Oduu Haaraya

Tattaaffiilee MM Dr Abiyyi fi Qormaattota Gurguddoo isa eeggatan

 

Berhanu Hundee

 

Kutaa tokkoffaa

 

Seensaaf akka ta’u fi boodarra waan tokko tokko ibsuuf akka yaadatamu, mee xinnoo ka’umsa dhimma kanaa haa laallu. Akkuma yaadatamu, Dr Abiyyi Ahmad Ebla guyyaa 2 bara 2018 akka Muummicha Ministeeraa (MM) Itoophiyaatti filatame. Haasa’a inni guyyaa sana godhe keessatti waa hedduutu hubatama. Dhimmi haasa’a isaa kun namoota bakkee lamatti waan hire fakkaatas. Warri kaaba Itoophiyaa, keessumaayuu warri sirna impaayara tanaa kan durii sana leellisan haasa’a Dr Abiyyi sana gammachuudhaan yommuu simatan; warra kibbaa keessumaayyuu Oromoo biratti garuu mufannaa fi komii uumee jira. Sababni isaa inni guddaan waan Dr Abiyyi Minilik faarsee fi dhaadhesseefi.

Erga MM hojii isaatti seenee as naannolee Itoophiyaa adda addaa keessa deemuudhaan uummata wajjin walargee haasa’a godhaa ture. Haasa’a inni yeroo Naannoo Amaaraa deeme godhe tokko keessatti ammas wanti Oromoota mufachiise tokko dhaga’ame. Innis waayee Sabboonummaa Oromoo (SO) yoo ta’u, Dr Abiyyi uummata naannoo sanaa gammachiisuuf ta’ee hin beekamu garuu SO gadi xiqqeessee dubbate. Sababni isaa sirriitti beekamuu baatullee, akka dhimmi SO kun tokkummaa Itoophiyaatiif gaaga’ama qabu fakkeessee waan haasa’e natti fakkaata. Adeemsa kana keessatti, Dr Abiyyi waa baay’ee jedhus kan qalbii namootaa hawwate waayee walitti ida’amuu “Maddamar” jedhuu ti. Jechi kun yeroo ammaa dhaadannoo ta’ee irradeddeebi’amee dubbatamaa fi barreeffamaa jira; qeeqamaas jira.

Hogganaa uummataan hin filatamin garuu kan jaalala uummataa horate

Akka argamaa fi dhaga’amaa jirutti, Dr Abiyyi nama dandeettii fi beekumsa qabu; kan haasa’ee nama amansiisuu danda’u; kan fedhii fi hamilee cimaa qabu; kan dhugumatti biyyattii tana qofaa osoo hin taane, nagaa fi tasgabbii naannoo Gaafa Aafrikaa tiifillee yaadu akka ta’ee dha. Kanaaf kan ragaa ta’an immoo biyyoota olla fi kan biroos deemuudhaan nagaa fi araara buusuuf tattaaffachuu isaa ti. Keessumaayuu immoo waliigaltee fi araarri Itoophiyaa fi Eertiraa jidduutti akka godhamu tattaaffachuun isaa fakkeenya guddaa qofaa osoo hin taane seenaa hojjete. Kanaaf ji’oota afran dabran keesatti jaalala uummata horachuu fi cimsaa deemuu danda’e. Jaalalli inni uummataarraa horate fi tattaaffiin isaa kun gaaga’ama lubbuu isaatiifillee sababa ta’anii; hiriira deeggarsaa Finfinneetti ta’erratti yaalin ajjeechaa Dr Abiyyi irratti godhame.

Dr Abiyyi maaliif jaalatame? Eenyuun jaalatame? Eenyuun komatama? Maaliif?

Dr Abiyyi naannoo sanatti nagaa fi tasgabbiin akka uumamu carraaquun; uummattootni, sabootni fi sab-lammootni akka waljaalatan tattaaffii godhuun; biyya Itoophiyaa jedhamtu diigamuurraa oolchuuf dhama’uun isaa akka jaalatamu isa taasise jedheen yaada. (Waayee biyyattii diigamuurraa oolchuu jedhu gara booddeen itti deebi’a.) Haa ta’u malee, akka hubannoo kiyyaatitti, Dr Abiyyi kan komatamu uummata Oromootiini. Sababni inni guddaan komii kanaa immoo daangaalee Oromiyaarratti keessumaayuu bahaa fi kibba Oromiyaatti Humna Liyyuu Pooliisiitiin waranni uummata Oromoorratti banamee; uummata keenyaa fixaa waan jiruuf, akkamitti uummatni ittisa dhaba kan jedhuu dha. Kun dhugumatti rakkoo cimaa fi furmaata hatattamaa kan barbaachisu waan ta’eef rakkoon kun dursa fi xiyyaaffannaa argachuutu irra ture. Waan Dr Abiyyi uummata Oromootiin komatamu kan biroos jiru; garuu isaan kana amma kaasuu hin barbaadu.

Dr Abiyyi erga akka MMtti aangootti dhufee bu’aa maal argamsise?

Bu’aalee ykn jijjiiramoota inni ji’oota afran dabran keessatti argamsiise keessaa hangi tokko armaan olitti tuttuqamanii jiru. Hoggantoota Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) dabalatee, namootni hammi tokko mana hidhaatii gadilakkifamuun bulchiinsa Dr Abiyyi jalatti waan ta’eef, inni kun akka jijjiirama tokkootti laalamuu ni danda’a. Kan biraa immoo yaalii inni dirree siyaasaa bal’isuuf godhaa jiru wajjin walqabatee, jaarmayoota siyaasaatiif yaamicha godhuu fi kaanis haasofsiisuu isaa ti. Sababa kanaan jaarmayootas ta’ee namootni dhuunfaa tokko tokko gara biyyaatti deebi’aa jiru yookaanis deebi’uuf qophiirra jiru. Dhugumatti dirreen siyaasaa babal’atee jijjiirama barbaadamu fiduu danda’uu isaa garuu waan arguuf teenyu ta’a.

Labsiin Yeroo Muddamaa, kan seeraa ala murtaayee ture sun ka’uu fi seerotni tokko tokko kan akka Seera Shororkeessummaa faa akka haqaman ykn fooyya’an irratti hojjetamaa akka jiru labsamee jira. Inni kunis jijjiirama tokko. Kan biraa, adeemsi akkanaa kun ammaaf quubsaa ta’uu baatullee, namoota tokko tokko taayitaarraa kaasuun ykn bakkee isaanii jijjiiruunis mul’atee jira. Kun rakkoo jiru furuu ni danda’a moo hin danda’u? gaafii jedhuuf ittan deebi’a.

Egaa, bu’aaleen bulchinsa MM Dr Abiyyi jalatti yeroo gabaabaa keessatti argaman kana yommuu ta’an, walumaagalatti gaafiileen deebii hin argatini fi rakkooleen biyya Itoophiyaa hin furamin baay’ee waan ta’aniif, isaan kun qormaatota ciccimoo Dr Abiyyi eeggatanii dha. Rakkooleen biyyattii tanaa baay’ee qofaa osoo hin taane hedduu walxaxaa dhas (complex and complicated).

Qormaattota Dr Abiyyi fi/ykn bulchinsa isaa eeggatan keessaa gaafiilee ciccimoon deebii argachuu qaban: 1) Biyya ayidoolojii fi fedhiin adda addaa keessatti calaqqisamu tana keessatti, gaafiilee uummattootaaf deebii quubsaan argamee; uummattootni, sabaa fi sablammootni walqixxummaadhaan nagaan waliin jiraachuun ni danda’uu? 2) Addatti immoo gaafiin Oromoo deebii argachuu danda’aa? 3) Biyya kaayyoo fi galiin siyaasaa walfaalleessaa jiran keessatti sirna akkamiitu uumamuuf deema? fi gaafiilee biroo kan kana fakkaatanii dha. Isaan kun MMf qormaattota ciccimoo dha. Dhimmoota kana laalchisee yaadan qabu barreeffama kutaa itti aanu keessatti qabadheen dhiyaadha.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

Ulfaadhaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *