Oduu Haaraya

Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo akkamitti ijaaramuu danda’a? – Kutaa afraffaa

[rev_slider boruu]

Abdii Boruutiin

Kutaa afraffaa – Qabsoo bilisummaa keessatti heddoominni jaarmayoota uummataaf bu’aa hin fidu

Akkuma beekamu fi amanamu biyyoota gara garaa keessatti dhaabileen siyaasaa adda addaa kan ijaaraman dhimma uummata isaanii karaa gara garaatiin galii dhaan ga’uufi. Kanaaf sagantaalee adda addaa baafatanii isaan kanas hojii irra oolchuuf waldorgommii godhu. Dhimmi uummataa kuni ammoo guddina diinagdee, jiruu gaarii, dagaagina sabaa fi kkf ta’uu danda’a. 

Waayeen akkanaa kuni kan mul’atu saba ykn uummata bilisummaa qabuu fi biyya walaba ta’e keessatti. Dhaabileen wal dorgomanis guddina fi dagaagina saba sanaatiif malee bilisummaa fi walabummaafii miti. Biyya walaba ta’e tokko keessatti dhaabileen heddoomuun akka yaadni fi sagantaan babal’atu; akka waldorgommii cimaan godhamu fi kan sagantaa gaarii fi amanamaa qabu akka injifatu waan taasisuuf dhaabileen gara garaa jiraachuun barbaachisaa dha.

Uummata bilisummaa hin qabne fi biyya walaba hin taane keessatti garuu gaafiin ka’uu qabu tokko qofaa waan ta’eef deebiin inni barbaadus tokko’uma. Gaafiin kunis gaafii bilisummaa uummataa fi walabummaa biyyaa yoo ta’u deebiin isaas kan dhabe sana argachuu dha. Kanaaf dhaaba ykn jaarmayaa bilisa baasaa tokko barbaada. Jaarmayaan kuni ammoo sagantaalee adda addaa qabaatu illee kaayyoo fi galii booddee tokkoof qabsaa’a.

Sababa adda addaatiinis haa ta’u ykn akka tasaa ta’ee jaarmayoonni bilisummaa fi walabummaa dhaaf dhaabbatan yoo heddooman gaafiin isaan dhaabbataniif akkasumas galiin booddee hundaatuu waan tokko ta’uuf garaa garummaan jidduu isaanii jiru hin mul’atu. Jaarmayaa keenyatu caala, nu wayya, nutu dafee galii booddee dhaan ga’a jedhanii waliin mormuu, wal dadhabsiisuu fi humna qaban gara gara hiruu malee uummata dhaabbataniif sanaaf bu’aan argamu hin jiraatu. Sirumaa akka waan wal saamuu waan ta’uuf qabsoo dadhabsiisa. Waayeen qabsoo bilisummaa Oromoos kanuma.

Uummanni Oromoo uummata bilisummaa hin qabne fi biyyi keenyas biyya walaba hin qabne akka ta’e dhugaa har’a dhalatee miti. Kan addunyaan illee beeku yoon jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu. Gaafiin uummata keenyaas gaafii tokko kan bilisummaa fi walabummaa biyya isaa ti. Jaarmayaan bilisa baasaa isaas tokko’uma ta’uu ykn tokkoomuu qaba. Jaarmayoonni amma har’aatti ijaaramanii jirani illee deebi’anii tokkoomuu qabu jechuu dha. Yoo kophaa kophaa deemna jedhani illee qabeenya fi humna wal saamuu fi wal dadhabsiisuu ta’a. Kuni ammoo dhugaa mul’achaa ykn argamaa ture fi jiru dha.

Akka ilaalcha kiyyaatti hundi isaaniitu galii booddee tokko akka barbaadanii fi mana booda waliin itti galuuf jedhan tokko ijaaruuf waan jiran natti fakkaata. Akkuma Oromoon jedhu “Namnni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu” waan ta’eef mana kana walumaan ijaaranii xumuruu qabu malee kopha kophaa ijaaranii fixuun rakkisaa dha. Kanaaf tokkummaan barbaachisaa ta’a.

Yoo gadifageenyaan itti yaadamu, kan namaa hin galle jaarmayoonni Oromoo kan gara garatti ijaaraman kun dhuguma gaafii uummata Oromoof deebii argachuufii laata? Dhiifama naaf godhaa, kaayyoo qabsaa’onni dhugaa dhaabbatani fi itti wareegamani illee gaafii keessa galchuu barbaadeeti miti. 

Erga gaafiin uummata Oromoo tokko ta’e, erga deebiin isaa illee tokko’uma ta’uu qabu (kuni ammoo bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaa ti) gaafii kanaaf deebii argachuuf rakkoolee jiraniif furmaata waliin barbaaduu dha malee kophaa kophaa karaa gara garaa deemuun hiikni isaa maali? Bu’aa eenyuutiif jedhamee ti? Ani akka natti mul’atutti uummata Oromoof otuu hin taane diinaaf bu’aa fidaa jira. Rakkoon saba keenyaa fi dhugaan argamaa jiru nutti hin mul’atuu? Otuu arginuu, otuu dhageenyuu maaliif hubachuu dadhabnna? Akka makmaaksa Oromoo: “Ijji hin argiti malee hin hubattu” jedhuu tii? Sammuun keenya fudhachuu malee hin hubatuu? 

Yoo rakkooleen saba keenyaa nutti hin mul’anne, sagaleen uummata keenyaa hin dhaga’amne, gaafii uummata keenyaaf deebii hin argannee, maaliif uummata Oromoof dhaabbanna jenna? Maaliif of sobnnee uummata kenyas dhugaa jiru dhoksina? Maaliif oduu duwwaa dhaan yeroo fi umrii fixna? Maaliif uummata keenya afaanfaajjessina? Maaliif maqaa qabsoo bilisummaatiin daldalamuun yaalama? Gaafileen ka’uu danda’an baay’ee dha garuu ammaaf asuma irrattan dhaaba.

Ani yeroo tokko tokko akkan yaadutti gara gara hiramuu fi jaarmayoota heddoomsuun kun fe’ii ofiitiif malee durumaanuu dhuguma uummata Oromoof jedhamee natti hin fakkaatu. Otuu uummata keenyaaf ta’ee, kan duraan ta’es ta’ee, kan dabres dabree har’a illee haalduree tokko malee walitti deebi’anii tokkoomuu tu isaani irra ture. Haaldureen illee yoo jiraate kun fe’ii fi dhimmaa ofiitiif yoo ta’e malee tokkoomanii qabsoo kana finiinsuun, gaafii uummataaf deebii argachuun haalduree waan qabu fi barbaachisu natti hin fakkaatu. Har’as akkuma kaleessaa daandii’uma sana irra deemuu wayya kan jedhan yoo ta’e, daandiin sun eessanuu akka nu hin ga’in fi gara fuulduraas eessanuu nu ga’uu akka hin dandeenye jaalannus jibbinus dhugaa kanatti amanuu qabna.

Gaafiin uummata Oromoo inni guddaan bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaa ti. Haa ta’u malee gaafii guddaa sanaa asittuu gaafiileen biroo kan hatattamaan deebii argachuu qaban baay’ee tu jiru. Namnni tokko yoo lubbuun isaa jiraatte bilisummaa hawwa. Biyya walaba taate illee argachuu kan barbaadu yoo biyyi sun jiraatte dha. 

Har’a uummanni Oromoo yoomiyyuu caalaa mana hidhaa keessatti dararamaa, du’aa, ajjeefamee karaa irratti gatamee bineensaan nyaatamaa jira. Erga lubbuun isaa dabartee bilisummaan inni barbaade yoomiif? Lagoonni fi harooleen keenya summii waarshaalee keessaa ba’uun badaa jiru, lafti uummata keenyaa gurguramee dhumaa jira. Namoonni keenya illee akka gabra duriitti wajjin bitamaa fi gurguramaa jira. Gabaabumatti biyya keenya dhabaa jirra. Erga biyyi keenya gurguramtee fi summii dhaan akkanatti badaa deemtee walabummaa ishiitiif lallabuu duwwaan maal godha? Badiin dhuma hin qabne kan godhamaa jiru maaliif nutti hin mul’anne? 

Yoo har’a tokkoomnnee, humnna horannee, harka walqabannee, irree tokkoon diina keenya ofirraa  hin kaafnne badiin dhuma hin qabne akka itti fufaa deemu mamiin hin jiru. Oromiyaan – biyyi jaalatamtuun teenya – gabrummaa diinaa jala haa turtu malee qabeenyi fi bareedummaan ishii otuu hin hir’atin as geesse. Har’a garuu diinni duula godhaa kan jiru uummata keenya irratti qofaa otuu hin taane biyya keenya irrattis waan ta’eef bareedummaa ishii kana balleessaa jira.

Lagoonni fi haroolee keenya summii dhaan jijjiiramaa jiru. Bosonni keenya badaa jira. Lafti gaariin biyyee gaariin bifa jijjiirrachaa jiru. Kuni kan agarsiisu ammoo diinni yoomiyyuu caalaa uummata keenya hidhuu fi ajjeesuu bira dabree biyya keenya irratti illee duula balleessaa akkanaa godhaa akka jiru dha.

Karaa biraatiin ammoo Oromoo – uummanni sooressi – isarraa hafee kan alagaa dhaaf illee laachaa ture, kan beela argee hin beeknne har’a kunoo biyya isaa dureettii keessatti beelaan akka baala mukaa harca’aa jira. Oromiyaan illee biyya beela hin beekne sana tu har’a maqaa xureessaa kanaan yaamamaa jira. Rakkooleen keenya kan lakkaawwamanii dhumanii miti. Egaa kuni hunduu nu jalaa dhokatee? Otuu hin beekin hafnnee? Nuuf hin galle moo akka nuuf galu hin barbaadne? Oromoo, dhugaan ifatti bayee jiru– badii guddaan nurra gayaa jiraa maaliif cal jettanii teessu? Furmaanni kanaa maali? 

Ammaaf kanan jedhu furmaanni tokkummaa ilmaan Oromoo ti. Tokkummaa qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo ti. Hunda caalaa ammoo walitti deebi’anii tokkoomuu ABO ti. Kana jalatti walitt deebisanii tokkoomsuu WBO fi ciminsa isaa ti. Rakkoo uummata Oromoof furmaanni jiru waraana cimaaqofaa dha. Karaan biraa natti hin mul’atu. 

Qabsaa’onni fi jaaramayoonni Oromoo ammoo kan walaba taatanii qabsoo kana keessa jirtan rakkoo uummataa fi biyya keenyaa kana hubachuu dhaan akkasuma illee dhugaa jirutti amanuu dhaan fe’ii fi dhimmaa keessan dhiisaati dhimma uummata keenyaaf dursa kennaa. Haalduree malee waliigaltee godhaatii tokkummaa dhugaa ijaaraa. Nutu jaarmayaa dhugaa ti, nutu dhugaa dubbata, nutu dhugaa qaba, karaa keenyatu gaarii dha, tooftaa fi tarsiimoo keenya wayya jettanii ammas, kan boodas akkuma duritti itti fufuun uummata keenyaaf bu’aa tokko illee hin fidu. Waliigaltee fi tokkummaa dhabuu keessan irraa bu’aa kan argate fi argatu yoo jiraate diina keenya qofaa dha. Yoomiyyuu caalaa uummanni keenya kan dararamu fi ajjeeffamu; biyya keenya irratti illee badiin godhamaa kan jiru diinni waliigalee fi tokkummaa dhabuu keessan argee ti. Oromoon yoo makmaaku “ofiifuu duuti maaliif of huuti”” jedhe. Akka alagaan akkana nuun hin jenne; akka duula diinaa dura duula keenyaan wal hin balleessine; akka dhukkubnni keenya hin cimne dafnee qoricha haa barbaadnu. Qorichi dhukkuba kanaa ammoo waliigaltee fi tokkummaa, tokkummaa, ammas tokkummaa dha. Galatoomaa.           

Amma walitti deebinutt nagaan turaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *