himeeysa jedhama. Dhuga himeeysi uunkaalee lama qaba. Isaaniis:

a)  Eeyyeesa
b)  Falmeessa ykn mormeessa

eeyyeeysa: haqa (dhugaa) lafa jirtu bifa mormaa ykn falmaa hin qabneen himu, hima eeyyeeysa jedhama.

Fk
Oromiyaan, biyya Oromooti.
Ganni, moosina (season) roobaati.
Qulqullummaan hundee fayyaati.
Aayyoon na jaalatti.
Bishaan gadyaa’a.

falmeeysa:

himni dhugaa ykn haqa uunkaa mormaatiin himu, hima falmeeysa jedhama.

Fk
Leenci citaa (marga) hin dheedu.
Namni du’arra hafu hin jiru.
Aanna gaalaa hin ititu.
Bofni miila hin qabau.

B. iyyaafateeysa
Himni dhaamsi isaa gaaffii tahe iyyaafateeysa jedhama. Himmeen uunkaa kana qaban marti, mallaattoo gaaffiitiin xumuraman.

Fk
Akkam jirtan?
Maal feetan?
Manguddoon galtee?
Mugoota sirra jiru yoom baafta?

C. boorteeysa: dhaamsa bifa ajajaatiin dhihaatu ibsa.

Fk
Been gali.
Qubaqabaadhu.
Hin deebi’in.
Dhufuunbaddin.
Baatu bahi.

D . raajeeyfannoo:

Himmeen jechoota haala nama raajeessu, nama dinqu, nama ajaa’ibsiisu ykn rifachiisu ifkeessa qaban, himmeen raajeeyfannooti jedhaman. Jechoota himmeen rajeeyfannoodhaa keessatti hirmaatan keessaa, asii gaditti tarrisna.

Fk

Way! Sa! Yaa! Ee! Bah! Ugum! Uu-uu! ….kkf.

Kanatti aansinee himmeen falameeyyiifi iyyaafateeyyii bal’inaan haa barannu.

Hima mormeeysa

Himni dhaamsa bifa mormaatiin qindeeyfame, hima mormeeysa jedhama.

Fk
1 Allaattiin hin kuftu.
2 Hangaasaan mana keenya hin dhufu.
3  Kitaaba kiyya hin tuqin!
4  Namni du’arr oolu hin jiru.
5  Dhagaan nyaata hin tahu.
6  Lubbuun wal hin caaltu.
7  Boonni gaariimiti.
8  Hattuun gaariimiti.
9  Caaltuun hin bareeddu.
10  Hin dhufin!
11  Jarri sadeenuu hin dhufne.
12  Nagaafachu hin baddin.
14 Deegaan maallaqa hin qabu.
15  Bineessi leenca qofaamiti.
16  Oboo Tulluun qotataamiti.
17  Michuu kiyya malee, obbolessa kiyyaamiti.
18  Manni kan keetiimti.

Himmeen kudha saddeettanuu uunkaa mormaati qaban. Asxaa (mallattoo) uunkaa isaanii mul’istuus ni qaban.mallattooleen himmeen akkana keessatti hirmaachuudhaan mormeeysummaa himmeen sunii mul’isan, morom-mul’istoota jedhaman.

Morom-mul’istoonni afaan Oromoo keessatti bal’inaan ittiin gargaaramanu sadihi, isaaniis:

a)  Hin    b)  Miti    c)   Baat

Miti; hin

Moromo-mul’istoonni, lameen kunneen (hin, miti) waan itti walfakkaataniis waan itti walhinfakkaannees ni qaban.

Walfakkeenya:

Isaan lameenuu hiikka if danday waan hin qabneef buxusoota jedhaman. Of dandayanii hima keessatti hiriira galuus hindandayan. Jechootarratti maxxanuudhaan hima keessatti hirmaatan. Kanaafiis maxxantoota jedhaman.

Garaagarooma:

’hin’ tun duraggaltuudha. Duraggalummaadhaan fi’ilootarratti maxxanti jechuudha. Morom-mul’istuun ’miti’ jedhamtu ammo, duubaggaltuudha.

’Miti’ morom-mul’istuun tuni, fi’iloota taachooma ykn maqibsoota abummaa mul’isanitti maxxanuudhaan hima keessatti hirmaatti. Fi’iloonni morom-mul’istuun tuni itti maxxantu, mataan isaaniituu maxxantoota. Saba kanaafiis, hoggaa morom-mul’istuun tuni fi’iloota kanneenitti maxxantu, sagaleen fi’iloota maxxanneedhaa dheerachu qabdi.

Fk
Kuni mana.     Kuni manaamiti.
Abbaan manaa ana      Abbaan manaa anaamiti
Xalayaan tana            Xalayaan tanaamiti
Yaroon sa’aa sagali.    Yaroon sa’aa sagaliimiti.
Ahmaed kunoo isa.     Ahmed issaamiti
Manni kuni keeti.      Manni kun keetiimiti.
Obboleessa keeti.     Obboleessa keetiimiti.
Dantaasaati.        Dantaasaatiimiti.
Kitaabni kuni keessani     Kitaabni kun keessaniimiti.
Obboo Tulluun qotataadha.    Obboo Tulluun qotataadhaamiti

Hin:
tuni duraggaltummaadhaan fi’ilootarratti maxxanuudhaan hima uunkaa mormeeysaa uumti.

Fk.
Hinroobu,  Hinroobne,  Hinbeekan,  Hinbeekne,   Hindeemtu,  Hindeemne, Hinfeenu,  Hinfeene,  Hindhufan,   Hindhufne

Roobutti hinjiru.
Nyaachutti hinjiru.
Rafutti hinjiru.
Deemutti hin jiru.
Dhufutti hinjiru.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

qubee jalqabaa Copia di NXPowerLite

Galmee jechoota Afaan Oromoo

Kaayyoon qophii kanaa Afaan Oromoo gabbisuu, dagaaysuu/dagaagsuu fii guddisuudha. Afaan kana waalteessuudha. Oromiyaan bal’oodha, akkuma …