Oduu Haaraya

Rakkooleen mooraa QBO keessa jiran, yoom furmaata argatanii xumuru laata?

 

 

Abdii Boruutiin

 

Qabsoo bilisummaa saba tokkootti, keessa fi alaan rakkoolee fi gufuuleen adda addaa heddoomuun waan haaraa ta’uu baatullee, kan keenyaa, kan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) kun garuu waan nama ajaa’ibuu dha yoon jedhe dhara ykn dubbii oo’isuu natti hin fakkaatu. Yeroo tokko tokko yoon taa’ee yaadu ykn ittiyaadu, qabsaa’otni keenya kaayyoo QBO, kan lubbuun meeqa itti galaafatme fi galaafatamaas jiru, dagatanii; wal qeequu, olola walirratti oofuu, walirratti duuluu, wal dadhabsiisuu fi kana birallee dabranii wal dhabamsiisuu faashinii waan godhatan fakkaatu. Kun ammoo waan amma uumame otuu hin taane, kan baroota dheeraa deemaa as gahee dha. Keessumaayuu, erga fottoqinsi duraa mooraa ABO keessatti uumamee kaasee, waayeen kun hammaachaa deeme malee wanti fooyya’e hin jiru.

 

Asirratti, mee makmaaksa lamaan tokko kaaseen, isa kamtu haala yeroo ammaa wajjin akka deemu; walbira qabee ibsuu yaala. Inni tokko, “Namni mana tokko ajjeeru (ijaaru), citaa wal hin saamu” kan jedhu yoo ta’u, inni biraa “Foon lafa jiruuf, allaattiin samiirratti wal nyaatti” kan jedhu dha. Haala mooraa QBO keessa jiru wajjin walitti akeeknee yoo ilaallu, makmaaksa isa kamtu haala kana caalaatti mul’isa? Tokko tokkoon yaa ilaallu. “Namni mana tokko ajjeeru (ijaaru), citaa wal hin saamu” kan jedhu kun qabiyyee lama of keessatti mul’isa. Inni tokko, namootni mana tokko ijaaran ykn ijaaruu barbaadan walumaan tokkummaadhaan mana waloo kana ijaaru malee, wal hin saaman kan jedhu ta’a. Inni biraa ammoo, namootni mana kana ajjeeruuf citaa wal saaman kun, kaayyoo tokko akka qaban; garuu isa kana galiin gahuuf tokko kan biraa dursuuf akka wal dorgoman agarsiisuu mala.

 

Makmaaksi inni lammataa, “Foon lafa jiruuf, allaattiin samiirratti wal nyaatti” kan jedhu, kun ifatti waan tokko nutti agarsiisa. Inni kunis, karaa lamaan ilaalamuu ni danda’a. Karaan tokko, waan barbaadan, waan lafa jiru tokko dhiisanii; waan biraarratti ykn sababa biraatiin wal nyaachuu jechuu dha. Karaan biraa ammoo, diinni waloo tokko, kan isaan hundaa nyaachuuf of qopheesse tokko otuu jiruu; gamtaadhaan isa kanarratti duuluu dhiisanii; waan hin taane irratti humna ofii balleessaa akka jiran ibsa. Egaa, erga makmaaksa lamaan kana gabaabinaan walbira qabnee ilaalle booda, isa kamtu haala mooraa QBO caalaatti ibsa? kan jedhu ibsuun fedha. Ibsuudhaaf akka natti tolu, qabsaa’ota ykn/fi jaarmayoota mooraa QBO bakkee namoota mana ijaaranii fi bakkee allaattii jedhu galcheen akka fakkeenyaatitti ibsuu yaala. Bakkee allaattii buusuun kiyya ibsaaf malee, tuffiif akka hin taane dursee hubachiisuun barbaada.

 

Haala amma keessa jirruu fi sadarkaa har’a irra geenye yoon hubadhu, makmaaksi inni duraa qabsaa’ota keenyaaf waan hojjete natti hin fakkaatu. Gara fuulduraatti hojjechuun isaa garuu waan biraa ti; ammaaf hin hojjetne jechuu kooti. Maaliif hin hojjetin?Tokkoffaa, namni mana tokko ajjeeru (ijaaru), citaa wal hin saamu, kan jedhu tokkummaa waan agarsiisuuf, tokkummaan mooraa keenya keessatti hawwame fi yaalame garuu hin milkoofne. Makmaaksi kun “Tokkooma!” jechuu waan ta’eef, yaamichi kun garuu hin dhaga’amne. Qabsa’otni keenyas yaamicha akkanaatiif hin owwaatne jechuu dha. Lammaffaa, qabsaa’otni keenya mana tokko ijaaruu akka barbaadan yookaanis galii tokko akka qaban beekuun mamsiisaa ta’ee jira. Kanaaf, walumaagalatti, makmaaksi kun ammaaf haala keenya wajjin waan deemu hin fakkaatu.

 

Makmaaksa isa lammataa yoo ilaalle garuu, kun, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, waan haala mooraa keenyaa addeessu fakkaata. Maaliif, akkamitti? Waayeen kun xinxala bal’aa barbaadullee, hubatnoo ani mooraa QBO keessatti argadherraa ka’ee waan tokko tokko ibsuun yaala. Duraan dursee, wantin dubbistoota barruu kiyyaa hubachiisuu barbaadu, qabsoo kana galii hawwametti geessuuf, qabsaa’otni keenya homaa hin dalagne; tattaaffiis hin goone jedhee hojii isaanii xiqqeessuu akka hin barbaadne dha. Haa ta’u malee, erga jeequmsi mooraa ABO keessatti dhalate fi fottoqinsi bara 2001 uumamee jalqabee, diina waloorratti duuluun dagatamee; walirratti duuluu fi wal laaffisuutu jajjabaachaa dhufe. Kun dhugaa lafarra jiruu dha.

 

Garee tokkotti hirkadhee kan biraa balaaleffachuu ykn komachuu otuu hin taane; gara gara faca’anii jaarmayaa heddoomsuu ala, gareen ykn jaarmayaan kamiiyyuu cimee; hojii caalaa dalagee; injifatnoo fiduudhaan uummata Oromoo bal’aa amnsisee; of duuba kan hiriirse jira jedhee guutummaatti dubbachuun na rakkisa. Dhugaa dubbachuudhaaf, warri fottoqanii kaayyoo keenyatu kaayyoo taliila ti jedhanis ta’ee; warri jijjiirama fidna jedhanii waa hunda lbasaa turanis, asii fi achi dhama’uurraa kan hafe, cimanii qabsoo kana cimsuu fi bu’aa tokko agarsiisuun hafee; akka jaarmayaatti jiraachuun isaaniitu gaafii keessa galaa jira. Kan hafanis, xinnaatus kan sochii godhaa jiran, rakkoolee jidduu fi keessa isaanii jiran furachuu dadhabanii yeroodhaa yerootti haphachaa waan deeman fakkaata. Haa ta’u malee, akkanumaa ta’ee, xinnaatus baay’atus kan sochii agarsiisaa jiran warra kana natti fakkaatu. Kun tilmaama dhuunfaa kiyyaa ti.

 

Karaa biraatiin ammoo, Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) jaarmayaan jaalatamaa fi abdatamaan kun, seerri fi heerri isaallee kabaja waan dhabe fakkaata. Har’a, akka hubatamutti, abbaa’uma fedhetu gadi bahee, waan fedhe barreessee, marsaa intarneetaarratti maxxansa. Eenyu akka dhugaa qabu; eenyu akka dhugaa dubbatu addaan baasuun baay’ee rakkisaa ta’ee jira. Meediyaalee adda addaarratti gadi bahanii yoo dubbatan hunduu waan dhugaa qaban of fakkeessu. Afaanfaajjiin adda addaa uumamaa jira. Uummatni keenya kam akka amanuufi fudhatu; kam akka dhiisu; kam wajjin akka hiriiru murteeffachuun rakkisaa waan itti ta’e fakkaata. Afaan faajjii kana keessa, diinni fi alagaan qaawwa argatanii; kan dur caalaa mooraa keenya laaffisuuf carraa argatanii jiru. Dhiiroo, haalli keenya baay’ee yaaddessaa ta’ee jira!!!

 

Gara mata duree barruu kanaatti deebi’uudhaaf, gaafiileen asirratti ka’uu qaban: i) Rakkooleen mooraa QBO maaliif babal’achaa deeman? ii) Akkamitti furmaata argatanii xumuramuus danda’u? fi kan kana fakkaatanii dha. Ani akka nama tokkootti, akka dhuunfaatti, maddi rakkoolee kanaa karaa lamaan natti mul’atu: Inni tokko, kaayyoo fi ilaalcha galii qabsoo keenyaa yoo ta’u; inni biraa dhimma uummataa dura dhimma dhuunfaa fi taayitaadhaaf (power struggle) dursa kennuu natti fakkaata. Akkuma kanaan duras irra deddeebi’amee jedhame, jaalatnus jibbinus; amannus amanuu baatnus, har’a mooraa keenya keessatti ilaalcha siyaasaa lamatu deemaa jira. Isaan kunis Oromiyaa walaboomsuu fi Itoophiyaa diimookraatessuu kan jedhanii dha. Kana jidduutti, tokko kan biraatiif karaa baasa malee, ilaalchi kun lamaan wal hin faallessan, warri jedhanis hin dhabamne.Waayee kana yeroo biraan itti deebi’a.

 

Gaafiilee lamaan kanaa olitti ka’aniif deebii kennuudhaaf, rakkooleen mooraa QBO babal’achaa kan deeman, ilaalchi siyaasaa lamaan armaan olitti ka’an kun xumura argachuu waan hin danda’inii fi gara fuulduraattis xumura argachuun isaanii shakkisiisaa waan ta’eef. Kun karaa tokko dha. Karaa biraatiin ammoo, kaayyoo fi galii QBO gaaddisa dodhachuudhaan ykn haguuggachuudhaan; of keessatti garuu waayee taayitaa fi dhimma dhuunfaa dhoksanii deemuu dha. Hanga dhimmootni gurgoddoon kun lamaan furmaata hin argatinitti; rakkooleen heddoomaa fi babal’achaa deemu malee waan dhaabbatanii miti. Fudhatamus fudhatamuu baatus kun dhugaa lafa jiruu dha. Gaafii isa hafe, akkamitti furmaata argatanii xumuramuu danda’u? kan jedhuf; akkasumas waayee ilaalcha siyaasaa lamaanii yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a.

 

Gama biraatiin, “Waltajjii Marii Oromoo (Oromo Dialoge Forum)” kan yeroo ammaa adeemaa jira jedhamee dubbatamu ilaalchisee, ani akka yaada dhuunfaa kiyyaatitti, mariin godhamu kamiiyyuu badaa miti. Dhimma’uma fedhee haa ta’u, yoo waliin haasa’an ykn waliin mari’atan malee waan tokkorra gahamee, furmaatnis argamuu hin danda’u. Kun yaada fi dhugaa waliigalaa ti. Haa ta’u malee, murteessaan dubbachuu, haasa’uu ykn mari’achuu qofaa otuu hin taane, ittibahinsa marii ti. Ariifatanii ykn mudamanii wal qeequu fi olola walirratt oofuun amma jalqabarratti bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu. Obsas qabaachuun barbaachisaa dha. Wanti hunduu obsa gaafata. Mariin kun garamitti akka deemu fi xumurarratti dhiibbaa inni QBO irratti qabu maal akka ta’u hordofuutu gamnummaa natti fakkaata.

 

Dhaaba ykn jaarmayaa jiru haarumsuu fi jijjiiruufis haa ta’u; dhaaba haaraa ijaaruufillee haa ta’u; otuu xumurri isaa hin beekamin; sanumaa asitti diina walitti ta’uun; alaga fi diina keenyaaf qaawwa uuma malee, uummata Oromootiif amma bu’aa hin qabu. Mana keenyatti ibidda qabsiisuu haa dhaabnu! Kan diinni nutti qabsiisee, boba’aa fi nu gubaa jiru, akkamitti akka ofirraa dhaamsinu haa yaadnu. Kanarratti haa hojjetnu. Falmii dargaggootni fi barattootni Oromoo akkasumas uummatni Oromoo bal’aan Wayyaanee waliin godhaa jiran bira dhaabbatnee, karaa danda’amu hundaan isaan haa gargaarru. Abdii bilisummaa kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) haa gargaarru. Hamilee isaanii jajjabeessuunuu gargaarsa tokko dha.

 

Dhumarratti, haala mooraa keenyaa ilaalchisee, akkuma “Boorawu malee hin taliilawu” jedhamu, rakkoolee walxaxaa ta’an kana keessaa baanee gara tokkotti (gara haqaa tokkotti) deemuun keenya waan ooluu miti. Haa turu haa daddafu malee, sirni koloneeffataa impaayara Itoophiyaa caccabee fi hundeedhaan buqqayee; impaayarittiin dulloomtee kufuuf deemtu tunis diigamtee; Oromiyaan walaboomuun ishii waan ooluu miti. Hundumaa yeroon nutti haa agarsiisu.

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *