Oduu Haaraya

Qabsoon Oromoo eessa geesse?

Dur bara ijoollumaa inna warra saaniif hurraa bu’anii yk horii tiksanii yk dirree keessa taphataa oolanii manatt deebi’an ijoolleen olla toora tokko galanii mataa saanii dugda kan isaan fulduraatt irkisuun harkaan mudhii saa qabatanii deemuu eegalu. Kan duraa hoogganu qofatu waan halle arga.\ Jarri toora galan sun akkuma lafa ilaalanitt walfaana “Geenyee” jedhu. Kan fulduraa hogganu “Gawuu geenyee” jedha. Utuma akkasiin gaafataa, deebii “gawuu geenye” jedhu argataa deemanii, hoogganni “Geenye” jedha. Ol kahanii yoo laalan ganda gahaniiru. Waa abiddarra jira taanaan manni hin aara. Gorora coccobsaa gammachuun mana ofiitt arreedu. Karaa bu’aa bahiin itt baayyate irra haananii manii saanii gahuu caalaa kan gammachiisu hin turre.

Hanga yoonaa Oromoo qabsawoo ofiin jedhan mooraa lamatt hirree ilaalaa bane. Lamaanuu “geenyee?” jennen malee “Geenye” nuun jedhanii hin beekan. Tokko nu dhiisee bakka akeekkate gahee angoo nu bulchuuf dorgama jira; kaan karaan saa fagoo gufuun itt baayyatuu. Kan mooraa halagaatt gale, hirree halagaa gabbisuu irra darbee Oromoof bu’aa buuse hin qabu. Inni kaan haala dorgommeen hawaasa firaa fi diinaan marfamee, dhiibbaan karaa halleen itt tolfamuu keessaa caffatee bahuu dadhabee, jonjeen kan kahe bitaa fi mirga abaaraa jira. Oromoon dhugaa dhabee utuu hin tahin kan xiiqii qabu baafachuu dadhabe. Kanaaf Mooraa Walabummaa keessaa “Geenyee” utuuma jedhanii, “Gawuu geenye” jedhamaa, utuu hin gahin ganda itt galanitt ibdii suuqamaa jira. Gandichi gubannaan mooraan lachuu hin jiratuu, hundu boojuu fi deegaa taha. “Si sobu yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufii” isa jedhan sana. Kan galtuu sossobatan hamma mooraan walabummaa jiruttii.

“Golli Mormituu” Itophiyaa kan jiraatte mooraan walabummaa jiraannaanii. Dadhabuun mooraa kanaa “mormituu” hin jabeessuu. Kanaaf jaarmoti maqaa Oromoon socha’an si’anaa humna riphaa saba Oromoo calaqqisuu hin dandahani. Mooraan walabummaa jabaannan, akka jabaatanii jala dhaabbataniif mormituun caalaa cimfamu. Sun dhiibbaa sochii malbulchaa Oromoo waliigalaa laaffisu qaba. Jaarmoti hundi akka malee dadhaboo waan tahaniif kaka’a ummataa tasa tahu hamaa irraa ittisuun haala ijaarameen gara injififannoott qajeelchuu hin dandahanii. Kanaaf abdii hunda isaanirra kaa’uurra gamnootii fi goototi Oromoo furmaata wayyaa tahu irratt mari’achuu qabu. Oromoo kan feesisu ayyaaneffata abba tokkootaa utuu hin ta’in dhaabaoota jaboo dha. Sochiin saanii, abba tokkoota booda hafu yk too’atamuu dandahaa, jedhanii gaafachuun barbaachisaa dhaa.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) dhaaba Republika Oromiyaa Demookaraatofte ijaaruuf kakatee walakkaa jaarraa dura hojiitt bobbaa eegale. Yerooma sana kanneen gaaffii Oromoof Itophiyaa demokraatofte keessatt deebii barbaadna jedhanii dhaabota saba hedduu Itophiyaatt duudanii turan. Jarri akkasii Oromoon seenaa of bulchaa hin qabu jedhanii holola hamajaajiin kan hiikkatanii. Of hin beekneen, seenaa ofbulchaa sooressa qabachuu Oromoo dagatti. Utuu hin qabaanneeyyuu sun halagaan moo’amuu hin raggaasisu. Kanatt kan amanan bilisummaaf lubbuu ofii dabarsanii ABO ijaaran. ABOn, eenyummaan Oromoo bu’uura eenyuu sochoosuu haa tahu roga dhabsiisuu hin dandeenye qabaachuu saa ifa baase. Kanaaf diinni Oromoo fi keettoliin duula walirraa hin citne irratt gaggeessaa jiraatan. Haa tahu malee sirna bosoosaa ummati balfe jijjiiruuf waan dhaabbateef mooraa walabummaa balleessuun hin dandahamne. Hogganootii Empayera Itophiyaa takkaa balleessuu malee tolchuu hin beekanii. Mootummaan empayerichaa jalqabumaa akeeka saamichaa fi fixiisa qacee ilmoo namaa irratt hundaawe. Sochiin bilisummaa Oromoo, keettoo jijjiiramaa fi nagaatii. Ilaalchaa fi hojiin jijjiirammi argamu malee, moofaa wal gargaarre suphina jechuun furmaata hin tahu. Erga qabame bulchooti Itophiyaa Oromoon beeku ofirroo fi ofittoo qofaa. Dudhaa dhalmaan itt darbaa dhufe jijjiirratanii ummata koloneeffatan walqixummaatt ilaaluu hin dandeenyee. Empayerii isaan ittiin dhadatan diigamee eenyummaa ofii isa dhugaatt deebi’uu malee filmaati biraa hin jiru. .

Kaayyoo walabummaa bakkaan gahuuf qabsoon tolfamu sabicha badiisa irraa baraaruu irratt kan akeekkate waan taheef itt bahaa deema malee hin coollibuu. Oromoon ilmoo namummaatt amanan yoo namaa gaditt ilaalamaa hafuu hin feene, akka ummataati leeyuu qabna kan jedhan abdii sanaan socho’uu qabu. Yoo qabsichi itt bahaa deeme qofa furmaati kan argamu. Nammi qayyabannoo gaalchaa hin qabne, hamaa, tolaa fakkaatee dhihaatu hundaaf qeeqa malee ililchaa harka rukuta. Madrak haa tahu OPDOn sirna jiru kabeebsuuf malee jijjiirama waaraa fiduuf hin uumamnee. Jijjirammii argamu malee naannaa sanaa beellii, dhukkubii, roorroo fi shororkaan hin badanii; mirgi ilmoo namaas Oromummaanis hin kabajamu.Sana kan fiduu dandahu wayyabaa fi cunqurfamaaf kan dhaabbate; sochii bilisummaa Oromoo irra sanatt kan gaalchu hin argamu. Demokraasiin gaaffii Oromoo deebisuu caalus hin jiru.

Malbulcheesitooti bilisummaa si’anaa ilaalcha Oromummaan gonfachiise dhiisanii kan roorrisaa akkeessaa jiru. Sunis tahitaa fi beekumsi gubbaa gad coccoba kan jedhu.Garuu wanti hin jirre coccobuu hin dandahu. Burjaajii yeroon uume jala dahatanii halagaatt hudduu gatachuun hiree Oromoo roga dhabsiisaa jiru. Ijoo laafaa ummataa tuttuquun bara baraan dadhabina ofii dagachiisaa bahanii. Qabsaawanii qabsoott hiriirsuu irra, sana kaayyoo godhatanii jiru. Hanga yoonaa lafa taakkuu tokko dhuunfanne kan jedhe hin agarre. Sana hin dandeenye taanaan maalifaan jireenya saanii bulee gaaffii jala akka galu hubachuun, jala jalaa luqqa’anii mooraa nyaaphatt yoo cehan mullatu. Lafa malee saba waanti jedhan jiraachuu hin dandahu. Bakki irra dhaabbatanii qabsawan illee rakkoo tahuuf adeemaa. Haa tahu malee dhalootaa dhalootatt dargaggoon Oromoo rakkina hanga yoonaa irra haanaa dhufaniiruu, hardhas abdiin jiran isaanumaa. Abbaa biyyumaa deeffachuu fi qajeeltuu Oromiyaa fiduuf hoggana baafachuun darabee saaniitii. Lubbuu, eenyummaa fi qabeenya ofiitii lafarraa haqamaa jiruu callisanii of irratt dhiisuu jechuun Oromummaa tuffachuu dha. Oromoo hundi miira galtummaa qaba jedhamee akka hin ciicatamne beekamuu qaba.

IItophiyaa keessatt Madrak funaansa jaarmota Itophistootaa kan tahe jaarmota Mormituu jedhaman keessaa guddicha tokko. OFK kan jedhamu miseensa saatii. Hoggana Olaanaa OFK keessaa tokko, Baqqalaa Garbaa akka dubbataa qabattee furtuutt OSAn afeeramee US dhufuun ni yaadatama. Nammi kun Oromummaa saaf hidhaamee guraarameera. Baras alaa manaa qara kan birmateef ummata Oromooti. Gidiraa fi faanfana mootummaan Itophiyaa Oromoo hidhaa keessa jiran irraan gahaa jiruuf raga bahuun Oromummaa saaf xiiqii qabu agarsiiseera. Haasaan saa inni hafe garuu ilaalcha malbulchaa Itopheessaa dhaabi saa fi hidhati saa ifaan hordofanii. Madrakooti waan wal hin fakkaanne lama, Empayera tursuu fi demokratessuu of duuba harkisaa deemu. Dandamata Ummatootaaf Wayyaanee irra waan itt wayyan dhiheessaa hin jirani; angoo mirga hiree murteeffannaa uumataa beekullee heera Itophiyaa keessa ni haqna jedhanii kakataa jiru. Kanneen malbulchaa basalgaa kanatt marsan irraas kallattii itt dhiddhiibamaa jiru heduun nama hin dhibu. Kaan saanii dhossaan haa tahu ifaan farreen bilisummaa Oromoof kan hojjetanii. Kan maalalchiisu, kanneenumti kaleessa “bilisummaa malee du’a” jedhaa turan lafaa ka’anii ililchuu dha. Tasa suukanniin dhuunfate moo, hanga yoonaa nama gowwoomsaa bahan jechuu dhaa? Gamni muuxannoo nama biraa irraayyuu hedduu barata; ilmi keenya kan ofiifuu giroo qaba hin fakkaatu. Fala qabso Oromummaa irratt gufata.

Qabsoo bala’amaamitii jechuun gabaabaatt gaaffii Oromoon walabummaaf qabu dhiisanii Heera Wayyaaneen buluu fudhachuu jechuu dha; furaa biraa hin qabu. Obbo Baqqalaan akka Heera sobaa Empayerichaatti aangoo dorgamuuf galmeeffamuun mirga saatii. Garuu gochi sun Oromoo saba walaba ofiinjiroo tahuun hafee, maxxannee Itophiyaa issan fakkeessa. Akka aadaa malbulchaa Itophiyaatt kan muudamee nagaan aangoo dabarsee akka hin beekne wallaala hin fakkaatu. Kan itt gale amanamaa tahee alaabaa inni qabatuuf ajjeesee du’uun dirqii seeraati. Oromoon hanga alaabaa koloneeffataa buqqisanii kan ofii bakka buufachuun abbaa biyyaa tahaniitt qabsoon saganteeffatan hin dacha’u. Ejjennoo kana utuu walitt hin bu’in kan Madrakiin attamitt walitti araarsuu? Oromoon nagaa jaallatu, garuu dudhaan Habashaa raajiin geeddarama jedhanii hin amanan. Kanaaf haalli qabsoon Oromoo keessatt deemaa jiruu fi kan kanneen kanaan dura nagaan qabsaawuun saanii himameef wal hin fakkaatuu. Mirgi jarri qabsawaniifii fi haalli seenaa fi lafquyii saanii kanaan walitt hin galu.

Kan dhugaatt nagaan qabsaawuu fedhu Heera Wayyaanee ala of godhee yaaluutu Gaandiin walfakkeessuu dandaha taha. Martiin Luter King biyya malbulchaan bilchaate keessatt qabsaawe. Akka Oromoo addattis biyya hin qabu, yoo Madrak Oromoon addatt biyya qabaachuu haale malee. Ifaajjeen Lutar King isa galaafatuu, ammallee fiixaan bahuuf hedduutu hafa. Seenaan Sochii Noolaa Amerikaa, Malkom X, Gichillooti Gurraachi (Black Panthers) fi murni adda addaa kan qabeessoo naga hin turre, akka keessaa qooda qaban irraanfatamuu hin qabu. Kanaaf maqaa qabsoo Oromoon jara kana dhahachuun qabsicha fuggisiisuu yoo hin taane alangaa Wayyaanee taasisuuf juujuu afeeruu dha. Obbo Baqqalaan tooftaa qabsoo nagaa Gaandiin walfakkaatu dhaheera. Gaandiin akka qabsaawaa Hindiitt malee akka miseensa Partii Mormituu Britaaniyaatt tooftichatt dhimma hin bane. Kanaaf dhaaba Oromoo walaba tahanii dhihaachuun diddaa jedhan gochuu yk waan isaan hin fakkaannett maqaa Oromoo kaasuu dhiisuu dha. Diinagdeen naannaa Finfinnee biyya Oromoo irra jira malee wayyabi kan Oromoo miti. Waa gabaa hin baasinaa jechuuf hangam milkaawaa? Ummati hafewoo ijaarameeraa? Kennati Parlamaa 2015 irraa waanti baratamu jiraa? Qabsoon nagaa ofirratt hirkachuun tolfamu qophii fi wareegammi gaafatu fi kan hidhannoon godhamuu wal caala jechuun gafa dhandhamatan qofa beekamaa. Dhuguma, mormituu tahuun ulfina dhabuu malee gatii gaafatu biraa hin qabu taha.

Qabsoo Oromoo irraa kan eegamu Empayera diiguu dha. Sun tahu malee carraan ummmatootii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu haa tahu, biyya ofii keessa Oromummaan jirraachuu hin yaadamu. Sana malees empayeraa jiru godinaan sun nagaa fi tasgabii hin argatu. Haalli nagaa fi tasgabii hin qabne gooltuu magarsa. Sun yoo hin taane hariiroon gufuu hin qabne saboota gidduu hin jiraatu. Oromoon nagaa naannaa fi araara buusuu irratt eenyu caalaayyuu kenna qaba. Kanaaf halagaa jala kurkuruu irra ofirratt amanuutu nama baasaa. Hamma mooraa diinaa keessa hin jirrett murnooti yaada ofii qabaatanii sagantaa gadjalla baafachuun waliinuu sosso’uu ni dandahu. Garuu hubannoo hariiroo Oromiyaa fi Itophiyaa gidduuf qaban qayyabachuuf irra deebi’anii keessa ofii qoru gaafata.

Bu’uura Oromoo utuu hin cimfatin kara karaa deemuun duuba Oromummaan bakka walitt deebi’antu dhibaa; amanamumma addaa qabaachuun, yaa’a keessa walitt bu’a hambisuunis rakkisaa ta’aa. Kaan kaayyoo halagaa malee kan ofii wareegamaniif hin qabanii. Kanneen akkasii dhaloota egeriif yaaduu dhabuu irra, sodaan nafxanyaas garaa keessaa hin badne. Hardha buluu fi bu’aa fi qananii ammaaf jedhanii kan humna qabutt galuu filatuu. Fakmishoon kun tuffatamaa fi salphinan jiraachuu saaf malee gaagaa hedduu hin qabu. Fakmishoon biraa, egeree fi birmadummaa saba ofiif jedhanii salphinaa fi tuffatamaan jiraachuu manna du’anii awwaalamuu wayya kaayyoo jedhu. Gaagaan saa ni baayyata; garuu kabajamaa fi boonsaa waan taheef dhaloota duuba dhufaniif fakkeenya taha.

Naannaa sanaa nagaa fi guddina dagaagsee, mirga ilmoo namaa kabajchiisuu, qaroomaa fi carraa banuu fi gooliin akka ol hin bane gochuutt sochii bilisummaa Oromoo caalaa dudhaas, fedhas kan qabu hin jiru. Ummati Oromoo itt roorrifamaa, salphaataa, tuffatamee namaa gaditt ilaalama jira. Haala kana jala barabaraan jiraataa jedhee kan abdatu Oromoo onnee hin qabnee fi halagaa ofittoo fi ofirroo dantaa ummatoota ofiif egereef giroo hin qabne qofa. Dargaggoon Oromoo isa durii sana akka hin taane lubbuu saanii kennuun agarsiisaa jiru. Irra marsaan koloneeffataa qaata cabe. Kun mataa dha. Inni bakka hallee danfaa jiru gaafa dhoohee hanga mirga fi kabaja isaaf tahu argatee biyya saa deebisee dhuunfatutt hin qabanaawuu. Hedduun isa rukuttaa jaarraa oliin hadodee ture sana malee sadarkaa abdi kutannaa irra gahee, jiraatus badus waan itt hirdhatu akka hin qabne murteeffachuu saa hin hubatatanii. Tuffii sabichaaf qabu yoo hin taane halagaan Oromoo lafa akaakilee saa irraa buqqisuuf mirga maalii qaba? Kana caalaa maal nagodha jedhee akka sodaatu halkanii fi guyyaa kan dorsisu? Kan ulfinni ilmoo namummaa itt hin dhagahamne, kan garbummaaf dhalate qofaatu salphina akkasii dandahee jiraataa.

Koloneeffataafi mataa gadi qabachuun akka homaa hin baafne Oromoon arganiiruu. Caalaa liqimfamaa, caalaa badaa fi itt roorifama jieratan malee mirgi Oromummaa kabajameefii hin beeku. Kan inni qorqee lafeett isaan baase irra, si’ana kan ilkaan caalaa qara qabuu fi lafee qurxumsutt gurgarataa jira. Oromoon akka sochii jalqabanitt silaa hirreen saanii cimee, kan dhufu hunda qolachuu kan dandeesisu qabachuu fi kan saba saanii dhumiisarraa oolchan tahuutu irra ture. Garuu mamii fi daddaaqina hogganoota saaniin laasha’aa jiru. Jarri galaanaa isaan gangalchu kobbacha malee wanti qabatan akka hin jirrett fudhataniiru. Kanaaf ofirratt hirkachuu irra fayyisaa hokkoo itt hiixatu barbaacha ija facaasuu. Amma egaa waldayaa irra gahameera. Wal fudhatanii baduu dura ifaan huubaa fi callaa gargar baafachuu dha. Kan fedha ummataa waliin deemuu hin dandeenye humna danfaa jiruu duraa maquu dha. Oromoon malbulcheessota guriri’aa oolaniin madaalamuu hin qabu

Garadabarsituun mootummoota anga’oo addunyaan sossodaachisuu feetii. Isaan akkuma Oromoo dantaa ofii kabachiifachuu malee Oromoo waan addatt faanfananiif hinqabani. Hankaaksitooti qabsoo bilisumma “kunoo Oromoof filmaata biraa argachoo” jedhu! Filmaati saanii kan Oromummaa ajjeesuu, kan nammi Oromoo akka abbatokkee afaan, aadaa fi jireenya dhahatu hin qabneett malee akka miseensa saba of dandaheett hin jiraanne kan godhu. Jarri kun kutannoo fi dudhama dargaggoon Oromoo walabummaaf qabdu hin qayyabanne. Asii fi achi isaan harkisanii of irraanfachiisuuf dhama’uu. Sadarkaa hardha gahame gahuuf gootota hedduutu wareegame, qabeenya hamma hin qabnetu barbadaawee; ol adeemaa meeqatu karaatt hafee. Ammas haalli jiru caalaatt yaaddessaa dha. Akki qabsaawotii fi hogganooti hawaasa Oromoo itt of qabaa jiran garuu yaaddoo sana hin calaqqisuu. Yeroo lafa saa, hiddi handhuuraa fi du’aan saa itt awwaalame; ollaa waliin aadaa fi afaan saa itt guddifatu; irra qotee nyaatu; Waaqaa fi lafa itt araarfatu; wayyabummaan abbaa tahuu saa itt mirkaneeffatu iraa buqifamee joortuutt jijjiiramu, iyyanii iyya walitt dabarsuun birmataa wal birmachiisu jedhamutt, koloneeffataan kan jedhu fudhannee waliin haa jiraannuun jechuun “nuu fi isinii” malee” nu” akka waliin jennu taha hin jirru. Jara akkasiin hin morminaa jechuunis hankaasitummaaan alatt hin laalamu.

Xumuruuf, Oromoon itt gala murteeffatan qabu; gaaffiin waliif qaban kan fageenyaaf yerooti. Fira fakkaatanii itt gala saanii irraa kan maqsuu barbaadan hedduu dhaa. “Geenye” kan jedhuun hanga argatanitt “Geenyee” jedhanii gaafachuu hin dhaabanii. Mudaan sochii Oromoo si’anaa rakkina nammi uumeen kan dhufanii. Kaasaa dhugaa utuu hin tahin kan dhaban, jaarmaa cimaa; namoota ramaddii saaniin wal gitan ; dabbballee hin daddaaqne kaayyoo saba saaniitt cichan; namoota sirna abbaa hirrumaa halagaa leellisan utuu hin tahin demokraasii Gadaa qayyabatan fa’ii. Ilaa fi ilaameetu dhibe. Afaan wal eeguu, hiriyaan wal amanuu dhabuutu heddummaate. wallaaluma, Ofirrummaa fi ofittumaatu ija baase. Murna bubbucuu irratt hirkachuun wayyabatu moggeefame. Gareef amanamuutu Oromummaa caalaa afarsamee. Shira diinaa fi dhimmama firaa addaan baafachuuf dandeettii dhibe. Beekumsaa fi muxannoo irraa qoolifatame. Qaroo tarkaanfatoo heddumminaan qabsoo walabummaaf sochoosuun silaa amma. Oromoon ariitiin dhaaba cimfatanii dabballee kutaatoo fi of kennoo heeran bulan baafatan malee, balaa guddaatu irra marsaa jira. Kaayyoon ofii altokko karaa irraa ceenaan, qabsoon bakkatt deebisuu salphaa hin tahu. Dhaaboti hundi qaaqaawwoo fi laasha’oo dha. Kanaaf furmaati jiru, dammaqanii akka hamaan itt hin fufne faloo bahachuu dha. Dardara Oromummaan gara manii tokkoott fuulleffataniif, booree dha, imaltuun gara bilisummaatt jalqaban hin dhaabbatu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Fulbana 2015

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *