Oduu Haaraya
dhugaasaa dhugoomsaa

Walgahiin yaadannoo guyyaa WBO fi ayyaana bara haarya 2015 magaalaa Skara Swedinitti  Konyaa Ayyaantuu Dagaan qophooyte  Amajjii 3, 2015 gaggeefamte.

Tartiiba sagantaa qophii tanaa hordafuun  J/Ibsaa Caffee barreessaan KHR walgahii akka banuuf D/T KHR Konyaa J/Abdalla Abdi  gara waltajjiitti afeere. J/Abdallaaniis hirmaatoota walgahii baga nagayaan dhuftan jachuun simatanii walgahiin siranaan banamuu labsan.

Akka kanaan eeyba manguddoo fi faaruun alaabaa walduraa duubaan dhihaatan. J/Dugoomsaa Dhugaasaa MGS gadaa dabree,  akkaataa guyyaan WBO kabajamuu eegalee fi dirree qabsootti haala akkamiini akka kabajam ture  mooyxannoo qaban bal’inaan ibsan. Akksumaas bilisummaa boortaan dhaalamne deeffachuuf WBO jabeessuun qabsoo hidhannoon falmachuu malee filmaanni biro akka hin jirre seenaa mootummoota habashaa dufaa dabraa kan  mirkaneessuu tahuu   gadi fageenyaan dubbatan.

Proofeser Mekuria Bulchaa MKHG ABO fi MDDH walgahii tana iraatti arkamuun haala QBO tan ABO gaggeefamtu laalchisee bu’aa bahii turee fi haala yeroo ammaa hirmaatoota walghiif ibsa bal’aa kannan.

 J/Mohammed Sani Abdallah D/T jaarmaya hawaasa Biiftuu QBO galman gehuuf qooda jaarmaya  hawaasaa Oromoo biyya ala jiru iraa eeggamu iratti haasawa godhan.  Akeeke jaarmayaan hawaasa  biftuu  dhaabbateef ibsuun du’aa jiruu iratti walgargaaruun joollee afan, aadaa fi amantii barsiisuu akkasumaas bifa barbaachisu hundaan QBO gageefatmtu keesatti dammaqinaafii gehinaan hirmaachuu akka tahe hubachiisan.

Hussein Ahmed miidhaa mootummaan wayyaanee Oromoo iraan gehaa jiru fi  waan godhamuu qabu gabaasa Amnesty International Onkololeessa dabre baaseen walqabsiisee  haasawa gabaabaa godhe WBO diingadeen jabbeeysuun barbaachisaa akka tahe J/Falmatuu Roobaa fi J/Ilillii Abrahim akkasumaas J/Ayyaantuu Galaasaa walduraa duubaan dubbatan. Gumaanni maallaqaas WBOf sagantuma kanaratti SEK 5000:00 arjoomame..

Mariif yeroo kannamtetti hirmaatoonni walgahii karaa dimokraasiii fi walba taheen yaada dhiheessanii, gaaffiileef deebiin kannamte Konyaan Ayyaantuu Dagaa ji’a Fuulbanaa keessa jaaramee umrii yeroo gabaabduu qabaatuus miseensooni isaa biyyaa keessa yeroo turanii fi  biyya Swedin eegal dhufaniiis QBO tan ABO gaggeefamtu keessatti hirmaachuun walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf amaloota farra waraaqasaa hunda irra aanuun  diraqama qabsoon gaafattu hunda bahaa waan turan fi ammas ittuja jiraaniif: Umrii yeroo gabaabduu tanatti maqaa ABOn magaalaa Skara keessatti yeroo duraatiif  walgahii goddoo tana qopheessuun hawaasa naannoo hirmaachisuun cichoominaa fi murannoo kaayoo  ABO baballi’suuf qaban hujiin mirkaneessan.  Hujiin boonsaan miseesnoota muratoo Konyaa Ayyaantuu Dagaan  raawatamte  tan nama jajjabeeysituu fi hamilee hawaasa magalaa tanaa fi naanno ol’kaasuun shalagamtu.

          IUOf!

   KHR Konyaa Ayyaantuu Dagaa

    Skara, Swedin

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …