Oduu Haaraya

Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo akkamitti ijaaramuu danda’a?

 

Abdii Boruutiin

Kutaa lammaffaa – Lammiileen Oromoo maal jedhu?

Mata duree kana jalatti isa kutaa duraa keessatti “gaafii guddaa yeroo ammaa” jedhee kaasuun koo ni yaadatama. Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo keessumaayuu walitti deebi’anii tokkoomuun ABO murna sadeenii hawwii Oromoo hundaa fi gaafii guddaa yeroo ammaa akka ta’e mamiin waan jiru natti hin fakkaatu. Kuni dhuguma gaafii guddaa qabsaa’otas ta’ee uummanni Oromoo kaasaa jiru dha.

 

Waayee’uma kana ilaalchisee torban sadeen ykn lamaan dabran keessatti gaafiilee fi mariileen gara garaa kan raadiyoonii sagalee Oromiyaa fi raadiyoonii hawaasa Oromoo Minnesota irratti dabraa turanis gaafii’uma yeroo ammaa kan mul’isanii dha. Waan achi irratti dubbatame fi gaafiilee achi irratti ka’an irra deebi’ee barruu kana keessatti kaasuu hin barbaadu. Haa ta’u malee carraa uummataaf kenname irratti gaafiilee namonni tokko tokko kaasan akkan hubadhetti waan lammiileen Oromoo jedhanii fi gaafatan walumaa galatti gara booddee ittideebi’ee waan tokko tokko jechuun barbaada.

Akkuma mata dureen kutaa kanaa agarsiisu har’as barruu kiyya gaafii’umaanan jalqaba. Gaafii: Lammiileen Oromoo maal jedhu? akkan kaasuu kan na godhan waa lamatu jiru:

Tokko, yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummaa WBOn ZK yeroo ammaa marsaalee Oromoo tokko tokko irratti dabarsaa jiran yoo ta’u inni lammataa ammoo barruulee ani babarreessaa ture laalchisee yaada ykn gaafii lammii Oromoo tokko irraa emailii dhaan na ga’e dha.

Duraan dursee waan tokko hubachiisuun barbaada. Waayeen uummata Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) dhimma hunda keenyaa waan ta’eef yoo waayeen kun meediaalees ta’ee barruulee gara garaa irratti ka’u yeroo baay’ee nan hordofa. Keessumaayuu erga ABOn bakka saditti hiramee kaasee amman danda’e fi amman yeroo argadhe hordofaan jira.

Waayeen kun sammuu kiyya keessa deddeebi’ee boqonnaa waan na dhoowwef hordofuutti qofaa otuu hin hafin akkan yaada koo barreessuu jalqabu na kakaase. Barumsa ykn ogommaa saayinsii polotikaa fi/ykn barumsa seenaa hin qabu. Barumsi fi ogummaan  (profession) kiyya kan biraa ti, fiildii biraati jechuu kooti. Kanaaf waayee siyaasaa fi jaarmayootaa gadifageenyaan xinxaaluu dhaaf beekumsi fi muuxannoon na hanqachuu danda’a. Haa ta’u malee waayee uummata keenyaa fi QBO irratti waan ofii kiyyaaf hubadhe ykn hubachaa jiru akka ilaalcha fi yaada kiyyaatti barreessuu dhaaf barumsa siyaasa waan barbaachisu natti hin fakkaatu.

Afaan Oromootiin barreessuu kanan filadhe ammoo Afaan keenya akka hin dagatamnne agarsiisuu barbaadetani. Guddina Afaan keenyaa ilaalchiseebarruu: “Guddina Afaan Oromoof maaltu godhame, maaltu godhamaa jira, maaltu godhamuu qaba” kan jedhu tokkos barreessee maxxansiisu dhaan Afaan keenya akka hin dagatamnne, akka duubatti hin hafnne, akka ittiin barreessinu, akka babal’ifnu fi guddifnnu, Oromoon hunduu waan danda’an akka godhuu qaban dhaamsa koo illee carraa sanaan dabarseen ture.

Waayee uummata Oromoo fi QBO keessumaayuu haala yeroo ammaa ilaalchisee yaada fi ilaalcha koo dhiyeessuu dhaaf ergan barreessuu jalqabe ji’a tokko illee waan ta’e natti hin fakkaatu. Yeroo kana keessatti barruulee gara garaa qopheessee marsaalee (websites) Oromoo tokko tokko fakkeenyaafbilisumma.com fi voiceoformia.com irratti akka maxxanfaman godheen ture.

Qabiyyee fi kaayyoon barruulee kiyyaas walumaa galatti: Balleesa dabre irraa akka barannu; ganda, naannoo, kutaa fi amantii dhaan wal qoqqooduun hafee (badee) Oromummaan akka guddatu; walii galtee fi tokkummaan qabsaa’otaa akka uumamu; humnna horannee QBO akka cimsinu; wal irratti duuluu dhiifnnee irree tokkoon diina irratti akka duullu; galiin booddee QBO dafee kan dhufu tokkummaa qofaa dhaan waan ta’eef tokkummaan dhugaa ijaaramee humni keenya akka cimu fi kkf dha. Warri qabiyyee barruulee kiyyaa kana bal’inaa fi gadifageenyaan hubachuu barbaadan tokke tokkee isaanii ilaaluun barbaachisaa natti fakkaata. Kana ilaalchisee gaafiis ta’ee yaadni biraa yoo jiraate ammoo akka naa barreessitan kabajaan isin gaafadha.

Egaa amma gara jalqaba barruu kiyyaatti deebi’uu dhaan maaliif gaafii mata duree kutaa kanaa akkan kaase tokko tokkoon ilaala. 

Barruulee kanaa olitti kaase ilaalchisee yaadni ykn gaafiin tokko Oromoo tokko irraa emailii dhaan na ga’ee ture. Obboleessi keenya kunis akkan maqaa isaa kaasu hin barbaadne. Maaliif akka ta’e natti hin himne. Gaafii’uma isaa akkan dhiyeessu na gaafate. Akkan barruu isaa irraa baradhetti nama bilisummaa Oromoof jedhee dirree waraanaa ture dha; kan seenan isa hin daganne dha. Waayee isaa jechuun waan dabrse fi keessa dabre gabaabumatti naa barreesse, bal’inaan naaf ibsuu hin barbaadne.

Haa ta’u malee qabiyyeen barruu (emailii) isaa baay’ee onnee koo na tuqe. Dhugaa dubbachuu dhaaf emailii isaa yoon dubbisu imimmaantu natti dhufe. Obboleessi keenya kun gaafii fi hawwii guddaa tokko qaba. Gaafiin isaas kan inni naa dhiyeessi naan jedhe akkuma inni naaf ergetti (barreessetti) akkana jedha: “Jaallummaan kaleessaa akkam taatee tu jaallan waliif diina taatee?” 

Yoo asitti ilaallu gaafii salphaa (simple) fakkaachuu danda’a. Akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatti garuu gaafii guddaa kan gaafiilee biroo of keessatti hammachuu danda’u dha. Kunis fakkeenyaaf Maaliif of duuba garagallee kan wajjin (waliin) dabrsine hin yaadanne? Maaliif dhibdeelee nu jidduutti har’a uumamaniif furmaata barbaaduu dhiifnnee wal irratti duulla? Maaliif waliigaltee uumnee hin tokkoomnne? fi kkf mul’isuu danda’a jechuu kooti. Egaa kan inn naaf gaafadhu jedhe kanuma. Hawwiin guddaan isaa ammoo tokkummaa Oromoo keessumaayuu tokkummaa qabsaa’otaa ti. Anis gaafii isaa kana qabsaa’ota Oromoof dhiyeessee jira. Isaan ammoo deebii kennuu qabu. Obboleessa keenyaaf garuu waaqni/rabbi bakka jirutti fayyaa, nagaa fi jabeenya haa kennuuf. 

Lammaffaan kan gaafii barruu kanaa na kaasise ammoo yaamicha WBO ZK ti.

Yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummaa WBOn ZK marsaalee Oromoo tokko tokko irratti baase dubbiseen ture. Yaamichi kun onnee Oromoo hundaatuu akka tuqu gara kiyyaan waan mamii qabu natti hin fakkaatu. Sirumaa Oromoon hunduu yaamicha kana dubbisuu qabun jedha.

Akkan qabiyyee barruu yaamichaa kana irraa hubadhetti ABO gareen ykn murni sadeen waliigaltee godhuu fi deebi’anii tokkoomuu dhaaf karaa dheeraan waan isaan hafu natti fakkaata. Kuni akka hubannoo kiyyaa ti. Yaamicha gootota keenyaa kana warrii jallisanii karaa biraatiin ilaaluu malani illee akka hin dhabamnne barruun WBOn dhiyeesse ni mul’isa. 

Kuni sababa diddaa nagaa, araaraa fi tokkummaa yoo ta’e malee kaayyoo fi qabiyyeen yaamichaa otuu isaaniif hin galin hafee natti hin fakkaatu. Kuni ammoo gaddisiisaa dha.

Gootonni keenya miseensonni WBO dheebonne, beelofnne, dadhabnne, rakkanne, nuu gamte, nu ga’e jedhanii otuu of hin ifatin, otuu abdii hin kutatin, otuu hamileen isaanii hin cabin, bilisummaa uummata keenyaa fi walabummaa biyya keenyaaf jedhanii gaara fi bosona Oromiyaa akkasumas biyyaa ollaa keessatti wareegamuuf qabsoo kana keessa kan jiran isaan hnqatee kana bira illee dabranii nagaa fi araara buusaa, tokkoomaa jedhanii qabsaa’ota kadhachuun isaanii baay’ee kan nama dinqu dha. 

Kan ta’uu ture ykn ta’uu qabu silaa qabsaa’ota tu gootota kana ilaalanii araaramuu, nagaa buusuu fi tokkoomuun isaan irra ture. Warri yaamicha WBO ZK kana jallisanii ilaaluu malanis warra jiruun isaanii fooyya’e warra rakkoo keessa hin jirre natti fakkaatu. Akkana jechuu kootiif dhiifama naa godhaa nama rakkoo argetu rakkoo nama biraa hubachuu danda’a jechuun barbaade.

Kan ta’e ta’ee ammas carraan yaamichaa kun waan hin cufaminiif waayee kana gadifageenyaan irra deedi’anii hubachuu fi yaamicha kanaaf owwaachuun dhugaa irra hin darbamne dha. Yoo kana otuu hin godhin hafan iittgaafatama seenaa jalaa ba’uu waan hin dandeenyeef booda gaabbuu ta’a. Dhugaan kun hubatamuu qaba.

Gootonni keenya miseensonni WBO ammoo seena boonsaa hojechaa waan jirtaniif jabaadhaa, abdii hin kutatinaa, hamileen keessan hin cabin, uummanni Oromoo isin abdata, isin eeggata, galiin keessan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ti. Kuni ammoo fagoo hin ta’u. Guyyaan gammachuu keenyaas gaaf tokko dhufuun isaa hin oolu. Ammasitti jabaadhaan jedha. Yaamicha gootanif illee baay’ee galatoomaa.

Akkuman kanaa olitti tuqee dabre hubannoon ani gaafiilee fi yaada namoonni raadiyoonii irratti kakaasani irraa argadhe akka yaada kootti baay’eeyaachisaa dha. Akkaataan isaan dubbatani fi gaafilee dhiyeessan uummanni Oromoo ammam akka of ifatan agarsiisa.

Hoggantoonni keenya yeroo baay’ee waa baay’ee dubbatu, garuu kan hojii irraa oolchan sanaan wal qixxee miti. Bakkee waa baay’een hojjetamuu qabutti waan xinnoo tu dalagama ykn hoomtuu hojii irra oolee hin argamu. Gochaan ykn hojjaan jijjiirama hin fidne ammoo galii hawwameen nama hin ga’u. Fakkeenyaaf namni waan tokko (bu’aa tokko) nama irraa eegee garuu waan sana otuu hin argatin yoo hafe, nama waan sana irraa eegu sanaaf kabaja dhaba, tuffii tu sammuu isaa kessatti uumamaa deema. Waayeen uummata fi hoggantoota Oromoos kanaan wal fakkaachuu danda’a. 

Kan uummanni keenya hoggantoota irraa dhaga’u deddeebi’ee sanuma yoo ta’e, kan dubbatame yoo hojii irra hin oolin (otuu hin oolin hafe), bu’aan tokko yoo hin argamin of ifachuu fi abdii kutachuuni illee kana wajjin walqabatee waan dhufuuf amantii fi abdiin namoonni hoggantoota irraa qaban hir’achaa ykn sirumaa badaa deema jechuu dha. Hoggantoonnis sababa kanaan deegarsa yoo dhaban ykn dhabaa deeman qabsoo kanas itti fufuu fi cimsuu dhaaf humni isaan hanqachuu danda’a. Qbsoon Bilisummaa Oromoos ni naafti. Diinni ammoo nurratti cimuu danda’a. Kanaafan waayeen kun yaachisaa dha jedhe.

Kan hoggantoota keenya irraa eegamu dhugaa dubbachuu fi waan dubbatan sana ammoo dafanii hojii irra oolchuu dha. Waayee tokkummaa irrattis tokkummaa lallabuu duwwaa otuu hin taane dafanii dhibdeelee isaan jidduu jiraniif furmaata argatanii, waliigaltee uumuu dha. Walumaa galatti sagaleen uummata kenyaa fi keessumaayuu yaamichi WBO ZK dhaga’amuu qaba.

Dhumarratti anis akka Oromoo (lammii Oromoo) tokkootti kanan jedhu: yoo fe’iin jiraate, yoo dhugaa tokkotti amanne, yoo kaayyoo fi galii tokkoof dhaabbanne (galiin hundaatuu bilisummaa uummata keenyaa fi walabummaa biyya keenyaa ti) wanti waliigaltee nama dhoowwu waan jiru natti hin fakkaatu. Addunyaa kana irra rakkoon ykn dhibdeen furmaata hin arganne hin jiru. Furmaata sana argachuun garuu qormaata guddaa dha. Qormaata kana otuu hin kufin dabruun barbaachisaa dha.

Fe’ii mataa keenyaa dura fe’ii uummata keenyaaf dursa haa kenninu. Dhugaan hunduu itti walii galuu fi amanuu qaban yeroon ammaa yeroo tokkommaa akka ta’e dha. Kuni ammoo dafee hojii dhaan mul’achuu qaba; kan jedhame, hawwame fi godhamuu qabu dafee hojii irra ooluu qaba jechuu kooti. Haasa’umaan yeroo fixuun haa ga’u. Galatoomaa.

Amma walitti deebinutti nagaan turaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

One comment

  1. Akamii armaan olitii ibsuum yaalamee Oslo kiyootaa fi labsiii bafanee ummanii oroo irraa naa barachuu nidaandaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *