Oduu Haaraya

Tokkummaan riqicha bilisummaati

Hubachisa

Akkaam nagaa qabduu jirraa jirtuu sabboontota sabaa jaallatamtoota koo kanneen quqamni oromummaa numa hunda keessaa jiru.
Wantaan jechuu barbaade waan gidduu kana deemaa jiru keessaa tokkoo waaee wal qeequu wal dheessuuti waaee qabsoo ilmaan oromoo fashaleessuutu tokkummaa digaani.
Namoonnii hangi tokkoo qabsoo farra diddaa gabrummaa kana qeequuf namoota beebekamoo maqaa dhahuun inninu akkana jedhe jechuun ummaata dubbii hin taane duukaa hirirsuu barbaadu.ammaa akkaa fakkeenyaatti yoo fudhannee jawar mohammad kan inni barreesse ammaa qabsoo ilmaan oromoo ittaatti waliin deemaa yeroo bilisoomtanii kaatani filannoon alaaba jechuun dubbatee jira.alaaba waggaa meeqaa sana dhoksuu hin barbaadinaa jedhe male waa hin jenne.
Namoonni immoo tokkummaa namoota oromoota kanaa hin barbaannee beektoonnii walitti haa muufatan jechuun maqaa beektoota keenyaatin fb banachuun jawar irraatti holola gaggeessaa jiru.akkaa fakkeenyaatti fb maqaa Umar sulyemaan jedhuun holollii gaggeefamee jira garuu umar dhugaa miti umar orginal miti.

Umar sulyemaan nama waan keessaa darbe dagatee obsa dhabee waan akkaana odeessuu miti inni nama kaayyoo qabu nama oromoota mara biraatti jaalalaaf kabaja guddaa qabuudha.kanaafu namoonnii ummata wal irraa facaasuuf yaali godhaa jiraanu kuno abbaan abaluyyuu waan akkaana jedhe jechuun post gochuun waan ummata adda baasuu rawwaachuutti jiru kun immoo ilmaan oromootif bu’a tokko ille hin qabu gargar wal fageessuu male.oromoon kamuu waan oromummaan digamu irraatti hojjechuu hin qabu.hubadhu mee

Boorana=oromoodha an hamma jedheetti
Qabsoo isaa sirri qabsoo isa jaallatamaa kan ummata oromoo walitti harkisu gochuutu irraa egama irbuu cimaa oromummaaf jecha seene sana yaadate namuu oromummaan maqaa miti oromummaan enyummaa kenna uumamaatii kanaas walii hubadha tokkummaa jabeessa dinnii nuti kolfaa karaa cirataattii yeroo nuti wal nyaannuu akka sanyii waraaboo.

Guujii=qee’ee warraa aadaa kunis tokkumm
aan innii jabeessuu irraati hojjechuu qabu waan ammaa deemaa jiru irraatti oggaa hin taane tokkummaa ilmaan oromoo jabeessuu irraatti waliin haa hojjennuu oromummaan enyummaadha kanaafu waan ummata oromoo gargar baasuu irraatti deeggarsa isaa haa dhaabnu jabaadha tokkummaan riqichaa.

Shawaa=ilmaan oromoo jajjaboof bebekoo
Ilmaan oromoo tokkummaan umachuun durumaan humna bitachuudhajedhama mitiree irreen gamtaan qaabsoo bilisummaa jabaate itti deemuu qabaa jabaate tokkummaan hark wal qabannee deemuu irraatti haa hojjennu waan ilmaan oromoo gargar qoodu gochuu haa dhaabnu waaee qabsoo oromoo ammaa kana keessaatti.

Wallaggaa=ummaanni oromoo sabboontoonni haqaa waan riphxe oduu sobaa gad baatu irraatti waliin haa duullu oduu sobaa ummaanni tokko tokkoo tokkummaa ilmaan oromoo jibbuuf abbaan abalu akkana baayyee namatti tola jedhe namuu waan fedhe post gochaa oolaa garuu kun tokkummaa keenya irraatti guufuu jallaa luka keenya jala dhaabameedha.kanaafu nuti kan irraatti walii hallu tokkummaa oromoo irraatti tau qaba.

Jimmaa=yaa ilmaan oromoodha warra
Kaayyoo ofii fulduraatti beekuu ilmaan warra shanan gibee qabsoo gaggeefamaa jiru kana keessatti warra bitaaf mirga ofii ilaale maaltu maal dhiibaa jira jedhe duraan hubateedha.fb namaa jala deemtaanis waaee qabsoo amma ta’a jiruu kana wanti isiin akkaana akkaasi jettani hin jiruu tokkummaa irraatti amantu quuqama keessaan immoo dubbachaatuma.eyyeen wooroo sii nyaachuuf mana kee diiguuf jedhu dhoofte ajjeesuuf ykn qabdee takaaluuf waan dursa akkaata of irraa dhorkitu qajeelfattuudha.

Arsii=ilmaan oromoo arsi seenaa cicimoo harka muuraan keessatti rawwatame qalbii ummata oromoo hamma yoona dhigsee jiru yoo tauyyuu yeroo ammaa kana garuu ummaannii waan yeroo sanaa irraanfatee tokkummaa sabaa dhabee jira.ijoolleen oromoo arsii dhugaa dubbaachuuf gootaaf hayyuu hedduu qabdi garuu oggeessaaf hayyuu sanaatti qubeen ammaa hin fayyadamne sammuu isaani keessaa waaee oromummaa essa akkaa godhaan hin barre an.yeroon kana dubbadhuutti hunda mamaa jechuu hin barbaanne namoota muraasaan kan qubeen kun jallachuu egaleedha.kanaafu ilmaan oromoo essaayyu haa dhufu tokkummaa haa cimsinu waliin diina irraatti haa dulluu mee jabeeffaadha.

Baalee=yaa sabboontoota oromoodha amma waa biraa dubbachuuf osoo hin taane akkaa wal facaafne wal qoonne bannuudhaf ergaa dinni nuti erge kana tokkummaan ol kaane of irraa haa gaggeessinu dhaamsa koo dhaamsa oromummaati yaa lammii koo.
Kunis ummata oromoo tokkummaa isaa cimsee karaa daandiin bilisummaa qabsoo oromoo keessaatti ta’a jirtuu walitti ibsuudha kanaaf waliin haa jabaannuu wal qooduun bu’a hin qabu.

Harargee=ummaanni oromoodha kan bahaas tae kan dhihaa kan kaabaas tae kan kibbaa oromoo tau isaa hubadha oromoon bakka hunda akkaa jiru hubachuun batbaachisaadha kana dura hubadha.sernaa hin beektan jechuu koo miti oromoonni martuu maal gochuutti jira maal yoo goone namuu walitti dhufee tokkummas jabeesssa jennee of gaafanne gaaffi keenyaaf deebii qubsaa nama irraa argachuu qabna.tokkummaa jabeessuun of jabeessuudha.

Wolloo=ilaali oromoota murna amaraa keessaatti dhiibamanii yeroo ammaa kana dhibbaadhan ummata alagaa jalati gatamani jiran።mee isaan kana akkaanin ofitti fudhanna kedhaati yaada oromoonni naannoo biraa maaf oromumma dagattuu jabduun dhiibamte kuno oromummaa himatti diinaa walakkaa teesse.
Wolloon oromummaa dhugaatin saba boonuudha wal qoodu saba qoodu nama irraatti holola sobaa ofuu irraa bilisa yeroo hundaayyu kanaafu jabaadhu jenne karaa tokkummaa walitti yoo himne gaariidha.

Iluu Abbaabooraa=biyya firriisa Abba oggaa ummata warra aadaa yoi jenne gaariidha.amma waa biraa dubbachuuf miti oromoota naannoo kamuu yoo tae hoolola sobaa wal irraatti hafarsuu dhiisaati qabsoo tokkummaa jalatti hirmaadha.diinaaf karaa yeroo bannu ummata oromoo immoo boolla boolla caaluuti darbaa jirra.

Ergaan koo hoolola sobaa maqaa umar suleymaanin maqaa jawar nohammad irraa kaeti kun sobaa umar miti jechuu barbaanneetti.kanaafu weellisaaf hayyuu beekaa oromoo kan tae UmarSuleyman holola ilmaan oromoo gargar facaasu gochuu irraa bilisa yoomu innii kana hubadhaa fi yaa ilmaan oromoo hundumti keessaan.
Tokkummaan riqicha bilisummaati
Injifannoon kan ilmaan oromooti

By Sabaan-boonFirrisaa

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …