Oduu Haaraya

Finciloota Ummanni Oromo bulchitota embaayira ethiopia irratti duri kaase hamma ammatti gad-geysaa turani fi ittis jiran barreyfama armaan gadi keysatti walin laalu yaalla.

Fincilotaa ummata Oromo keysaa ummanni Oromo wallo waggota hedduu fincila addaan hin cinne motota ethiopia durii irratti gad-geysaa turuun isaani ni yaadatamaa.
Sababi isaan fincila kana irratti hirmaataniif bulchaan habashaa gaafa sanii Tedros Oromota wallo irratti yakka sukanneysaa raawwate ture.
Fincilli Oromonni Baale fi Harargee moticha embaayira ethiopia yero sanii Minilik 2ffaa irratti gad-geysanin Arsii naanno Aanoletti dhiira irra Harka muruu fi dubarti irraa ammo Harma ciraa turuu isaanii fi Hararge  keysatti naanno Calanqqotti Oromota kuma 100tti shallagaman kan fixan tahuun isaanii hubatamaadha.
Gaafa embaayerri ethiopia waggaa shaniif bulchinsa italia jalatti kufe turte Oromonni wallaggaa embaayera ethiopia kana jalatti buluu hin barbaannu jechudhaan fincila guddaa gad-geysaa turuun isaani senaa dhihenya kanaati .
Bifuma kanaan bara bulchiinsa hayalasillaase keysa belaa fi honge Oromota wallo galafataa ture sababa godhachudhaan barattonni Oromo moticha gaafa sani irratti fincila guddaa labsani turun isaani jijjirama ethiopia keysatti yero san mul’ateef isaanitu angafa jechuun ni dsndeyamaa.
Osuma fincilli barattota kuni demaa jiru qote bulaan Oromotiis abbaa lafaa (dachii) tahuun kiyya naaf kabajamu qaba jechuudhaan fincila guddaa nafxannyotaa fi bakka bu’uta Moticha Hayla sillaase irratti gad-geysenin motichi barcuma irraa akka fonqolfamu godhu keysatti barataan Oromo fi qote bulaan Oromo fincila godhan kanatti milkaawanille aango kan dhuffate garu humna waraana ethiopiati.
Humni waraana ethiopia kuni akka aango dhunffateen lafti ta abbaa qotu haa taatu jechuu labse ture.
Gaaffiin barattotaa Motii ethiopia Hayla sillaase kuffisudha .
Gaaffiin qote bulaa Oromotis abbaa lafaa tahudha waan taheef gaaffi kana lamaanu debifne jirra jechuun bulchinssi dargii yaro sana dhaadachaa turun isaa ni yaadatamaa.
Bulchiinsa dargii kana yaro saniif kan hogganaa ture Kolonel Tafarii Baantii waan tureef erga seraan qote bulaa Oromo abbaa lafaa taasisen bodatti ummata Oromo
wal-barsiisuf kutaalee Oromiyaa hindarraa magaalaa finfinnetti akka wal-argani wal-marihatan godhe ture.
Haala kanaan yero duraatiif bakka bu’unni ummata Oromo wal-argani yaada wal-jijjarachu dandeyun isaanii tokkummaa isaani ka dur caalaa cimse ture.
Bifa kanaan inni baha biiftuu irraa dhufe
 ” Qeyro mataan tutaa hin jerjeru sutaa”
wayta ja’e wallisu
inni wallaggaa irraa dhufe :-
 ” Qajimaan daraare karra ittatti saare bilisummaa tantto sumaan na maarare” ja’e wayta wallisetti :-
inni shawaa ammo
 ” saalle saalle salalitii wanni yartuun nama miiti maali karaa bulanitii” akkana jechuun wallise ture.
Inni Arsii fi Baale irraa dhufe ammo akkana jechuun
        sirbe ture.
 ” sangotaan dachaasa tullu gaamasiti anaa maa wallaaltaa gurba fira keti”
jechuudhaan ummanni dhiigaan tokko walitti bobboye ballamaas walif gale ture.
Haala kanaan akka saba tokko fi afaan tokko akkasumaa hireen isaanilleen takka tahuu guyyaa san walitti agarsiifatan waan taheef , warri hsbashaa jenraal Tafariin guyyaan akka du’u itti mortyesuun guyyaa kanaa irraa ka’eti ture.
       Sabsbni isaas :-
 (Kol/Tafearii Baantii) ajjechaan adabaniifiis yero gabaabaa kana keysatti ummata Oromo bifa kanaan gurmeysuun isaa hegere embaayira ethiopia balleysaa waan taheef kolonel tafarii baantii mana isaa keysatti taankiin rukutame ajjefame ture.
Warraaqsi tafariin dhohe kuni ABO ‘n akka umamu godhu keysatti qoda guddaa qaba ture.
Haala kanaan ABO’n ijaarame waggaa 17n dargiin embaayira ethiopia bulchaa ture ABO’nis falmaa cimaa isaani waliin godhaa turuun bekkamaadha.
ABO’n warra aango ethiopia of harkan qaban kana kufaati isaani jerjersudhaaf adda bilisa baasaa Ertirea fi Tigrai walin wali galte ummate turen sirnichaa jihaa hundaan humna waraanaan erga dadhabsisaniin bodatti kuffisu dandeyun isaani hubatamaadha.
Walgayii 91 landanitti gad-geyfame ture irratti motummaa cehumsaatiin ethiopia bulchuu keysatti jaarmayni ABO qoda ol-aanaa bahaa ture.
Erga haalli biyyaa tasgabbaawe ammo filmaata biyyoleysa gad-geysu irratti wali galani turuun isaani yaadatamaadha.
Garuu addi bilisa bilisa ummata tigray ABO waliin filmaata biyyoleysaa yo gad-geyse Oromiyaa miti Tigray keysatti dhaabni ABOwaan mohatuuf motummota warra dhihaa fi Ertirea waliin wal
gar-gaarsifatudhaan humna waraanaatiin dhiibame ABOn akka alatti bahu dirqani tahuun isaani ni yaadatamaa.
Waggaa 24n IHADG embayera ethiopia bulchaa jiru kana ummanni Oromo guyyaa tokkof naa tahe ja’e murna kana jalatti mataa gad-qabate bule hin beku.
    Fincilota gara-garaa
Ummanni Oromo raawwatan.
     Bara 2004 keysa motummaan wayyaane waajjirri motummaa naanno oromiyaa gara magaalaa adaamaatti godaanu qaba jette labsi baafte turten barattonni oromo fincila guddaa raawwataniin labsi kana fashalsu dandeyani turuun isaani hubatamaadha.
       Bara2005 keysa
Addi Bilisummaa Oromo gutuu ummata oromotiif motummaa wayyaane irratti akka fincilanif yaaminsa godhe ture .
Gutuun ummata Oromo keysaafu barattonni oromo fincila maqaan isaa diddaa gabrummaa ja’amun bekkamu kana baayyinaan barattonni Oromo irratti hirmaatuun hamma guyyaa arratti motummaa wayyaanef dhukkubbi mataa tahe jiru.
Tarkaanffi fi labsii motummaan kuni guyyaa guyyaan ummata Oromo irratti labsu keysaafu dhimma mister planii magaalaa finfinnen wal-qabate barattonni Oromo motummaa wayyaane hirriba dhorgaa jirachuun isaani hubatamaadha.
Kanummaan wal-qabate labsii caffeen Oromiyaa dhihenya kana magaalaale Oromiyaa laalchise baase mormudhaan torbaan lamaan kana mormii cimaatu Unversitiile Oromiyaa gara-garaa keysatti gad-geyfamaa jira.
Unversitile wallaggaa , Haromaayaa , Ambo , Madda walaabu , Bule horaa, Dirree dhawaa , Jimmaa keysatti bifa qindaawaa taheen gad-hirirrii nageyaa barattota Oromon geyfamaa jira.
Garuu iddo fi bakka isaan hirira nageyaa itti gad-geysaa jiran hundatti debi’iin isaani rasaasa tahaa jira.
Hawaasni Oromotiis biyya keysaa biyya alaattiis ka dur caalaa tokkomanii fincila barattota oromotiin gad-geyfamaa jiru kana cinaa isaani dhaabbataa fi deggara jiran argaa jirra.
Tanaaf egalli barreyfama kenya irratti fincilota duri fi ammaa wal-bira qabudhaan kan ilaalu yaallef kana fakkata .
 Gadaan Gadaa Bilisummaati.!!
Injifannon kan ummata    Oromoti.!!
        Galatomaa
Abdusalam Sute.bulchitota warra embaayira ethiopia duri fi ammaa :
Fincilotaa ummata Oromo keysaa ummanni wallo waggota hedduu fincila addaan hin cinne motota ethiopia durii irratti gad-geysaa turuun isaani ni yaadatamaa.
Sababi isaan fincila kana irratti hirmaataniif bulchaan habashaa gaafa sanii Tedros Oromota wallo irtatti yakka sukanneysaa raawwate ture.
Fincilli Oromonni Baale fi Harargee moticha embaayira ethiopia yero sanii Minilik 2ffaa irratti gad-geysan naanno Aanoletti dhiira irra Harka muruu fi dubarti irraa ammo Harma ciraa turuu isaanii fi Hararge  keysatti naanno Calanqqotti Oromota kuma 100tti shallagaman kan fixan tahuun isaanii hubatamaadha.
Gaafa embaayerri ethiopia waggaa shaniif bulchinsa italia jalatti kufe turte Oromonni wallaggaa embaayera ethiopia kana jalatti buluu hin barbaannu jechudhaan fincila guddaa gad-geysaa turuun isaani senaa dhihenya kanaati .
Bifuma kanaan bara bulchiinsa hayalasillaase keysa belaa fi honge Oromota wallo galafataa ture sababa godhachudhaan barattonni Oromo moticha gaafa sani irratti fincila guddaa labsani turun isaani jijjirama ethiopia keysatti yero san mul’ateef isaanitu abgafa jechuun ni dsndeyamaa.
Osuma fincilli barattota kuni demaa jiru qote bulaan Oromotiis abbaa lafaa (dachii) tahuun kiyya naaf kabajamu qaba jechuudhaan fincila guddaa nafxannyotaa fi bakka bu’uta Moticha Hayla sillaase irratti gad-geysenin motichi barcuma irraa akka fonqolfamu godhu keysatti barataan Oromo fi qote bulaan Oromo fincila godhanitti milkaawanille aango kan dhuffate garu humna waraana ethiopiati.
Humni waraana ethiopia kuni akka aango dhunffateen lafti ta abbaa qotu haa taatu jechuu labse ture.
Gaaffiin barattotaa Motii ethiopia Hayla sillaase kuffisudha .
Gaaffiin qote bulaa Oromotis abbaa lafaa tahudha waan taheef gaaffi kana lamaanu debifne jirra jechuun bulchinssi dargii yaro sana dhaadachaa turun isaa ni yaadatamaa.
Bulchiinsa dargii kana yaro saniif kan hogganaa ture Kolonel Tafarii Baantii waan tureef erga seraan qote bulaa Oromo abbaa lafaa taasisen bodatti ummata Oromo
wal-barsiisuf kutaalee Oromiyaa hindarraa magaalaa finfinnetti akka wal-argani wal-marihatan godhe ture.
Haala kanaan yero duraatiif bakka bu’unni ummata Oromo wal-argani yaada wal-jijjarachu dandeyun isaanii tokkummaa isaani ka dur caalaa cimse ture.
Bifa kanaan inni baha biiftuu irraa dhufe
 ” Qeyro mataan tutaa hin jerjeru sutaa”
wayta ja’e wallisu
inni wallaggaa irraa dhufe :-
 ” Qajimaan daraare karra ittatti saare bilisummaa tantto sumaan na maarare” ja’e wayta wallisetti :-
inni shawaa ammo
 ” saalle saalle salalitii wanni yartuun nama miiti maali karaa bulanitii” akkana jechuun wallise ture.
Inni Arsii fi Baale irraa dhufe ammo akkana jechuun
        sirbe ture.
 ” sangotaan dachaasa tullu gaamasiti anaa maa wallaaltaa gurba fira keti”
jechuudhaan ummanni dhiigaan tokko walitti bobboye ballamaas walif gale ture.
Haala kanaan akka saba tokko fi afaan tokko akkasumaa hireen isaanilleen takka tahuu guyyaa san walitti agarsiifatan waan taheef , warri hsbashaa jenraal Tafariin guyyaan akka du’u itti mortyesuun guyyaa kanaa irraa ka’eti ture.
       Sabsbni isaas :-
 (Kol/Tafearii Baantii) ajjechaan adabaniifiis yero gabaabaa kana keysatti ummata Oromo bifa kanaan gurmeysuun isaa hegere embaayira ethiopia balleysaa waan taheef kolonel tafarii baantii mana isaa keysatti taankiin rukutame ajjefame ture.
Warraaqsi tafariin dhohe kuni ABO ‘n akka umamu godhu keysatti qoda guddaa qaba ture.
Haala kanaan ABO’n ijaarame waggaa 17n dargiin embaayira ethiopia bulchaa ture ABO’nis falmaa cimaa isaani waliin godhaa turuun bekkamaadha.
ABO’n warra aango ethiopia of harkan qaban kana kufaati isaani jerjersudhaaf adda bilisa baasaa Ertirea fi Tigrai walin wali galte ummate turen sirnichaa jihaa hundaan humna waraanaan erga dadhabsisaniin bodatti kuffisu dandeyun isaani hubatamaadha.
Walgayii 91 landanitti gad-geyfame ture irratti motummaa cehumsaatiin ethiopia bulchuu keysatti jaarmayni ABO qoda ol-aanaa bahaa ture.
Erga haalli biyyaa tasgabbaawe ammo filmaata biyyoleysa gad-geysu irratti wali galani turuun isaani yaadatamaadha.
Garuu addi bilisa bilisa ummata tigray ABO waliin filmaata biyyoleysaa yo gad-geyse Oromiyaa miti Tigray keysatti dhaabni ABOwaan mohatuuf motummota warra dhihaa fi Ertirea waliin wal
gar-gaarsifatudhaan humna waraanaatiin dhiibame ABOn akka alatti bahu dirqani tahuun isaani ni yaadatamaa.
Waggaa 24n IHADG embayera ethiopia bulchaa jiru kana ummanni Oromo guyyaa tokkof naa tahe ja’e murna kana jalatti mataa gad-qabate bule hin beku.
    Fincilota gara-garaa
Ummanni Oromo raawwatan.
     Bara 2004 keysa motummaan wayyaane waajjirri motummaa naanno oromiyaa gara magaalaa adaamaatti godaanu qaba jette labsi baafte turten barattonni oromo fincila guddaa raawwataniin labsi kana fashalsu dandeyani turuun isaani hubatamaadha.
       Bara2005 keysa
Addi Bilisummaa Oromo ABO’n gutuu ummata Oromotiif motummaa wayyaane irratti akka fincilanif yaaminsa godhe ture .
Gutuun ummata Oromo keysaafu barattonni Oromo fincila maqaan isaa diddaa gabrummaa ja’amun bekkamu kana baayyinaan barattonni Oromo irratti hirmaatuun hamma guyyaa arratti motummaa wayyaanef dhukkubbi mataa tahe jiraa.
Tarkaanffi fi labsii motummaan kuni guyyaa guyyaan ummata Oromo irratti labsu keysaafu dhimma mister planii magaalaa finfinnen wal-qabate barattonni Oromo motummaa wayyaane hirriba dhorgaa jirachuun isaani hubatamaadha.
Kanummaan wal-qabate labsii caffeen Oromiyaa dhihenya kana magaalaale Oromiyaa laalchise baase mormudhaan torbaan lamaan kana mormii cimaatu Unversitiile Oromiyaa gara-garaa keysatti gad-geyfamaa jira.
Unversitile wallaggaa , Haromaayaa , Ambo , Madda walaabu , Bule horaa, Dirree dhawaa , Jimmaa keysatti bifa qindaawaa taheen hirirrii nageyaa barattota Oromotin gad-geyfamaa jira.
Garuu iddo fi bakka isaan hirira nageyaa itti gad-geysaa jiran hundatti debi’iin isaani rasaasa tahaa jira.
Hawaasni Oromotiis biyya keysaa biyya alaattiis ka dur caalaa tokkomanii fincila barattota oromotiin gad-geyfamaa jiru kana cinaa isaani dhaabbataa fi deggara jiran argaa jirra.
Tanaaf egalli barreyfama kenya irratti fincilota Ummata Oromo duri fi ammaa wal-bira qabudhaan kan ilaalu yaallef kana fakkata .
          Deddebi’ii keysa
          Haanni dhagaa
          Mure jedha maamiti
          Re Oromon wayta
          Maakmaaku !!!!!!!
Dhaamsi kiyya kan maayyii barattota Oromo harka qullaa rasaasa dura dhaabbataa jiraniin
ni motani jabaadha jechuniin barreyfama kiyya gabaabaa
          kana xumura.
 Gadaan Gadaa Bilisummaati.!!
   Injifannon Ummata Oromof
              Galatomaa
            Gaazexeysaa
          Abdusalam Sute.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *