Oduu Haaraya

Dhimmi siyaasaa Oromoo bara baraan tarkaanfii tokko gara fuulduraatti..

Abdii Boruutiin

Mata duree kanaan barruu kana akkan dhiyeessu kan na taasise, barreeffama dhiyoo kana mata dureeየኦሮሞ ፖለቲካ ጉዳይ” Ya Oromo politiikaa guddaay – Dhimma siyaasaa Oromoo” jedhuun Obboo Bulchaa Dammaqsaatiin Afaan Amaaraatiin dhiyaate dubbisuu kooti. Qabiyyee barreeffama sanaarratti yaada koo otuu hin dhiyeessin dura, Obboo Bulchaa ilaalchisee waan tokko tokko jechuun barbaada. Obboo Bulchaa Dammaqsaa, ilaalcha fedhan haa qabaatan, akka ilma Oromoo tokkootti; akka hayyuu Oromoo hangafa tokkoottii; akka manguddoo keenyaatti; nama kabaja fi ulfina guddaa argatanii dha. Karaa siyaasaatiinis yoo ta’e, kaayyoo fedhan haa qabaatan; galii fedhanis haa hawwan; xinnaatus baay’atus diina keessa taa’anii dhimma Oromootiif falmachuun; Paarlaamaa Wayyaanee keessa taa’anii Afaan Oromootiin dubbachuun; diina keenya qeequun, akka qaama qabsootti ilaalamuu qaba jedheen amana.

 

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatittii, barreeffamni isaanii sun bakkee tokko tokkotti yaada mormisiisaa mul’isus; akka waliigalaatti yoo ilaalame, waanuma dhugaarratti hundaaye ibsa. Yoon barreeffama isaanii sanarratti yaada koo dhiyeessu, akka ilaalcha kiyyaatitti mormii ani qabxiilee tokko tokkorratti qabu ibsuuf malee, beekumsa fi dandeettii Obboo Bulchaa gaafii keessa galchee, isaan qeequufii miti. Beekumsi fi dandeettiin kiyyas kan Obboo Bulchaa ni caala jedhee ofmul’isuuf akka hin taane dubbistoota barruu kiyyaa hubachiisuun barbaada. Akkan Afaan Amaaraarraa Afaan keenyatti hiikuu yaaletti, Obboo Bulchaan barreeffama isaanii yoo jalqaban, akkana jedhu: “የኦሮሞ የፖለቲካ ጉዳይ በየዘመኑአንድ እርምጃ ወደፊት ሁለት እርምጃ ወደኋላ ሲመሏ ለዘመናት ቆይቷል” – Dhimmi siyaasaa Oromoo bara baraan tarkaanfii tokko gara fuulduraatti, tarkaanfii lama gara duubaatti deemaa ture –  jedhu. Mormiin kiyyas qabxii kanarraa jalqaba.

 

Haalota yeroo adda addaa keessatti uumaman keessatti carraaleen gara garaa nu haa dabran malee, hangan beeku fi hubadhutti, adeemsi siyaasaa Oromoo (qabsoon bilisummaa Oromoo) har’a bakkee tokko gayee gara fuulduraatti siquu dadhabullee; akka Obboo Bulchaan jedhan, tarkaanfii lama gara duubaatti waan deeme natti hin fakkaatu. Ofduuba gargallee yoo ilaalle, fakkeenyaaf warraaqsi bara 1974 impaayara Itoophiyaa keessatti dhalate, qaama qabsoo bilisummaa Oromoo akka ta’e dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Inni sun dhimma siyaasaa Oromoo ture jechuu dha. Innis xinnaatullee Oromoodhaaf bu’aa otuu hin argamsiisin hin hafne. Wanti guddaan argamuu baatullee, sirni Fiyudaalisimii nama-nyaataan sun kufee; lafti kan qotee bulaa akka ta’u taasisuun, innumtuu bu’aa tokko ture. Sun ammoo tarkaanfii tokko gara fuulduraatti deemuu dha.

 

Kan biraa ammoo, jijjiirama bara 1991 argamee dha. Bu’aa fi jijjiiramni bara sana argame, dhugaa dubbachuudhaaf, seenaa saba Oromoo keessatti kan bakkee guddaa argatuu dha. Carraa guddaan nu dabrus, akka diinni fi alagaan xinneessanii ilaalan otuu hin taane, nuuf Oromoodhaaf jijjiirama hamma kana hin jedhamnetu argame. Kun jijjiirama hundee ti. Biyyi teenya Oromiyaan kaartaarratti mul’achuun; Afaan Oromoo awwaalamuudhaaf fiixee boolloorra kan gaye sun dandamatee; qubee ittiin barreeffamu argatee; sadarkaa kanarra gawuun,… bu’aalee akka laayyootti ilaalamanii miti. Bara 1974 wajjin walbira qabnee yoo ilaalle, bara 1991 tarkaanfii guddaa gara fuulduraatti deemne jechuu ni dandeenya. Dammaqinsi uummata keenyaa guddachuun; dhalootni haaraan (dhalootni qubee) eenyummaa ofii hubatanii; mirga uummata Oromootiif falmachuun,…kun hunduu tarkaanfii biroo ti.

 

Har’as taanan, bara 1991 booda haalli Addunyaas jijjiiramaa dhufee; mooraan QBO laafee; qabsoon kun qabbanaayee; bakkee gayetti waan dhaabbate haa fakkaatu malee, tarkaanfii lama duubatti deeme jechuun hin danda’amu. Dhimmi siyaasaa keenyaa tarkaanfii lama duubatti deeme yoo jenne, sochii uummata keenyaa tuffachuu ta’a. Hamilee uummata keenyaa laaffisuu fi kan diinaa jabeessuu ta’a. Kanaafan yaada Obboo Bulchaa kanaan morma. Haalli har’a qabsoon keenya keessa jiru baay’ee rakkisaa fi walxaxaa akka ta’e; humni keenya gara gara faca’ee, mooraan keenya akka laafe waanuma mul’atuu dha. Bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti bu’aa tokko malee turuun keenya baay’ee gaddisiisaa dha. Haa ta’u malee, tarkaanfii lama duubatti deebine jechuu hin dandeenyu. Yoo ta’ellee, bakkee geenye sanatti dhaabbannee hafne yoo jedhame kun dhara hin ta’u.

 

Kan biraa kanan barreeffama Oboo Bulchaa keessatti hubadhe, Obboo Bulchaan weerara Minilik akkamitti akka ilaalani fi ibsanii dha. Barreeffama isaanii keessatti, “ኦሮሞንና ሀገሩን አሸንፈው ለማስገበርየቻሉት አፄ ሚኒሊክ ብቻ ነበሩ – Oromoo fi biyya isaa injifachuudhaan gabbarsiisuu (bituu) kan danda’e Minilik qofaa dha” jedhu. Bakkee biraatti ammoo, “እኔ አቀኑ እላለሁ አንዳንድ ሰዎች ግን “ኮሎናይዝ” አደረጉ ነውየሚሉት – namootni tokko tokko “colonize” jedhu, ani garuu akkas hin jedhu” waan jedhan fakkaatu. Asirratti mee Obboo Bulchaan gaafii tokko gaafadha. Erga uummatni tokko diinaan injifatamee; biyyi isaa qabamee; uummatnis gabrummaa jalatti kufee; kun akkamitti “colonized” hin jedhamne? Akka yaada Obboo Bulchaatti, weerartuun Habashaa, kan harka fi harma uummata keenyaa murtee; aadaa fi amantii isaanii uummat keenyarratti feetee;  eenyummaa keenya balleessuuf nutti dhufte; nu gabroomsuuf malee waan biraa akka hin taane otuu seenaan agarsiisuu; “colonize” hin jedhu jechuun isaanii hayyuu Oromoo tokkorraa ni eegamaa?

 

Weerara Minilik wajjin wal qabsiisanii yoo ibsan, Obboo Bulchaan, “እኔ እንደብዙ ወገኖቼ ጎበናንአላብጠለጥልም… –  Ani akka lammiilee kiyyaa Gobana Daaccee hin balaalefadhu” jedhu. Ittifufuudhaan,  “ራስ ጎበና ከሚኒሊክ ጋር ያደረጉት ስምምነት ለጊዜው ለኦሮሞ አንድ እርምጃ ወደፊት የሚሄድ መስሎ ነበር፡፡ ከዚያም በኋላ አፄ ሚኒሊክ ኦሮሞን የገዙበት የባሪያ አገዛዝ ሁለት እርምጃ ወደኋላ እንዲሄዱ አደረጋቸው፡፡Goobanaan Minilik wajjin waliigaltee kan godhe, Oromoodhaaf tarkaanfiin tokko gara fuulduraatti waan deemu ittifakkaatee ti. Sana booda Minilik uummata Oromoo gabrummaa jalatti kuffisuun isaa, uummatni kun tarkaanfii lama gara duubaatti akka deemu godhe” jedhu. Kun waan gurguddoo lama nutti agarsiisa. Inni tokko isaan amananii Habashaa wajjin waliigaltee godhuun xumurri isaa gaarii akka hin taane yoo ta’u; inni biraa ammoo, Habashootni nu gowwoomsanii nutti fayyadamuuf yoo ta’a malee, dhugaadhaan nu waliin hojjechuu akka hin barbaadne dha. Akka ilaalcha kiyyaatittti, dhugaa kanatu dhimma siyaasaa Oromoo tarkaanfii lama duubatti oofa.

 

Waan dabrerraa barachuu dadhabuutu akka tarkaanfii lama duubatti deeman nama taasisa. Waan OPDOn godhe fi OPDO haaraanis godhuuf deemu, kan Goobana Daaccee godherraa adda ta’uu hin danda’u. Yeroon adda adda haa ta’u malee, haalli walfakkaataa dha jechuu dha. Mee asirratti Obboo Bulchaadhaaf gaafii biraan dhiyeessa. Duraan dursee, jaarmayaan isaanii OFDM fi OPC walittibaqanii, OFC uumanii humna Oromoo tokko ta’uun isaanii baay’ee nama gammachiisa. Tokkummaan ilmaan Oromoo murteessaa waan ta’uufi. Karaa biraatiin garuu, humni haaraan uumame kun (OFCn) ammallee warra MEDREK jedhamurratti rarra’ee waan jiru natti fakkaata. Kanaaf, Obboo Bulchaa: Humna mooraa ofii (humna Oromoo) otuu hin cimsin; Habashoota wajjin hojjetanii galii hawwamu gahuun, tarkaanfii tokko gara fuulduratti nu oofa moo tarkaanfii lama gara duubaatti nu deebisa laata?

 

Dhumarratti, waan Obboo Bulchaan xumura barreeffama isaaniirratti ibsan tokko kaaseen; anis barruu kiyya xumura. “አንዳንድ ወዳጆቼ አንድ ጥያቄ ሁልጊዜ ይጠይቁኛል፡፡ “ለምን ሁልጊዜ ስለ ኦሮሞ ብቻ ትጽፋለህ?”መልሶቼ ባያጠግቡም ሁልጊዜ ተመሳሳይ ናቸው፡፡ “እኔ ደህና አድርጌ የማውቀው ስለ ኦሮሞዎች ስለሆነ ነው፡፡ …. እኔለኦሮሞ የምፅፍበት ሌላ ምክንያት የለኝም፡፡ Hiriyootni kiyya tokko tokko, maaliif yeroo hunda waayee Oromoo qofaa barreessita? jedhanii na gaafatu. Deebiin kiyya quubsaa ta’uu baatus, yeroo hundaa walfakkaataa dha. Ani gaariitti kanan beeku waayee Oromoo waan ta’eefi”…”Ani waayee Oromoo barreessuuf sababa biraa hin qabu” jedhu. Hayyuu Oromoo tokko dhiisii, waayee Oromoo alagaa fi diinnuu gaariitti beeku. Kanaaf, deebiin Obboo Bulchaa kun anaaf haphii dha. Sababa biraa hin qabu kan jedhan, ilma Oromoo ta’uun sababa hin ta’uu? Ani ilma Oromomoo waanan ta’eef; dhimmi saba kiyyaas waan na quuquuf,… jechuu maaltu nama sodaachisa? Akkana jechuun tarkaanfii lama duubatti deebi’uu ta’inaa laata?

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …