Oduu Haaraya

Kabajaa ayyaana Iidal adaha kan bara 2013 ilaalchisee ibsa dhaaba ULFO irra kenname.

Waan Hunda Dura Maqaan Rabbii Haa Duursu.

EID MUBARAK

Akkuma bekkamu ayyaanni Iidal adaha Guutuu Ummata islaama idil addunyaa biratti ayyaana waggaa kan bifa ho’aan kabajamuudha. Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa ULFOn ayyaana kana sababeeffachuun Ummata Islaamaa guutuu Oromiyaatii fii Ollaalee Oromiyaa maraan akkasuma ummata islaamaa kan Qabsoo haqaa irra jiran maraaf dhaamsa kanaa gadii dabrsa.

Seena amantii islaamaa keessatti ummanni keenya hangafa hordoftoota maraatti. Jaarraalee hedduuf gabrummaa ulfaata jala waan turaniif akka dheerina seenaa isaatti roga hundaan dagaaguu hin dandeenye. Haa tahu malee akkuma hangafa ta’uu isaatti miseensota baay’ee horachuun isaa beekkamaadha. Ammaas taanaan Impaayera itiyoophiyaa keessatti kabajamuun mirga amantii akkuma kan mirga sabootaa danqaa hamaa jala jira. Sababaan rakkoo kanaa inni guddaan akkuma hangafoota isaa sirni wayyaanee EPRDF kan fedhii ummataatiin filame waan hin taaneef kabajamuun mirga amantii fii namoomaa isaanirraa tasumaayyuu hin eeggamu. Kabajamuun mirgootaa fii amantii baroota dabran keessa ummataan sobaa turan hundi kunoo yeroo isaa eeggatee sirna wayyaanee harkatti fashalee jira. Eega akka kanaan falmaan mirga amantii guutuu biyyaa keessatti dhoohuun isaatiis kanumaafi.

Gaafiin ummata islaamaa kan bara lamaan dura filannoo majlisul Aalaa qofa irratti gabaabbatee ka’e debii dhabuun gara gaaffii siyaasa kan guutuu biyyaatti jijjiiramee jira. Gaafiileen mirgaa kamuu deebii male argachuu kan danda’u biyya ol aantummaan seeraa keessatti mirkanaawe duwwaadha. Ummanni Islaamaa Gaafi isaaniitiif deebii male argachuu dhabuun kaan hidhamuu, ajjeefamuu fii biyyarra ari’amuun seera dhablummaa waan ta’eef hogganni dhaaba ULFO/THBO ciminaan ni balaaleffata. Kanarra ka’uudhaan jijjiiramni haalaa bal’aan mul’ataa jira. Jiiiramni kun roorroo hammatte irraa kan ka’e guutuu biyyaatti keessatti tarsimoo qabsoo haaraya saaqee jira.carraan kun ayyaana Iidal adaha kan bara 2013 kan addaa isa taasisa. Keessumattu roorroon ummata islaamaa irratti deemaa kan ture ta’uus yeroo isaa eeggatee itti dammaqamuun waan guddaadha.

Ummata cuqurfame kanaaf Qabsoon bifa kamilleen haqa tahee osoo jiruu tartiibaa fii mijjaawina dhabuun baroota roorroo danuu if duuba naannessee jira. Wanni gaariin yeroo Qabsoo sabboonummaa cime dagaagaa dhufe kanatti Obsi ummata Islaamaatiis dhumatee dhoohuun isaa sirna gabroonfataa wayyaanee kan maayyii isa taasisa. Qabsoon roga hundaan qindaawee haalaa fii yeroo tokkotti wal sime kun cunqurfamoota impaayera itiyoophiyaa bira taree nageenya godina gaafa Afrikkaatiif qooda guddaa gumaachuuf gulufaa jira.

Qabsoo kana milkeessuuf lammiileen biyyattii marti sabaafii amantiin osoo wal hin qoodin qabsoo kanairratti hirmaatanii jijjiirama hundee akka fidan hogganni dhaaba ULFO dhaamsa isaa dabarsa. Qabsoo wal irra hin cinneen seer- dhablee fii Sirna Rabbi-dhableen waayyee xumura itti godhuuf yeroon amma.
”Aangoon shiraan bu’uramte hin waartu qabsoon facaatii
Cubbu haqaatu irra aana ragaan jecha Gooytaatii.”
Tokkummaan Humna !!!
Iznii Rabbiitiin Murni Haqaa Ni Mooha !!!
Oromiyaan Ni Walaboomti !!!
KHR ULFO
Oct 15, 2013

Odeeffannoo dabalataaf
Email:- info.ulfo2012@gmail.com

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Hedduu gaariidha.Ummata cunqurfame hunda rabbiin haqa kana akka hubatan haa taasisu.Rabbiin isin waliin haa jiraatu, Nutiis waan nurraa eeggamu maraan isin waliin jirra jabaadhaa.Nutiis akkuma rabbiin haqa nurratti godhe qabeenyaan,lubbuun,dandeettii qabnu maran akka isin waliin hirmaannu daandii keessan nuuf dhaamaa.Fayyaa tahaa.