Oduu Haaraya

“Haala Yeroo Irratti Odeessa Waliigalaa”

 

Dammaqiinsa har’a sabni oromoo irra gahee jiruuf sababni bara 1973 tti uumama ABO tahuuf homaa shakkiin hin jirtu. ABO har’a uummata oromoo biratti dhaaba tahuurra dabree qaama maatii saba oromoo tokko tokkoo tahee jira.  Uummanni oromoo waggoota digdamman dabran kana ABO har’a-bor uummata isaatti as deebi’ee gurmeessee lolee lolchiisa kan jedhu abdiidhaan jiraachaa turre. Kun osoo hin tahin hafee cunqursaa fi roorroon hammaannaan usnee taa’uu dadhabuurraa ifumaan kaanee waan nutti fakkaatee, karaa nutti fakkaateen diina ifirraa faccisaa jiraachuu keenya baatilee lamaan dabran kana keessatti argaa jirtu.  Maqaa malee homaa tokko akka hin jirree har’a nuuf ifaa tehee jira.  Kunis nuuf gaarii dha, sababni isaas waa jira jennee abdii hin jirreen jiraachuurraa akka hin jirre mirkaneeffannee gara fuula duraatti waan nu baasu falanna jechuu dha.  Haatahu ammoo, falmaa uummanni keenya harka qullaa lubbuu isaanii wareegan maqaa itti fudhachuuf qophiin jiraachuus akkasuma quba qabna. Kun karaa qajeelaa osoo hin taane dhiiga uummata keenyaan qoosuu dha jenna.  Uummanni maqaa ABO tiin Asmaraa Ertiriyaa)  fi biyyoota adda addaa keessa jiraatan wanna isaan walitti daddabarsan armaan gaditti laalaa tii isinummaan dhugaa fi kijiba adda baafadhaa. Waan hin jirreen uummata gowoomsuun waan yeroon itti dabre nuti fakkaata.

Galatoomaa

Haala Yeroo Irratti Odeessa Waliigalaa

Humnaan uumammuu  empaayera Itophiyaa irraa jalqabee ummatootni harqoota gabrummaa jalatti kufan bittaa humnaan irratti fe’ame kana of irraa jigsuuf yeroo adda addaatti fincila gaggeessaa turan.

Fincilootni gara garaa Kaaba Oromiyaa Walloo fi Fincilli Baalee akka fakkeenyaatti kaafamu. Gama kaaniin ummatni Oromoo bittaa alagaa kana qabsoo karaa nagaan of irraa buusuuf Waldaa Maccaa fi Tuulamaa ijaarratuun yaadatamaa dha. Haa tahu malee mootummootni Itophiyaa bifa kamiinuu ijaaraman gaaffii Oromoo fi ummata Oromoo irraa sodaa waan qabaniif sochii kamuu qacalummaan dhaamsuuf tarkaanfii gara jabinaa fi hammeenyaa lammiilee Oromoo mul’atoo fi ummata Oromoof dhimman irratti fudhataa turaniin fuula dura tarkaanfatee galii isaa gahuu hin dandenye.

Akeeka fi kaayyoo ummata Oromoo ifa gochuu fi daandii itti galii isaa rukutuu danda’u kan qiyyaafame dhaloota ABO waliin ture. Akka kanaan ABOn hundeeffama isaa irraa eegalee bilisummaan ummata Oromoo kan mirkaneeffamuu danda’u:

  1. Qabsoo Hidhannoo fi siyaasaa,
  2. Qabsoo diploomaasii fi,
  3. Hirmaannaa ummataa qindeessuun qofa tahuu akka imaammataatti raggaasuun ittiin sosso’aa har’a gahe.

Har’a QBO tooftaalee qabsoo olitti ibsaman irratti hundaa’uun gaggeeffamaa jira.

Yeroo ammaa kana ummatni Oromoo roorroon mootummaa gabroomfataa irratti cimuu irraa diddaa isaa Oromiyaa mara keessatti adeemsisuu irratti argama. Finciloota takka finiinaa, takka qabbanaawaa har’a gahan boodatti deebi’anii seenaa jalqabbii isaa hubatan malee kan ammaa kana bareechanii hubatuun hin danda’amu.

Gaaffiin bilisummaa ABOn kaafamee waggoota dheeraaf qabsaawotni Oromoo irratti wareegaman har’a kaayyoo ummata Oromoo hundaa tahee akka jiru hin falamsiisu. Kaayyoo kana jalattis murnootni hawaasaa gara garaa haammatamanii qabsoof kan irraa eegamu gumaachaa jiran. Hundaan olitti ammo dargaggoo fi barattootni Oromoo adda duree tahuun qabsoo biyya keessaa finiinsuu keessatti qooda ol aanaa qaban.

Fincilli Oromiyaa keessaa gara jalqabaa 2000 irraa eegalee deemaa ture. Gaaffiin bilisummaa, Walabummaa  fi dimokraasii 2001 gubatuu bosona Baaleen wal qaabatee ka’e, ajjeefamuu, hidhamuu, reebamuu fi ari’amuu barattoota hedduuf sababa tahuun kan dagatamu miti.

Isaan asittis shira diinni ummata Oromoo Finfinnee keessaa haxaa’uuf golgaa “Teessoon mootummaa naannoo Oromiyaa Adaamaa tahuu qaba” jedhee murteessuu irraa fincila geggeeffameen shoorri dargaggootaa ol aanaa ture. Wareegama gosa hundaa kafaluun mirga ummatni Oromoo biyya isaa keessa jiraachuuf qabu tiksisiisuuf carraaqqii ol aanaa godhan. Fincila yeroosii keessattis goototni ilmaan Oromoo kanneen akka Jaagamaa Badhaanee, Alamayyoo Garbaa, Dirribee Jifar fi kudhnootaan lakkaawaman lubbuu isaanii ummata isaaniif dabarsuun kennanii jiran.

Sochii Dargaggotoaa kana bara 2011 kaasee ABO bifa itti gochuu, jarmyaa itti gochuu fi leenjisaa fi deggarsa mallaqaan qaqqabu irratti guddoo hojjate. Kana keessaa qooda kan fudhataa bahan ala kana miseensummaa fi hoggana keessaa kan qooda qaban ni jiru ha’ra.

Bara 2011 fincila ummataa kana jabeessuun mootummaa kanatti xumura gochuuf karoora dargaggoota kanaaf baafameen dargaggoonni caalmaatti ijaaramuun dhugaa qabatamaa fi mul’ataa dha. Waggaa kana dargaggoon maqaaSochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Demokrasiif (Qeerroo)”  moggaafatee hoggana tolfatuun ijaaramuu ifatti of akka labsan godhame.

Fincilootni haga ammaatti adeemsifaman akkamiin akka adeemsifaman, akkamitti akka adeemsifaman osoo hin beekiin kanneen sochii kana butatanii kan ofii taasifatuuf carraaqan akka mul’atan kan hundaan yaadatamu dha. Haa tahu malee ABOn harki diinaa akka caasaa fi maadhee hin seenne jabinaan tiksaa fi yeroo gariis wareegama baasaa fincilli kun akka itti fufu taasise.

Fincilli yeroo ammaa jechuun baatii Sadaasa, 2015 eegalee Oromiyaa waliin gahe kun osoo hin eegaliin dura, ummatni Oromoo filannoo kijibaa Wayyaaneen qopheesse keessatti akka hin hirmaanne taasisuu irratti kan xiyyeeffame ture. Ijaaramuu Qeerroon asittis  kanneen halaalaa fi itti dhihoo irraa mootummaa Wayyaanee karaa nagaa qabsoofnee of irraa kaafna  jedhan hundi dhuunfatuuf kan ofii taasifatuuf yaaliin godhan guddaa dha.

ABOn fincila kan ammaan dura marii bal’aa karaa caasaa biyya keessaa adeemsisuutti dabalee, barnootaa fi leenjii gara garaa FDG irratti  keennuun fincila ammaaf ofis tahe caasaa ABOtti hidhatoo dargaggotoa qopheessaa bahe. Haa tahu malee hojiin gama dhaabaan hojjatamu nageenya ummata keenyaa fi caasaa keenyaaf akkasumas qaawwa diinaaf kennuu irraa of tiksuuf kan labsamuu fi hundi beekuu qabu waan hin tahiiniif hubannaan miseensota dhaabaa fi hawaasa keenyaa kana irratti qaban wal bubuusa.

ABOn qooda finciloota keessatti qabu beeksisuu ykn himatuu  irraa kan of qusatu, kanneen dhimma kana irratti hojjatan akka hin gaaga’amneef nageenya isaanii tiksuuf, lammeesso basaasotni diinaa caasaa fi maadhee seenuu akka hin dandeenye hanga danda’ame ittisuuf yaaduu irratti. Kanaan guutummaatti milkaa’ame jedhamuu baatus balaa gahuu malu xiqqeessuun danda’amee jira jechuutu danda’ama. Fuula durattis taanaan kun kan ibsamuu hin tahu. ABOn hojii isaa iccitiin tikfatee itti fufa. Daandiin hordofamaa jiru kanaanis jeequmsa kanneen nutu fincillsiise, nutu dursa jedhanii abbummaa himatuu barbaadan jiraatuun yaadessaa tahu hin qabu.

Waraana Bilisummaa Oromoo:

Yeroo ammaa kana miseensota dhaabaa fi hawaasni keenya keessattuu kanneen biyyoota ambaa keessa jiran beekuu dhabuu irraas tahu, hawwii  irraas haa tahu beekaa, WBOn  fincila ummataatti makamee tarkaanfii fudhatuu dhabuu irraa  komii dhiheessan hedduu dha. Fincila ummataatti makamee tarkaanfii fudhatuu qaba jedhanii falman. Kun imaammata dhaabaa wallaaluu irraa madda. Fincilaa fi qabsoon hidhannoo wal keessa kan adeemsifamu miti. Fincilli ummataa karaa nagaa seera biyyattii himatuun jalatti adeemsifamu dha. Kanneen karaa nagaa qabsaawan itti makamuun kiyyoo diinaa keessa kan seensisuu fi ummatni akka gaaga’amu kan taasisu tahuu irraa WBO bakkoota fincilli hin jirreetti  waraana diinaa target godhatuun sosso’a. Kun imaammata dhaabaa WBOn hordofu tahuun hubatamuu qaba.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …