Oduu Haaraya

TOOFTAAFI TARKAANFII YEROO AMMAA ILMAAN OROMOOTIIN FUDHATAMUU QABAN MURAASA:

 

(Yaada kana ni deeggartu taanaan ‘Share’ godhuun dabarsaa)

Barreessaan: Saphaloo Kadiir

Akkuma beekkamu tooftaafi mala wal fakkaataa fayyadamuun gamtummaa cimsuun humna haqaaramteen ka’uu dabalatee warraaqsoota qabsoo finiinsuuf amna galma gahiinsaa saffisa. Yeroo ammaa tooftaaleen nu fayyadan jedhee yaade qindeessee akka armaan gadii kanatti tarreesseen jira. Yaanni armaan gaditti kaa’ame kun ilaalcha dhunfaa kootii malee akeeka dhaaba siyaasa tokkoo bakka hin bu’u. Isiniis dubbisuun waan irratti dabalamuu qaba jettanii yaaddan irratti dabaluun fooyyeessaa akka qabsoon hin buburrooyne taasisuu dandeessan.

1) Akkuma walitti dhihaataniin wal ijaaruun haala warraaqsa qabsoo oromoo finiinaa jiru kana daran ittiin wajiijan mijjeeffachuu. Hiriyoonni akkumma saahibummaa jabduu qabaniin nama 5 – 10 itti wal ijaaruun qabsoof qophaa’oo tahuu madditti tooftaa addaa odeeffannoo iccitaawaafi waaltawaa tahe osoo hin qisaasamneefi hin qammanne ittiin walii dabarsuu danda’aniif haala mijjeessa. Haala kanaan wal ijaaruun gamtummaa cimaa uumuun wal quba qabeenyaas bal’isuun odeeffannoo waliif raabsuuf gargaara. Saffisni odeeffannoo kun ammoo wal fakkaatiinsa ilaalchaa gabbisuun yaadoota buburree humna keenya bubuusu xiqqeessuun funyoo wal quba qabeenya jabeessa.

2) Guyyaa tokkottifi yeroo wal fakkaatatti guutuu Oromiyaa keessatti hiriira xumura gabrummaa godhuu. Barattoonni mana baruumsaa, dargaggoonni hojii garagaraa irra jiraniifi sabboontoonni lafa oromiyaafi lafee oromootiif dhimmaman marti akkaataa walitti dhihaataniifi akeeka tokko qabaniin guyyaa tokko yeroo wal fakkaataa keessatti fincilli guutuu biyyaa moggaa hanga moggaatti akka finiinu godhuun tooftaa ittiin mootummaa raafamaa jiru kana hiddaan fonqolchuuf daandii salphisa. Kana malees nuti ilmaan oromoo shira isaanii balfinee jiraachuufi gamtummaa keenyaas itti garsiifnuu dha. Kana godhuuf ammoo dhaamsa walii dabarsuun akka danda’amuuf ijaarsi dirqama. Namuu bakkuma jirutti humna cimsachuun qabsoof if qopheessuufi wal kakaasuun barbaachisaa dha. Dhaamsi wal fakkaataan hawaasa guutuu bira akka gahu dargaggoonni marti irratti hojjachuu qaban. Keessattuu hawaasa keenya bal’aa sadarkaa baadiyyaa jiran akka isaan si’a’inaan shira mootummaa kanaa hubatanii ka’an taasisuun gaariidha.

3) Oromiyaa keessatti haaluma wal fakkaatuun qonnaan bultoonni akka galii gibira lafa baadiyyaa fi kiraa lafaa qonnaa, kafaltii xaa’oo, qorichaafi sanyii filatamaa ammaan dura mootummaan shiraa kun dhibbeentaa guddaan irratti wal dhalchiisaa ture kafaluu diduu, baasii sababoota garagaraa jalatti dahachuun mootummaan kun ummatarraa guuru gumaachuu diduu, daldaltoonni qaraxa, ashuuraafi gibira hojii daldalaa kafaluu diduufi haaluma kamiinuu qaawa mootummaan kun galii ummatarraa ittiin argatu akka fashalaa’u taasisuu dha. Akkuma beekkamu mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo fixaa jiru kun humni inni ifiin ijaaraa jiru hangafni galii ilmaan oromoofi oromiyaa irraa argatuun akka tahe beekkamaadha. Kanaaf, ummanni oromoo waliigalteen kan baadiyaas tahee kan magaalaa galii adda addaa kan mootummaa wayyaaneetiif galchu diduun irree inni dhaadatuun tana humna jilbaa dhawamuu qaba.

4) Yeroo ammaa ilmaan oromoo gurgurtaa oomishoota isaanii gabaa baasanii gurgurachuu irraa lagachuun barbaachisaa dha. Oromoon oomisha isaa gabaa baasee gurgurachuufi oomisha alagaa irraa bitachuu diduun (lagachuun) faaydaa guddaa qaba. Akkuma beekkamu alagoonni oromiyaa keessa hanga Finfinnee jiraatan marti oomishni isaan jiraataniin oomisha ilmaan oromootiin lafa oromiyaa irraa oomishamuun waan taheef daana’oo alagootaa kana agabsuu dandahuutu irra jiraata. Kanaaf ilmaan oromoo oomisha isaa gabaa baasuu dhiisee ol kuufachuun faaydaa dachaa qaba. Gama tokkoon warra qabeenya keenyaan halusaa jiru agabsuun humna isaanii butucha. Gama kaaniin yeroo barbaannetti gatii guddaan akka gurgurannuuf haala mijjeessa.

5. Walgahiifi leenjii OPDO, taphoota ispoortii yeroo garagaraa guutuu oromiyaa keessatti gaggeeffamuufi carraa namni itti walitti qabamu mara gara waltajjii filcilaafi diddaa gabrummaatti jijjiiruun gaarii dha. Hawaasni bal’aan walgahiifi leenjii mootummaa nama nyaataa kanaan saganteeffamu mara yoo dandahame bahuufi diduu, yoo humna waraanaa fayyadamanii kan dirqamaan baasan tahe ammoo walgahii isaanii gara waltajjii fincila xumura gabrummaatti jijjiiruun kaayyoo wayyaanee fashaleessuudha. Haalli kun bu’a qabeessummaan isaa guddaa tahuu haaloota dhiheenyatti dabre irraa hubannetti, muuxannoo kana roga hundatti babal’isuun akka yeroo gabaabatti wal gahu taasisuun baayyee barbaachisa. Kana godhuuf ammoo hubannoo gahaa hawaasa keenya bal’aa biratti gadiin bu’uun dirqama. Qeerrooleen marti mana mana isaaniitti maatii isaanii dammeeyfachuun shira mootummaan wayyaanee itti jiru kana kutaan hawaasaa odeeffannoo irraa fagoo jiru illee osoo hin hafne salphumatti akka baruufi hubannaa isaanii cimsatan taasisuun qaawa kaadiroonni OPDO hawaasa ittiin dallaaltu duuchuun akeeka wayyaanee laamsheessa.

6. Osoo fincila xumura gabrummaa gaggeessuuf dirree irratti hin baane dura tarkaanfiin jalqaba fudhatamuu qabu daandiilee kallattii maraan gara magaalaa ykn aanaa sanii seenu cufuu akka tahe yaadachuun gaariidha. Akkuma dhiheenya kana barbaachisummaa daandii cufuu iddoo garagaraa irraa hubannetti daandiilee konkolaataa gufuu, kullooda, dhagaafi w.k.f niin cufuun goommaa irratti qansiisuun akkuma fincila keenyaa wajiijnu daandiileeniis ibiddaan akka wajiijaman taasisuu, akkasumaas daandiilee gurguddaa iddoo garagaraatti gad qotuun booyii guddaa itti baasuun humna waraanaa gama biraa irraa seenee miidhaa adda addaa geessisu akka isaan magaalicha hin seenne dhoorkuun ykn dhibeeysuun balaa gahuu malu gad xiqqeessa. Kanaaf yeroo hunda daandiilee cufuun qaama warraaqsa keenyaa tahuu akka qabu hubachuun dirqama.

7. Kaampaanileefi warshaalee tigreefi fakkaatoota isaanii lafa oromoo irra jiran yoo danda’ame gubuun barbadeessuu ykn oomishaafi tajaajila warshaalee isaanii lagachuun akka isaan kufan taasisuun baayyee barbaachisa. Keessattuu kaampaanii abbaa qabeenyaa shilmii tahee albudaa oromiyaa xuuxaa jiru kan Mohammed Alii Alamuddin oromiyaa keessaa guutumatti barbadeessuun baayyee gaariidha. Akkuma beekkamu Alamuddiin qabeenyaa guddaa Oromiyaatiin badhadhe, kan durummaan isaa ammoo wayyaaneef qoricha, ummata oromootiif summii tahaa jiru malee faaydaan inni oromoof oromiyaaf gumachee tokkolleen kan hin jirre tahuu ifatti beekkama. Kanaaf qabeenyaafi tajaajiloonni Alaamuddiin kun lafa teenyarraa barbadaa’uu qaba. Keessattu, kaampaanii albudoota Oromiyaa keessaa qabu uggurri irra kaayamuun dirqama. Hanga ammaan duraa kan saame ni gaha, amma booda garuu dhaabbachuu qaba. Kanaafuu naannoo kaampaaniin Alaamuddiin jiru warri jiran marti tarkaanfii hadhooytuu irratti fudhachuun barbadeessuu qaban. Haaluma wal fakkaatuun qabeenyoota tigree mara daara godhuun dirqama.

8) Mooraa qabsoo oromoo yeroo biraa caalaa waytiin mijjeeffamuufi cimuu qabu amma tahuu hubachuun roga lamaan irratti hojjachuun dirqama. Sadarkaa duraa irratti dhaabni qabsoo bilisummaa oromoo irratti hojjatu haala mijjaawaa amma jiru kanatti fayyadamuun if jaaruun ummata bal’atti gad bu’ee ijaaruuf cichaan hojjachuu qaba. Yeroon kana jedhu gariin keessan dallanuu maltan. Sababniis, hanga ammaa mooraan qabsoo oromoo hin jaaramnee jechuun guunguumuun keessan hin oolu. Garuu dhaabni yeroo dheeraaf ololli addaa irratti deemuun reeqqisaa ture yeroo gabaabduu tanatti of ijaaree ka’uuf itti ulfaachuun isaa hin oolu. Kanaaf ammoo hawaasni bal’aan hanga danda’amutti of qopheessuutu irra jiraata.

Tooftaaleen lakkoofsa 1 – 7 tuquuf yaalee kanatti fayyadamuun karaa salphaan gara qabsoo hidhannootti dabruuf nu dandeessisuufi tarkaanfiilee haal duree mijjeessuuf fudhatamuu qaban tahuu hubachuun gaariidha. Tooftaan lakkoofsa 8 irra jiru ammoo dabalataan hirmaannaa hawaasni bal’aan humnaan, beekkumsaafi qabeenyaan dirmatuun kan jabeeffamuufi, humna oromoo jaaruuf haalaan murteessaa tahee dha. Dirqama oromummaa kana bahachuun eenyurraa illee kan eegamu tahuu ofitti murteessuu dha.

Tooftaaleen armaan olitti kaa’aman kanneeniifi kan biroollee fayyadamuun tarkaanfiilee qabsoo hidhannoo dura fudhatamuu qabanii dha. Kanaafuu, ilmaan oromoo marti yeroo kanatti qophii tahuun qeerroo waliin warraaqsa qabsoo finiinsuu cinatti tarkaanfii injifannoo keenya saffisuu, gamtaan kaayyoo galmaan gahuu keenyaafiis cimina keenya mirkaneessa. Xumure, waan dubbiftaniif galamoomaa.

=GALATOOMAA=
==============

Gadaan gadaa bilisummaati

‪#‎Saphaloo_Kadiir‬/ Abdulbasit K.
Amajjii 6, 2016
‪#‎Oromoprotests‬

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …