Oduu Haaraya

Dhaloota seenaa boonsaa galmeessaa jiru

 

Abdii Boruutiin

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) bu’aa bayii hedduu keessa dabartee as geessullee, waggoota shanii jaha ofduuba garagallee haala ture yoo yaadannu, qabsoon teenya laaftee abdii kutachiisaarra waan geesse fakkaata ture. Sababni isaas jeequmsa mooraa QBO keessumaayuu mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti uumameen diina dhiisanii walirratti duuluun faashinii yeroo sanaa waan tureefi. Isuma sana wajjin walqabatee, diinni nu tuffatee; jiraachuma keenyayyuu gaafii keessa galchee qabsoo keenyas caalaatti dadhabsiisuuf yeroo muratee ka’e ture. Asirratti diina yoon jedhu ammoo Wayyaanee nama nyaattuu qofaa otuu hin taane; diinotni keenya kan dur, har’allee otuu carraa argatanii nutti deebi’anii kan dur caalaa nu gabroonfachuuf warra hawwaa jiranii dha. Galanni Waaqa fi akkasumas Sabboontota keenyaaf haa ta’uu, erga sochiin “Oromo First” eegalamee kaasee haalli jijjiiramaa dhufe. Sochiin kunis bu’aa guddaa argamsiisee, OMN dhalche.

Dhalachuun OMN ammoo hir’ina miidiyaa guutuu qofaa otuu hin taane, akkuma Sabbontichi keenya Obboo Jawaar Mahaammad dubbate, OMN qilleensa Oromiyaa bilisa baase. Qilleensi Oromiyaa bilisoomuun ammoo sammuun Oromootaa caalaatti akka bilisoomu fi waayee/dhimma ofii akka hubatan taasise. Oromoo kaabaa kibbaa, bahaa lixaa fi jiddugaleessaa akkasumas kan biyyaa fi alaa walqunnamsiise. Jidduudhaanis waayeen Maastar Plaanii Finfinnee fi godinaalee Oromiyaa addaa ifatti gadi baanaan, OMN badii Maastar Plaaniin kun fidu uummata keenya hubachiisuudhaan akka tokkummaadhaan ka’anii, isa kana dura dhaabbatan taasise. Kunis hojiidhaan mul’atee, kunoo bara 2014 kaasee uummatni kenya keessumaayuu barattootni Oromoo qabsoo mormii Plaanichaa kana bifa adda ta’een gaggeessaa jiru. Qabsoon kunis sadarkaa olaanaatti cehee, har’a gaafiin uummataa fi barattoota keenyaa isa kana birallee dabree gaafii Abbaabiyyummaa Oromoo ta’ee jira.

Wayyaaneen humna waraanaa fi humna tikaa ishiitti fayyadamtee uummata keenya hidhaa, dararaa fi ajjeesaa jirtullee, uummatni keenya keessumaayuu ammoo dhalootni Oromoo haaraan kutannoo fi gootummaadhaan qawwee fuuldura dhaabbatanii falmuudhaan seenaa boonsaa hojjechaa jiru. Xayyaara waraanaa fi taankii qabaachuu baanullee, artistootni keenya sirba warraaqsaa kan rasaasa caalan gadibaasuudhaan qabsoo akka ibiddaa boba’aa jirtu kana keessatti gahee guddaa taphachaa fi qooda guddaa gumaachaa jiru. Dhibboota keessaa sirba Sabbonticha keenyaa Caalaa Bultumee kan mata dureen isaa “# Oromo Protests Caalaa Bultumee (Qeerransoo)” jedhu https://www.youtube.com/watch?v=rzLNMoTa8E4  akka fakkeenya tokkootti kaasuun ni danda’ama. Akka hubannoo kiyyaatitti, sirbi kun hangama onnee Oromoo akka tuqu gaafii waan qabuu miti. Asirratti fakkenya kana yoon dhiyeessu kan biraa dagachuu fi tokko kan biraa caalchisuu kiyaa miti. Gaheen artistootni keenya walumaagalatti qabsoo kana keessatti taphatan durumaa kaasee bakkee guddaa waan qabuu dha.

Egaa, karaadhuma fe’eenuu haa ilaalamu, qabsoon wareegama Sabboontota Oromootiin (dhiiga fi lafee isaaniitiin) eegalamtee sadrakaa kana geese tun har’a bifa adda ta’een, dhaloota haaraatiin akka ibiddaa boba’aa jirtu tun seenaa saba Oromoo keessatti boqonnaa haaraa galmeessitee jirti jechuu dha. Sochiin yeroo ammaa deemaa jiru kun gadi xinneeffamee akka sochii mormiitti (Protest) kan ilaalamu qofaa otuu hin taane, kana bira dabree akka warraaqsa Abbaabiyyummaa Oromoo ta’ee jira yoo jedhame dhara hin ta’u. Maastar Plaaniin ka’umsa dubbii haa ta’u malee, sochiin uummata keenyaa qabsoo xumuruu gabrummaa ta’ee jira jechuu dha. Caalaatti kan jedhamuu danda’u ammoo qabsoon yeroo ammaa taasifamaa jirtu kun qabsoo jiruu fi jireenya Oromoo ta’ee jira. Yookaan Oromoo fi Oromiyaa badiirraa oolchuu yookaan badanii dhabamuu dha. Badanii dhabamuun filmaata waan hin taaneef, injifannoon kana boodaa Oromiyaa harka ilmaan Oromootti deebisuu dha; gabrumma xumuranii Abbaabiyyummaa ofii mirkaneessuu dha.

 

Akkan ofii kiyyaa ilaalu fi hubadhutti, qabsoon uummata keenyaa fi sochii barattootni keenya godhaa jiran kun, waa baay’ee caalaatti nu hubachiise jedheen yaada. Inni kunis Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabnee fi ormarraa gargaarsa eeguun akka hin danda’amne dha. Dhimmi keenya dhimmuma keenya ta’ee jira. Nu sodaataniis haa ta’u nu tuffataniis callisuun saboota impaayara sanaa nu dinquu hin qabu. Maaliif nu bira dhaabbachuu dhiisan, maaliif nu wajji ka’uu didan jennee isaanirraa waa eeguus, isaan kadhachuus hin qabnu. Haa turu haa daddafu malee, Tokkummaa keenya qofaatu injifannootti nu geessa. Tokkummaan keenya humna keenya akka ta’e fi ta’u yoomiyyuu caalaa hubachuu qabna. Dhugaa dha, yoo abbaan iyyate ollaan namaa mirmata (dirmata) kan jedhamu akka waliigalaatti ni hojjeta. Kunoo nu jabaannee sochoonaan Addunyaanuu xinnoos ta’u fuula nutti gargalchite. Haa ta’u malee, kun akkuma jirutti ta’ee, wanti hubatamuu qabu garuu ormarra waa eeguun galii barbaadnutti nu hin geessu.

 

Yeroo tokko tokko yoo dubbatamu, sabni Amaaraa maaliif ka’ee sochii Oromoo kana waliin hin dhaabbanne jedhama. Akka tooftaa fi tarsiimootti yoo ilaalame, sabootni gurguddoon kun waliin dhaabachuun Wayyaanee kuffisuuf murteessaa ta’uu mala. Haa ta’u malee, wanti nuti dagachuu hin qabne, tokkffaa sabni Amaaraa saba shakkii nurraa qabu waan ta’eef, yoo sochii Oromoon eegale kun injifannoon xumurame, sodaan isaanii Oromoon impaayara tana diiguuf deema waan jedhu dha. Lammffaa, mee dhugaa haa dubbannuu Amaara waliin sochooneeti bilisummaa keenya deebisnee arganna jechuun ni danda’amaa? Bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya humnan nurraa fudhatanii akka gabrummaa keessatti kufnu kan nu taasisan humnoota saba kana keessaa bahanii mitii? Akkamitti isaan nu bira dhaabbachuu danda’u jennee yaadna ree? Nu waliin dhaabbachuu kan barbaadanillee yoo ta’e tooftaa mataa ofiitiif jedhanii yoo ta’e malee, dhugumatti Oromoon mirga qaba jedhanii amananii waan fudhatan natti hin fakkaatu.

 

Asirratti kan na dinqu yoo jiraatelle, maaliif sabootni cunqurfamoon kan akka Ogaadee, Sidaamaa, Gaambeellaa faa… callisanii taa’anii nu ilaalanii dha. Isaan hoo maaltu sodaachise? Moo isaanis ammallee tuffii fi/ykn shakkii nurraa qabu? Jaarmayootni saboota kana keessaa bahan kan akka Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaadeen (ONLF), Adda Bilisummaa Sidaamaa (SLF) fi kkf. dhiyoo kana ABO waliin tumsa uumanii turan (PAFD). Tumsi jaarmayootaa kun saboota biratti maaliif hin jojjetin? Sabootni kun maaliff waliif hin tumsin? Maaliif wal bira hin dhaabbatin? Yoo Obboleewwan isaanii ilmaan Oromoo hidhamaa, dararamaa, ajjeefamaa jiran kanatti; yeroo sochiin uummata keenyaa yoomiyyuu caalaa cimaa jiru kanatti maaliif sochii kanatti hin hirmaatne? kan jedhan gaafiilee sammuu kiyya keessa deddeebi’anii dha. Yeroo Wayyaaneen waan qabduu fi gadidhiistu wallaalaa jirtu kanatti silaa tumsi saboota hundaatu umurii ishii gabaabsuu danda’a ture. Garuu callisuun kun maaliifi?

 

Barreeffama kiyya xumuruudhaaf, dhaamsi ani carraa kanaan jaarmayoota Oromootiif dabarsuu barbaadu, yeroon ammaa yeroo isin sagantaa keessan irratti cichitanii kaayyoo keessan galmaan gahuuf qofa hojjettan otuu hin taane, kaayyoon saba Oromoo kan hatattamaa, Oromoo fi Oromiyaa badiirraa oolchuu waan ta’eef, sagantaalee keessan bukkeetti dhiisuudhaan; dhimma waloo dhimma hatattamaa tokkorratti waliigaltee uumatanii qabsoo uummata keenyaan gaggeeffama jiru kana akka gargaartanii dha. Walabummaan yoo biyyi teenya Oromiyaan jiratte; Bilisummaanis yoo uummatni keenya jiraate qofaa waan ta’eef, qabsoon har’a uummatni keenya gaggeessa jiru QABSOO JIRUU FI JIREENYAA ti. Dhugaa kana hubattanii, yoo danda’ame TOKKUMMAA, yoo yeroodhaaf rakkisaa ta’e ammoo TUMSA jaarmayoota Oromoo ijaaruudhaan uummata Oromoo biyya keessatti kufaa jiraniif hamilee akka taatan dhaamsa Oromummaa isiniif erguu barbaada.

 

Humna keenya qofaadhaanis haa ta’u gargaarsa biraatiin, injifannootti deemaa waan jirruuf yoomiyyuu caalaa tokkummaa keenya jabeessinee, harka walqabanee qabsoo hundee Wayyaanee sossoosaa jirtu tana finiinsinee gabrumma bar-dhibbee tokkoo ol nurratti fe’ame kana xumuruun yeroon isaa amma. Dhalootni seenaa boonsaa galmeessaa jiran kun injifannoo xumuraas galmeessanii abbaabiyyummaa Oromoo akka mirkaneessu shakkin hin jiru. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo ti!!!

 

Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …