Gaaffii fi deebii OMN Abbaa Biyyaa Roobaa waliin gaggeesse kan kutaa 4tti qoodamee dhihaate nin hordofe. Abbaa Biyyaa Roobaa qabsoo keessatti nin beeka. Umrii isaa keessaa baroota hedduu kan inni qabsoo Oromoof wareegeef kabajaa fi jaalalan qabaaf. Haa tahu malee gaaffii fi deebii OMN waliin gaggeesse kana Kutaa isa xumuraa (4ffaa) keessatti dubbii inni ittiin hoogganoota gaafatamaan isaa ol turan yakkuuf carraaqe oggaan dhaggeeffadhe hedduun isa taajjabe. Bakka isaa bu’een qaanfadheefi. Kan hin qaanfanne nama qaanfachiisa jedhu mitii? Abbaan Biyyaa yeroo qabsoo keessa turetti akkuma jabinas qabu laafina/rakkina guddaa namuu irratti beeku kan namni isa waliin qabsoo keessa ture hundi ragaa bahuu danda’u qaba ture. Kunis ilaalcha gosummaa ti. Abbaan Biyyaa yeroo gaarreen Oromiyaa keessa tures tahe yeroo biyyoota ollaa keessa ture ilmaan Oromoo qabsoof jecha isa waliin hiriiran keessaa namoota naannoo Oromiyaa murtaawaa qofa filee fi odeeffatee ofitti qabuudhaan noonnoolee biroo irratti kakaasuu fi olola maqa balleessii hoogganoota jaallan isaa tahan kan naannoolee Oromiyaa hanga tokkoo irratti of qusannoo takkaan maleetti gaggeessaa nama turee dha.
Abbaan Biyyaa Dhaaba keessatti ilmaan Oromoo naannoo fi gosaan qoodee kaan ofitti qabuu fi kaan irratti duulchisuu bira kutee gochaa farra tokkummaa Oromoo kan Dhaaba keessatti oofaa ture sana naannoo bara 1998 irraa eegalee (erga biyyoota ollaatti gadi bahee fi carraa qunnamtii bal’aa argatee) hawaasa Oromoo keessattis summii facaasuu hojii isaa halkanii-guyyaa taasifatee akka ture miseensa qofa osoo hin taane ummata inni summii farra tokkummaa Oromoo kana itti facaasaa ture hedduu ragaa itti dhiheessuutu danda’ama.
Abbaan Biyya ilaalcha gosummaa kana maaliif cichoominaan gaggeessa? yoo jedhame gosa bakka bu’aa isaa of fakkeessu sanaaf adeemsi isaa sun bu’aa argamsiisaaf osoo hin taane cinaacha laafaa dhuunfaa isaa ittiin golgachuufi. Dadhabina hojii irratti agarsiisuuf yoo itti gaafatame ani nama ganda ykn. gosa sanii waanin taheefi…..kkf. jechuudhaan namoota hubannoo yaraa ittiin of cinaa hiriirsuufi. Ilaalcha kanaanis Dhaaba keessatti waan barbaadu galmaan gahachuu hin dandeenye. Yeroo irra gara yerootti saaxilamaa fi tuffatamaa deeme malee. Abbaan Biyyaa 2004 hoogganummaatti filamuu keessaa akki itti hafes inni waan ana hin filinaa jedhee iyyateef osoo hin taane miseensota hunda keessatti (warra inni akka bakka bu’aa isaaniitti of yaadu dabalatee) cinaachi laafaan isaa kun saaxilamee namuu waan humaattuu isa lakkaawuu dhiiseef akka hin filamne beekee dursee fakkeeffachuuf “Na hin filinaa” jala buufatee ti.
Adeemsi Abbaa Biyyaa Roobaa kan farra tokkummaa Oromummaa akka tahe (ilaalcha gosummaa akka tahe) gaaffii fi deebii OMN kana keessattuu arraba isaa irraa ragaan dhagahameera. Fottoqa 2008 ABO mudate keessatti warra maqaa “Jijjiirama” jedhuun Dhaaba irraa fottoqeef deggersa qabaachuu isaa akka xalayaadhaan beeksise innuu himateera. Fottoqni sun ammoo waa’ee maalii akka turee fi akkamiin akka xumurame har’a namni iccitii isaa hin beekne jira hin fakkaatu. Wanti Abbaan Biyyaa Dhaabaa keessatti oofaa ture kan inni itti milkaawuu hanqifame waan Oromoof tolaa osoo hin taane waan akka 2008 uumamee sana ture. Kan nama dhibu har’a illee osoo itti-baha isaa arguu qaanii malee sana himachuu isaa ti. “Namni hoolaa Owubarree nyaate ofiin dudubbata” jedhu mitii?
Abbaan Biyyaa gaafatamni hoogganummaa akkamiinii fi sirna kam keessa dabree ulaagaa akkamfaa guuttatee akka namatti kennamu sina Dhaabaa osoo beekuu dargaggoon Oromoo hangi tokko maatii isaanii biraa bahanii qabsootti waanuma dhufaniif fi barnoota idilee hanga tokko waan barataniif qofa hoogganni Dhaabaa ba’aa gaafatamummaa hoogganummaa qabsoo isa irra jiru itti dabarfachuu akka waan danda’uutti haasawuun dhuguma guddina qabsoo fi jabina Dhaabaaf yaaduu irraa miti. Erga ani keessaa bahe ABOs tahe qabsoon Oromoo baddus jiraattus dhimma kiyyaa miti jechuu yoo tahe malee waan hundi akka qabdi.
Walumaagalatti ofittummaan, ilaalchi gosummaa, bololli aangoo….kkf. Abbaan Biyyaa ittiin hoogganoota ABO kanneen ba’aa qabsoo itti mulqatee biraa deeme ittiin yakkuuf yaale waan Abbaa Biyyaa Roobaatiin himan malee waan hoogganoota ABO har’a illee jireenya isaanii qabsichaaf wareeguutti jiran kanaan himan miti. Kana miseensotaa fi deggertootni ABO waa’ee Dhaabaa fi hooggana Dhaaba isaanii hordofan tolchanii beeku. Hoogganootni ABO kanneen Abbaan Biyyaa ba’aa qabsoo itti mulqatee biraa gara jireenya dhuunfaa isaatti deeme yakki isaan ittiin gaafatamuu malan guddaan tokko Abbaa Biyyaa Roobaa gochaa farra tokkummaa Oromoo inni Dhaaba keessatti gaggeessaa tureef adabbii seeraa sadarkaa isaatiif malu akka itti adabamu gochuu hanqachuu qofa natti fakkaata. Dhugaan jiru kana.
Xumuruu kiyya dura OMN warra dubbii Abbaa Biyyaa kana qilleensa irra oolcheef yaadachiisni ani qabu olola maqa xureessii Abbaa Biyyaa Roobaa hoogganoota ABO irratti qaanii malee gaggeesse kan miidiyaa keessaniin dabarsitan kana ilaalchisee warra inni maqaa isaanii bifa kanaan xureessuu yaale irraas deebii isaan waan kana irratti qaban gaafattanii yoo miidiyaa kanaan ammuma osoo dubbiin hin qabbanaawin ummataaf hin dhiheessitan tahe isinis akkuma Abbaa Biyyaatti hoogganoota ABO maqaa xureessuuf akeeka qabaachuu keessantu dhugaa taha. Yaadachiisni lammaffaan ani isiniif qabu dubbiin bifa kanaan dhihaattu qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuuf fi guyyaa Bilisummaa Oromoon dheebote dhiheessuu keessatti bu’aa maalii qabaata jettanii akka waan kanatti mirqaantan osoo Ummata maallaqa isaatiin isin jiraachisu kanaaf ifa gootaniis gaarii taha yaada jedhuu dha. Sababni isaa Oromoon OMN kan jaallatuu fi gargaaruuf adeemsa qabsoo Oromoo keessatti jabinoota mul’atan dhaadhessanii akka dhaloota amma lafaa ka’aa jiru onnachiisutti dhiheessuudhaan hojii qabsicha jabeessuu fi guyyaa bilisummaa dhiheessuuf qooda qabu hojjettu jedhee ti malee waan hamilee dhaloota ol adeemtuu cabsuu fi qabsoo fi siyaasa Oromoo irraa abdii kutachiisu akkasii (olola maqa-xureessii) kan namni qabsoo dhiisee jireenya ofii gaggeeffatu qabsaawota jireenya isaanii wareegaa jiran irratti oofu akka dhiheessitaniif natti hin fakkaatu.
Na hoofkalchaa !
Simboo Abbaa Danuu
Sep. 21, 2015
Simply Fact ! Wello Done !
Yaanni abbaa biyya yaada doggogoraati
Gaafa haramaayaa ture naanno kharrotti nama heddu fixe . Nama gosa warjii abdallaa ja’amu maallaqa dhaabaa kuma 100 kenne fi achi baafachise . Gaafatamnaan hattudhaa dhiisa nuin ja’e .
Gaafa bultum waliin makkaa dhufe namota gosaan warjii tahan walitti qabe warra akka mu’aaz kaasim faa jaare bira deme
Yaa dhiiroo mee namuu waan keessa kuttan daqiiqaa tokkoof illee taatu dhaabbadhaa;keessa deebi’aa of gilgaalaa?Guuza waliif bahuun tokko isa tokko deggaruu fi inni tokko isa kaan abruun bu’aa maal oromoof buusa jettanii yaadduu???An kan na dhibu Oromoon walitti quba qabuu dhiisee,Yoomi?Kan diina isaatti quba qabuu??? Yaadaa fi sammuun guddannee wal bira kutuu maaltu nu dhorkee??? Wal komachuun fi walis qeequun maalif akka cubbuutti ilaalamaa? Oromoo keessatti inni qeequu fi qeeqamullee kan isaan akka du’aatti dheessan dhimma isaan ilaalu ofitti fudhatanii,Kan isaan hin illaalle ammoo seeraan lafa kaa’anii saba oromoo bal’aatti dhugaa himuu dadhabuu dha.Quba tokko namatti yeroo qabdan 4 ammaoo gama keessanitti akeekaa jiraachuu hin dagatinaa !
Yoo tokkooman,Humnooman !! Yoo humnooman Bilisooman !!
Yaa yartuu dhiira seenaa qabu kan akka Abbaa Biyyaa Roobaa maqaa xureessuuf yaaluun kee nama hin raaju. Maaliif yoo jette erga kuftanii dhi dhiitachaa waan jirtaniif.
Abbaan Biyyaa Roobaa Goota seenaa qabsoo Oromoo keessatti galmee kabajaatti galmaayee jiru akka ta’e xiqqaa fi guddaan Oromoo, Dhiiraa fi Dubartiin Oromoo tolchanii beeku.
Ati garuu somba Shaneetiin hafuura baafadhu,yartuun dhiira hin beektu waan ta’eef !!!!!
oduui malle malif hojetaani beekuu wara kanaaf gura keenu mitit yaa Obbo.