Oduu Haaraya

Tooftaa wal dorgommii filannoo ti moo waan dhugaa hojiirra oolu?

 

 

Abdii Boruutiin
Barruu gabaabaa kana akkan dhiyeessu kan na godhe, filannoo impaayara Itoophiyaa keessatti ta’uuf deemu ilaalchisee barruu tokko dubbisuu kooti. Barruun dhiyoo kana ba’e kun jaarmayoonni mormitootaa kan MEDREK jedhaman yoo filannoo kana injifatan Afaan Oromoo Afaan hojii kann lammataa akka godhan (akka ta’u)  labsan jedha. Kuni tooftaa filannoo ittiin mormanii fi ittiin injifachuu danda’an ta’ee fi dhuguma sagantaa hojii dhaan mul’achuu danda’u ta’uu isaa mee yoo isaan filannoo injifatan booda agarra. Filanoo’umtuu kan deemookraasii ta’ee injifannoon yoo argamuu danda’e jechuu kooti.

Filannoo dabre kan bara 2005 yoo yaadanne mormitoonni guddoon yeroo sanaa warra tokkummaa immiyyee Itoophiyaa isaanii keessumaayuu sirna federaalaa diiganii biyya takka akkuma dur, Afaan olaanaa takkaan (Afaan Amaaraatiin) bultu uumuu ykn deebisanii ijaaruu warra hawwan turan. Filannoo baranaa kan adda godhuu danda’u mormitoonni guddoon, waraqata irrattis ta’u, warra deemookraasii haqaatti ni amanna, federaala dhugaa ni ijaarra, gaafiin uummatootaa deebii argachuu qaba, kanaafi illee ni dhaabbanna warra jedhanii dha. Karaa biraatiin yoo ilaalle ammoo jaarmayoonni siyaasaa Oromoo OFC (tokkummaa OPC fi OFDMmormitoota guddoo kana keessa jiraachuu isaanii ti. Labsi baye jedhame kun xinnaatu illee dhiibbaa jaarmayoonni Oromoo lamaan kun godhuu danda’aniin kan ka’e jedheen yaada.

Wanti guddaan kan hubatamuu danda’u fi dhugaan ifatti mul’atee jiru, qabsoon bilisummaa Oromoo (QBO) hamma galii booddee ga’utti dhaabbachuu akka hin dandeenye dha. Waayeen kuni alagaa fi diinaafi illee ifa ta’ee jira. Abbaan fe’e fi humnni cimaan fe’e yeroo dhaaf tursiisuu yaalu malee QBO galii booddee irraa hanbisuu hin danda’u.

Yaaliin OFCn godhe fi godhaa jiru kan akka laayyootti ilaalamuu miti. Haala ulfaataa kana keessatti, qawwee diinaa jalatti wareegama guddaa kaffalanii sadarkaa kana irra jiraachuun isaanii jabeenya fi obsa guddaa dha. Dhugaa dubbachuu dhaaf jaarmayoota bilisa baasaa Oromoo kan biyya alaa jiran caalaa tattaaffii guddaa godhaa jiru. Wanti biraa illee yoo hafe yeroo ammaa yeroo rakkisaa kana keessatti tumsa walii ta’uu dhaaf tokkummaa ijaaruun isaanii (OPC fi OFDM jechuu kooti) jaarmayoota Oromoo kan biyya alaa jiraniif illee fakkeenya ta’uu danda’u jedheen amana. Tokkummaan bakka fe’ettuu barbaachisaa dha. Har’a waliigaltee uumuunu injifannoo tokko dha. 

Otuu jaarmayoonni Oromoo kan biyya alaa jiran hamma kana waliigaltee uumanii, tokkummaa ijaarani, qaata qabsoo kana keessatti tarkaanfii guddaa tokko fuulduratti deemnee turre. Otuu yeroo OFCn Oromiyaa keessatti yaalii akkanaa godhu warri ala jiran ammoo waliigaltee godhanii, tokkummaa dhugaa ijaaranii, humna cimaa horatanii, qabsoo kana finiinsanii, diinarratti dhiibbaa guddaa waan uumaniif qaata jijjiiramni guddaan tokko argamee ture. Keessaa fi alaan qabsoon waan irratti cimuu danda’uuf qaata humni diina keenyaa laafee ture jechuu kooti. 

Barruu kiyya kanan yero tokko mata duree Walittibaqinsa, Tokkummaa, Tumsa – W T T (Waa Taa Taa) jedhu jalatti dhiyeesse keessatti waayee tumsa jaarmayoota Oromoo kaaseen ture. Akka filannoo (option) tokkootti kanan dhiyeesse, tumsa jaarmayoota bilisa baasaa Oromoo kan biyya alaa jirani fi OFC dha. Akkuman kanaa olitti ibse, otuu dura warri biyya alaa jiran tokkoomanii sana booda ammoo warra biyya keessa (Oromiyaa keessa) jiran wajjin (waliin) tumsa ijaaranii, kuni bu’aa guddaa fiduu danda’a jedheen amana. Tumsa biraa otuu hin barbaadin dura mooraa QBO keessatti tumsa humnoota Oromoo ijaaruun barbaachisaa dha. Karaa gaariin kan QBO cimsuu danda’u kana jedheen yaada.

Egaa tooftaa filannoo yookaanis dhugaa hojii dhaan mul’achuu danda’u haa ta’u, yoo dhuguma deemookraasii haqaa fi federaala dhugaa ijaaruu barbaadan kan ta’uu qabu Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa godhuu dha. Kanaaf humnoonni deemookraasii xinnaatu illee uummata Oromoof kan godhuu qabanii dha. Haala amma jiru ulfaataa fi rakkisaa kana keessatti, OFCn ammoo wanti godhuu danda’u yoo baay’ate injifannoo kana agarsiisuu dha.

Waayee kana yoon barreessu yaada fi fakkeenya Fayyis Oromiyaa barruulee isaaa keessatti yeroo baay’ee kaase tokkon yaadadha. Fakkeenyi inni kaases karaa fi kaayyoo QBO ilaalchisee deemsa Dijiboutiitti jalqabee, Dirre Daawaa fi Adaamaa keessa dabreee Finifinneetti xumuramuu ti. Kan kanumaan wal qabate kaayyoo QBO karaa saditti baasee ibsee ture. Kaayyoon inni Afaan Ingiliziitiin I-kaayyoo kan amma dafee nu barbaachisu ykn kan yeroo gabaabaa,M-kaayyoo kan yeroo jiddugaleessaa fi E-kaayyoo kan yeroo dheeraa ykn kan dhumaa jedhee ibse dha. Kan inni achitti ibse gadifageenyaan asitti ibsuu ykn dhiyeessuu hin barbaadu. 

Akka natti fakkaatutti humnoonni deemookraasii kan MEDREK jedhaman, kan OFC of keessa qabu, dhuguma uummata Oromoof xinnaatu illee bu’aa tokko kan fidu yoo ta’e gara kaayyoo yeroo gabaabaa (I-kaayyoo) sanatti nu geessuu danda’a jedheen yaada. Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa godhuun tarkaanfii guddaa tokko dha. Kana irratti bu’ureeffamee kaayyoon QBO kan galii booddee karuma kanaan sadarkaa sadarkaa dhaan itti fufa jechuu dha. Qabsoon kun daandii gaarii qabee hamma dhumaatti (hamma Oromoon bilisa ba’uu fi Oromiyaan walaba taatutti) akka itti fufu har’uma hundee gaarii ijaaruu barbaachisa. Kanaaf ammoo OFC wajjin tumsa godhuun, isaan duuba dhaabbatanii jajjabeessuun, duubaan qabsoo cimsuun, tokkummaa dhugaa ijaaranii humna cimaa horachuun filannoo gaarii fi murteessaa dha jedheen amana.

Akkuman kanaan dura illee barruu kiyya keessatti ibse, ani barumsa, ogummaa fi muuxannoo siyaasaa hin qabu. Miseensa jaarmayaa kamiituu waanan hin taaneef jaarmayaa tokko deeggaree kan biraa hin balaaleffadhu. Kanan barreessus yaada’uma fi ilaalcha kiyya dha. QBO fi uummata Oromoof gaarii dha jedhee waanan itti amanun barreessa. Kanaaf jaarmayaa ykn dhaaba fe’e haa ta’u kan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf dhaabbatu ykn qabsaa’u nan deeggara. Dogoggora hojjetan jedhee yoon itti amanes nan qeeqa. Kuni ammoo mirga abbaa fe’ee ti jedheen amana.

Kaayoon isaanii kan yeroo gabaabaa (I-kaayyoo Fayyis) ta’u illee tattaffiin OFCn haala ulfaataa fi rakkisaa kana keessatti godhan kan jajamuu fi deeggarsa argachuu qabu dha.  Dhugaa dubbachuu dhaaf yeroo jaarmayoonni Oromoo kan biyya alaa jiran waliigaltee uumuu dadhabanii, gara gara faca’anii, humna walii dadhabsiisanii argamanitti, haala ulfaataa fi rakkisaa keessatti akkasumas qawwee diinaa jalatti tokkummaa uumanii hamma danda’ame mirga uummata Oromoof tattaaffii godhuun isaanii jabaadhaa kan jechisiisu dha. 

Tokkummaan OPC fi OFDM ijaaran OFCn qabsaa’ta fi jaarmayoota Oromoo kan biyya alaa jiraniif fakkeenya ta’uu qaba. Yoo kaayyoo fi karaa tokkotti amanan, yoo galii booddee waliin qabaatan wanti waliigaltee fi tokkummaa akka hin ijaarre nama godhu waan jiru natti hin fakkaatu. Fe’ii, dhimma fi bu’aa mataa ofii dura kan uummata Oromoof dursa kan kenninu yoo ta’e tokkummaan dhugaa ofiif dhufuu danda’a. Kanatti amanuu qofaa barbaachisa. Yeroon ammaa yeroo tokkummaa dhugaa barbaadanii dha. Tokkummaa dhaan malee diina injifachuun hin danda’amu. 

Ani ammas kanan jedhu fi carraa kanaa irra deebi’ee dhaamsa kiyya Oromoo hundaafuu dabarsuu barbaadu, tarkaanfii takka illee haa taatu waan QBO kana keessatti gara fuulduratti nu oofu fi waan bu’aa tokko fiduu danda’u irraa of hin qusatinaa. Waliigaltee uumaa, kaayyoo waliin qabdani fi galii booddee waliin geessan ilaalaa, karaa humni itti cimu barbaadaa. Karaan kun ammaaf ykn hunda dura tokkummaa dhugaa ijaaruu qofaa dha. Sana booda humna cimaa horachuu dandeenya. Yoo humna cimaa qabaanne ammoo galii booddee irraa kan nu hanbisu dhiisii kan nu tursiisu illee hin jiru. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo ta’a.

Dhumarratti, ilmaan Oromoo kan mirga uummata keenyaaf jettanii miidhaa guddaan isinirra ga’aa jiru, kan wareegama kana kaffaluu dhaaf qawwee diinaa jalatti tattaaffii godhaa jirtan injifannoon keessani fi kan uummata keenyaas waan hin hafneef jabaadhaan isinii jedha. Galatoomaa. Hamma walitti deebinutti nagaan turaa.

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …