Oduu Haaraya
saphaloo kadiir

FINCILLI TAKKA FINIINEE LIGIDU AMNA QABSOO DHEERESSUU DARAN INJIFANNOO QANCARSA. #Oromoprotests

(Kutaa 1ffaa)

Barreessaan: Saphaloo Kadiir

Akkuma beekkamu ji’oota lamaan kana warraaqsi hiriira mormii master pilaanii barattoota keenya sabboontoota qaroo oromootaa tahaniin jalqabee gara fincila diddaa gabrummaatti tarkaanfachuun, hawaasa keessa latee kutaa hawaasa oromoo mara tuqee daran boba’uun oromoota idil addunyaa keessa jiraatan mara bira gahuun isaa ni beekkama. Qaamni kumaatamni itti madaa’ee, lafeen nama danuu itti caccaphxee, dhihana rasaasaa tahuun lubbuun dhibbootaatiis itti wareegamte. Tan hidhaafi reebichaa taatu hin gaafatamtu, tilmaamuufuu kan nama rakkisuu dha. Warra qabsoo seena qabeettii tanarratti lubbuu isaanii sabaaf if kennee wareegame ammoo seenaan haa yaadattu, rabbiin biyyoo irraa haa salphisu.

Oromiyaa guutuu keessatti ibiddi shidame kun ilmaan oromoo kuma baayyee irratti qaanqee facaasee waxaluus injifannoolee baayyee kan itti gonfannee dha.
Injifannoolee san keessaa muraasni:
– Gulantaa shiraa alagaaniifi jala fiigdoonni alagaa tooftaa adda addaatiin ilmaan oromoo jiddutti ijaaraa turan salphatti diddiiguun wal dhageeytii obbolaawwanii kan cimse,
– Shakkiifi shakamii alagaan saba bal’aa jiddutti kalaqee ture haaluma salphaan firfirsuun jaalalaafi humna tokkummaa sabaa kan mirkaneesse,
– Onne qabaattummaa fi gootummaa saba keenyaa dur caalaa kan leellise,
Tarsiimoo saba gargar hiruu waggoota baayyeef alagaan nurratti hojjachaa ture layyotti kan fashaleesse,
– Dhaaboollii biyya bulchina jachuun soba afuufan kan maqaa malee keessoon isaanii daariqee naafee akkaa gara dhabee onee reeqqisu daran hurgufee daadarkeessuu,
– Abdiifi hawwii wayyaaneefi OPDO’n qabaachaa turan bakkaa haqee gar malee dhiphisuufi yaaddeessuun injifannoowwan danuu keessaa isaan baayyee muraasa tahanii dha.

Injifannoowwan galmaa’an kana akka argamu kan taasise meeshaan bu’uraa guddaan, onnachiiftuun, hubachiiftuufi fashaleessituun dhara wayyaanee midiyaalee hawaasaa kan akka facebook fi twitter yoo tahu, gara Televiziyoonaatiin ammoo hangafummaan Tv OMN akka tahe mamii hin qabu. Asirrattiis humna qabeessummaa midiyaan tokko mootummaa abbaa irree diiguufiis tahee, saffisa deemsa qabsoo kamiyyuu keessatti qabu kan mirkansuudha.

Miidiyaan tokko ulaagaa miidiyummaa kan guutuu danda’u sabaaf bu’aa gaarii yoo galmeessisee dha. OMN miidiyaa dhugaa waggoota dheeraa tuftee dharaatiin cuqqaalamtee haddaar baate mara qaawa irraa futtaasuun, qilleensa irraan gurraaf qalbii saba haqa isaa waliin awwaalamee tureetti hafuursuun, asxaa eenyummaa isaa sammuu keessatti sumudee ummanni akka lafaaf lafee isaaniitiif waardiyaa tahanii eeggatan taasisuu danda’ee dha. Odeeffannoo waltawaa tahe kan alagaan icciteeysee lafa jala fixuu kajeelu mara OMN qotee saaxiluun aduu afee, buraanaa shiraa findigee baasee hiddaan goggooysuu danda’ee jira. Kanaaf OMN guddaan galateeffadha.

Gara miidiyaa hawaasaa kan akka facebook yoon deebi’u ammoo duraan namni baayyeen bu’aa tokkoof hin fayyadaman ture. Namni baayyeen duraan yeroo, qabeenyaafi beekkumsa isaa gubee facebook seenee arraabsoo, qeeqaa, komiifi kkf qofaaf fayyadama ture. Dhiheenya kana ammoo itti fayyadama dogoggoraa irraa gara hojii bu’a qabeessa dhimma waloo sabaa irratti xiyyeeffachuu tiif fayyadamuu danda’uutti cehuu isaanii kan mirkaneessuu dha. Namni marti dhimma mormii biyyattii keessatti finiinaa ture irraa haasawa. Kun dhugumatti waan jajjabeeffamuufi daran cimee itti fufuu qabu tahuu ibsaa, injifannoolee barbaannu baayyee keessaa muraasaa hanga ammaa argamaniif ammoo warreen roga maraan waan danda’an gumaachaa turaniif galata barbaachisa waan taheef kuma lama ‘allamagan’ ja’een dabra.

 Keessattuu yeroo ammaa dhaloonni qubee hojiifi injifannoon isaan roga maraan galmeessaa jiran gaara irratti jiiysanii, tulluu irratti fonqolchaniis kan dhokotuu miti. Bu’aaleen dhaloota qubeetiin galmaa’an kun warroota muraasa durummaa dur himachaa, qabeenya duriin dhaadachaa amma bilisaan daadhii dhuguu barbaadaniif deebii sirrii laata jedheen amana. Kanneen dhaloota kana akka danta dhabduufi onne dhableetti fudhatanii qeeqa dulloomee irratti furgisuu barbaadaniifiis ragaa gaarii tahee akka afaan nurraa qabachiisu mamiin qabu. Asumaan ammoo aangawoonni dhaabbiilee siyaasaa oromoo kanneen akka siidaa yaadannootti gararree dhaabaa ijaajjan, warreen gadaa meeqaa akka waan dhaloota kanatti amanuu dhabanii irratti cichanii jiraataniis if yaadachuun dhaloota seenxii qaraa kanatti dabarsuuf of qopheessuutu irra jiraataan dhamsa dhunfaa kootii, hawwii oromoota maraati.

Eegaa! akkumaan olitti tuquuf yaaletti fincilli diddaa gabrummaa qabatee finiinaa ture san haalli guyyoota sadi duraafi kan arraaf kaleessaa hedduu garaagarummaa qaba. Qaqabbanaa’aa waan dhufaa jiru fakkaata. Garuu gonkuma qabbanaa’uu hin qabu. Daran ibiddi fincila diddaa gabrummaa kun wajiijamuu qaba malee dhaabbachuun irran jiraatu. Qaqabbanaa’uu ykn dhaabbachuun fincilichaa lubbuu mirga isii falmachuu qofaaf badii malee wareegamte san gatii malee hambisa. Gama biraatiin akkuma wayyaaneen hawwitu umrii isaanii dheeressuun tooftaa jijjiiratanii tarsiimoo miidhaa rog-baayyee nurratti afeera. Haa tahuu malee haala yeroo ammaa kanarra dhaabbannee yoo kan laallu tahe, ligidaa dhufuun fincilaa kun waa lama irraa jedheen tilmaama.

(1ffaa). Akkuma hiriira mormii ji’a dabre keessa finiinaa ture irraa hubannutti waytiin kun yeroo cehuumsa tahu mala. Ji’a dabre hiriirri mormii master pilaanii jalqabe osuma finiinaa deemuu jiddutti ligidaa dhufe. Guyyoota muraasa akka waan riphuu fakkaatee haareyatti bifa hin eegamneefi nama ajaa’ibsiisuun gara fincila diddaa gabrummaa hawaasa hirmaachise tahee dhoohe. Yeroon inni akka qabbanaa’uu fakkaate san yeroo hiriira mormii irraa gara fincila diddaa gabrummaatti cehuuf haala mijjeeffachaa ture akka tahe hubanneeti jirra.
Haaluma san irra dhaabbannee yoo ilaallu ammaas fincila diddaa gabrummaa irraa gara sadarkaa sadaffaafi furmaata dhumaa kan tahe gara qabsoo bilisummaatti tarkaanfachuuf riphuu mala jedheen tilmaama. Yoo kana hin tahinii fincilichi kan guutumatti dhaabbatu tahe garuu miidhaa isaatu irra caala. Fincilli kun dirqama gara warraaqsa qabsoo bilisummaatti cehuu qaba. Yoo kan dhaabbatu tahe ammoo miidhaa baayyee malee bu’aa tokko hin qabu.
Miidhaalee kanneen keessaa muraasa yoo kan ilaallu tahe:

✔ Sochiin warraaqsaa kun dhaabbachuun humnaafi sagalee oromoo bittineessuun mootummaan wayyaanee kan amma sodaafi shakkii addaa keessa galuun duruu reeqqise kun haareyatti if ijaaree warreen ciccimoofi sochii kana adda durummaan qindeessaa turan kanneen ija kaayyate san dhoorkaa tokko malee funaanee manneen hidhaatti darbuun hijaa isaa irraa bahuuf haala mijjaawaa argata.

✔ Fincilli takka finiinee osoo roga barbaachisutti cehee galma hin gahin dhaabbatu kun bara dhufaa dabraa lubbuun wareegamuu malee waan wareegamteef san osoo hin milkaa’in gatii dhablee taatee akka haftu taasisa. Kun ammoo alagoota barayyu dhiiga keenya dhangalaasuu fedhu kanaaf araada tahee yoo nuti humaa hin morminellee akka nu ajjeessuufi dhiiga keenyaan dheengiyyamu taasisuun daran nurratti goobsa. Abbaa irrummaa isaa dagaagfatee, akka hoolaa qodhaatti bara baraan dhiiga keenya dhangalaasee lubbuu teenyaas wareegaa xixiqqeeyfatee nu fixee ibidda nu dhaamsuun waan barbaadu san laaftumatti akka argatuuf haala isaa mijjeessa.

✔ Saaminsaafi gurgurtaa lafaa baroota kurnan dabran kana harka lafa jalaan irratti bobbahaa turan tarsiimoo addaatiin deeggaruun keessa limanii karoora master pilaaniif qabatan san dachaa meeqa mogaluu malan. Kun ammoo karoora isaanii karaa abshaalummaan galma gaheefi karaa kutaaraan qabeenyaafi qubsumaaniis irree saani cimsuun akka oromoo irraa imimmaan gaddaa bara baraan hin qoorre taasisa.

✔ Qabxiileen armaan olitti tuttuqe kun raawwatamaan garuu akka nuti humna takka dhabnee laamshooynu nu taasisuu daran daandii bilisummaa imala hin xumuramneen diriirsee amna keenyaas fageessuun bilisummaa abdannu san qammansee, walabummaa hawwinu saniis qancarsee abdii amma dimimmisa qabnu tana guutumatti dukkana gonkuma hin saaqamneen golgee hambisa.

Kana taanaan ammoo laalaan dhibee keenyaa hammaatee, sagalee boohinsaa daballee akkuma huummoo barayyu aaduu malee namni nu gaafatullee osoo hin jirre itti fufna. Kuni ammoo dhibee gabrummaa hamaaf nu saaxiluu taha. Sadarkaa kana geenye taanaan gaaffiin abbaa biyyummaa sammuu tokkoon tokkoo ilmaan oromoo keessaa haqamuun hawwiiniis hawwii masheente taatee hafti.

====== Itti Fufa======

Barreessaan: Saphaloo Kadiir/ Abdulbasit ak23873@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …