Oduu Haaraya

Walittibaqinsa, Tokkummaa, Tumsa (Waa Taa Taa) – kutaa lammaffaa

 

Abdii Boruutiin

Kutaa lammaffaa:  Gayeen ULFO sarana maali? Egereen isaa hoo? 
Mata duree Waa Taa Taa kana jalatti kutaa duraa –  Qormaata guddaa bara haarayaa –  jedhee jalqaba baatii Amajjiirratti barruu tokko dhiyeessuun kiyya ni yaadatama. Isa kutaa lammaffaa yeroo’uma sana itti fufee dhiyeessuu barbaadu illee sababa gara garaatiin dafee otuu hin dhiyeessin ture. Jidduu dhaan waayee gara garaa ilaalchisee barruulee adda addaa waanan dhiyeesseef inni kutaa lammataa kun turuu danda’e jechuu kooti. Kanaafan har’a itti deebi’ee dhiyeessuu barbaade.

Akkuma beekamu fi yaadatamu Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) Afaan Ingiliziitiin ULFO (United Liberation Forces of Oromia) kan ijaarame bara 2000 waggoota kudhan dura ture. Haa ta’u malee humni jalqabarratti uummata Oromootiin gammachuu daangaa hin qabneen simatame fi abdii guddaan irraa eegame kun qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) kana keessatti bu’aa tokko illee otuu hin agarsiisin hawwii’uma qofaatti hafe.

Gayeen ULFO kana boodaa fi egereen isaa maal akka ta’u otuu hin ilaalin dura gaafiilee tokko tokko kaasuun barbaachisaa dha. Gaafiileen akkanaa kunis: ULFOn maaliif ijaarame? Kaayyoon isaa maali? Maaliif bu’aa takka illee otuu hin fidin ture? fi kkf dha. Asirratti wanti tokko kanan hubachiisuu barbaadu, waayee ULFO gadifageenyaan keessa isaa beekee otuu hin taane dhugaa argamaa jiru irratti hundeefadhee walumaagalatti yaada fi ilaalcha kiyya ibsuu dhaafi.

Jaarmayoonni siyaasaa Oromoo kan walaba ta’anii fi yeroo sana turan shan walitti dhufanii bara 2000 THBO ijaaran. Sababni inni ijaarameef walumaagalatti kophaa kophaa qabsaa’uu irra tumsa walii ta’anii, humna cimaa horatanii, QBO finiinsuuf yoo ta’u kaayyoon isaa ammoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ti. Maqaan isaa tokkummaa haa jedhu malee qabiyyeen isaa akka tumsaa (aliance) ti. Jaarmayoonni miseensa ta’an sagantaalee fi hoggantoota isaanii akkuma jiranitti eeggatanii tumsa kana keessatti waliin hojjechuu fi wal gargaaruu dhaaf waliigaltee seeraa fi heeraa godhatan jechuu dha. 

Tumsi kun kan dadhabe fi bu’aa tokko otuu hin agarsiisin kan tureef sababni guddaan ifa ta’e tokko addaan fottoqina Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ti. Akkuma beekamu ABOn hangafa jaarmayoota hundaa fi jaarmayaa cimaas waan ta’eef tumsa kanaaf lafee dugdaa ture. Addaan fottoqanii humna ofii laaffisuun ykn dadhabsiisuun dadhabbii ULFOtiif hundee ta’e. Sababoonni biroos yoo jiraatani illee sababni guddaan kan tumsa kana laaffise fi dadhabsiise humni ABO gara gara faffaca’ee laafuu dha jedheen amana.

Gaafiileen amma itti aananii ka’an, kan ta’e ta’ee, kan dabres dabree, gayeen ULFO kana booda maal ta’a? Egereen isaa hoo? kan jedhanii dha. Gaafiilee kanaaf deebii otuu hin barbaadin dura waan tokko hubachuun gaarii dha. QBO kana keessatti yeroo ammaa humnoota Oromoo garee lamatu jiru. Gareen tokko warra bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an humnoota bilisummaa ti. Isaan kunis kan akka kanaa gadii ti. 

Humnoota Bilisummaa:

ABO – Adda Bilisummaa Oromoo garee sadeen (OLF)

AWO – Adda Walabummaa Oromiyaa (FIO)

AWDO – Adda Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa (FIDO)

GABUO – Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa (COPLF)

ATBUO – Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo (UOPLF)

Gareen lammataa humnoota diimookraasii yoo ta’an isaan kuni ammoo kan akka: 

KUO – Konggireesii Uummata Oromoo (OPC)

Wafido – Warraaqsa Fedaraalistii Dimokraatawa Oromoo (OFDM) ti.

Asirratti humnoota diimookraasii yoon jedhu humnoonni bilisummaa diimookraasiitti hin amanan jechuu otuu hin taane isaan warra qabsoo hidhannoo tiinis galii booddee ga’uu dhaaf qabsaa’an jechuu kooti. Gabaabumatti humnoonni bilisummaa warra qabsoo hidhannootti amanan jechu dha. Karaa biraatiin ammoo Oromoonni mirga uummata Oromoof quuqaman, kan qabsoo bilisummaa kana keessatti gayee ofii illee gumaachuu barbaadan keessa jiraachuu malani illee OPDO asitti kaasuu hin barbaadu. Kuni ammoo sababni isaa dhaabni kun walaba waan hin taane fi maxxannee ta’ee diina wajjin (waliin) waan hojjetuufi.

Yaaliin yeroo ammaa KY ABO warra jijjiiramaatiin godhamaa jiru jechuun waayeen walittibaqinsa fi tokkummaa kun jalqaba gaarii dha. Humna cimsuu dhaaf karaa fi tarsiimoo gaarii natti fakkaata. Haa ta’u malee akka amma argamaa jirutti jaarmayoota hundaa walitti fiduu waan danda’e hin fakkaatu. Yaada fi yaalii kana deeggarani illee jaarmayoonni biroo tokkummaa kanatti makamuu dhaaf of qusachaa jiru. Maaliif akka ta’e sababni isaa wanti ifatti beekame hin jiru. Waayee kana yeroo biraan itti deebi’a.

Ana akka natti fakkaatutti hamma waliigalteen ABO garee ykn murna sadeenii hin jiretti, hanga isaan hin tokkoomnetti, hanga ABOn hin cimnetti jaarmayoota hafan hundaa walitti fidanii tokkummaa dhugaa tokko ijaaruun baay’ee rakkisaa fi ulfaataa dha. Akkuman barruu kutaa duraa keessatti ibse, ABO tokkoomsuun ykn/fi cimsuun sadarkaa duraa ta’uu qaba jedheen amana. Sadarkaan ijaarsa tokkummaa kanatti aanee dhufuu qaba. Otuu ABOn hin tokkoomin tokkummaan dhugaa cimaan ijaaramuu waan danda’u natti hin fakkaatu jechuu kooti.

Egaa, gaafilee kanaa olitti ka’anitti deebi’uu dhaaf, yoo dhuguma dura ABOn tokkoomee fi cimee, sana booda jaarmayoota bilisummaa fi walabummaa dhaaf qabsaa’an hundaa walitti fidee tokkummaa dhugaa kan ijaaru ta’e, jaarmayoonni hunduu waan walittibaqaniif, kaayyoo tokkoof hoggansa tokko jalatti ijaaramu. Kuni dhugaa kan milkaawu yoo ta’e ammoo ULFOn gayeen inni qabu waan jiraatu natti hin fakkaatu. Tumsi walittibaqee waan tokkoomuuf sana booda ULFOn akka amma jirutti turuun hiika hin qabu jechuu dha.

Yoo walittibaqinsi fi tokkummaan akkanaa kun kan hin milkoofne ta’e garuu, ULFO jiraachisuu dhaaf ykn tumsa kana fakkaataa haaraa ijaaruu dhaaf filannoon adda addaa jirachuu danda’u jedheen yaada. Hojjechuu fi hojjechuu baachuu ykn milkaawuu fi milkaawuu baachuu beekuun rakkisaa yoo ta’e illee ani yaada tokko akka filannootti (options) dhiyeessuun barbaada.

Filannoo tokkoffaa – ULFO haaromsuu fi cimsuu:

Dura ABO tokkoomsuu ykn/fi cimsuu sana booda jaarmayoota hafan kan bilisummaa fi walabummaa dhaaf qabsaa’an waliin tumsa ijaaruu. Kuni ammoo ULFO haaromsuu fi cimsuu dha. Egaa kuni ULFO dhaaf carraa ijibbaataa tokko kennuu jechuu dha.

Filannoo lammaffaa – Tumsa haaraa ijaaruu:

Filannoon kuni ulfaataa fi baay’ee rakkisaa ta’uu fi waan hin danda’amne fakkaatu illee, humna caalaa cimaa fida jedhee kanan itti amanuu dha. Kuni ammoo tumsa haaraa guddaa ijaaruu jechuu dha. Tumsi haaraan kun humnoota Oromoo biyya keessa jiran fi biyya alaa jiran kan walitti qabu fi tarsiimoo guddaa uumu dha. Tumsa humnoota diimookraasii fi humnoota bilisummaa hammatu jechuu dha. 

Kuni karaa lamaan ijaaramuu ni danda’a. Tokko, akka filannoo tokkoffaa kanaa oliitti ULFO haaromsanii fi cimsanii isa kanatti miseensota haaraa (humnoota diimookraasii) dabaluu dha. Karaa lammaffaan, tumsa haaraa, maqaa haaraatiin ijaaruu dha. Maqaan isaa fakkeenyaaf Afaan Oromootiin:Tumsa Humnoota Bilisummaa Oromoo (THBO) yoo ta’u Afaan Ingiliziitiin ammoo Aliance of Oromoo Forces for Liberation (AOFL) ta’uu danda’a. Kuni yaada kooti. Maqaa baasuun rakkoo hin fidu, barbaachisaan qabiyyee fi kaayyoo dha; waliigaltee uumuu dha.

Haa ta’u malee gaafiileen asirratti ka’uu danda’an: Tumsa akkanaa kana ijaaruu dhaaf warri biyya (Oromiyaa) keessa jiran – humnoonni diimookraasii fe’ii qabuu? Haalli isaan keessa jiranii fi kaayyoon isaanii isaan hayyamuu danda’aa? Humnoonni bilisummaa hoo hundi isaaniitu jara kana wajjin (waliin) hojjechuu fi tumsa ijaaruu dhaaf fe’ii qabuu? Haaldureen jiraachuu ni maluu? Gaafii qabsoo hidhannoo irratti walii galuu danda’uu? fi kkf dha. 

Waliigaltee uumuu kan danda’an yoo ta’e (wanti hin danda’amne addunyaa kana irra waan hin jirreef) tumsi akkanaa kun humna baay’ee cimaa ta’e waan fiduuf akkasuma illee tarsiimoo gaarii waan ta’uuf hamilee diinaa cabsee jijjiirama fi bu’aa guddaa fiduu danda’a jedheen amana. Yoo kuni ta’e fi hojiirra oole ofii keenyaaf dhiisii ormaafuu tumsa taana. Tumsa biraa illee kan barbaadnu yoo ta’e dura kana xumuruun baay’ee barbaachisaa dha jedheen yaada. 

Barruu kiyya otuu hin xumurin dura ammas irra deebi’ee kanan jedhuu barbaadu, yeroon ammaa yoomiyyuu caalaa yeroo waliigaltee uumanii fi tokkummaa dhugaa ijaaran waan ta’eef, kan dabre irraa baratamee, uummata keenyaaf jijjiiramni fi bu’aan tokko akka argamu godhuu dha. Wanti wal nama shakkisiisu fi amantii walirraa nama dhabsiisu jiraatu illee kaayyoo fi galii booddee tokkotti yoo amanne, kan walitti nu fiduu fi waliigaltee akka goonu kan nu taasisu tu caala jedheen amana. Kanaaf wanti tokkummaa dhugaa akka hin ijaarre nu godhu jiraachuu hin qabu jechuu kooti. Tokkummaa dhaan malee qabsoo haala ulfaataa kana keessatti kophaa kophaa qabsaa’anii diina injifachuun wan hin danda’amne dha.
Yoo waliigaltee fi tokkummaan hin jiraanne, mooraa QBO dhiisanii tumsa biraa barbaaduunis waan jijjiirama fi bu’aa uummata keenyaaf fidu natti hin fakkaatu. Wanti hunduu sadarkaa sadarkaa dhaan godhamuu ykn ta’uu qaba.

  • Sadarkaan duraa, ammas sirbuma sanan weellisa, ABO tokkoomsuu fi cimsuu dha
  • Sadarkaan lammaffaa humnoota bilisummaa hundaa walitti fidanii ABO waliin (wajjin) tokkoomsuu – tokkummaa dhugaa ijaaruu dha. Yoo walittibaqinsi humnoota kanaa hin danda’amne, tumsa humnoota bilisummaa (ULFO) haaromsuu fi cimsuu dha.
  • Sadarkaan sadaffaa mooraa QBO keessatti tumsa guddaa ijaaruu dha. Kuni tumsa humnoota bilisummaa fi humnoota diimookraasii (fakk.AOFL) ti jechuu dha.
  • Sadarkaan afraffaa yoo mana ofii (QBO) keessatti tumsa cimsan booda ala ba’anii tumsa biraa barbaaduu dha.
  • Sadarkaan shanaffaa Riipaabiliika Gadaa Oromiyaatiif (Gadaa Republic of Oromia) of qopheessuu dha.

 

Walumaagalatti, akka yaada fi hawwii kiyyaatti, sadarkaan ykn karaan ta’uu qabu Afaan Ingiliziitiin:

(OLF  ®  ULFO)  ®  AOFL  ®  Tumsa biraa? ®  free Oromiyaa

ta’a jechuu dha.

Yoo waliigallee, tokkoomnnee, tumsa walii taanee, harka walqabannee, karaa kana kan waliin (wajjin) deemnu ta’e, galiin keenya dhiyaachuu danda’a. Galiin kunis bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ti. Galatoomaa. 
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *