Oduu Haaraya

Yeroon tokkummaa dhugaa barbaadan yoomiyyuu caalaa amma

 

 

Abdii Boruutiin
Bara gabrummaa jalatti kufee kaasee uummanni Oromoo qabsoo bilisummaa hadhaawaa otuu hin godhin dabree hin beeku. Ba’aa bu’ii hamma kana hin jedhamne keessa dabree, wareegama guddaa kaffalee, sadarkaa har’a irra jiru kana akka ga’e seenaa tu ragaa ta’a.

Haalli amma Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessumaayuu mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti uumame kun yeroo hundaa caalaa abdii kutachiisaa fakkaatu illee, hamilee uummata keenyaa cabsee qabsoo bilisummaa fi walabummaa irraa takka illee hanqisuu ykn hanbisuu hin danda’u. Qabsoon akka ibiddaa boba’aa jiru kun kan dhaamu yoo Oromoon bilisa ba’e fi Oromiyaan walaba taate qofaa dha malee diinas ta’ee gantuuleen diina jala kaatan dhaamsuu hin danda’an.

Haa ta’u malee gaafii guddaan ka’uu qabu: Yoomiyyuu caalaa qabsoo kana akkamitti finiinsuu ykn cimsuu dandeenya? kan jedhu dha. Gaafii kana ammoo qabsaa’ota qofaa otuu hin taane Oromoon hunduu kaasuu qabu; ofi illee gaafachuu qabu. Har’a Oromoon hunduu kan bilisummaa ofii fi walabummaa biyya ofii (Oromiyaa) barbaadan ykn hawwan bakka jiranitti qabsaa’ota ta’uu qabu. Taa’anii kan biraatti quba agarsiisuu yookaanis kan biraa irraa waa eeguu otuu hin taane hamma danda’an, waan danda’an, karaa danda’aniin gayee ofii gumaachuun barbaachisaa dha. Yoo akkanatti tumsa walii ta’anii, wal gargaaranii, humna cimaa horatanii qabsoo kana waliin finiinsan qofaa dha kan bilisummaa fi walabummaan dhiyaachuu danda’an. Yoo kuni hin ta’in wanti hunduu achi nurraa fagaachaa deemu jechuu dha. Diinnis hammuma kana umrii bittaa dheereffata.

Akkuman kanaan dura illee barruulee kiyya garagaraa keessatti yeroo baay’ee kakaasee ture, furmaanni ykn malli guddaan kan QBO cimsu tokkummaa dhugaa cimaa dha. Tokkumman dhugaa kuni ammoo tokkummaa qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo ta’u illee kan kanuma qofaan hafu otuu hin taane tokkummaan ilmaan Oromoo hundaatuu murteessaa dha. Kuni sirumaa hunda dura ta’uu qaba jedheen amana. Maaliif yoo jenne, yoo Oromoon hunduu tokkoome fi Oromummaan guddate fi dagaage qabsaa’ota fi jaarmayoota bilisa baasaa keenya irratti illee dhiibbaan godhamuu danda’a jechuu dha. Dhiibbaa qofaa otuu hin taane deeggarsi cimaan illee kan godhamuuf yoo Oromoon hunduu waliigalanii fi tokkoomanii dha. Kanaaf tokkummaan dhugaa hundeen isaa ilmaan Oromoo hunda irraa jalqabuu qaba. Yoo kuni cime tokkummaan dhugaa kan qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayootaa cimaan tokko ijaaramuu danda’a.

Tokkummaan ilmaan Oromoo kan guddatu fi cimu yoo Oromummaan cime dha. Oromummaan ammoo guddachuu fi dagaaguu kan danda’u yoo akka Oromootti eenyummaa keenyaaf dursa kennine dha. Oromoon bakkee fe’etti haa dhalatee guddatu, bakkee fe’ee haa dhufu, bakkee fe’e haa jiraatu, amantii ofii kan fe’e haa qabaatu garuu isaan kanaaf dursa kennee, eenyummaa (Oromummaa) ofii achi aansee ykn dagatee wal qoqqooduun akka uumamu godhun irraa hin eegamu jechuu dha.

Amantii fi ilaalchi siyaasaa kan dhuunfaa ti, Oromummaan garuu kan walii ti. Kan waaqni/rabbi dhalootaan nuuf kenne dha. Eenyummaa uumamaan argannee dha. Kanaaf kuni hunda dura dhufuu qaba. Mee fakkeenya tokkon kaasa. Daa’imni takka yoo dhalattu amantii wajjin hin dhalattu. Bakka itti dhalatte illee kan gaafattu fi beekuu barbaaddu yoo guddattee of barte booda dha. Hunda dura kan ishiin addaan baaftee hubattu haadha fi abbaa ofii ti. Eenyummaa ofii beekuu jechuu dha. Nuyis ilmaan Oromoo hunduu akkanumatti ilaaluu fi ilaalamuu qabna. Oromommaa keenya tu hunda dura dhufa.

Yoo waayee qabsoo bilisummaa fi walabummaas kaafnnu, kuni kaayyoo fi galii hunda keenyaa ti. Gabrummaa jalaa ba’anii bilisummaa ofii argatanii biyya ofii kan walaba taate keessa gammachuu dhaan waliin (wajjin) jiraachuun hawwii Oromoo hundaa ti jedheen amana. Diinni keenya illee kan nu gabroonfatu fi yoo kanaan morminu nu balleessuu kan barbaadu akka Oromootti malee akka naannoo fi kutaa keessaa dhufnee fi keessa jirruutti yookaanis akka amantii qabnuutti miti. Ija diinaatiin Oromoon tokkuma. Haa ta’u malee naannoo, kutaa fi amantii dhaan akka wal qoqqoodnu kan godhu, gara gara nu hiruu kan yaalu, nu dadhabsiisu fi kophaa kophaatti nu balleessuuf tooftaa bittaa godhata malee diinni isaa Oromoon isaaf tokkuma.

Egaa Oromummaan eenyummaa keenya akka ta’e otuu beeknuu, ilmaan abbaa fi haadha tokkoo taanee ija alagaa fi diinaa duratti wal qoqqoodnee diinaaf ammoo meshaa bittaa ta’uun hiika hin qabu. Diinnuu akkaataa fi haala keenya kana hubateeti akka ofiif barbaade nu godhaa jira. Biyya keenya irratti illee abbaa biyyaa ta’ee akka barbaade fi waan barbaade kan godhu haala keenya hubatee, dadhabbii keenya argee, nu tuffatee, eenyu tu maal na godhuu danda’a jedhee ti. Dhugaa dubbachuu dhaaf numatu akka diinni nurratti cimu godhe ykn godhaa jirra.

Kuni ammoo maaliif ta’uu danda’e? Akka ilaalcha kiyyaa fi natti fakkaatutti kuni ta’uu kan danda’e: eenyummaa (Oromommaa) dagannee waayee gara garaatiin wal qoqqooduu; kan kanaan ka’e waliigaltee dhabuu; kaayyoo fi galii booddee tokko otuu qabnuu (otuu hawwii tokko waliin qabnuu) kana ammoo bakkaan ga’uuf harka walqabannee qabsoo waliin cimsuu dhiifnnee fe’ii fi dhimma keenyaaf dursa kennuu dha. Dadhabbii guddaan kana jedheen amana.

Har’a illee mooraa QBO keessumaayuu mooraa ABO keessatti mul’achaa kan jiru sababni isaa akkuman asitti kaase kana jedheen yaada.  Namoonni tokko tokko dhuguma qabsoo bilisummaa Oromoof jedhanii otuu hin taane fe’ii, dhimma fi bu’aa mataa ofiitiif jedhanii yeroo dheeraa qabsoo kana keessatti of dhoksanii akka turan kunoo dhugaan dhokattee eessayuu waan hin geenyeef iccitiin jirus ifatti ba’aa jira.

Ani akka natti fakkaatutti waayeen akkanaa kuni jalqaba malee dhuma akka hin taane dha. Kan qabsoo kan gananii diinatti harka kennatan silaa beekamnii jiru. Amma illee yaada akkanaa kan qabani fi gochaa akkanaa dalaguu kan danda’an hin dhabaman jedheen yaada. Iccitiin biraas yoo jiraate ifatti ba’uun isaa hin oolu jechuu kooti. Yeroo ammaa waanuma hundatu shakkisiisaa fi mamsiisaa dha. Obboleessa fi obboleettii ofiituu amanuun rakkisaa ta’ee jira. Qabsoon bilisummaa uummata tokkoo ammoo baay’ee baay’ee ulfaataa dha. Wal amantiin yoo hin jiraanne kaayyoo tokko galii dhaan ga’uun rakkisaa fi ulfaataa dha.

Kaayyoo fi qabiyyeen barruu kiyyaa kan har’aa yeroon ammaa yoomiyyuu caalaa tokkummaa dhugaa waan nu barbaachisuuf kuni ammoo hamma danda’ametti dafee akka ta’u dhaamsa kiyya Oromoo hundaafuu keessumaayuu qabsaa’ota dhugaa fi jaarmayoota Oromoo kan bilisummaa fi walabummaa dhaaf qabsaa’an hundaafuu dabarsuu dha.

Kan dabre irraa barannee, dadhabbii keenya hubannee, maaliif galii hawwine otuu hin ga’in akka turre of duuba gara gallee ilaaluu dhaan xinxxaallee, garaa garummaa nu jidduu jiru dhiphifnnee kanaaf illee dafnnee furmaata fi mala waliin barbaadnee, waliigaltee goonee, qabsoo kana haaroomsuu fi bifa biraatiin (aayinaa biraatiin) cimsuu dhaaf tokkummaa dhugaa ijaaruu fi humna cimaa horachuu dha.

Tokkummaan akkanaa kun yoo dafee ijaarame gantuulee ija isaanii balleessee akka isaan hin argine; gurra duuchee akka hin dhageenye; afaan cufee akka hin dubbanne waan godhuuf akka gochaa isaaniitti qaana’an godha jechuu dha. Hamileen qabsaa’ota dhugaa fi uummata keenyaas akka guddatu taasisa. QBO yoomiyyuu caalaa akka finiinu godha. Diina fi gantuulee isa jala kaatan haxaawaa deemee daandii qabsoo bilisummaa fi walabummaa gabaabsa, galii booddee as dhiyeessa. Fira Oromoo gammachiisee diina fi gantuu qaanessa. Yeroo gabaabaa keessatti injifannoo guddaa agrsiisa.

Egaa kuni akkanumatti hawwii’umaan kan ta’uu miti. Kan laayyootti godhamuu miti. Wareegama barbaachisa. Kuni qormaata guddaa dha. Yeroon qormaata kana dabruu qaban amma. Kanaaf walumaagalatti qabsaa’otas ta’ee jaarmayoonni Oromoo kan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf qabsaa’an hunduu garaa garummaa isaan jidduu jiru dhiisanii kaayyoo fi galii booddee tokkotti amanuu dhaan, isa kana ammoo waliin bakkaan ga’uu dhaaf waliigaltee uumuu qabu. Waliin haasa’uu fi mari’achuu qabu. Furmaata fi mala waliin barbaaduu qabu. Akkuma dhalootaan tokko ta’an kaayoo dhaanis tokko ta’uu qabu. Tokkummaa dhugaa cimaa uumanii kana jalatti waraan cimaa ijaaruu qabu. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) tokkoomsuu fi cimsuu qabu. Hamileen WBO yoomiyuu caalaa akka guddatu fi diinarratti akka leencaa akka baroodu godhuu qabu. Hamileen uummata keenyaa fi qabsaa’otaa kan gochaa gantuutiin tuqame deebi’ee jabaachuu qaba. Qabsaa’onni dhugaa tokkoomanii harka walqabatanii uummata Oromoo kan qawwee diinaa jala jiruuf sagalee tokko dabarsuu qabu. Isiniif dhufaa jirra, isin dhaqqabuuf jedhanii deebisanii abdii horachiisuu qabu. Abdii horachiisuu qofaa otuu hin taane dafanii injifannoo tokko agarsiisuu fi bu’aa tokko fiduu qabu. Oromoon hunduu qabsoo kana duuba akka hiriiran godhuu fi humna cimaa horachuu qabu. Kuni hunduu ta’uu kan danda’u yoo tokkummaan dhugaa ijaarame qofaa dha. Yeroon tokkummaa akkanaa barbaadnu ammoo yoomiyyuu caalaa amma. Injifannoon uummata Oromoof akka ta’u mamiin takka illee hin jirtu. Jabaadhaa. Galatoomaa. Hamma walitti deebinutti nagaan turaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *