Oduu Haaraya

FINCILLI TAKKA FINIINEE LIGIDU AMNA QABSOO DHEERESSUU DARAN INJIFANNOO QANCARSA. (Kutaa 2ffaa)

FINCILLI TAKKA FINIINEE LIGIDU AMNA QABSOO DHEERESSUU DARAN INJIFANNOO QANCARSA.

#OromoProtests

        (Kutaa 2ffaa)

Barreessaan: Saphaloo Kadiir

(2ffaa). Sababni qabbanaa’uu (qoorruu) fincila diddaa gabrummaa inni lammaffaa jedhee yaadu, ololaafi dhara wayyaaneen hafarsu kanaan ummata keessatti sodaafi shakkiin uumamuu hin ooltu ja’een shakka. Tooftaa wayyaaneen yeroo ammaa sodaafi shakkii qalbii ummataa keessatti uumuuf yaalaa jirtu baayyee yoo tahu isaan keessaa muraasni:

– Mootummaan wayyaanee warra faaydaa isaa qofa akka guutaniif ifumaaf bixilate, kan afaan oromoo dubbatanitti fayyadamee soba qindeessanii odeessuun ummatatti dhugaa fakkeessuuf yaaluu.

– Kijiba isaan hin hiffisiifne kan ‘master pilaaniin hafe, dhimmi maaster pilaanii duraaniis wixineedha malee kaaroora xumuramee miti. Kanumaahu uummanni hin barbaannu yoo ja’e guutumattuu ni hafa’ jedhuun yeroo mara afuufan, kan bara dabrees nuun soban san qaanii malee hawaasa fudhachiisuuf yaalaa jiran.

– Mootummaan wayyaanee kan yeroo wanti takka shokomsite baaragaan maqaa adda addaa ummata nagayaatti moggaasuun beekkama. Sababuma kanaaniis seera shoorarkeessitootaa jechuun kan fedhii mootummaa Ameerkaa dhugoomsuuf, ifiifiis dahoo cubbuu godhachuun namoota gaaffii mirgaa kaasan mara seera kanaan adabee bu’aa isaa ittiin milkeeffachuuf baase saniin ummata mana hidhaatti guuruuf qophaa’aa jira.

– Barattoota oromoo dhaabbiilee barnoota ol aanoo adda addaa keessa jiran kanneen yeroo warraaqsaa san adda duree turan barnootarraa arihuun gara mana barnoota oromoo kan tahe mana hidhaa, mana amala sirreessaa (mana amalaafi lubbu baleessaa ilmaan oromoo) itti guuruun adabuuf karoorfatee jira.

– Ummata nageyaa kan gaaffii mirgaa gaafatan shoorarkeessitoota, farra misoomaa, farra nageenyaafi kkf jechuun maqaa sodaa moggaasee waraana irratti labsee duguuggaa sanyii raawwachuuf qophaa’aa jira. Guyyaa lama samii sulultaa gubbaa helikoptarii waraanaa mirmirsuun isaas xiinsammuu ummaataa ajjeessuufi qalbii isaanii shoorarkeessuun ummanni akka if bir’atu taasisuu isaati. Kanumaan wal qabatee magaalaalee mara humna waraanaa lakkoofsaan baayyina ummataa caalan weeraree sochii ummataa qammansuuf yaalaa jira.

– Kutaa hawaasaa humnaan hirmaachisee dargaggoota, shamarraniifi abboottii adda addatti dirqisiisee baasuun soba isaa itti hafarsaa jiraachuun isaanii ni beekkama. Kun ammoo carraa hawaasni walitti dhufuuf qabu dhiphisuun akka fincilli ligidu taasisuuf yaalaa jira.

– Jaarsummaan dubbii fixuu jechuun kijiba dhugaarraa fageete saniin manguddoota ifiif qopheeyfatetti fayyadamee hawaasa burjaajeessuuf sochii taasisaa jira. Kun ammoo ummata biratti fudhatama akka hin qabne osoo beekuu harka lafa jalaan caasaa isaa gareefi gooxii jadhamutti fayyadamuuf shorraqaa jira.

Tarsiimoolee sobaa kanneen armaan olitti ibsaman kana hojiirra oolfachuuf tooftaalee adda addaa kan wayyaaneen itti dhimma bahuuf karoorsite hedduutu jira. Tooftaalee kanneeniis hojiirra oolma isaa roga hundaan jalqabdee jirti.
Tooftaalee kanneen keessaas muraasni:

⏩ Aangawoota, hojjattoota mootummaa, miseensoota dhaabaafi caasaalee kana fakkaatan walitti qabanii mariisuun dirqama abbaa irrummaa san itti kennuun hawaasa soba akka fudhachiisan ajajuu dha. Kan kana fudhachuu dide ammoo akkuma amala isaanii gatii isaa laachaafii tooftaa ‘quba tokko muranii afran hafeen barsiisuu’ jedhu saniin itti fufuuf yaaluudha. Haa tahuu malee waltajjiin isaan mariif uumaa jiran marti fashalaawaa jirti. Hirmaattoonni waltajjii marii osoo hin xumuramne dhiitanii bahuu, waliigaltee takka malee waltajjiin xumuramuu fi kkf ammumarraa harkatti qammansaa kan jiru tahuun abdii isaan kutachiisaa jira.

⏩ Maqaa Haaroomsa (tehadiso) jedhuun miseensootaafi hojjattoota isaa mara leenjiif kaampiilee waraanaa akka huursoo, birshalaqoo, xawallaayiifi kkf itti walitti qabee ji’a tokkoofi tokkoo oliif marsaa adda addaatiin mooricha keessa tursiisuun dirqama isaa itti kennee, leenjii haaroomsaa hanga qotee bulaatti kennaa jechuun gad buusuuf qophaa’aa jira. Barattootaa dhaabbiilee barnoota adda addaatiis barnoota dhiisanii akka leenjii tana fudhatan taasisuufi. Kana booda miseensa OPDO taasisuuf dirqisiisuuf tartiibeeffachaa jira.

Wayyaaneen akkuma beekkamu filannoo bara 1997 A.L.H itti iddoo hundatti ummanni akka isa hin filatin beekee booda tooftaa haaroomsa jedhu kanatti fayyadamee ture. Leenjii haaroomsaa kana bara 1998 marsaa jalqabaa hojjattoota misoomaa mara kaampiilee waraanaatti ji’a tokko guutuuf leenjisaa ture. Niin yaadadha! Yeroo san hojjattoota misoomaa kuma 10 caalan Harargee bahaafi lixaa kaampii waraanaa Hursoo keessatti leenjisaa ture. San booda qotee bulaa leenjisaa jechuun ji’a tokkoof guyyaa guutuu qonnaan bultoota mara hojii isaa irraa habaabsaa turan. San booda yeroo muraasaaf akka waan tasgabbii argateetti waan milkaawinii turaniif ammaas tooftaa sanitti fayyadamuuf carraaqaa jiran.

⏩ Miidiyaa ija oromoo taheefi laphaalapheessa hawaasaa caqasuun quuqama sabaaf qabu mirkaneessaa jiru OMN irratti tarkaanfii fudhachuun hawaasni akka odeeffannoo hin arganne taasisuu dha. Wayyaaneen uggura gama saatalaayitii tamsaasa OMN gargar kutuu san amma hin dandeessu. Sababniis ji’a 10 keessatti yeroo 8 eega uggurteen booda galanni teknooloojiif haa gahuu OMN saatalaayitii isaan ugguruu hin dandeenye irratti bahe. Eeyyee! ‘Ijoollee harka lallaachuun nama dararte bakkuma isiin hin dhaqqabne duraa kaayanii mitiire?’ Garuu fadhiidoon abdii hin kutattuu, Wayyaaneeniis karaa kanaan akka hin milkooyne eega hubatteen booda tarkaanfii gowwaa fudhachuu jalqabe.

Duula diishii buqqaasuufi Tv mana manatti deemanii walitti qabuu jalqabanii jiran ‘Jaarsaan walitti dallannaan isaan miidha jattee waan isii guggubde’ tan ja’an san tanaa mitiiree? Diishii guurraan naannawa garii malee TV isaa Tv Oromiyaa fi EBC kan misooma sobaatiin ummata mataa wareersu saniis namni akka hordofuu hin dandeenye waan hubatan natti hin fakkattu. Garuu hubataniis Tv isaanii kaabinee isaanii malee hawaasni akka arkaa jibbu ni beekan waan taheef san irrumaahuu hafu wayya. Ummanni garuu waan callisee taa’uu miti. Guyyaa isaan arra diishii guuran boru duruu diishiin haareyni mana gubbaa eejja.
Kana malees dhaloonni qubee biyya keessa jiran harki caalaan fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa waan tahaniif odeeffannoo hunda yeruma san argachuun daran finiinaaf of qopheessaa jiru.

⏩ Wayyaaneen tooftaa amma dura xiqqo itti milkaawaa turte kan dharaan sabaafi saba walitti naquu, saba tokko amantaan walitti buusuu, kutaa, lagaafi gosaan wal ficcisiisuu, barattoota oromoo dhaabbiilee barnootaa keessatti argaman barattoota saba biraa waliin walitti buusuun jeequmsa uumuu, saba xiqqaa saba guddaa irratti aangoomsuu, saba guddinaan hangafa tahe oromoo bakka dhibbatti qaanxeessuun sagaleefi humna isaanii haphisuun gatii dhoorkuu dha.

Tooftaaleen kun bifa haareyaan yeroo amma kan jalqabame jiru yoo tahu, tooftaan saba xiqqaa saba guddaarratti aangoomsuu kun akka fakkeenyaatti baha oromiyaa, walakkaa harargee kan jiraatan saba Hararii kan qubsuma xiqqaa irra qubatanii jiran itti fayyadama aangoo daangaa malee laateefi jira. Sababa kanaaniis qaanqeen hamtuun qabattee jiraachuu fi yeroo muraasa booda haala yaaddessaan kan balbaltu tahuun shakkii dha.

⏩ Akkumaa torbaan dabre barruu mata duree ‘FARRA QABSOO OROMOOTIIN AKKA HIN DOGOGGORRE; BARRUU GABAABDUU HAALA YEROO AMMAA IRRAATTI..’ jedhuun fuula facebook kiyyaa irratti maxxansee ture keessatti ibsetti wayyaaneen yeroo ammaa tooftaa fayyadama miidiyaa hawaasaa irratti leenjisuun akkuma lafa irratti ummata sababa garaagaraatiin waliin dhawaa jiru internetiiniis waliin dhahuuf hojii jalqabsiisee jira.

Yeroo ammaa garuu ummanni oromoo guutuun walii galee waan jiruuf tooftaalee inni karoorfate kun bu’aa akka hin qabneef beekkamaadha. Tooftaa qammantuu akkanatti fayyadamuuf yaaluun isaa nama mixii irra maraka (suga) barbaadu isa gooti. Haa galatoomuu ijoollee nuuf barsiisuu isaatiif. Sabaniis warra leenjisee gara miidiyaalee hawaasaa erge keessaa warra soba isaatiin dhama’eefi warra alagaa tokko tokko malee ijoolleen oromoo if beekan baayyeen warraaqsa hawaasa bal’aa kanatti makamanii jiru.

Walumaagalatti, filannoowwan baayyee wayyaaneen baaragaan tarree galchite tun marti oromoof miidhaa malee hanga firii xaafii takka bu’aan buusuuf hin jiru. Eegaa! Wayyaaneen tooftaaleefi tarsiimoolee kana hunda naasuufi baaragaan tarreessaa jira. Haa tarreessuu haa dhiisuu Oromoon ammoo furmaanni inni qabu tokkoofi tokko qofa. Furmaanni tokkichi bilisa if baasuu dha. Fincila guutuu oromiyaatti dhoohe kana qabbaneessuufi dhaabuu osoo hin taane sadarkaa sadaffaatti ceesisuun qabsoo bilisummaatti seenuudha.

Ummanni oromoo sochii fincila ji’oota lamaan kana keessa godhaa tureen sodaa moo’atee, tokkummaa cimsatee, diina naasisee jira. Har’as kana darnan injifannoo dhugaafi galmi isii bilisummaa goonfachuu qaba, ni danda’aas. Namuu bakka jiruu waan danda’uun diinarratti duuluu qaba. Kana booda of duuba deebi’uun kopha kophatti qalamuufi kophaa ajjeefamuu qofaafi. Kanaaf ilmaan oromoo alaaf keessaan, xiqqaa guddaan, baddaa gammajjiin, dhiiraa dhalaan, barataa barsiisaan, hojjataa daldalaan, qotee bulaaf horsiisee bulaan walqabatee injifannoodhaan dallaya gabrummaa keessaa bahuu qaba.

            === Itti Fufa===

Barreessaan: Saphaloo Kadiir/ Abdulbasit
Mudde, 2015

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *