Uummanni Oromoo erga gabrummaa jalatti kufee oolee buluu kan quba hin
qabne hin jiru. Yakkoonni gara garaas mootummoota dhufaa darbaa
Impaayera Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi jiraniin irratti raawwatamaa
har’a gahe. Haa ta’uuti yakki akka bara Wayyaanee uummata Oromoorratti
raawwate kanaan dura raawwatamuun isaa nama shakkisiisa. Bara
Wayyaanee kana keessa ummanni Oromoo lubbuu isaa, qayee fi qabeenya
isaa walumaa galatti biyya isaa Oromiyaa karaa adda addaa fi dorgomaa
hin qabneen dhabaa jira.
Waggoota 26n darban gutuu Oromiyaa keessatti yakki raawwachaa turee fi
jiru, qabeenyi saamame sukanneessaa fi kan amanuuf nama rakkisuudha.
Wayyaaneen daangaa malee waan feetu Oromoorratti raawwachaa turte,itti
jirtis. Kun kan isa dallansiisee fi isa nuffisiise ummanni Oromoo
keessaawuu qeerroon Oromoo kunoo akkuma argaa fi dhagahaa jirru
ficilee sadarkaa qabsoon bilisummaa amma irra jiru kanarraan gaheera.
FXG kunis diina innikaa waggoota 26n darbaniif daangaa malee Oromoo
fixaa fi saamaa turte Wayyaaneen dhiphuu hamaa keessa galchee jira.
Murni Wayyaanee jedhamtuu fi maqaa uummata Tigraayiin daldaltu, kan
ani bilisa baaftuu uummata Tigraay ofiin jettu, yakkamtuun yakka malee
hojii biraa hin qabne, kan hattuu fi sobdootarraa ijaaramte tun
gutummaa cunqurfamtoota uummattoota Impaayeera Itiyoophiyaa irra akka
hawaannisaa safartee kan qorqaa turte ta’us kan akka Oromoo mite
garuu hin jiru. Wayyaaneen waggoota 26n darban lafa Oromoo Heektaara
miliyoonaan lakkaawwamu ofii fi waayiloota ishiitii qircitee jirti.
Keessumaa lafa magaalaalee fi qonna gurguddaa Oromiyaa keessa jiru
qonnaan bulaa Oromoo buqqisuun qabeenya ofii gudhachuun ittiin
badhaadhtee jirti. Magaalaalee akka sabbataa, Sulultaa,
Lagadaadhii-Laga xaafoo, Duukam,Buraayyuu Bishooftuu,Adaamaa fi
naannootti saamichi lafaa qondaaloota Wayyaanee jenaraalootaa fi
ministrootaan gaggeeffame amma hin qabu. Lafa baadiyyaa qonnaa
gurguddaa, Baalee, Arsii, wallagga, shawaa bahaa fi naannoottis
duuluun haaluma walfakkaatun Wayyaanoonni qircatanii irraa sooramaa
turaniiru, ittis jiru.
Qonnaan bultoonnii fi sabboontonni Oromoo maafa qabeenyi Oromoo seera
malee saamama jecha aturanii fi jiranis hattoota Tigraayi kanaan balaa
akkamatiif akka saaxilaman kan quba hin qabne hin jiru. Kan
hidhame,kan dararame,kan ajjeefame,kan biyyaa godaansifamee fi bakka
buuten isaa dhabame amma hin qabu.
OPDOn Bara 2005 gaafa ajaja giiftii ishii wayyaaneerraa itti kennameen
bututtuu ishii xaxattee Finfinneen kan Oromootii miti jettee Adaamatti
godaantu akkuma achi geecheen kan ishiin itti bobbaate yoo jiraate
lafa Oromoo naannoo sanii daldaluudha. Qondaaloonni Wayyaanee kanneen
akka Sibaat Naggaa, Abbaayi Stahaayyee, general Staadiqaan
Gabretinsaay,jeneraal …. Fi KFF ammoo lafa Oromoo Finfinnee fi
naannawa Finfinnee jiru akkasumas lafa qonnaa babballaa Oromiyaa
keessa jiru qircachuudha. Tokkoon tokkoon isaanis kaaree meetiraan
osoo hin ta’in heektaaraan qoddatan, qonnaan bulaa Oromoos boochisanii
kaan kadhaaf, kaan mana hidhaaf saaxilan.
OPDOn gaafa koottuu Finfinneetti deebi’i jedhamtus akkuma gaafa
ari’amtee tole jettee bututtuu ishii xaxattee ol deebi’uu ishii
Oromoon quba qaba. Dhaabni ergamtuun tun kaleessa maafan biyya
kiyyarraa hari’ame, har’a hoo maafan deebi’i jedhame hin jenne.
Keessumaa gaafii ijoo isa Finfinnee keessatti maalirrattan ajaja?
Qoonni koo maali qoonni fedaraalaa maali hin jenne. Miidhaa yeroo san
sabboontotarra gahee fi qabeenya saamameefis deebii osoo hin kenniin
har’a geeche. Kun hundumtuu hafee ammoo waajjirummalleen dhabdee
hoteela kireeffatee taa’aa kan turte ta’uu caalaayyuu afaaniin
Finfinneen handhura teessaa mootummaa naannoo Oromiyaati osoo jettuu
lafa kaare meetirii takka namni itti kennu dhabamee amma harraatti
kunoo fooqii qondaaloonni Wayyaanee Oromoo saamanii Finfinnee
keessatti ijaarratan waajjira jettee kireeffatee teechi.
Ummanni Oromoo dhugaa kaana mara odoo beeku fi dhagahuu kunoo tibba
kana ija nyaataa fi kijibaan waggoota 26n darbaniif sadarkaa adda
addaatti wayyaanee tajaajilaa ture pireezidaantiin fakkeessii naannoo
Oromiyaa namni Lammaa magarsaa jedhamu karaa TV fi waltajjiilee adda
addaarratti bahee yoo dubbii kijibaa tokko hololu argaa dhagahaa
jirra. Ergamaan kun lafa Buraayyuu, Sabbata,Sululta, Laga
daadhii-Laga xaafoo,Aqaaqii, Bishooftuu, Adaamaa fi naannoodhaa
qonnaan bulaa Oromoo buqqisun saamame heektaara kuma ammaanaa fi
ammasii deebisaan jira jedhee jira.
Kabajamtoota dubbiftoota:- muraasni keessan tole maaltu baderee, lafti
qonnaan bulaarraa saamame yoo deebi’e jechuun keessan hin oolu. Eyyee
namni dubbii kana irra isaa ilaalu Lamaa Magrsaa sabboonummaan itti
dhagahamee abbootii qabeenyaa lafa qonnaan bulaa samanirraa deebisaa
jira jechuu mala. Akkasis fakkaata. Dhugaan jiru garuu kanaa miti,
1ffaa yoo lafti amma jedhamu kun saamamu akka irra deddeebi’ee ka’aa
ture Lammaa Magrsaa hogganaa dhimma nageenyaa naannichaa ta’ee,
komishinara Poolisii naannichaas ta’ee hojjechaa ture, Hojiin poolisii
tokko hattuu balleessuudhaa maaf yoos yakkamtoota Oromoo lafa saaman
kana hin himatin? Mee kanas dhiifnee waan amma ta’aa jiru irratti haa
fulleeffannu.Lafti abbootii qabeenyaa sobaarraa deebi’aa jira jedhamu
kun eenyu eenyurraa deebi’aa jira..? eessatti ammoo deebi’aa jiraa?
Qondaaloonni wayyaanee barootaaf saamicha gaggeessaa turanii fi jiran
tuqamanii jennee yoo gaafanne, kan odeeffamuu fi dhugaan lafarra jiru
adda addaa. Tokkoon isaanituu dhalattoota Tigraayii miti. Kan isaanii
tokkoo hin tuqamne.
Ammas invastaroonni sobaa lafti irraa fudhatame jedhaman kunneen
eenyuyyuu haata’an jennee bira haa dabarru. Gaafin ijoon lafti
deebi’e kun eessatti deebi’aa jira. Harka eenyuutis galaa jira..?
Akkuma dhagahamaa fi muldhachaa ture kantiibonnii fi Lamma Magarsaa
mataa isaatinuu lafti abbootii qabeenyaa sobaa jedhaman kanarraa
fuudhame jedhamaa jiru kun qonnaan bultoota Oromoo humnaan saamaman
saniif deebi’e yoo jedhan hin dhagahamne. Kan jechaa jiran lafti kun
baankii lafaatti deebi’eedha. Baankiin lafaa kuun hoo kan eenyuti?
Eenyun hooganama? Kun deebii barbaada. OPDOn kanaaf deebii laachuu
baattuus dhugaan jiru kan muldhisu baankiin lafaa jedhamu kun kan
qondaaloota Wayyaaneen ajajamuu fi too’atamuudha. Lafti baankkii kana
gales kan bahii ta’ee kennamu Wayyaanotaa fi waayiloota isaanii biyya
alaa fi biyya keessati. Eeyyee lafti magaalaas ta’e inni qonnaa
Wayyaanoota reefu ol bahan kan kanaan dura sirritti saamanii hin
quufiniif mijeeffamaa jira. Hojiin baankichaas kanuma.
Egaa dubbii ijoon ishii tana. warri Lammaa Magarsaa akka waan gaarii
hojjechaa jiruu fi Sabboonummaarraa ka’ee Lafa deebisaa jiruutti warri
hubattan deebitanii dubbicha xiinxaluu qabdu. Hololli kun kan
gaggeeffamaa jiruuf qabsoo ummata Oromoo, FXG finiinaa jirurraa
qalbii namaa butuufi malee lafarratti jijjiramni tokkollee hin jiru.
Oromoon kalees har’as saamamaa jira. Asiin holola tokko gama biraan
ammoo yakka biraatu saba keenyarratti dalagamaa jira, Lammaa fi
waayiloonni isaas kanuma raawwachiisaa jiru. Kan maqaa isaatin
daldalamaa jiru qonnaan bulaan Oromoos lafti irraa saamame dhundhumni
takka hin deebineefi. Dhugaa koo jedhee boo’aa ture, boo’aa jira.Amma
Wayyaaneen jirtuttis furmaata hin qargatu.
Dhuguma yoo warraaqsi diinagdee jedhamu kun Oromoof dhufee jiraate,
yoo dhuguma lafti qonnaan bulaa Oromoorraa cubbuun saamame kun
deebi’aa ta’e maaliif baankii seena..? maaf abbaa qabeenyichaa
qonnaan bulaa Oromoof hin deebine? Gaafii kanaaf OPDOn deebii hin
qabdu, maaliif jennaan waan Wayyaaneen dalagi jetteen dalagaa jirti
malee ofii ishiitii ummata Oromoof yaaddee waan hin hojjenneef. OPDOn
aklees har’as Wayyaanee waliin taatee ummata keenya waliin dhahaa
jirti. Waan ta’eefuu uummanni Oromoo keessumaa qeerroon Oromoo diina
waggota 26n darbaniif waliin dhahaa, saamaa, ajjeesaa fi yakkoota
garagaraa irratti raawwataa turte tana ofirraa xumura itti gochuuf
qabsoo isaa finiinsuu qaba. Qabsoon malee abbaan irree akka Wayyaanee
gateettii irraa nama hin bu’u waan ta’eef.
Check Also
OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA
Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …