Oduu Haaraya

Waan dhufuuf deemu ni tursiisu malee hambisuu hin danda’an

 

Abdii Boruutiin

Mata duree “Walittibaqinsa, Tokkummaa, Tumsa”jedhu jalatti kutaa duraa baasuun kiyya ni yaadatama. Akkuman barruu sana keessatti tuqee dabre, silaa har’a kutaa lammaffaa dhiyeessuu barbaadeen ture. Waayeen tokko sammuu kiyya boqonnaa waan dhoowweef sagantaa kiyya jijjiiree barruu har’aa kana dhiyeessuu barbaade. Kanaafi illee dubbistoota barruu kiyaa dhiifama gaafachuun barbaada. Barruu isa kutaa lammaffaa kanan jedhe yeroo biraan itti deebi’a.

Mata duree barruu har’aa kanaan waan laman kaasuu barbaade. Karaa lamaanan ilaaluu fi ibsuu dhaaf deema jechuu kooti. Karaan tokko tokkummaa ilmaan Oromoo keessumaayuu tokkummaa qabsaa’ota, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo yoo ta’u karaa lammffaan ammoo gochaa diinni keenya dalagaa jiran ilaalchisee ti. Waayeen karaa lammaffaa kun tokkummaa keenya irratti dhiibbaa guddaa waan qabu fi tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota Oromoo cimaa tokko ijaaruu dhaaf sababa dabalamaas waan ta’uuf dura isa kanaan jalqaba. 

Akkuma marsaalee (website) gara garaa irratti argine fi argaas jirru, diinni keenya, kan yeroo tokko diina walii illee turan, har’a walitti deebi’anii akka harka wal qabani fi waliin hojjechuuf, wal gargaaruuf, wal cimsuuf, diina isaanii kan waliin qaban dadhabsiisuuf hojjechaa jiraachuu isaanii ti. Yaaliin isaanii kunis filannoo as deemaa jiru kana waliin injifachuuf haa ta’u malee, kaayyoo guddaan waliigaltee isaanii qabsoo bilisummaa Oromoo dadhabsiisuu fi Oromiya irratti abbaa biyyummaa dhuunfatanii akka barbaadani fi waan hawwan godhuufi. Yoo har’a harka wal qabatanii diina isaanii dura dhaabbachuu baatan, carraan kun waan isaan dabruuf, ipaayarittiin illee diigamuu akka dandeessu waan beekaniif gochaa akkanaa dalagu malee dhuguma hawwii fi kaayyoo hundaa waliin qabaatanii miti. 

Hawwiin isaan waliin qaban tokko qofaa dha. Inni kunis Oromoo gabroomsuu fi qabeenya isaa saamuu dha. Kan kanaa alaa hundi isaaniitu kaayyoo fi fe’ii gara garaa qabu. Tokko amma danda’e, amma carraan jiru, waan danda’e saammatee, biyya ofii amma danda’ame guddifatee galii booddee isaa ga’uu barbaada. Kuni Wayyaanee dha. Kan biraa ammoo Oromiyaa diigee, immiyyee Ethiopia isaanii takka, kan Afaan takkaan (Afaan Amaaraatiin) yoo danda’an amantii takkaan illee jiraattu keessatti uummattoota biroo irratti gooftaa ta’anii jiraachuu warra hawwu dha. Isaan kuni warra sirna gabroonfataa, dulloomaa dur dabre sana as deebisuu barbaadanii dha. Gaafii mirga uummattootaa dura dhaabbachuu dhaan qabsoo bilisummaa uummattootaa keessumaayuu kan uummata Oromoo dadhabsiisuu fi yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuu yaalu.

Haa ta’u malee yaaliin kun yeroo dhaaf qabsoo kana qabbaneessuu ykn akka turu godha malee galii booddee irraa hambisuu hin danda’u. Ibidda boba’aa jiru dhaamsuu yaalu malee balleessun hin danda’amu. Ibidda kana balleessuun kan danda’amu illee yoo humnni fi meeshaan isa balleessu cimaan tokko jiraate dha. Qabsoon saba cunqurfamaa akka ibidda boba’u kanaa ti. Qabsoon kun akka laga guutee yaa’aa jiruu ti. Laga kana yaa’uu irraa dhaabuun hin danda’amu. Ibiddi boba’aa jiru kun gubee isaan balleessun hin oolu. Lagnni guutee yaa’aa jiru kunis isaan fudhatee deemuun hin hafu. Oolee bula, ni tura, yeroo dheeraa fudhata malee qabsoon bilisummaa uummattootaa otuu galii booddee hin ga’in hin hafu.          

Filannoo as deemaa jiru ilaalchisee ammaaaf mormitoota birootti karaa cufuuf yaalii godhu malee, filannoo kana injifatanii innis yoo dabre booda deebi’anii walitti diina ta’uu akka danda’an mamiin hin jiru. Maaliif yoo jenne, akkuma makmaaksa Oromoo “Hattuun yoo hattu waliin (wajjin) hattee, addaan fudhannaa irratti wal lolti” waan ta’uufi. Egaa akkuma Fayyis Oromiyaa illee barruu isaa keessatti “…. Let the unitarists and hegemonists build whatever alliance they can, but they surely be never in a position to hinder the forward movement of all nations to their END-goal, however long it may take.” jedhe, jarreen kun ammaaf waan hundatti gufuu ta’uuf yaalii godhu malee waan booda dhufuuf deemu dhaabuu ykn hambisuu hin danda’an. 

Akkuman kanaa olitti kaase, karaan biraa (lammffaan) kan mata dureen kun irratti xiyyeeffatu tokkummaa ilmaan Oromoo keessumaayuu tokkummaa qabsaa’ota fi jaarmayoota Oromoo ti. Tokkummaan kun maaliif barbaachisaa akka ta’e yeroo baay’ee barruulee gara garaa keessatti ibsuu yaaleen ture. Walumaa galatti tokkummaan humnna waan ta’eefi. Tokkummaa cimaan humnna cimaa dhalcha. Humnni cimaan ammoo QBO finiinsee galii barbaadneen nu ga’a jechuu dha. 

Waayeen kanaa olitti ibse yoo ilaalle yoomiyyuu caalaa tokkummaa keenya akka dafnnee ijaarrannuuf  sababa dabalamaa nuuf ta’a. Yoo diinni wal tumsee qabsoo bilisummaa keenyaa dadhabsiisuuf yoo danda’an sirumaa dhabamsiisuuf yaalii akkanaa godhu, cal jennee taa’uun hiika hin qabu. Balaa guddaa nutti deemaa jiru kana alaalatti otuu arginuu, tokkoomnnee kanaaf waliin yoo furmaata hin barbaadne, yoomiif qabsoo keessa jirra jenna? Amma diinni gara garatti (kophaa kophaatti) duulaan nu dhabamsiisutti callifnnee teenyaa? Amma biyyi keenya gurguramtee dhumtutti teenyetuma wal ilaallaa? Erga uummanni keenya beelaan, gadadoo dhaan, dhukkubaaan, ajjeechaa alagaatiin dhume (dhumaa deemee), erga biyyi teenya kan walabummaa ishii hawwinu kukkutamtee gurguramtee dhumaa deemtee, eenyuu fi maaliif dhaabbanna jennee qabsoo kana keessa teenya? 

Oromoon yoo makmaaku: “Erga waraabessi dabree, sareen dutte” jedha. Egaa hamma wanti hunduu godhamee ykn ta’ee dabrutti eegnnee, sana booda tokkummaa ijaarree, qabsoo finiinsina kan jennu yoo ta’e, erga hunduu bade booda eenyuuf, maaliif jennee ti? Carraa argametti dhimma ba’an malee yoo kun nama dabre booda (itti) gaabbuu wayyaa? Wal sodaatanii, wal shakkanii, amantii walirraa dhabanii hamma yoomiitti turamuu danda’a? Waanuma dhufuuf ykn ta’uuf hin oolleef amma maaliif yeroos fixxnee carraa kanas dabarsina? Carraan amma jiru tokkummaa dhugaa tokko waliin ijaaruu dha. Amanamus amanamuu baatuus tokkummaan ilmaan Oromoo keessumaayuu tokkummaan dhugaa qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo hundaa gaaf tokko ijaaramuun isaa hin hafu. Ani kanaaf abdii fi amantii guddaan qaba. 

Sababni isaa maal akka ta’e yoo naaf galuus baate, namootas ta’ee jaarmayoonni Oromoo tokko tokko gaafii tokkummaa kana akka laayyootti waan ilaalani fi isa kana illee ijaaruu dhaaf fe’ii waan hin qabnne natti fakkaatu. Yookaan amantii walirraa dhabanii wal shakkan ta’a, yookaanis ammoo rakkoo ykn iccitii nu (uummanni Oromoo) hin beeknne tokko tu jiraachuu danda’a jedheen yaada. Wanti tokkoomuu isaan dhoowwu ykn sodaachisu maal akka ta’e naa hin galu. Waanan kana jedheef, dhiyoo kana tokkummaa qabsaa’ota, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo utubuu dhaaf waliigalteen tokko Onkoloolessa 31 bara 2009 akka godhame fi ABO KY (ABO murna jijjiiramaa) waliin walittibaquuf yaaliin akka godhame ykn godhamaa jiru kan yaadatamuu dha. Akka meediaalee gara garaa irratti dhaga’ame fi marsaalee tokko tokko irratti ba’etti jechuu kooti.

Ibsa fi labsa ABOn jijjiiramaa (KY ABO) marsaa (website) isaanii irratti baase, akkan argetti jaarmayoonni fi gurmuuleen Oromoo shan walitti dhufanii tokkummaa akka utuban ykn ijaaraa akka jiranii dha. Jaarmayoota kam akka ta’an garuu ibsi ykn labsi kun hin agarsiisu. Karaa biraatiin ammoo marsaa GABUO (Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa) irratti ibsa lama argeen ture. Isaan kunis ibsa GABUO fi ibsa AWO/FIO (Adda Walabummaa Oromiyaa/ Front for Independence of Oromia) ti. Akka ibsa GABUOtti jaarmayaan kun tokkummaa KY ABO ijaaraa jiru kana keessaa qooda hirmaanna akka hin qabne agarsiisa. Ibsi AWO/FIOs kan kanuma fakkaatu dha. Ibsa lamaanuu gadi-fageenyaan keessa seenuu fi asitti kennuu hin barbaadu. Waayee’uma kana fakkaatu, ibsa fi labsa ATBUO (Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo) marsaalee tokko tokko irratti dubbiseen ture. 

Egaa kan naaf hin galle yoo jiraate, jaarmayoonni kun maaliif tokkummaa kan lagatu? Maaliif kana irraa of qusatu? Rakkoon as keessa jiru maali? Maaltu akka wal shakkan isaan godhe? ABOn KY maaliif waayee kana irratti gadi-fageenyaan ibsa bal’aa hin kennin? Maaltu godhamaa fi ta’aa jiraa? Iccitiin uummanni Oromoo hin beeknne maali? Waayeen kun maaliif afaanfaajjessaa ta’a? Tokkummaan yaalamaa jiru kun dhuguma tokkummaa dhugaa, cimaa hunda hammataa kan ta’u ykn ta’uuf deemu yoo ta’e, maaliif wal sodaachuu fi wal shakkuun uumame? Gara hunda irraayuu ibsi bal’aa fi quubsaan uummata Oromootiif kennamuu qaba jedheen yaada. Yoo kuni hin taane ykn hin godhamne, waan dalagamaa jiru beekuun rakkisaa dha. 

Akkuman kanaa olitti ibse tokkummaan ilmaan Oromoo, tokkummaan qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayootaa ni tura malee ijaaramuun isaa waan hin oolle dha. Warri tokkummaan dhugaa akka hin ijaaramnne ykn gufuu ta’uu barbaadan yoo jiraatan, tokkummaan hunda hammataa fi cimaan tokko ammaaf turu illee gaaf tokko dhufuun isaa waan mamii qabu natti hin fakkaatu. Kanaafan mata dureen barruu kiyyaa kan har’aa waayee kanaaf illee dhaabbachuu danda’a jedhe. Waan dhufuuf deemu ni tursiisu malee hambisuu hin danda’an. Galatoomaa, amma walitti deebinutti nagaatti.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *