Oduu Haaraya

Baraatu Bara Milkiitii Bahaa Falmadhaa!

Jiituu Lammii, Sadaasa 4, 2014

Barri 1998, bara Afaan Oromoo yeroo jalqabaatiif qormaata biyyoolessaaf dhiyaate ta’uun  bu’aalee dhiigni ilmaan Oromoo magarse keessa isa hin dagatamne ta’a. Barri kun  bara hojiin  Oromoo fi Oromummaa qalbii dhalootaa keessatti deebisanii magarsuuf taasifame hundee jabaa horachuu mallattoon eeru itti mul’atee dha. Dhaloonni haala kana keessa cayaa Oromummaa jalatti, harka Oromoorrattii fi foolii Oromummaa keessatti guddate – dhaloota gadoo sabaa baasu, madaa lammii dhinsu (fayyisu), dhaloota seexaa fi murannoo addaa qabu, dhaloota gabrummaa hadheeffate ta’eetu guddate. Dhaloota ormaaf hin jilbeeffanne kan ofii dabarsee hin laanne, dhaloota  fincilaa ta’uu hojiin mul’ise. Hojii dhaloota kanaatu  dhimmi  Oromoo dubbii abbaa jabaa qabu  ta’uu mirkaneesse. Fiixee dubbii addunyaatti olbaasee toora qabsiise.  Kanatu  xiyyeeffannoo dubbii  koo har’aatii – na waliin turtuu laata!!

Bitootessa, 2000 bosonni Oromiyaa Booranaa fi Baalee torbanneeniif birmachuu tokko malee gubachuun  dhugummaa dubbii kanaaf mirkana ta’e. Kan Oromiyaaf birmatu Oromoo ta’uutu hubatame. Manneen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman hunda keessaa sagaleen gurmuu jabaarraa dhagahame dhugumattuu dhaloonni  roorroo bara dheeraatti xumura tolchu qe’ee Oromoo keessaa biqiluu  akeeke.  Sana booda Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) otoo walirraa hin cinne arguu fi dhagahuun adaa ta’e.

Mudde 20, 2001  Yunbarsiitii Finfinnee keessatti yaaliin maqaa Oromoo xureessuuf godhame dubbii Oromoo akka baran harka kakaa’uun abidda ofitti qabsiisuu ta’uu barannoo (lessons) kennee darbe. Fincilli galgala sana  sa’a 7:00 hanga halkan qixxee sa’a 1:00tti humna diinaa fi barataa gidduutti geggeeffame firaafis diinaafis waan akeeke qaba. Fincila guyyichaatiin  itti gaafatamaa tika Yunbarsiitichaa kan ta’e namni Yaareed Jedhamu sa’aa lamaa oliif to’annaa barattoota Oromoo jala turuun dhugumattuu dhaloonni kuni dhaloota gabrummaa hadheeffate ta’uu hubachiise. Yaareed Mallasaaf fira dhiyoo yoo ta’u, TPLFiif immoo miseensa gameessa akka ta’etu himama. Fincilli kun guyyoota gabaabduu keessatti Oromiyaa cufa dhuunfatee dhaabbilee barnootaa Oromiyaan ala jiranis (Yunbarsiitiiwwan Hawaasaa, Baahirdar fi Maqalee) dabalachuun dhaloonni Oromoof falmu bakka Oromoon jiru hunda jiraachuu mirkaneesse. Sana booda seenaa sochii barattoota biyyattii keessatti olaantummaan barattootaa harka barattoota Oromootti galuutu mirkanaa’e. Haalli kun dubbiin Oromoo xiyyeeffannoo gama hundaa akka hawatu taasise.

Ebla 2001, sochiin Walabummaa Barnootaa (Academic Freedom) qabatee Yunbarsiitii Finfinnee keessatti ka’e tarsiimoo dhokataa oogganni barattoota Oromoo guutummaa barattoota biyyattii warraaqsu itti fayyadame ta’uun bal’inaan kan hubatame bubbultii booda ture.  Sochiin gaaffilee bu’uraa (Freedom of free speech, the right to assembly, Removal of armed police from the campus)qabachuun eegale  Fincila jabaa kaasee guutummaa Finfinnee dhuunfachuun hanga masaraa Wayyanee raasutti furga’e. Warraaqsa kanaan Yunbarsiitiin Finfinnee waggaa tokkoof cufamuuf dirqame. Kuni taateewwan seenaa  qabsoon Oromoo gama hundaan olaantummaa qabaachaa deemuu eeran keessaa tokko.

Yunbarsiitiin Finfinnee waggaa tokkoof cufamuun sochiin barattoota Oromoo caalaatti akka hundee horatu haala aanjesse.  Fncillii Diddaa Gabrummaa Ebla 20, 2002 Magaala Naqamteetti dhalate bultii gabaabduu keessatti Ambotti tarkaanfate. Yeroo gabaabduu keessatti akka bishaan samiirraa dhangala’ee dambaliin fincilaa Oromiyaa dhuunfate. Kun caasaan barattoota Oromoo kallattii hundaan wal quunnamsiisu diriirfamuu mirkaneesse. Yeroo kanatti warri wayyaaneef ergaman rasaasaan malee  qaroomina ittiin fincila to’atan akka hin qabaanne addunyaaf himan. Ta’us garuu  raayyaa bilisummaa, dhaloota gabrummaa hadheeffate maalumtuu dabsachuu akka hin dandeenyetu  hubatame.

Bara 2003, mootummaan Wayyaanee diddaa dhalootaa jabaachaa dhufe kana ukkamsuuf waa hunda yaaluuf dirqame.  Kanaaf, yerichatti ‘wiirtuu fincilaa ti.’ jedhamee kan shakkamu Yunbarsiitii finfinneetti xiyyeeffate. Wiirtuun tikaa suuduudaan waajjira ministeera muummichaan abboomamu dhoksaan yunbarsiiticha keessa maandheffachuutu hubatame. Wiirtuun kun odeessa sochii barattootaa eeru dursee funaanuu qofa osoo hin taane, haala ittiin gamtaa barattootaa diiganirratti hojjachuu jalqabe. Haala kanaan namticha yerichatti pirezedentii Oromiyaa ofiin jedhu waliin ta’uun barattoota gidduutti garaagarummaa uumuuf harka seensifachuuf yaalii eegalan. Namoota ooggana kana sochoosu jedhaman adamsuun bifa adda addaan hiraasuu fi yaaddessuuf basaasota meeshaa waraanaa hidhatan heddumminaan barattoota fakkeessuun yunbarsiiticha keessa facaasan. Barattoota dantaan gowwomfaman, gariin isaanii afaan Oromoo haa dubbatan malee dhiiga Oromoo kan hin qabne qubaan funaanuun maallaqa guddaan sochii jiru dura akka dhaabbatan yaalan. Haa ta’u malee haalli kun akka salphaatti kan hojiirra oolu hin taane.

Amma gama lachaniinuu qabsoon jabaataa deeme. Barattoonni  Oromoo golli diddaa gabrummaa bal’atee bu’uura hawaasaa akka dhuunfatu balbala dabalataa saaqan. ‘Oromoo Youth League’ijaaramuu odeessi eeru dhagahamuun Wayyaanee biratti rifaasuu dabale. Otoo xinnoo hin turin ‘Liigii Dargaggoo’ jechuun  bakka hundatti waajjira  saaqanii dargaggoota hawachuuf carraaqqii eegalan wayyaanotni. Kun waldhaansoon gama lamaaniinuu deemu jajjabaachaa deemuuf mirkana.

Amajji 2004 labsiin Oromoo Finfinnee keessaa buqqisuuf bahe waliigala Oromoo biratti diddaa kaase. Akka kanaan, sochiin duraan harka guddaa barattootarratti hirkatee ture bu’uura bal’ifatee qaama hawaasa hundaa seene. Hiriirri mormii “Finfinneen handhuura Oromiyaa ti!” jechuun Waldaa Maccaa fi Tuulamaa (WMT) fi Gamtaa Barattootaan qophaawe   Oromoon kuma dhibbaan lakkaawamu fardaa fi lafoo hiriirsuun dhugaa kana mirkaneesse. Kuni diinatti yaaddoo jabaa ta’e. Sababa kanaan barattoota Oromoo  Yunbarsitii Finfinnee keessa jiran hunda duguuganii hari’uun furmaata waan ta’u itti fakkaate.  Garuu dhaloota gabrummaa hadheeffatee fincile hidhaa fi ajjeechaan akka hin gufachiifne hubatame. Hinumaayyuu haalli kun gamtaa Oromoo jabeesse. Diddaa jabaan tarkaanfii kana booda dhufetu dhugaa kanaaf mirkana.

Sadaasa 09, 2005, qaanqee Diddaa Gabrummaa Amboorraa faca’e, akka Rooba Arfaasaa guumgumee, mandiisuu Fincila Diddaa Gabrummaa Oromiyaa hundarraa kaase.  Amboo, Shaambuu, Dambi-Doolloo, Gimbii, Naqamte, Baakkoo, Haratoo, Geedoo, Xiqur-Incinnii, Gudar, Giincii, Jalduu, Kaachisii, Fiichee, Hoolota, Buraayyuu, Sabbata, Waliso, Diilallaa, Bishooftuu, Adaamaa, Haramayaa, Awwadaay, Warra Jaarsoo Innaangoo, Mojoo,  Tolee, Jimmaa, Kofalee, Shaashamannee, Machaaraa, Miicataa, Harooreysa,  Gaadullaan,  Gidda, Qoree, Asaasa, Kombolcha, Xulloo, Dhangaggoo, Ciroo, Qelam, Doobba, Gindhiir, Habroo, Mattuu, Daarimuu, Dirree Dawa, Galamso, Baddeessaa, Asaboot, Baddennoo, Mi’essoo, Bordodde, Daaroo Labuu, Gololcha, Calanqo,  Negeelle, Kuyyaara, Baate, Karaa Miillee, Harar, Qobbo, Langey, Masalaa, Awaash, Dhidheessa, Guttin, Haroo Sabbuu,  Gibe, Hirnaa, Roobee,  Ziway, Mendi – Qilxuu Karraa, Boojjii Coqorsaa, Najjoo, Jaarsoo, Baabboo Gambeel, Begii, Anfilloo, Mugii fi kanneen hafan hedduu balballi Oromoo lakkooftuun itti hin baane hundi gaafas Waamicha FDG dhaaba isaa ABO irraa dhihaateef dhagahee awwaatee mirga isaaf  fincile; haqa isaaf diina lole. Qotee bulaan Oromoo diinatti karaa cufee waan harkaa qabuun diina waraane. Sadaasni 9, 2005 – Guyyaa sabni walii galee sagalee tokkoon bilisummaaf dubbate, irree tokkoon akeeka tokkoof dhaabate  Oromoof – Guyyaa Seenaa ti!

Diddaan akka kanaa otoo walirraa hin cinne  hundee horachaa, bu’uura hawaasaa dhuunfachaa deeme. Afaan qawweetiin dhowwuun hin danda’amne. Kanaaf diinni sossobuu fi sobuu akka furmaataatti fudhate.  Murtee “Finfinneen handhuura Oromiyaa miti” jedhee dabarse labsiin diigee  ‘Finfinneen handhuura Oromiyaa ta’uu qabdi.’ jechuun halkan tokkoon labsii dabarse.  ‘Finfinnee keessatti gamoo yoo ijaarre hin mul’atu!” jedhanii isa qoosaa turan yeroof dagatanii “Aadaan Oromoo Finfinnee keessatti akka dagaagu Giddu gala Aadaa Oromoo ijaaruuf murteessine.”, “Manneen barnootaa Afaan Oromootiin barsiisan Finfinnee keessatti ijaaruuf murannee kaane.” jechuun waa hedduu soban. Kuni hunduu Diddaa dhalootaa muddee isaan qabe ofirraa qabbaneessanii haara galfachuuf malee dhuguma gaaffii Oromoo deebisuuf fedha horatanii akka hin taane beekamaa ture. Kanaaf harka lafa jalaan shira hojjachuu itti fufan.

Caasaa mana barumsaa fi bulchiinsa barnootaa hunda jijjiiran. Akka kanaan manni barumsaa kamuu bulchaa gandaatiin akka bulu ta’e. Itti gaafatamaan mana barumsaa miseensa dhaaba ergamtuu isaanii OPDO ta’uu akka qabu dirqamni bahe. Kanaaf caasaan mana barumsaa hundi to’annaa dabballee jala gale. Qaamni dhokataan ‘Command Post’ jedhamu haala kana akka to’atuuf manneen barnootaa sadarkaa hunda keessatti ijaarame. Qaamni kun humnoota basaasaa barattootaa fi barsiisota fakkaatanii mannee barnoota keessatti ramadamanirraa ijaarame. Hojiin qaama kanaa hawaasni mana barumsaa fi bulchiinsi barnootaa cufti hooggana dabballee/kaadiree siyaasaa jala akka galu to’achuu, barataa fi barsiisaa dammaqiinsa qaban bifa adda addaatiin goolanii humna dhowwuu, bakka isaanii dhawaata miseensa dhaaba OPDOtiin dhuunfachuu ture. Akka kanaan ilmaan Oromoo dhugaa saba isaaniif dubbatan hedduun gaaga’aman. Yuuyya’anii caasaa barnootaa keessaa moggeeffaman.  Caasaan sirna barnootaa guutummaan to’annaa siyaasaa jala galuun qulqullinni barnootaa manca’e.

Kanas ta’ee dhaloonni diddaa isaa bifa adda addaatiin mul’isuu hin dhiifne. Fincilli diddaa daran jabaatee itti fufe.  Baroota 2006 – 2013 diddaa walfakkaataan  otoo walirraa hin cinne Yunbarsiitiiwwan Adaamaa, Roobee, Jimmaa, Haramayaa, Baahirdaari, Maqalee, Finfinnee, Hawaasaa fi kanneen biroo keessaa sagaleen roorroo diinaa mormu bara baraan dhageessisuu itti fufe.  Haa ta’u malee caasaan barnootaa hundi  to’annoo  dabballoota diina ummataa harka galuun sagalee barattootaa sadarkaa gadii jiran yeroofis ukkamsuuf yaaleera.

Ukkaamsaa jabaan Diddaa jabaa akka kaasu jaarraa qaroominaa kana keessa mitii barootumaa fagoo keessattuu beekamaa ture.

Kanatu lamuu Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) hundee jabaa qabu kaase. “Oromiyaan kan Oromoo ti!” Dhaloonni kakuu isaa hin daganne. Hirbuu isaa hin nyaanne. Dhiiga ho’aadhaan haqa saba isaaf falmate. Ilmaan Oromoo gaaddisa tokko jalatti fuula walitti deebise. Warraaqsi Fincila Diddaa Gabrummaa walitti hidhataan dhufee bara 2014 kana keessa haala jabaan geggeeffamee fi geggeeffamaa jiru diinota Oromoo hundeen akka raasee fi raasaa jiru, sadarkaa sochii QBO hagam akka tarkaanfachiisee fi injifannoo mul’ise tilmaamuu ykn arguun nama hin dhibu. Dhalootni fincilaan, gabrummaa fi gobroomsaan mormu bilisummaaf sagalee dhageessisuu itti fufeera. Barri 2014 kana ibsee mul’isa. Kuni yaadannoo dhiyoo namuu gurraa – qalbii keessaa qabu waan ta’eef ammaaf irra hin deebi’u.

Oromoof  barri 2014 bara wal hubannoo fi dammaqiinsaa ta’uu qofa yaadannee, anis dubbii kootti xumura tolcha.  Barruu koo kana keessatti waldhaansoo bara dheeraa dhaloonni kun itti jiru keessaa hanga xiqqoo yaadachuufani malee waliigala sochii baroota dheeraa kana keessa ture xiinxaluuf hin yaalle. Wareegama hanga har’aatti bahe herreguufis hin kaane. Yeroon galmeen herregaa socho’ee wareegama dhalootaa itti yaadannu fuuldura keenya jiraachuu hubannee, amma isa wareegamaafii jirru harkaan gahachuuf saffisa tarkaanfii keenyaa jabeeffachuu, sochii keenya babal’isuu fi dhaabbatummaan itti fufuutu nu baasa.  Kuusaan dhiiga dhalootaa gatii qabaachuu qaba. Gatii kanatu Bilisummaa saba keenyaa ti. Warra kana lagatan, dugda itti galan, irraa baqatan ykn gurguratanii nyaatan dhiigni Dhalootaa isaan haa cubbisu!!

Sadaasni 9, Guyyaan Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa Bara Baraan Ni Yaadatama!

Ilmaan Oromoo, sabboontotaa fi Qabsaawota Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegaman Bara Baraan Ni Yaadatamu!

Horaa Bulaa Deebaanaa!

Ani Jiituu Lammii ti!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …