DURAANDURSA
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, mee waraqaa tana bakkuma isa dabre dhaabne san irraa ka’uun itti haa fufunu! Akka inni kun isa duraanii wajjin wal isiniif qabatuufan, mee isa xumura dabree irratti jedhame tokko isiniif kaaya:
“Dubbii lafarra harkisanii waggaalee heddumeessuu fi gubboon isaanii biyyuma ofii kana nama jibbisiisa. Himata galfachuufillee dursanii warra Afaan Amaaratiin iyyannoo namaaf barreessan, barbaadanii horii baasaniifii kitaabsisuutu ture. Jarreen qawwee fi fannoon biyya Abbaa Gadaa fi biyya Haadha Siiqqee seenan kun biyya kana Gondor fakkeessuuf, halkanii-guyyaa irratti hojjachaa turani. Kanaaf, “qeyee” jarreen kanaa fi “boongoo” jarreen kanaa kan tahe, manneen murtii irraa baqachuun Oromoon qeyee eebbaa fi qeyee ayyaantuu kan tahe, gara galmoota warra qaalluu dhaquun wal-himachuu filate.“
Galmoota Oromoo kanneen keessatti wanni gubboo jedhamu, gocha isaa dhiisitii sagaleen isaatuu hin aragmu. Achitti Afaan Amaaraa hin loqodamu yookaan simaamaloon wayii hin wacamu. Dhimmii sunis lafarra hin harkifamu. Wal-sobuu fi wal-gowwoomsuun, wal-arrabsuu fi wal-doorsisuun hin jiru. “Qalaaxee” fi balaaxeen, “maxiraa” fi qaxiraan wayiituu hin argamu. Fakkeenyaaf yoo namni Tolchaa Fayyisaa jedhamu waa irratti nama Gaaromsaa Bayii jedhamu kan himatu tahe, gaafa Kudhafree (kudharfee) warra qaalluu sanaa deemeti: “obboo Gaaromsaa Bayii kana irratti natti dabree jiraa, dhufee naaf haa gaafatamu” jedheetoo deeggartoota warra qaalluu, kanneen qeyee galma sanaa keessatti argamuun qaalluu gargaaranitti himata. Jarri kun: “kunoo, dubbiikee dhageenyee jirraa, dhaqiitii gaafa akkanaa akka obboo Gaaromsaa Bayii dhufuuf itti-himi!”, jedhuuni. Obboo Tolchaan akkuma jarri jedhanitti tolchee, gaaromsee obboo Gaaromsaatti hima. Dhaamsi dhaamsa mana eebbatii, sagaleen sagalee dhugaatii obboo Gaaromsaan gaafuma jedhame sana gara warra qaalluu dhaqa. Gaafasshanachi taa’ee inni akka dhugaa dubbatu kallacha faa qabachiisanii dhugaa baasisu. Mannis mana dhugaatii, laftis lafa dugaatii, warris warra dhugaatii, biyyis biyyaa dhugaa fi biyya eebbatii Oromoon achitti soba dubbatu gonkumaa hin jiru. Isa akkanaa kanatu bara sana, akka qeyeen warra abbaa sobaa fi warra abbaa qawwee onu taasise.
Akkuma Oromoon dubbii dhugaa kana wal-harkaa fuffuudhee biyyaa biyyatti dabarse sana, warri Amaaraas waayee kanaa aariin walitti dabarsuutti ka’ani. Amma biyya “Gaallaa“, keessumaa Ambo “quufe” kanaaf nama “qoricha qotuuf“, wal-mariyachuun Shaggar irraa gara Ambootti ergani. Barri isaa walakkeessa bardhibbee 19 fi shantamootaa (“1950s“) keessa, namni Oromoodhaa qoricha akka qotuuf ergame sun immoo namichaa durumaan jibba Oromootiin ija of-jaamse, kan Fitaraarii Saayiluu Dufaayee (Saahiluu Difaayee) jedhamu, kan bulchaa koonyaa Ererii fi Karrayyuu (Adaamaa) ture tokko. Biyyi Torban Kuttaayee kun erga abbaan Sadan Liiban (abbaan Ammayyaa, Walisoo fi Kuttaayee), Liiban Maccaa: “horii bacaqi; qaalluun si keessaa haa-bawuu qaalluutti buli!” jedhee isa eebbisee, biyyi kun biyya namni horee kuma gatu, kumaan bacaquu fi biyya qaalluu jechuun biyya eebbaa taheeti bara Saayiluu Dufaayee bira kutee kunoo nus, Dhaloota Qubees dhaqqabe. Hubaddhaa Liiban Maccaa kan jiraate kaleessa faa, bara Teediroos faa, bara Minilik faa mitii! Liiban Maccaa Sadan Liiban diina hollacciisoo san horee dabre kun, gara waggaalee 600 dura nama jiraate. Eebbi isaa lafatti hin buunee kunoo bara nafxanyicha moofaa, bara Sayiluu Dufaayee sana bira kutee bara nafxaynoota haaraa, warra Wayyanee kanaayyuu gayee jira. Biyya Liiban Maccaa eebbaan ilmaan isaa sadanitti dabarse kanatu oggaa Wayyaaneen: “Goojjam keessayyuu dabarree eenyumtuu nu hin tuqu” jechaa harree ooffattee, qawwee baaddhattee Laga Abbayyaa cewuun Biyya Oromoo seente san, kan qabu qawween kan dhabe shimalaan dura goree ishii kashakkashe.
Saayiluu Dufaayee akkuma magaalaa Amboo seeneen: “hin dhuginaa“, “ulee qabattanii hin deeminaa” faa namaan jechuutti ka’e. Raajii Rabbii, Ambo mee biyya eebbaati malee, biyya namni dhugee machaawuun walis, namas rakkisu hin turree! Dubbiin kun naannoo Torban Kuttaayee bira dabree naannoo Afran Walisoo, naannoo Jahan Ammayyaa fi naannoo Jahan Bachoo faa dhaqqabe. Oromoon: “Sidaama maalitummoo biyya dhufe? Bulchaa akkamiimmoo nutti ergani?” jechuun raajeffachuutti ka’e. “Inni biyya bulchuu dhufe moo waan nuti nyaannuu fi waan nuti dhugnu nutti himuuf dhufe? Nuti farsoo garbuu keenyaa, kaasin-kaafnaa (kaatikaalaa) garbuu fi qamadii keenyaa, daadhii damma keenyaa yoo dhugne maaltu isa galche? Maali inni araqee diimaa (“konyaakii”) isa baargamaa, Biyya Faranjiiirraa dhufu dhugaa bulaa mitii?” Otoo biyyi Sadan Liiban kana malaaleffatuu (dinqeeffatuu) silaa biyya Torban Kuttaayee keessaa naannoleen Gindabaratii fi Jalduu lolumaaf dhalatanii, mootummaan Habashaa naannoo kana irraa gibiraa fi qaraxa guurrachuu malee, wanni inni uummataaf godhu hin turree, manneen barumsaa, buufanni fayyaa, karaan konkolaataa faa hin jiruu, amma Gindabarat gibira galchuu dide. Saayiluu Dufaayee kana dhagayee otoo qorichaa Oromoof akka qotuuf, ergame sana dhaqeetoo hojii irra oolchuuf: “akaakii zarraaf” isaanii san jedhuu, akkuma “kan qabuufan dabala jettee harreen lagatti fincoofti” mammaaksi Oromoo jedhuu san, biyya Afran Walisoo keessaa naannolee Bodda, Dandii fi Qaqaldhii jedhamanitti Oromoon gugsii fardaa irratti gaafa ximqataa wallole. Garuu, Oromoonni wallolan sun akkuma aadaa Oromootti ennasuma dubbii sana jaarsummaa fi obbolummaan fixatani. Naannoleen Walisoo sadeen kanaa olitti himaman immoo erga bara Xaaliyaanii boodatii koonyaa “Jibaati fi Macca” jedhamu jala, jechuun “mootummaa” Saayiluu Dufaayee jalatti argamu. Amma dubbiin badde! Egaa, namtichi kun dura Gindabarat gibira galchisiisa moo baddaa Walisoo: Dandi, Qaaldhii fi Bodda dhaqqeeti “maaf gugsiif baatan?” jechuun Oromoota adaba?
Oromoon naannoo Oromiyaa Waltajjii kun akkuma Oromoota naannolee biroo sirba jaalata. Walalooleen akka sirbaatti qopphaawan seenaa fi aadaa isaa keessatti bakka guddaa qabu. Sirboonni kunimmoo akka addaddaa fi bakka addaddaatti dhiyaatu. Oromoon keenya otoo addunyaa tana irratti walmorkiin heddummina akaakuu sirbaa kan sabni tokko qabuu, “haa dhiyaatu!” jedhamee tarii tokkoffaa tahuu dandaya. Godinoonni Oromiyaa marti sirboota garagaraa qabu. Kana malees godinni tokko immoo ofumaafuu sirboota addaddaa qaba. Mee yoo godina Wallaggaa fudhattan kan achitti sirbamu iyyaaseecallaa isinitti hin fakkaatini. Sirboota gosa danuu tahan qaba, uummanni Oromoo Macca Lixaa kun. Kan godina Oromiyaa Waltajjiis akkanuma. Innimmoo waan gosoolii lama jechuun Tuulamaa fi Macca Bahaa of-keessaa qabuuf, caalayyuu akaakuun sirbootaa baay’ata.
Akkuman gara biraatti ibsuuf yaale, Oromoon naannoo kanaa mankiristaanaa (bataskaana) kan jaraa gara olbaa aadaan isaa itti-agarsiifamuu godhatee jira. Oromoon kan gaafa taabonni waggaa waggaatti ayyaaneffatamu (“naggasu“) faa, gaafa ximqataa faa bataskaana dhaqu Waaqa kadhachuufii miti.Dhiichisa, ragada, awwayyaa fi sirboota biroo sirbuu fi booda immoo gugsii fardaatiif yaa’ee dhiichisaan lafa sochoosaa achi deema. Bacho Maaramii Rimeechaa (Rimeessaa), Gabreelii Guftee fi Goorgisii Tajii faa; Waliso Maaramii Dandii, Garbeelii Kotobaa fi Mikaa’ela Qamaxxee faa; Kuttaayee Mikaa’ela Xuqur Incinnii, Mikaa’ela Awwaaroo faa Waaqa kadhachuuf dhaqa namni jedhu yoo jiraate, nama aadaa fi duudhaa naannoo kanaa sirriitti hin beekne tahuu dha qaba! Inni naannolee Jahan Bachoo, Afran Walisoo fi Torban Kuttaayee irratti jedhame kun immoo dubbii gabaabsuufi malee: naannoleen Abbichuu, Jiddaa, Darraa, Salaalee, Sulultaa, Meettaa, Aabbuu, Galaan, Gimbichuu, Ada’aa, Sooddoo, Caboo, Ammayyaa, Noonnoo, Gaamoo Jibaat, Calliyaa fi Daannoo faas akkanuma.
Mee akka fakkeenyatti isaan kanaa olitti tuqaman keessaan tokkoo isaa qofa fudhaddhee isiniif addeessa. Dursee bataskaanni akaakuun lama akka naannoo Oromiyaa Waltajjii kanatti argamu kanaan dura bakka tokkotti ibseen ture. Habashoonni qawween cabsanii Biyya Gadaa seenan sun Oromoo dirqisiisanii gara lagaatti geessuun bishaan itti-facaasanii “maqaa kiristinnaa” kan jedhamu, maqaa Oromoon sirriitti waamuu hin dandeenye kan aadaa fi seenaa isaa wajjin waa tokkollee guduunfaa hin qabne baasaniifi. Kana bira kutanii Oromoon nama du’e bataskaanatti malee, akka hin awwaalle “abunni” isaanii maganee, mootummaan isaaniis seera baase. Namni seeraa fi magantii kana hordofuu dide ni adabama. Raajii Waaqaa, safuu namaa! Jarri seera baasan malee, taabotaan maganan malee, bataskaanuma saniyyuu bakka uummanni barbaadutti hin ijaarre. Kun humna isaanitii ol ture. Garuu, humna fi haala qabatamaa isaan keessatti argaman caala kan ture: tuffii, oftuuluu, duubatti-hafummaafi sanyummaa isaaniiti.
Fakkeenyaaf, biyya Afran Walisoo humna qawwee Faranjiitiin cabsanii seenan san keessatti kan dursanii bataskaana dhaabbatan Danditti, jechuun Maaramii Dandiiti. Maaramiin Dandii tun abbaa lafaa (haadha lafaa) ishii akkamiiti. Akkum Raas Dargee, Raas Birruu, Raas Masfin Silashii faa lafa wantaa (“gaasshaa“) hedduu qabdi. Kana malee, ishiin balabbaatasi. Lafa “ishii” kana irraa hoomisha: irboo, sisoo yookaan hirtaa galchisiifatti. Kana ishiif kan qotee galchuu qotee-bulaa Oromoo isa lafti isaa irraa fudhatame sana. Kana malees, lafa warri Amaaraa fudhatan jechuun Oromoo irraa dhuunfatan keessaa dhibbantaan 30-ni kan bataskaana Habashaati. Isa Oromoof hafe irraayyisi gibirri kan galu: Waliso yookaan Ambo, Tullu Boolloo yookaan Giinciitti warra mootummaatii otoo hin taane, Danditti ishiif gala. Fakkeenyaaf, Qaqaldhii keessaa warri Gurree Birqii akka isaan jedhanitti: “lafuma abbaa-saanii isa mootummaa Sidaamaa irraa deebisanii bitatan“, kan gandeen Shimala-a fi Dirree Warra Shuruu keessatti argamuuf gibira hamma bara 1970-tti, mootummaaf Giincittii mitii, Maaramiif Danditti galchaa turani. Fakkeenyi as irratti kaafame kun uummanni Oromoo: lafa isaa, biyya isaa fi mirga isaa dhabee mootummaa fi bataskaana Habashaatiin bitamaa akka ture, ammallee karaa tokkoon akka jiru ifumatti nutti agarsiisa.
Uummata Afran Walisoo keessaa inni naannoo hedduu baldhaa Bodda, Dandii fi Qaqaldhii keessa jiru, keessumaa ganna-ganna nama du’e reeffa isaa baatee Maaramii Dandii geessuun daran isa rakkise. Oromoon akka aadaa isaatti du’aa isaa awwaallachuu seeraan dhoowwame jechaa dha. Oromoon aadaa isaa keessatti nama du’e bakka lama keessaa kan fedhetti awwaallata ture. a) Bakka Kaabbaa jedhamu kan gandi tokko yookaan sanii ol nama ofii kan du’e itti-awwaallatu. Bakki kun qulqullinaa fi magariisa tahuun eegama. Naannoo sanaa fi awwaala irratti mukkeen addaddaatu dhaabama. Dallaan marfamee qulqullinaan eegama. Faranjoonni bara 1838 keessa karaa Biyya Amaaraa isa Manjee jedhamuu Biyya Oromoo keessaa Tuulama seenan, Oromoon uummata qaroome jechuun wanneen isaan raajeffatan keessaa inni tokko akka Oromoon bakka awwaalaa kunuunsee eeggatu arguuni. b) Naannoo qeyee ofiitti namni barbaade nama ofii awwaallata. Biyyis biyya Gadaa fi biyya dimokiraasitii, uummannis uummata Oromoo kan Gadaatii namni lamaan kana keessa filachuun bakka fedhetti awwaallata tureeyyu. Uummanni Afran Walisoo keessumaa inni naannoo Qaqaldhii keessaa: Gafarsa, Dirree Warra Shuruu, Shimala, Kotoba, Dannaba, Maaruu Warra Tolaa, Komboloota, Jawwee, Oddo Heexoo, Kabaashee, Dhalata, Qaldhaa, Shube, Biichee, Gaatiraa Walisoo, Gareeruu fi Xiraange faa irraa guyyaa guutuu reenfa baatee Maaramii Dandii geessuun itti-hammaannan warri Gurree Birqii, jechuun warri abbaa Gadaa Walisoo lafa isaaniif hafe keessaa kennuun “bataskaanni Oromoo” kan Garbeelii jedhamu Kotobatti ijaarame. Garbeeliin Kotobaa kun hiyyeessa Rabbiitii homaa lafa wayiituu hin qabu. Irboo, sisoo fi hirtaa hin galchisiifatu. Kan inni qabu uummata Oromoo qofa. Uummanni Oromoo kun immoo silaa oggaa sana daaqoniinis, qeesiinis Oromoon hin turree, Amaaruma “mindeeffate“-ef bona-bona oggaa midhaan galu, qunnaa tokko yookaan sanii gadi sunumtuu namni dandawu walitti buusetoo qeesichaa fi gargaartuu isaatii kennama. Boodallee gara bara 1965 irraa kaasee qeesii fi gargaartuun isaa Oromuma turani.
Egaa, Mudde bultii 19 guyyaa Garbeeliin Kotobaa ayyaaneffamu Oromoon wal-haretoo bawuun aadaa ofii agarsiifata. Oromoon sirba irrattis, gugsii faa irrattis walmorka. Walmorkii qajeelaa kanatu uummata Oromoo irra-qaraa, irra-jabeessaa dhufe. “Hardha ganda kamtu sirbaan caale, ganda kamtu gugsiin caale? Ilma eenyutu gogsiin caale? Intala eenyutu sirba morma-shiitiin biyya harkatti galfate?“, jedhama. Oggaa Gafareen, Kowoo fi Hulluuqqoon “Dullee, Dullee, sii dhufee Dulleen” jechaa bakka heddutti hiramuun gurmuu gurmuun dhiichisaa dhufu, ennaa Kabaasheen “Kabee, Kabee, sii dhufe Kabeen, sii dhufee Qaqeen“, Kotobni “Kotee, Kotee, sii dhufe Koteen, sii dhufe Qaqeen“, Gafarsi, Xiraange, Shube, Dhalanni faa gurmuu gurmuun lafoon dhiichisaan dachee sochoosaa, warri fardaa gurmuu gurmuun hiramuun “kaawoon deebitewoo” faa jechaa dhufan dhugaa mitii fiilmii Holii-wudii tokko namatti fakkaata. Uummata Oromoo miidhagaa, aadaa Oromoo miidhagaa, Afaan Oromoo miidhaa, Biyyoromoo miidhagaa Waaqni mimmiidhagsee uume kana raajeffachuuf sagalee fi jechatu nama hanqata. Inni yaa’ee dhufe kun dallaa bataskaanaa fuuldura dirree jiru keessa gurmuu gurmuun hiramee dhiichisa yookaan ragada. Dubarrii fi dubartoonni feenaan dhiiroota waliin, feenaan qobaa ofii gurmuu dhaabbatanii ragadaa oolu. Keessumaa oggaa naannoo Afran Walisoo fi naannoo Torban Kuttaayeetti awwayyaa-n sirbamu, dubara Oromoo kana irraa mormi isaanii lookoon sun citee Harar yookaan Naqamte waan gawu fakkaata.
Akkanuma gaafa Maaramiin Dandii guyyaa Guraandhala 21 “naggaftu” kan Garbeelii Kotobaa isa armaan olitti ibsame harka hedduun namaa fi fardaan caalutu buqqa’ee bawuun ayyaaneffata. Waan Afran Walisoo guutuun achitti yaa’etoo walgaye fakkaata. Kunis sababa malee miti, naannoo Afran Walisoo kana keessaa kan ayyaaneffannoon Maaramii Dandii hundumaa irra-caalu. Nafxanyyoonni Biyya Oromoo qawwee ibiddaatiin cabsanii qabatan bataskaana kana bakka dur Oromoon yaa’ee itti-irreeffatutti ijaarani. Taabonni kun xiqqoo-shii irraa siqee qarqara Dambal (Hara) Dandiitti dhaabate. Akkuma bakki Gabreelii Qullubbii inni gooroo Barentuu (Harargee) bakka dur Oromoon yaa’ee itti-ayyaaneffatuutti ijaaramee jechaa dha. Lookolee saglan Oromoon Walisoo nan qaba jedhu keessaa sadii: Boddi, Dandii fi Qaqaldhiin sirbaa fi gugsii fardaatiif haramanii achitti bawu. Warri lafoo fi warri abbaa fardaa gurmuu gurmuun hiramaniiti dhiichisaa fi kaawoon deebitewoon lafa sochoosaa dhufu. Warri kun dallaa bataskaana marsee jiru sanillee hin seenani. Dirree bataskaana fuulduraa fi cinaa jiru keessatti dhiichisu, ragadu, mirqaanu. Ennaa taabonni bayee mana sana naannawuuf jedhu: namoonni warra bataskaanaa gargaaran gadi bayanii karra irra dhaabachuun sagalee olqabaniitoo: “maaloo yaa Waliso, maaloo yaa biyya taabonni bayee mee xinnooshii nuu obsaa!”, jedhu. Amma biyyi ni kadhatame malee, hin ajajamnee hundumtuu cal-jedha. Taabonni sun bayee, mana isaa sana oggaa sadii naannayee akkuma bayetti nagaan gala. Warri yommuu taabonni bayee naannawu sana wajjin deemee naannawu: nafxanyootaa fi keessummoota isaanii, tajaajiltoota bataskaanaa, abbootii sangaa (baalabbaatota), abbootii lagaa (ciqaa-shuumota) fi namoota Oromoo tokko tokko qofa. Akkuma taabonni galeen abbootiin fardaa gugsiif, namoonni kaan immoo doowwachuuf akkuma dhufanitti sirbaa dirree garmaama fardaa kan achuma bataskaana sanatti dhiyaatee jirutti qajeelu.
Duudha fi muuxannoon akkanaa kun itti-fufuun bara Fitaraarii Saayiluu Dufaayee dhaqqabe. Akkuma irranatti addeeffame namtichi kun leencota Torban Kuttaayee isaan Gindabarat keessaa gibira mootummaa nafxanyaa sanaaf baasuu didanatti duuluuf raroo isaa haratee, “akkakii-zaarraaf” isaanii sana deddeebisee dadarbachaa karaa qabate. Namtichi kun waan mootummaan Hayila-Sillaasee qabu mara of-duubaa qaba: Loltuu meeshaa waraanaa kan ammayyaa kanneen addaddaa mataa irraa kaasee hamma miilaatti hidhate, balaliyaa (xayyaara) waraanaa boombii samii irraa gaddarbatu, karkarroyyaa (taankii) akka gafarsa madaayeetti baalaa-muka, lafaa-margaa of-duraa haqaa gangalatu, gaazexeessitoota dhumiinsa uummataa “farra-Toopphiyaati“ jechuun barreessan, phaaphasii fannoo qabatee farra Kiristoosii fi farra biyyaati jechuun dhumiinsa uummataa eebbisu faa of-duubaa qaba. Oromoonni Torban Kuttaayee fi Afran Walisoo garuu, jaalala mirgaa fi biyya isaanii, tokkummaa ofii fi onnee Oromoo kutattuu sana malee, wanni of-duubaa qaban hin turre.
Uummanni Oromoo beektotaa fi gamnoota, muraacii fi abshaalota of keessaa qaba. Kanaaf ennaa Saayiluu Dufaayee kun dhaadachaa magaalaa Amboo irraa bayeetoo karaa Giincii-tiin Gindabaratitti duuluuf qajeelu, gamnoonni biyyaa kun waan haala Oromoon keessatti argamuu beekaniif, dubbii qabbaneessuuf Amaarticha bira dhaqani. Inni humna loltuu hammamii yoo qabaateyyuu, otoo Gindabarat hin dhaqqabin waan naannoo Jalduutti isa eeggatu itti-himani. Gindabaratii fi Jaldu keessa eenyumtuu akka takkaa humnaan keessa hin dabarre, akka Oromoonni Jalduu lafa irra dhiisii muka irrayyuu taa’anii rasaasa namatti roobsan, namni Jalduu nama gonkumaa hin muldhanne akka tahe, “diina” hin muldhanne kanaan loluun akka hin dadayamne itti-himuun, achumaanillee waayee Oromoo beeksifachuun, akka isaan jaarsa biyyaa gara Gindabaratitti erganii dubbii tana karaa nagaatiin fixan faa itti-himani. Marii fi haasaa dheeraa booda Sayiluun jaarsolii Oromoo saniin tole jedhee, gara Ambootti deebiye. Gamnoonni Oromoo sun gara Gindabaratis hin dhaqnee, gara qeyee ofiittis hin deebinee, namoota sadii of-keessaa filachuun gara Finfinnee Shaggaritti ergatani. Namoota kana keessatti jagnicha Oromoo amma lubbuun hin jirre, Zoogaa Boojiyaa Hasaquu Horaa-tu argama. Oromoonni kun mooticha mootolii, Hayila-Sillaasee bira dhaquun: “akka namni biyya bulchuuf ergame sun biyya gubuuf adeemaa jiru” tokko tokkoon itti-himani. Dubbii “araqee hin dhuginaa, ulee hin qabatinaa” irraa kaasee hamma dubbii Gindabaratii fi Danditti duuluuf qopphaawuu isaa itti-himuun, yoo inni hatattamaan isaan irraa kaafamuu baate, dubbiin gara biraatti akka deemuun ishii hin oolle, gurra mootichaa buusani. Hayila-Sillaaseen jarri nagaan akka biyya isaanitti galanii fi inni immoo akka dafeetoo isa isaan jedhan sana fiixaan-baasu waadaa galeefi. Otoo torban tokko hin guutiin silaa Hayila-Sillaaseen qaruutee dhaa, namicha akka shoomutti “dajjaazmaach” jedheenii akka Wallagga bulchuuf gara Naqamteetti dabarse.
Akkuma irranatti ibsame, gaafa Maramiin Dandii “naggaftu” namni gugsii fardaa keessa wallolee, tokko tokko miidhamani. Saayiluun kana dhagawuun akka isa fuulduratti dhiyaataniif, xalayaa “qalaxee” jedhamutu itti-erge. Kanas nama inni matadeemaa (“ring leader“) jedhutti erge. Namni inni itti-erge kun Tashoomaa Gammachuu ilma Gammachuu Qamalittii Waarii ture. Tashoomaa Gammachuu Qamalittii akka jedhame sanitti gara magaalaa Amboo hin dhaqne. Karaa namicha xalayaa Saayiluu fidee isatti kenneeetiin deebiii qabu, gara Sayiluu isa Ambo keessa taa’ee dhaadatuu sanaatti dabarse. Xalayichi duraanii “koottutti waayee dubbii kana natti himi” kan jedhu, kan afaan nagaa fi arraba qaroominaatiin itti-ergame hin turre. Xalayichi xalayaa doorsisaa fi tuffii ture. Booda Tashoomaa Gammachuu Qamalittii: “namana ati silaa eenyu kan akkanatti anas, biyyakoos doorsiftu? Dhiirri dhufee nama qaba malee, erbee doorsisaa namatti hin ergu. Egaa yoo dhuguma dhiira taate koottutii na qabi? Garuu, otoo mana keetii hin bayin Dandi kun, Waliso kun biyya eenyyu faa akka ta’e, anis ilmaa fi sanyii eenyu faa akkan ta’e qoraddhu! Erga kana qorattee anis akkuma qeerransoota Gindabarat Kuttaayeen si eegaa jiraa, Arfan Walisoos si eegaa jiraa koottu!” “Erbeen” Tashoomaa Gammachuu jedhu sun “qalaaxee” warra Habashaa sani. Saayiluu Dufaayee dhaamsi kun sonaan isa aarsullee Dandi Walisoo dura Gindabarat Kuttaayeetti duuluu filate. Eekaa, dubbiin dubbii gibiraatii, gibirri immoo dubbii horii fi garaa warra nafxanyaa saniitiwoo!
Ennasum waayeen “erbee” Saayiluu Dufaayee fi deebiin Tashoomaa Gammachuu Qamalittii biyya Afran Walisoo keessa tamsaye. Eekaa, akkuma abbaan Liiban sadanii, Liiban Maccaa: “beeki; beekaan si keessaa haa bawu; beekumsatti buli!”, jedhee ilma isaa Waliso eebbise san walaloon dhiichisaa, kan “SOMAAN GOOTAA URGAAYEE ” jedhamu, baddaa Walisoo keessatti walaleeffamuun biyya keessa facaye. Amma armaan gaditti walaloon sirbaa, kan dhiichisaan lafa sochoosu kun isiniif dhiyaata. Haatahu malee, waan kutaan kun dheeratee yeroo keessan isin jalaa fixuu dandayuuf, asuma irratti dhaabnee kutaa sadaffaa irratti walitti deebinaa, hangasitti nagaa fi nageenyaan naa bubbulaa!
============== ==============