Oduu Haaraya

Gandummaa, Naannummaa, Amantii fi Oromummaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Waayeen kun afran: gandummaa, naanummaa, amantii fi Oromummaan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee maal taphatu? Gaheen isaan taphatan hoo gaarii dha moo badaa dha? Kamtu gahee gaarii taphata, kamtu gahee badaa taphata? Kamtu qooda gaarii gumaacha, kamtu qooda badaa gumaacha? Waayee kana ilaalchisee gaafiilee baay’eetu ka’uu danda’u. Haa ta’u malee, barruu kiyya kan har’aa keessatti, gaafiilee asitti ka’an kanaaf deebii kennuu ykn barbaaduun yaala. Gaafiilee kanaaf deebii otuu hin barbaadin dura garuu waayee’uma kana afran irratti waan tokko tokko jechuun barbaada.

 

Dhaloota, guddina fi jireenya ilmaan namootaa yoo ilaalle, namni tokko nama lamarraa dhalata, isaanis haadha fi abbaa dha; dura isaanuma lamaan kana beeka, isaanuma hubatas. Kanatti aansee maatii fi fira dhiyoo baraa deema; isaan kunis obboleessa, obboleettii, adaadaa, heessuma, abbeeraa, akkawoo, akaakayyuu fi kan kana fakkaatanii dha. Yoo guddatee sirriitti of baraa deeme, bakkee dhalootaa (bakkee itti dhalate) fi ganda keessatti guddate sana sirriitti bara. Gandi kun eessatti ykn naannoo kamitti akka argamu beekuuf yaada babali’saa deema; achumaanis naannoo kam akka ta’e barachaa fi beekaa deema jechuu dha. Sababa adda addaatiin fakkeenyaaf barumsa fi/ykn hojii dhaan kan ka’e naannoo biraa ykn kutaa biyyaa kan biraa yoo deemu fi hawaasa biraa keessa jiraatu, waan ofii sana yaada; warra ofii, maatii fi fira ofii kana bira illee dabree ganda itti dhalate sana fi naannoo itti guddate sana yaada. Kun seera’uma uumaa ti.

 

Biyyaa biroo ykn hawaasa haarayaa keessa kan jiraatan, keessumaayuu biyyaa alaa biyya faranjii keessatti namoonni ganda fi naannoo tokko keessaa dhufan kan wal barbaadanis, waayee’umti dhalootaa sun waan walitti isaan harkisuuf malee, dhiphina ilaalchaa kan isaan gandummaa ykn naanummaarratti qabaniin kan ka’e waan ta’u natti hin fakkaatu; kun ilaalcha kooti. Haa ta’u malee, waayee kana namoonni hunduu yeroo hundaa akkanatti hin ilaalan ta’a. Namoonni tokko tokko naanummaa fi gandummaatti waan amananiif, dhiphina ilaalchaas waan qabaachuu malaniif, hawaasa keessatti walqoqqooduun akka uumamu fi cimu illee godhu. Kun karaa lamaan ilaalamuu danda’a. Tokko, otuu hin beekin; waayeen akkanaa kun diigaa akka ta’es otuu hin hubatin warra sababa dhuunfaatiin rakkoo kana uumanii dha. Karaan biraa ammoo warra yaada oftuulummaatiin; anatu caalaa beekaa dhaan; tuffii kan birootiif qabaniin kan ka’e waayeen gandummaa fi naanummaa akka calaqifamu godhuu dha.

 

Gara amantiitiin yoo ilaalle ammoo, akka ilaalcha kiyyaatti, abbumti fe’ee amantii wajjin hin dhalatu; amantiin kan namni tokko yoo guddatee of bare booda argachuu ykn qabaachuu danda’u dha jedheen yaada. Kun karaa lamaan argamuu danda’a. Inni tokko amantii warri (abbaa fi haati) isaa qaban fudhachuu dha. Inni kan biraa ammoo hawaasa keessa jiraatu keessatti amantii ofiif fedhe ykn barbaade filachuu fi fudhachuu dha. Waayeen kun biyya fi aadaa keenya keessatti baramuu fi beekamuu baatu illee, biyyoota alaa tokko tokko keessatti, bakkee diimookraasiin aadaa ta’e keessatti fi hawaasa baranee keessatti namni tokko amantii barbaade hordofa; amantii dur qabu illee jijjiiree kan biraa fudhachuu danda’a. Kana godhuu dhaaf garuu sababoonni gara garaa jiraachuu qabu; fakkeenyaaf fuudha fi heerumsa keessatti tokko amantii tokkoo fudhachuu danda’a jechuu dha. Haa ta’u malee kun seera uumaa otuu hin taane, fedhii dhuunfaa ti.

 

Waayee gandaa, naannoo fi amantii gabaabinaan erga ilaalle booda amma gara Oromummaatti haa deebinu. Oromummaan gabaabumatti “eenyummaa Oromoo” ti. Afaan, aadaa fi seenaa tokko qabaachuu agarsiisa; kan dhalootaan, uumaa waaqaa/rabbiitiin argamu dha; kan jijjiiramuu hin dandeenyee dha. Oromoo kan tokko godhu Oromummaa dha. Nuyi ilmaan Oromoo bakkee feenetti dhalannee haa guddannu; naannoo ykn kutaa kamiyyuu keessaa haa dhufnu; amantii feene haa qabaannu; eenyummaan keenya tokko. Oromoo taanee dhalanna, Oromoo taanee guddanna, Oromoo taanee jiraanna, Oromoo taanee duunas; jibbinu illee kana jijjiiruu hin dandeenyu. Akka xurii qaamaa ofirraa dhiqnee qulqulleessuu hin dandeenyu. Wal jaalannus, wal jibbinus, waliigallus, waliigaluu dadhabnus, tokkoomnus, gara gara facaanus, ilaalcha adda addaa qabaannus eenyummaa keenya Oromummaa kan nurraa fudhatu hin jiru. Kan walitti nu fidu, kan waliin qabnu eenyummaa keenya Oromummaa dha.

 

Egaa, gara gaafiilee kanaa olitti ka’anitti deebi’uu dhaaf, gaafii isa duraatiif deebii gabaabaan : gandummaa, naannummaa, amantii fi Oromummaan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee guddaa taphatu, garuu gaheen isaan taphatan gaarii ykn badaa ta’uu isaa ilaaluun barbaachisaa dha. Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, ganda ykn naannoo keessaa dhufaniif ilaalcha kophaa qabaachuun; waayee kanaaf illee dursa kennuu yaaduu fi yaaluun uumaa’uma namaa waan ta’eef, kun akka badaatti ilaalamuu waan qabu natti hin fakkaatu. Namoonni ganda ykn naannoo tokko keessaa dhufan wal barbaaduu fi walitti siquun kan biraa jibbuuf otuu hin taane, waa baay’een waan isaan walitti harkisuufi jedheen yaada. Gara amantiitiin yoo ilaalles akkasuma. Kanaaf, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, hawaasa tokko keessatti waayeen akkanaa yoo mul’atu, kun akka waan badaatti ilaalamuu hin qabu.

 

Haa ta’u malee, waayee kanatti fayyadamanii, isaan kana meeshaa godhatanii, eenyummaa ofii kan waliin qaban dagatanii, Oromummaa hirraanfatanii sababa adda addaatiin ykn jibba dhuunfaatiin wal qoqqooduun; kun naannoo kana, sun naannoo sana; kun amantii kana, sun amantii sana jedhanii gara gara wal hiruun; tokkummaatti gufuu ta’uun, kana bira illee dabranii akka diinaatti wal ilaaluun; diina waliin qaban “gabroonfataa” dhiisanii ofiif walirratti duuluun; humna walii dadhabsiisuun badaa qofaa otuu hin taane diigaa dhas; kun farra tokkummaa ti. Akka dhukkuba qoricha hin qabnee ykn hin argannee ti. Yoo eenyummaa ofiitiif “Oromummaa” dhaaf dursa hin kennine, yoo isa kana duubatti hanbisanii waan biraatiif kan dursa kennan ta’e, kun summii jibbaa hawaasa keessa facaasuu dha jedheen amana. Waayee akkanaatiif qorichi ykn furmaanni maali? Furmaanni rakkoolee akkanaa kan argamuu danda’u yoo Oromummaatti amanne fi isa kanaaf hunda caalaa dursa kennine qofaa dha.

