Oduu Haaraya

Faaydaa yookiin bu’aa tiinii/shookaa kana beeytuu laataa?

Tiiinii/shookaa
tiinii
Faaydaa yookiin bu’aa tiinii/shookaa kana beeytuu laataa?

1. Akka qorannoon agarsiisutti, warra dhibee sukkaraa gosa 2ffaa qabaniif hedduu gargaarti. Sababni, sukkaara qaama keessaa gadi buusuuf shoora olaanaa gumaachiti.

2. Hamma koolestiroolii qaama keessaa ykn faatii qaama keenyaaf miidhaa qabu kan LDL ja’amu nurraa gadi buufti ja’an qorannooleen tokko tokko. Ofiifiis hamma “koolestiroolii” bayyee xiqqaa tahe of keessaa qabdi.

3. Dhiibbaa dhiigaa hir’isuuf ni gargaarti. ( pootaashiyeemii baayyinaan waan of keessaa qabduuf)

4. Dhibeelee ijaa umriidhaan wal qabatan ni ittisti. Qaroon keenya akka qaramuufiis ni gargaarti.

5. Dhukkuboota lafee gara garaa nurraa qolatti. Kan “osteoporosis” ja’amu dabaltee.
Sirna bullaa’ina nyaataa si’eessuu fi ujummooleen sirna bullaa’ina nyaataa akka qulqullaa’an godha. Kunis , Bokokuu fi Goginsa garaa dabalatee nurraa qolata.

6. Ulfaatina qaama keenyaa ni too’ata.

7. kaansarii garaa garaa irra nu ittisa.

8. Dhibeelee ilkaaniin wal qabtan garii ittisuu keessattis shoora qaba.

9. Dhukkuba ujummoo dhiigaan wal qabatu kan ” Atherosclerosis” jadhamuu fi dhibeelee Onnee irraas nu ittisa.

10. Dandeettii dhibee ofirraa ittisuu ( immunity) keenya ni dabala.

11. Vitaamin C baay’inaan of keessaa waan qabduuf, faayidaalee Vitaamin C’n qaama keenyaaf qabu haga tokko nuuf gumaachiti.

12. Jabeenya lafee fi ilkaan keenyaaf hedduu hedduu gargaarti.

13. Kulkula ( inflammation) qaama keessaa nurraa xiqqeessiti.

14. Bareedinaa fi lallaafina gogaa keenyaaf, akkasumas gurraachomina ( waan akka heenaa) naannawa ijaa fi fuula irratti bahu dhabamsiisuuf ni gargaarti. Dabalataaniis, Rifeensi keenya akka miidhagee cululuquu fi akka hin buqqaane ykn hin caccabneef ni gargaarti. (Kuni keessattuu zeeytii isiirraa dalagamuuni)

Qabiyyee Shooka/Tiini Wantoota keemikaalota summaawoo qaama keessatti uumaman nurraa ittisan baayyee of keessaa qabdi (Rich in antioxidants). Akkasumaas; Vaayitaaminoota, mineraalota, faaybarii fi elementoota garaa garaatiin badhaatuudha. Inumaa, Hamma elementii magnisiyeemii appilii fi burtukaana irrallee ol’aanaa qabdi akkasumas aayraniis (iron) ni qabdi.

Hub: Shookaa mismaraan guurun gaarii miti osoo keessi isaa xuqamuu baate gaariidha
Dr. Mohammed Kediir

Check Also

Iitawuu/dhiita’uu hiidda dhiiga lukaa

Maaltu dhibee kanaaf nama saaxila? 1. Saalan dubara ta’uu, 2. Furdina garmalee, 3. Ulfaa’uu, 4. …