Oduu Haaraya

Addi Bilisummaa Oromoo ABO jijjiramaan beekamutti HD ta’ee kan ture G/Kamal Galchuu hatattammaan hooggansa HDummaa isaa irraa akka ari’ame beeksisuu.

 

OROMO LIBERATION FRONT                   

Gaafa:  Onkoloolessa/23/2014

Date:   10/23/2014

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

G/Kamal Galchuu eerga HD ABO jijjiramaa ta’ee hojii eegalee kaasee,sababaa dandeettii hooggansaa fi ga’umsa dhaabiinsa irraa kan madden seeraa fi heera dhaabaa irratti hutubamee masakamuu lakkisuun yeroo gara yerootti dhaaba keenya diigumsa dhuma hin qabneef saaxilee jira. Hooggansa waloo dhoruudhaan fedhiii fi amala dhuunfaa isaa dhaaba keessatti gadi dhaabuuf tataffii taasisuun miseensaa fi deeggaraa dhaabaa eddu facaaasee jira. Dandeettii hooggansaa dhabuu fi amala dhuunfaa isaa kan yeroo gara yerootti akka sirreefatuuf akkasuma heeraa fi seera dhaabaa kabajee diigumsa dhalchaa ture irraa akka dhaabatu gorsaa fi yaaliin yeroo eddu godhameef bifa walaalummaa irraa madden moggaatti dhiisee gara hooggansa nama tokkootti dhaaba ceesisee jira.

Gama biraattiin galii fi imaamata ABO tokkummaa oromoo fi qabsa’otaa irratti  qabu hojiitti hiikuu diduudhaan yeroo hunda tokkummaa qabsa’otaa fi mooraa oromoo tasgabbeessuuf yaalii godhamu dura dhaabbanaa isaatiin firii argamsiisuun dadhabame. Jaarsoliin, beektotii fi namootiin qabsoo sabaa kana keessatti gahee guddaa qabaachaa turan  gorsaa  fi  gargaarsa  taasisaniif  ija  tuffiin  ilaaluun  dhuma  irratti  miseensaa  fi hooggana dhaabaa yeroo gara yerootti facaasaa fi imaamata dhaabaa dhimma dhuunfaaf dursa kennuun fashaleesse.

Imaamata Jila qabsaotoon murteeffame hojiitti hiikuuf yeroo KHRtu yaalii gootutti dura dhaabbachuu fi murtee hoogganni waloo murteessu hojiitti hiikuu diduudhan, dhaaba keenya keessatti maqaa qabsoon dhimma dhuunfaa isaa oooffachuu fi dheebuu aangoo dhuunfaa isaatti qabuuf jecha milkii qabsoo keenya goonfachuu qabdu balleessee jira. Gorsaa fi diniina jaallan hooggana keessa jiranii fi beektotiin oromoo kennaaafii turan diduudhaan hojii diiggaa irratti xiyyeefachuun imaanaa qabsa,otaa balleesse.

Karaa biraatiin raawwii hojii fi sadarkaa dhaabni irra jiru iftoominaan hooggnaa fi miseensaaf dhiyeessuu lagate. Sababni isaa maqaa qabsoon malaammaltummaa siyaasaa fi qabeenyaa dhaabaa keessatti cuuphamuudhaan yakka guddaa dalagaa jira. Yakka kana akka itti gaafatamummaa jalaa isa hin baafne hubachuudhaan, caasaa dhaabaa fi heera Jila qabsaawootaan murtaa’e akka dhuunfaa isaaf ta’utti jallisuun mooraa qabsoo oromoo keessatti argamee fi dhaga’ameen kan hin beekamne abbaa irrummaa fi ofittummaa dhuunfaa isaa jabeeffachuutti xiyyeefate. Bifuma wal fakkaatuun qabsa’ota wal irratti ijaaruudhaan qabsa’ota gidduutti tasgabbii fi wal amantaan akka badu taasisee jira. Itti gaafatama itti kennamee fi qabeenyaa dhaabaa dhimma qabsoof oolchuu irra dhimma dhuunfaa (matayyaa) isaaf oolchuudhaan qaanii guddaa dalagee jira.

Dheebuu aangoo fi malaammaltummaa dalage kana irraa ka’ee yeroo wa’een tukkummaa ilmaan oromoo akka hojiitti hiikamu mariif dhihaatu dhukkubbii mataa itti ta’e. Kabajaa fi safuun oromoon waliif qabdu dagatuudhaan mooraa oromoo irra gara alagaatti cillaaffatuun badii irratti badii dalage. Wayyaanee caala akka nama dhuunfaatti tokkummaa oromootu yaaddoo guddaa itti ta’e. Kun hunduu dandeettii fi ofitti amantummaa dhabiinsa isaa irraa kan madduu dha. Icciiti dhaabaa hooggana dhaabaa irraa aguuguudhaan alagaan dhimma dhaaba keenyaa akka dursanii beekan taasisuun sirnaa fi discipline dhaaba keenyaa cabsee jira.

Dhaaba keessatti garee uummachuun namootii heeraa fi seera dhaabaa maal akka ta’e hubannaa hin qabne ijaaruun qabsa’ota dhimma qabsoof dhama’an akka salphisaanii fi safuu oromoo akka cabsan taasisee jira.

G/Kamal galchuu amala wayyaaneen oromoo qoqoddee ittiin bitaa jirtu akkuma jirutti fudhachuudhaan dheebuu aangoo isaa bahuuf jecha hoogganaa fi miseensa gidduutti shakkii fi olola dharaa labsuudhaan dandeettii malee aangoo irra turuuf fedha qabu hojiirra oolche. Karaa biraatiin akka hubannoo fi ilaalcha isaatti hoogganni isaan qixu ykn egeree oromoof jiru isa duwwaa akka ta’etti of gowwoomsuun daran dandeetti dhabuu fi walaalummaa isaa gara hojiitti jijjiiruu yaale. Kanaaf akkaatan inni itti of ilaaluu fi itti gaafatama itti kenname dhimma itti bahu wayyaaneen gochaa kan turte irraa addaddummaa hin qabu. Heeraa fi seera dhaabaa akkasuma imaamata dhaabaan masakamuu irra amala dhuunfaa fi barmoota wayyaaneen ittiin oromoo  bituuf dhimma itti baatu dhaaba keessatti hojiitti hiikuu yaale. Kun hunduu kan madde dandeettii fi beekumsa akkasuma ga’umsa hoogganummaa dhabuu fi ofiitti amantaa dhabiinsa dhuunfaa isaa irraa kan maddee dha.

Kana irraa ka’uudhaan G/Kamaal Glachuu kana booda dhaaba keenya ABO fi qabsoo walii gala oromoo hoogganuuf akka dandeettii itti hin qabnee fi kufaatii amma yoonaa dhalcheef itti gaafatamuu kan qabu ta’uu hubachuun, itti gaafatamummaan itti kenname irraa mulqamu murteen siyaasaa fudhatamee jira. Amala dhuunfaa abbaa irrummaa dhaaba  keessatti  gadi  dhaabuuf yaalii  godheen  kana  booda  dhaaba  hoogganuu  fi imaamata dhaabaa hojiitti hiikuuf amlee fi dandeettii itti hin qabu.

Bifuma kanaan kana booda amala dhuunfaa isaatiin dhaaba keenya baruma baraan diiguu fi mooraa qabsoo oromoo tasgabbii dhoowwuun akka itti fufu bifa kamiinuu hin eeyyamnu. Gorsaa fi barumsi yeroo dheeraaf isaaf tasifamaa ture dhuma irratti abbaa irrummaa isaa irraa kan madde gatii dhabee jira. Seerrii fi heerri dhaabaa kabajamee dhimma nama dhuunfaa keessaa baanee dhimma qabsoo sabaa geggeessuun murteessaa waan ta’eef badii G/kamal dhalche akka hoogganatti kana booda obsaan eeguu waan hin danda’amneef murtee siyaasaa fudhachuun akka murqamu ta’ee jira.

Amma korri walii gala dhaaba keenyaa walgahee HD filatutti dhaabni keenya KHR fi qabsa’ota gameeyyiin hoogganamaa deema. Imaamatii fi muldhati dhaaba keenyaa kan yeroo dheeraaf dura dhaabbannaa G/Kamaliin dhoramaa ture akka hojiitti hiikamu akkasumas tokkummaan ilmaan oromoo waanta hunda dura akka dursa argatu hojatama. Akkasuma diinni keenya wayyaaneen bifa dhoksaanis ta’ee bifa ifa ta’een dhaaba keenya dhoraa kan turte kana booda bifa kamiinuu bakka bu’ummaa ishee kan hin eeyyamne ta’uu keenya hubachiifna.

Carraa kanatti dhimma bahuudhaan hoogganootiin, qondaalonnii fi miseensonni dhaaba keenyaa kana dura sababa waldhibdee G/Kamal Galchuu dhalcheen dhaaba keessan dhiiftanii   bifa   gara   garaan   turtan   akka   dhaaba   keessanitti   deebitanii   dirqama lammummaa akka baatan kabajaan isin gaafanna. Ammas rakkoo G/Kamal Galchuu dhalcheen bakka bu’ootiin diina tokkummaa fi humna ta’uu oromootti gufuu ta’an akka dhaaba keenya keessaa qulqula’anii fi lootee seentuu akka of irraa qolattan miseensa dhaaba keenyaa hundaaf dhaamsa dabarsina.

Oddeefaannoof : (1) Dr. Nuuroo  Daddafoo,  jibbaa.roorroo@gmail.com, phone No.(612)559-0489

(2) Brigadier Hayiluu Gonfaa , dhugaasaawaltajjii@gmail.com , phone No.

+291 7179 153

(3) Dhaabaa Guutaamaa,  dabagutema@yahoo.com , phone No.

+4774167643 Koree Hujii Rawaachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 23, 2014

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

3 comments

  1. NAMNI “3”DADHABINA MATAA ISAANII YOO ITTI HIMAN OLOLA NAMARRATTI OOFAAN YKN ABBAA OLOLEEF SALPHINA ISA KEESAA HIN BANE
    RABBIIN ISAAN HAA SALPHISU

    KIJBTOOTA YEROO HUNDAA KEESSAN KANUMA SALPHINA DULLUMMA KEESAA RABBIIN NAMARAA HAA QABU
    Hedduu waan garaa nama nyaataati garuu Barruun tun akka seenaatis waan nama wol gaafachiisaati namni Sadiin tuniin Barruu ololaa kana kan Barreessan Dadhabinaa fi Rakkoolee adda adaa dhaaba kana keessatti waan uumaniif Dadhabina ykn Badii ufii fudhachuu Diduu irraa kan ka’een waan kana Barreessani.

    Amoo Barruun tun isaaniif Salphina akkuma mamaayni jedhu malaanuu “”Dhuufuun Daalati””akkuma jedhamu tana umman Oromoo maddi Barruu kanaa maali jedhee hubachuu qaba umman Oromoo

    Akka Durii san Barruu Dubbiseetuma Barruu namni Tokko Barreessee jala fiiguun hafee jira umman Oromoo yeroo ammaa kana Qaroomee jira namoon waan agarte Barreessitu ufumaa itti Salphata tun Gurratti si Calawu.

    Ani gama kiyyaan akka Nama Tokkooti yaada kana kan fudhu yoo Miseensi gumii sabaa namni Cufti irratti wolii gale qofa ykn akkuma Olola Baroottan dabrna Qabsoo ummata Oromoo qancarsuu fi Qanccarsaa turan sanin wol fakkaati.

    Amoo namoon Barruu Ololaa kana Barreessaan kunin Salphin isaanii ykn maal irraa akka ka’anii nama Sadihiin waan kana Barreessan dhageetii ummata Oromoo Biratti isaaniif Salphina gudda.

  2. Ana nadhibee dhiiroo kam qabannee kam dhiifna!!dhiiga sabaafi ummata hiyyummaafi wayyaanen gubde isin Aworoppaa teessani dhugaas tahe sobas tahe barressitan kuni wantakas fidaa hinjiru.maaf garuu?eenyutu yogguu barataan qalamaan lolu ,yeroo sareen reeffa isaanii nyaattu.eessa jirtan? G.kamal har’a badaa tahee muldhate kanaan dura kaumsa qabsootiifi sochiin inni godhe nuboonsa.badii hojjatuufi dhabuu isaa rabbiitu beeka.Ani gaaffi nama gaafadhuufi deebis dhabe caldhiseera waae keenya kana.

  3. mimi Oromtitti Oromoo

    Adaraa uummanni biyya faranjii teessanii oduu xaxxan warra biyya keessa diina fi rakkoodhaan xaxamee jiruuf jecha maqaa wal hin xureessinaa…
    Silaa kan diinaa jenna malee keenyayyuu sana caalaa jira.dhimma Kamaal Galchuu isa bara meeqaa har’a mata duree godhattanii kaatani?dhimmuma gabrumma saba fi biyya keenya dhuunfatee jiruyyuu waan irratti maryattan hin qabdani.QBO dhugaa hunda dura biyya fi saba koof jedhee bosonatti rakkoo meeqaan gubatu WBO goota hundaa kan tahe qofadha kan dhimma sirriitti dhimma Oromoo fi Oromiyaa yoo dubbatellee irraa bareedu.qoreen isa hin waraanin.uummata Oromoo QBO biyya keessaa qarqaarsa fi gorsa tokko malee irratti gidiramaa jiru Rabbi bira haa dhaabatu.