 

Gaafiilee: Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti, Kamtu gahee gaarii taphata, kamtu qooda gaarii gumaacha?  fi Kamtu gahee badaa taphata, kamtu qooda badaa gumaacha? jedhaniif akkuman kanaa olitti ibsuu yaale, kan gahee badaa taphatan ykn qooda badaa gumaachan yoo Oromummaan dagatame ykn hirraanfatame fi yoo kanaaf dursi hin kennamne dha; yoo eenyummaa keenyatti hin amannee dha. Yoo kanaa alatti waan biraatiif dursa fi bakkee guddaa kan kenninu ta’ee dha. Dhugaan jiru fi kan nama hin mamsiifnne; jireenya hawaasaa keessattis ta’ee qabsoo bilisummaa Oromoo kana keessatti kan gahee gaarii fi murteessaa taphatu fi qooda guddaa fi murteessaa gumaachu hunda caalaa “Oromummaa” dha. Yoo eenyummaa keenyatti amanne fi kanaafis dursa kennine, hawaasa keessatti nagaa fi tasgabbiin ni uumama; wal jaalachuun, wal kabajuun, wal mararfachuun, waliif na’uun, wal amanuu fi wal amansiisuun, wal obsuun kan jiraatan ykn jiraachuu danda’an yoo eenyummaa keenyaaf dursa kennine fi akka Oromoo tokkootti, akka uummata tokkootti wal ilaallee dha.

 

Oromoon dhiiga fi foon tokko; ilmaan abbaa tokkoo ti. Eenyummaan keenya Oromummaan kan walii ti; kan kanaa alaa hunduu kan dhuunfaa ti. Maaliif kan waliin qabnuuf dursa hin kennineree?? Uummanni Oromoo duris taanan har’a kan gabrummaa jala jiru; kan hidhamu, dararamu, ajjeefamu, hidhaan bara dheeraa fi duuti irratti murteeffamu akka Oromootti malee ykn waan Oromoo ta’eef malee, akka naannoo Walloo, Shawaa, Wallaggaa, Arsii, Baalee, Booranaa, Harargee,….. keessaa dhufee ykn keessa jiraatuutti miti. Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoos Oromoo bilisoomsuu fi Oromiyaa walaboomsuuf malee, Wallagga, Shawaa, Arsii, Baalee,….. kophaatti baasanii bilisoomsuufii miti. Oromoon tokko; Oromiyaanis takka’uma. Kanaaf qabsoon bilisummaa Oromoo Oromummaarratti hundeeffamee gaggeeffamuu qaba. Yaaliin kanaa alaa diinaaf karaa baasee tolcha malee uummata keenyaaf bu’aa takka illee hin fidu. Oromummaa nu dagachiisanii, karaa biraatiin akka walqoqqoodnu kan godhan diinota keenya dha. Kun tooftaa gara gara hiranii bituu ti. Kanaaf ammoo meeshaa ta’uu hin qabnu.

 

Qabsoon kun akka cimu fi galii hawwame akka ga’u, tarkaanfiin duraa Oromummaa guddisuu fi summii gandummaa, naannummaa fi amantii dhaan kan ka’e hawaasa keessatti faca’e kana balleessuu dha. Akkuman kanaa olitti jedhe, ganda, naannoo fi kutaa keessaa dhufaniif ilaalcha ofii qabaachuun badaa miti. Amantiinis kan dhuunfaa waan ta’eef, kan barbaadan qabaachuun mirga abbaa fedhee ti; mirga ilma namaa ti; kana hin godhin jechuun sirriis miti; mirga dhala namaatiin mormuu ta’a. Haa ta’u malee, kan dhuunfaa akka dhuunfaatitti jiraatee, kan waliitiif ammoo dursa kennanii eenyummaa ofiitiin boonuun waan filannoo biraa hin qabnee dha. Ilaalcha adda addaa qabaachuunis uumaa’uma ilma namaa ti. Ilaalcha fi yaada gara garaa dhiyeessanii; kanarratti waliin mari’atanii; rakkoo uumame yookaanis ammoo dhimma walii tokkoof furmaata waliin barbaaduun akkasuma waan ilmaan namootaarraa eegamuu dha. Oromummaan mallattoo keenya dha; meeshaa qabsoo bilisummaa Oromootis. Kanaaf, Oromummaa dhaaf dursa haa kenninu. Isa kanatu tokkummaa ilmaan Oromoo ijaaruu danda’a. Gandummaan, naanummaa fi amantiin tokkummaa ilmaan Oromootti gufuu ta’uu hin qaban.

 

Galatoomaa.

 

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

One comment

  1. Abdii yaanni keeti baay’ee natti toleera waan ta’eef guddaa si galateenffadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *