Oduu Haaraya

Fottoqanii jaarmayoota heddoomsuun hafee ganuun faashinii ta’uuf deemaa?

 

Abdii Boruutiin

Barruu kiyya kan har’aa gabaabaa kana akkan dafee dhiyeessu kan na godhe, waayee moraa qabsoo bilisummaa Oromoo, keesumaayuu moraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti godhamaa ykn ta’aa jiru dha. Marsaa (website) bilisummaa.com irratti oduu gaddisiisaan tokko akka mul’ate fi Oromoon hunduu kan argan jedheen yaada. Wanti dorrobe tokko dhaluun, kan iita’e tokkos otuu hin dhoowin hin hafu. Dhugaan ukkaamamtee turtes ifatti ba’uun ishii hin oolu. Iccitiin biraas yoo jiraate gara fuulduraa akkanumatti akka ifatti ba’u mamiin hin jiru.

Maal maal dhageenyaa? Maal maal arginaa? Kuni ajaa’iba yaa Oromoo, waayeen qabsoo keenyaa! Yeroo tokko tokko yoon gadifageenyaan itti yaadu wanti tokko tokko waan naaf hin galleef rakkoon ykn iccitiin qabsoo bilisummaa Oromoo kana keessa jiru maali jedheen of gaafachaa ture. Barruulee kiyya kan gara garaa keessatti illee gaafii kana irra deddeebi’ee kaasus deebii otuu hin argatin ture. Amma garuu yeroo isaa eeggatee iccitiin naaf hin galin sun tokko tokkoon gadiba’aa waan jiru natti fakkaata.

Obboleessi keenya tokko, kan barruulee kiyya hordofaa jiru, yeroo baay’ee yaada gara garaa naaf barreessaa ture, jiras. Yaada dhiyoo kana naaf barreesse keessatti akkamitti akka inni “QBSOO” dhaaf hiika kenne baay’ee na gammachiise. Ibsi isaa kunis akkana jedha: Qabsoo jechaan:- ofii ofii, maalummaa ofii, fedha ofii, jiruu fi jireenya ofii gananii, waan itti amanaan tokkoof of kennuu dhaan qabsawaa ta’anii as ba’uu dha. Yeroo kana qabsawaan kun kan ofii isaa otoo hintaane kan waan itti amane sanaati jechuu dha. Namni kun eegaa ni wareegama malee kaayyoo isaa irraa haallii fi yeroon of booda isa hindeebisan. Waan mara irra kaayyoo isaaf dursa kenna.Akka kufu waan beekuuf of jalatti nama bakka isaa bu`u qopheessa. Ni guddisas. Sammuu nama isa faana jiraniis akka isaatti waan keessa darbee fi itti jiramuun fudhachiisee hiriirsa. Namoota isaa irraa inniis, isaaniis amantaa guutuu waliin qabu. Daandii addaa addaan tarkaanfii adda addaa fudhatu. Galmi isaanii fi hojiin isaanii tokkuma. Amantaa wal-irraa qabu waan ta’eef….

Kuni yaada bilchaataa dha, hubannoo guddaa dha, dhugaa jirus. Namoonni tokko tokko garuu hojiin isaan qabsoo kana keessatti dalagani fi dalagaa jiran kan dhugaa kana faallessu dha. Iccitiin sunis isuma kana. Wanti akkanaa ammoo dhokatee eessayuu ga’uu waan hin dandeenyeef gaaf tokko ifatti ba’a. Kunoo ba’aa jiras.

Akkuman kanaan dura barruulee gara garaa keessatti ibsuu yaale, durumaanuu sababni heddoomina jaarmayoota Oromoo ilaalcha namoonni tokko tokko qabsoo kanaaf ykn kana irraa qabanii dha jedheen amana. Wanti rakkoolee gara garaa uume kaayyoo dhaabbannef jedhan dhiisanii fe’ii fi dhimma ofii dura aansuu dha. Dhugaa akkanaa kana dhoksinee teenya kan jedhan illee yoo ta’e ni tura malee ifatti ba’uun isaa hin oolu. Yeroo kana ammoo qabsaa’aan dhugaa fi kan biraa addaan bayee argama. Qabsaa’aan dhugaa qabsoo akka ibsa kanaa oliitti ilaala. Kanaaf illee lubbuu ofii dhaba, ni wareegama jechuu dha. Warri fe’ii dhuunfaa isaanii dura aansanii, maqaa qabsoo kanaan illee daldaluu barbaadan ammoo daandii barbaadan sana deemu. Iccitiin isaan ukkaamasanii tursiisanis ifatti bayee mul’ata.

Yeroo ammaa yeroo gaafiin tokkummaa ilmaan Oromoo keessumaayuu tokkummaan qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo bakka hundatti ka’aa jirutti, fottoqanii jaarmayaa haarayaa ijaaruun waan namatti hin tolleef, filannoon biraa barbaadama. Filannoon biraa kan bu’aa dhuunfaa fidu waan hin jirreef qabsoo kana gananii bakkee jireenyi isaanii itti fooyya’uu danda’a jedhanii yaadanitti deemu. Bakkeen kuni ammaaf tokko qofaa waan ta’eef kunis diinaan bitamuu dha. Kuni faashinii amma dhufuuf deemu ykn dhufaa jiru natti fakkaata.

Warri faashinii haarayaa kana agarsiisan, akkuman kanaa olitti ibse, warra durumaanuu qabsoo kana keessatti uummata Oromoof bu’aa fiduuf otuu hin ta’in qabsoo kana irraa bu’aa dhuunfaa eegaa turanii dha jedheen amana. Hawwiin isaanii sun waan hin guutiniif qabsoo kana keessaa of baasanii, maallaqaan bitamanii diina tajaajiluu filatu. Ammaaf bu’aa argatanii jiruu fi jireenya isaanii fooyyessuu waan danda’an itti fakkaata malee du’a lama akka du’an hin galleef natti fakkaata. Uumaa namaa keessatti dhalachuus ta’ee duuti yeroo’uma tokko. Maaliifan du’a lama jedheree? Duuti tokko kan waaqni uume kan hunduu irraa hafuu hin dandeenye dha. Duuti lammaffaan garuu qabsoo bilisummaa uummata irraa dhalatanii, keessaa ba’anii, isaan guddisee asiin isaan gaye gananii, ganuu qofaa otuu hin taane diinatti dabarsanii kennuu dha. Kuni seenaa xureessaa fi gaddisiisaa barreessuu dha.

Erga gabrummaa jalatti kufee kaasee uummanni Oromoo qabsoo hadhaawaa otuu hin godhin oolee bulee hin beeku. Qormaata gurguddoo keessa dabree sadarkaa kana gaye. Qormaata guddaa yoomiyyuu caalaa ulfaataa keessa jiras. Yeroo adda addaa keessatti gantuulee adda addaas argee as gaye. Haa ta’u malee otuu hamileen isaa hin cabin, otuu abdii hin kutatin qabsoo bilisummaa isaa keessatti falmachaa jira. Qabsoon isaa kuni ammoo ni tura ykn ni dheerata malee injifannoo dhaan galii booddee otuu hin gayin hin hafu. Shirri fe’e irratti haa xaxamu, maqaa isaatiinis haa daldalamu, abbaan fe’e ganee qabsoo isaa keessaa haa ba’u, gantuun feete diina jala kaattee duula irratti haa gootu malee hamilee uummata Oromoo cabsanii, qabsoo bilisummaa isaa dhabamsiisanii, gabrummaa jaaltti isa hambisuu hin danda’an.

Akkuman barruu kiyya kan kana duraa keessatti jedhe, qabsoon uummata keenyaa akka ibidda boba’aa jiruu ti. Ibiddi kun ammoo diinas ta’ee gantuu diina jala kaattu gubee balleessuun hin oolu. Qabsoon uummata Oromoo akka laga guutee yaa’aa jiruu ti. Inni kunis diina fi gantuu walitti qabee fudhatee deemuun isaa waan hin hafne dha. Qabsaa’onni dhugaas kan kaayyoo tokkotti amanani fi dhaabbataniifis gochaa dalagamaa jiru kanaan hamileen isaanii cabuu hin qabu. Yoomiyyuu caalaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa finiinsanii gantuu fi diina karaa irraa haxaa’aa deemuu fi injifannoo galii booddee dhaan ga’u agarsiisuu qabu. Galatoomaa. Amma walitti deebinutti nagaatti.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *