Barreeffamni Kun Tasfaayee Gebreabin kan barreeffame yoo ta’u, gara Afaan oromootti hiike kan dhiyeesse Hiwi – Elonati
Jaarsi beekamaan Pirofeesar Yishaaq Efreem yeroo dhiyoodhaa asitti dalagaan akka itti heddumaachaa jiru dhagahamaa jira. Qabsoo ummanni Oromoo gaggeessaa jiru Jaarsummaadhaan fixuuf asiif achi bilbilaa jechoota waaqaa onnee nama tuqaniin waywaataa jira. Ifaajen Pirofeessarri kuni taasisaa jiru kan tuffatamu tahuu baatus waan ittiin milkaahu tahuu hin danda’u. Jaarsummaan isaan deemaniif kan gama tokkotti jallate akka tahe kanaan dura waan hubatame. Jaarsummaan haqaa gadadoofii cunqursaa ummata hundarraa gahaa jiru furuurratti kan xiyyeeffate tahuu osoo qabuu, Qabsoo Oromoo isa humna godhatee injifachaa jiraachuun ifatti mul’ate waliin jaarsummaaf olii gadi raata’uun dogongora dabrerraa barachuu dhabuudha. Jalqabumarraayyuu Wayyaanen dhoksaadhaan jaarsota erguun dhugumaan rakkoo ummataa furuuf osoo hin tayin yeroo ittiin bitatuuf akka tahe ni shakkama. Ummata haalawwan akkanaatiin adda qoqqoodee bituun immoo adeemsa wayyaanee moofaafi kan itti barameedha.
Wayyaanen irra irra yoo ilaalan waan tasgabbooftefi nagaa qabdu fakkaattus keessa keessa garuu wal dhabbiin hamaan keessatti uumamuun isaa dhagahamaa jira. Walgahiilen mormiin guutamaniifi kan walii galteen keessa hin jirre hamma ammaattis adeemsifamaa jiru. Yeroon barreeffama kana barreessaa jiru kanattis walgahiin jaraa hin xumuramne.Kanaan dura maqaan ABOfi Ginbot 7 gaaridhaan hin kaafamuu ture, amma garuu baramaa dhufeera. Aangawoonni TPLF Akka durii miseensota ofii ( kanneen akka OPDO, BIADEN, SNNPfi kanneen isaan deeggaran) dorsisurraa gara kadhachuutti gadi bu’aa jiru. Aangawoonni TPLF Rakkoo cimaa keessatti kufan kana jalaa bahuuf ciminaan hojjachaa jiru.
Kufaatii Wayyaanee wantootni eeran baay’edha.Fakkeenyaaf Hanni kompiitaroota mana maree federeshinii Etiyoophiyaa irratti adeemsifame waan akka salphaatti ilaalamuu miti.
Kufaatin Wayyaanee dhihaatuu isaa waggoota hedduu dura barreeffamaa tureera.Har’as barreessaa jirra.Kunoo Wayyaanenis osoo hin kufin waggoota hedduu lakkoofsisnee jirra. Tilmaama keenyatu dogongore moo sababa biraattu jira? yoon gadi qabee yaaduu tilmaamni keenya dogongora natti hin fakkaatu. Mootummaa Wayyaanee dirqisiisuu yeroon itti dandahamu hedduun sababa
garagaraatin fashalaayeera. Wayyaanen mataan isii Tortorree jirra! Balbala Du’aa irra geenneerra! jettee yeroo itti of madaaltetu ture. Hanga dhiibamutti garuu Tortorus daraboon ( dhaabni manaa) hin jigu. Kunoo yeroon suni amma gahee jira. WAYYAANEE SI GAHEERA, NAGAYATTI Sagaleen jedhu gamaa gamanaa dhagahamaa jira. Hasan Huseen Mineesotarraa walaloo Afaan Amaaraatin barreesseen mootummaa Wayyaaneetti nagaya dhaamateera. Walaloon Hasan ilma ilma Qaweessaa Looret Tsaggaayee G/Madihin na yaadachiise. Walaloo isaa dheeraa keessatti Huseen akkana jedhee ture…
Sodaan inni lafa qotee migirse
Waan hin qoolamne itti fakkaatee – du’aan
Duutis baay’attee – duutis maseenuu diddee
Xiiqii Guddaa dhaltee – Silaa yeroon jijjiiramuun isaa hin hafuu
Osoo hin yaadamin akka bishaan bonaa irra gayee
Tuulaa gubbarraa gadi fonqolchuu eegalee…..
Qabsoon ummata Oromoo itti fufee jira. Qabsoon kuni awwaalamee ni hafa jedhanii tilmaamuu mannaa naannolee garagaraatti faffaca’ee biyyattii guutuu fudhachuu danda’a jechuutu irra salphata. Aangawonni wayyaanee dhugaa kana ifatti amanuu baatanis, bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa hoomaa waraanaa Saamooraa Yuunusiin gaggeeffamutti kennuun isaanii dubbichi humna isaanii ol tahuu isaa agarsiisa.Homaa waraanaa Oromiyaa akka fedhetti sibiilan waxalee akka bulchuu namoota itti kennaman keessaa Jeneraalli Oromoo tokkoyyuu hin jiru. Sirna bulchiinsa Hailasillaasees tahee isa Dargii keessatti Ajaja Waraanaatin Oromoonni kanittiin saalfataman hin turre. Hamma kennaa uumaa isaanii fakkaatutti Jeneraalummaan kan Oromootaa ture.
Taaddasaa birruu irraa kaasee haga Raggaasaa Jimaa; Quusii Dinagdee irraa haga Mar’id Niguse, Gabayyoo Gurmuu irraa haga Damissee Bultoo, Jaagamaa Keelloo irraa haga Abarraa Abbabaa darzana lamaa ol Jeneraalota dandeettii Waraanaa qaban waamun ni danda’ama. Har’a yeroon jijjiiramee jira.Saba bicuudhaan ala, kanneen biroo sadarkaa koloneelummaatii ol dabruu hin dandeenye.Miseensonni homaa waraanaa Saba Oromootifi Amaara tahan jarreen kaanneniif jala deemufi bassoo bulbulurra waan dabre hojjachuuf carraa hin arganne.
Kaawunsilii hoomaa waraanaa Oromiyaa akka bulchu ramadame keessaa namoonni sagal miseensota TPLFti, isaanis; Saamooraa Yuunus, Yohaannis G/Masqal, Sa’ara Mokonnin, Gabra Adhanom, Ibraahim Abduljaliil, Mahari Zawdee, Abraham W/Maariyaam, Fissahaa Kidaanuufi Yohaannis G/Mikaa’eli. Kanneen hafan lamaan saba Amaaratifi Agawiti. Isaanis Muhaammadifi Gabraat Ayyalati. Saamooraan torban dabre miseensota TPLF tahan 6 ( Kanneen Staff General Mokonnin tahan) walgahii waamee dhimma Oromiyaa irratti mariisisee ture. Saamooraan marii walgahii kanarrattis;
‘’Tokkoon tokkoon keessan waraanni amma gaggeessitan kuni dhimma dhuunfaa keessaniif tahuu isaa beekuu qabdu. Qabsoo ummata Oromoo kana fashaleessuu yoo hin dandeenne ta’e namni dura dursee balaan irra gahu nu mataa keenya.Ajaja Saamooraa kana fudhachuudhaan jarreen hirmaatanis gara sadarkaa gadiitti dabarsaniiru.’’
Saamooraan dhugaa isaa dubbate. Ummata Tigraay osoo hin tahin Aangawoonni TPLF balaa guddaatu isaan eeggata.Ummata hin eegnen waliin wal dhabuu mannaa waraana Taankiifi hidhannaa cimaa qabu waliin wal loluutu irra salphata.Wayyaanen sirna lolaa dur barateen lolaa hin jiru.Kan yoon jedhu waraanni amma gaggeeffamaa jiru sa’aatifii eddoo ummanni Oromoo barbaadetti gaggeeffamaa jira.Kuni Ummata Oromootif Milkiifi Injifannoo guddaadha. DHDUOn kufee Oromiyaan akka waraanan bultu dirqisiisun mataan isaa saba Oromootif Jagnummaafii injifannoo guddaadha. Wayyaanef immoo jalqaba xumura sirnichaati.
TPLF erga hundeeffamee eegalee daandii seenaa irra fiigaa jira. Osoo kufee ka’uu waggaa 42 lakkoofsisee jira. Silayyuu Leencafi kurupheen ganamaan ka’anii lameen isaanituu ni fiiffiigu. Sababni isaas jiruun tuni fiigufi of bakka buusurra ergama biraa hin qabdu. Wayyaanen hamma fiigdu fiigdeerti, amma kan wixxifataa jirtuuf of bakka buustee dabruufi. Kanafuu rakkoo amma isa mudate keessaa bahuuf wanni hin goone hin jiru. Fakkeenyaaf kanaan dura warra dhihaatti of gurguree lammiilee Itoophiyaa kuma 5nii ol tahan ficcisiisun isaa ni yaadatama. Kan kana godheef immoo akka jarreen Dhihaa ( Westerns) aangoo isaatif tumsa kennaniif malee ummata Etiyophiyaatif dhimmamee hin turre. Mallas Zeenaawii kanaan dura walgahiilee dhaabichaa keessatti ‘’ Jaalannus Jibbinus Ameerikaan Gooftaa Keenya’’ jedhee akka dubbataa ture ni beekama. Ammas taatu Aangawoonni TPLF qarqaarsa warra dhihaatinis tahu qabsoo ummata Oromoo fashaleessuf wanti isaan hin goone hin jiru.
Wayyaanen Akka Hailasilaaasen ‘’ Erga Itophiyaa gaggeessun dabareen kan keenya jettanii biyya teenya amaanaa’’ akka jedhan sana, dhaamsa kana dabarsee garee mormitootaatif biyyattii ni kenna jedhamee hin yaadamu. Tarii akka Dargii ‘’ Hamma Rasaasa takkittii harkatti nu hafuu ni falmina’’ osoo jedhee irra dhugaa sirnichaa ibsuu danda’a. Aangawoonni Wayyaanee waan tahes tahu of bakka buusuf xaaru malee hamma dirqamanitti biyyitiin kan hunda keenyati jedhanii gara mariitti ni dhufu jedhamanii warra abdatamanii miti. Eejjanoon goggogaan isaanii kuni garuu waan tahuun malu tahurraa dubatti isa hin deebisu. Jaalatanis jibbanis fincilli itti ka’e kuni kan babal’ataa adeemu malee kan of duuba adeemaa jiru miti.
Siyaasni Wayyaanee kijibaafi ololaan guutamte har’arra geessee jirti.Adaduma ganni tokko dabree ganni biraa dhufuun waa’ee Midhaan nyaataan of danda’uu odeessun amala isaanii ture. Namichi Du’e sun ‘’ Wabii midhaan nyaataa keenna raggaasisuu irra dabree biyyoota alaatifis humna midhaan dhiheessuu ni dandeenya’’ jedhanii xinniquu isaanii dhageenyee turre. Kunoo akkuma argaa jirru, akkuma roobni dhaabateen waggaa tokkoofuu of dandahuuf midhaan of eeggannoof lafa kaayanne akka hin qabne ifatti mul’ateera. Biyya Afrikaa keessatti Qabeenya kuusaa bishaanitiin lammaffaa taate qabatanii yeroo hunda Kadhaa midhaanitiif adduunyaa dura dhaabachuun nama salfachiisuu qabaa ture. Garuu kadhaan itti baratee saalfatuu dhiisan.Qilleensarratti lafa daldaluu eegalanii akka mootummaatti waan godhuun irra ture irraanfatan.
Filannoon bara 2015nii irratti 100% filatamne jedhanii wayta adduunyaaf labsanitti Ummanni Oromoo %100 wayta irratti duulu, lakkoofsi sirnaan beekamuu baatus ummanni biraas kan yoo xinnaate %50 tahu wayta komii isaa haala garaagaraatin ibsatu Aangawoonni TPLF xiqqomallee hin qaanfanne. Ummata mirga isaa gaafatu duuba Masrii ( Gibxii) fi Ertiraatu jira jedhanii wayta dubbatan xinnomallee afaan isaan hin qabu. Siyaasa kijibaan guutamte keessatti inni kun kan barame tahuun ni mala. Garuu kijibni adiin akkanaa garuu salphina isa dhumaati.
Fincila ummataa kanaan booda egeree biyyattii sanaa tilmaamun baay’ee nama rakkisa. Waan hundarraa kan nama gaddisiisu ummanni biyyattii filannoo irraa amantii dhabuu isaati. Amantaa ummataa dhabame kana sirreessuun filannoo haqa qabeessa gaggeessuuf yeroofi humna gaafatuun isaa waan hin oolle. Maqaa filannoo jedhuun ummata kijibaa abdii kutachiisuu mannaa akka Atleet Haylee Gabrasillaasee ‘’ Ummata Itiyophiyaatif Dimokraasin hin barbaachisu’ jedhe sana jedhanii osoo ummataaf himanii irra wayyaa ture. Kanarraa ka’uunis ummannis yeroo ofii gubuu irraa of qusatee egeree ofii ofiin murteeffatuuf hiree isaaf kennaa ture.
Haala yeroo ammaa irraa hubatuun akka danda’amutti ‘’ Qabsoon Ummata Oromoo itti fufee jira’’ jechuurra ‘’ Qabsoon Ummata Etiyophiyaa itti fufee jira’’ sadarkaa jedhutti guddachaa jiraachun isaa ifatti mul’ataa jira. Fincila ummata Oromoorratti dabalatee Naanoo Amaaraa – Walqaayititti gaaffiin ummataa ‘’ Nuti Tigree Miti’’ jedhu akka itti fufetti jira. Yeroo dabre Gondar aanaa Daabaat keessatti finciltoonni Amaaraa daandii cufanii ooluun isaanii kan ifatti mul’ate ture. Gojjaam yeroodhaa gara yerootti dhippina lafaatin walqabatee komii qabu.Kaleessa barattoonni Yunivarsitii finfinnee ‘’ Nuti Shororkeessitoota Miti’’ jedhanii wayta gara Imbaasii Ameerikaa deeman tumaafii reebicha akkasumas hidhaatu isaan mudate.Naannoo kibbaa keessattii Saba Mursii; naannoo Hamariifi Sulula Oomootti ummataafi Poolisni walitti bu’uun isaanii dhagahameera.Poolisoonni ummata uffata sirnaan uffachuu hin eegalin haala akkam sukkaneessaa taheen akka morma isaanii walitti hidhanii deemanii turan miidiyaalee hawaasaa irratti daawwanneerra.Ka’umsi rakkoo sanas dhimmuma lafaati.
Ummanni Tigraay rakkoon kuni dhalachuu akka danda’u durumaayyuu tilmaamee ture. Masfin Waldamaariyaam akka ibsanitti Samtonni TPLF manneen viillaa maqalee irratti ijaarataniif maqaa ‘’ Ganda Appaartaayidii’’ jedhee wayta itti moggasu sana, waan isin hojjachaa jirtan kana keessaa nuti ummanni Tigraay keessa hin jirru jechuu isaanii ifatti labsaa turuu isaanii ture. Ummatichi Dhiigarraa bilisa tahuu isaa labsaa ture.Tapha Afaan Amaaraa keessatti dur durii ajaaibaa yaadadhu tokkotu ture. Yeroo tokko Waraabessi tokko ilmaan isaatin walii galee harree tokko kuffise ( gonbise). Ergasii ijoollee isaa dhooggatee adda ofii harree sana nyaate. Wayta lafti barii’uuf jettu abbaan harree sanaa Eboo qabatee dhufe. Wayta kana ijoollen isaa isa baqachuu eegalte. Ijoollee koo na gattanii hin deeminaa naa dirmadhaa jedhee itti waywaate. Ilmaan sunis Abbaa keenna, Akkuma nyaatten fiigi jedhanii deebisaniif jedhama.Makmaaksi kuni aangawoota TPLTif fakkeenya guddaa ta’a jedhee abdadha.Ummanni tigraay namoota maqaa isatin daldalan kanaaf jecha balaaleffatamuus abaaramuus hin qabu. Daandileen akkasumaas warshaalen Tigraayitti ijaaraman jedhamanii leellifamanis hagas mara kanjedhanamanii miti. Osoo dimookraasifi bulchiinsi gaarin jiraatee naannoo Itiyoophiyaa hundattuu sanaa ol gochuun dandahamee bareeda ture.
Sababa rakkoo beelaa biyyattii keessatti mul’ate sababeeffachuun lammiileen Ameerikaa hedduun gara Itiyoophiyaa deemun isaanii kaayyo biraa qabaachun isaanii ni shakkisiisa. Dhugaadha, mootummaan TPLF kuni yoo kan kufu ta’e Mootummaan Ameerikaa qorannoo gaggeessee filmaata biraa qopheeffachuu akka qabu sirritti beeka. Wayyaanenis jaarsota filattee qophessun Ameerikatti waywaataa akka jirtu waanuma dhiyeenya kana dhageenye. Aangawoonni TPLF wayta aangorra turanitti badiilee raawwatamaniif yoo kan hin gaafatamne ta’e, qabeenyi isaan horatan yoo kan hin tuqamne ta’efi bu’uura kanaan mootummaan ce’umsaa akka hundaa’u yoo kan walii galan ta’e TPLFf kuni waan gaaridha. Ameerikaanonni paartilee siyaasaa ( kan ala jiraaniifi biyya keessas jiran dabalatee) akkasumas namoota bebbeekamoo gama hundaan jiran maariisisuun mootummaa ce’umsaa tokko yoo kan hundeessitu ta’es Wayyaanef badii hammas maraa hin qabaatu. Guutumaan guututti fincila ummataatin dhiibamanii aangorraa gonbifamuu irra isaaniif irra gaaridha. Yoo karoora duraa lafa kaayamuu danda’an sanaan walii galan ofiifiis hattoota isaan waliin saamaa turanirratti xiiqii ummanni qabate hir’isuun balaa irra gahuu danda’u ni xiqqeessu. Waan hundaafuu dhimmoonni akkanaa hamma ummatatti ifa godhamanitti waanuma lafa jalaan hasaasamaa adeemanii dha.
Akkuma dura ibsame Koompiyuutaroonni mana maree federeshinii hatamuun isaanii kallattii ofduraa kan akeekudha. Kompiyutaroota kanneen kan saaman mamii tokko malee ilmaan Getaachoo Asaffaati ( Itti gaafatamaa Nageenya biyyattii) malee eenyuyyuu ta’uu hin danda’u. Hattuun kara deemtun waajjira sana seentee hanna hammana gahu kana raawwachuu hin dandeessu. Wanti akkanaa kuni kana duras raawwatamee ture. Dhaabni ‘’ XIRET’’ jedhamu ( Qabeenyummaan isaa kan dhaaba Naannoo Amaara Bulchaa jiru BIADENi) kan malaamaltummadhaan shakkamu iccittiilee isaa eeguf jecha waajjira herregaa isaa ibidda itti qabsiisee gubee ture. Warqeen baankii biyyoolessaa Itiyophiyaatii hatameefi kan qabeenyummaan isaa kan Alaamudiin ta’es eessa buuten isaatifii maalirra akka gaye hamma ammaatti hin beekamne. Adeemsa kanaan duraa irraa akka hubatuun dandahamutti Waajjirri Nageenya biyyattii Ragaalee (sanada) karaa seera qabeessa ta’een argachuu hin dandeenye karaa hannaatin akka harka galfatu beekamaadha. Fakkeenyaaf wayta Kinfa G/Madihin gaggeessaa Nageenya biyyattii turetti Boorsaa Harkaa Profesar Asraat Waldayyas hattuudhaan buchisiisun isaa ni yaadatama. Reeffa Mallas Zeenaawii Jeneraal Saamooraa Yunus xayyaaraan Adawaa fidee erga awwaalchiseen booda Finfinneerratti Sanduqa duwwaa akka awwaalamu gochuun isaaniis wanta yeroo sanattii bal’inaan haasa’amaa ture. Dhugumatti inni kun kan nama kofalchiisu malee kan nama gaddisiisus miti. Finfinneedhaaf mul’ata Mallas malee reeffi isaa waanuma tokkoo isii hin fayyadu. Hanni kompitaricha mana maree federeeshinichaas isa kanaan kan wal fakkaatu ta’uun isaa hamiin garasii dhagahamaa jirtu ni addeessiti.
Waajjira nageenyaatti aansee Sanadootni (ragaalen) Wayyaanen dhoksuuf barbaadu kan argaman kompiyutaroota mana maree federeeshinaa obboo Kaasaa T/Birihaniin hogganaman keessa.
Walumaa galatti qabsoo xumura gabrummaa ji’oota afran dabraniif gaggeeffame irraa hubachuun akka danda’ametti Qeerron Du’a tuffateera. Riqicha Sodaa gootummaan ce’eera.Balbala Callisaa cabseera.Taphni siyaasaa haalaan galeefii jira.Baay’inniifi jabinni isaanii ajaa’ibsiisaa ta’ee jira.Akka Filmii ‘’Dances with Wolves’’ jedhamu keessatti arginetti dhufiinsi Qeerroo akka Urjiiti.Calaqqisa Urjiitin samii gurraacha ifa uffisanii jiru.Callaqisa ifu kanas dhaamsuf tasumayyuu hin danda’amu. Walumaa galatti, dhufaatin Qeerroo kuni akka midhaan bade jedhanii osoo eegan margee laaliseetin wal fakkaata. Gama biraatin, Laga gibee cinaa Naacha riphe tokkotu ture.Naachin kuni hanga kuruphee bishaan dhuguuf dhufte qacam godhee liqimsutti waan nabseen jiru hin fakkaatu ture.Fincilli Oromiyaas isa kanaan wal fakkaata.Ummanni Oromoo galmaafii kaayoo isaa isa guddaatti saffisaan tarkaanfachaa jira.Jabina akka gaalaatiin qabsoo ufduratti dhiibaa jira. Kana hubachuuf immoo hayyuu siyaasaa yookin Oromoo tahuun nama hin barbaachisu.
Dhumarrattis barreeffama as dhihoo kana Proofesar Masaay Kabbada mata duree “Ethiopia at the Eleventh Hour of Peaceful Change” jedhu jalatti barreessaniin haa xumuru.
‘’ Aangawoota Wayyaane waan haaraa uumame kana hubachuu dadhabanii oliif gadi raata’aniif waan tokko isaan yaadachiisu barbaada.Ummanni Oromoo dhumarratti Sodaa injifateera.Seenaa garagaraa irraa akka hubannutti immoo Ummata Sodaa injifate dhaabun hin danda’amu. Rakkoo akkanaa kana yeroo muraasaf dhaabun danda’amun ni mala , garuu guutumaan guututti awwaalun tasumayyuu hin danda’amu.’’