Hatattamaan gadhiifamuuf kan qophaawe
Itoophiyaa: Basaasni Telecomii Mirga Dhala Namaa Balaa keessa galche
Teeknoolojiin biyya ormaa mormitoota biyya keessaa fi alaa basaasuuf oola
(Barliin, Bitootessa 25, 2104) – Mootummaan Itoophiyaa meeshaa hammayyaa halagaatti fayyadamuudhaan basaasa telekoomii daangaa hin qabne hojjettoota mormitootaa, akkasumas gaazexessitoota biyya keessaa fialaatti argaman irratti basaasa gaggeessaa jira, Humaan Raayit Watch gabaasa har’a gadhiiseen ibse.
Gabaasichi fuula 100 “‘Jarry waan hojjetnu hunda beeku’: Basaasa Telekoomii fi Interneetii Itoophiyaa,” jedhu keessatti akka ibsetti mootummaan itoophiyaa meeshaawwan hammayyaa biyyoota baay’ee irraa argateen hojii basaasaa namoota akka mormitootatti shakkaman irratti aanjeffateen jiraattota biyya keessaa fi baqattoota biyya alaa irratti basaasa gaggeessaa jira. Hojiin basaasaa mootummaa kun mirga dubbachuu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu, gurmaayuu, akkasumas mirga odeeffannoo argachuu kan faallessudha. Mootummaan bilbila mobaayilaa hunda fi tajaajila Interneetii karaa mana hojii telekoomiitiin dhunfatee qabatee kan jiru yoo ta’u, Itiyoo-Telekoom kun hojii basaasa kana raawwachuu haala mijeessuu cimsee itti fufee jira.
“Mootummaan Itoophiyaa sirna telekoomii dhuunfatee qabachuu isaa kana sagalee mormitoota ittiin ukkamsuuf akka mala tokkootti itti fayyadama,” jedhe Arvind Ganesan,daarektarri dhimma Huumaan Raayits Wach. “Dhaabbatootni biyya alaa kanneen tajaajila fi meeshaa adda addaa Mootummaa Itoophiyaaf kennan gochaan raawwatan kun sirnichi gama mirga nama ukkamsuutiin gochaa gaggeessu keessatti qooda fudhchuudhaan gochaa yakkaatiin himatamuuf of saaxilanii jiru.”
Gabaasichi miidhamtoota 100 fi angawoota sirna basaasa keessatti hojjetan kan Itooophia fikan biyyoota biroo 10 waliin baatii sadaasaa 2012 fi Amajjii 2014 jidduu tti gaaffii fi deebii taasise irratti kan hundaayudha. Mootummaan guutummaan guutuutti sirna Telekoomii kna towatu waan ta’eef, angawootni basaastuu galmee oduu telefoona irratti dubbatame hunda argachuuf daangaa malee karaan akka banamuufii ta’eera jechuun ni dandayama. Jarri yaroo hunda fi akka salphaatti bilbila telefoonaa deemsa seeraa wayiituu hordofuu otoo isaan hin barbaachisiin waraabuu dandayau.
Dubbiin maatii fi hiriyyootni yommu bilbila irratti dubbatan waraabame – keessattuu lakkoofsa bilbila biyya alaa kan qabu yoo ta’e – yaroo baay’ee akka maleetti namoota qabamanii hidhamaniif gaafatamanitti dhageessifama, sababuma kanaan akka dhaabota ugguraman keessatti miseensa ta’aniitii fudhatamanii ittiin yakkamu. Sararri mobaayilaa yaroo hiriirri nagaa gaggeeffamutti ni cufama, bakkeen hiriirtotni jiranis sanumaan hordofamee bira gayama.
Miseenssi dhaaba siyaasaa duraanii tokko Humaan Raayit Wachitti akka himetti: “Gaaf tokko qabanii na hidhani, waan hundas natti argisiisani.” Bilbila ani bilbile hunda na argisiisan, dubbii ani obboleessa koo waliin dubbadhe tokkos na dhageessisani. Waayee siyaasaa bilbila irratti waan dubbanneef na hidhani. Bilbilli sun bilbila ani jireenya koo keessatti yaroo duraaf qabadhedha, anoo dura waanuman bilisaan ittiin dubbadhu tokko argadhe natti fakaatee ture.”
Mootummaan kun marsaa odeeffanno (website) kanneen oduu bilisa ta’e dabarsan fi xiinxala siyaasaa gaggeessan hunda ukkamsuudhaan mirga namootni odeeffannoo argachuuf qaban dhiphiseera. Biyyoota xiinxaluuf Huuman Raayit Wachi fi Citizen Lab, wiirtuuqorannoo Univarsitii Torontoo kan haala nageenya fi mirga itti-fayyadama Interneetii qoratu qorannaa bara
2013 gaggeesseen Itoophiyaan marsaawwan odeeffannoo, gabatee miidiaa fi bilogaroota garee mormitootaa ukkaamsuu cimsitee akka itti fufte ibsa. Biyya miidiyaan bilisa ta’e akka malee dhiphatee jirutti, odeeffannoo akkanaa argachuun hedduu rakkisaadha.