Oduu Haaraya

Hamma (hanga) yaadni Itiyoophiyaa takka jedhu sammuu keessa jirutti..

 

 

Abdii Boruutiin

 

Mata duree kanaan barruu kana akkan qopheessu kan godhan sababoonni gara garaa jiraatani illee, sababoota lamatu akkan yaada koo barreessu na kakaasan. Inni tokko marii raadiyoonii Addis Dimts jedhamurratti dhiyoo kana namoota sadiin godhamee turee dha. Kanas kanan arge fi dhaggeeffadhe gadaa.com irratti mata duree”Jawar, Abraha and Tamagna on the future of Ethiopia on Addis Dimts Radio” jedhuun ture. http://gadaa.com/oduu/?p=5442 Inni lammataa ammoo barruu Obboo Fayyis Oromiyaa mata duree “Can we welcome the Amhara nation to the club of the colonized nations in the Horn?”http://gadaa.com/oduu/?p=5436  jedhuun dhiyeesse dha.

 

Obboo Fayyis akkuma yeroo biraa barruu gaarii dhiyeesse. Yoo garaa qulqullinaan kan ilaalamu fi kan hojiirra ooluu danda’au ta’e, yaadni inni dhiyeesse, akka ilaalcha kiyyaatitti, yaada gaarii dha. Gaafiin inni mata duree barruu isaa godhee kaase, yoon Afaan Oromootti hiiku: “Saba Amaaraa akka saba cunqurfamaatittii ykn gabroonfatamaatittii kilabii saboota gabroonfatamaatti simachuu dandeenyaa?” kan jedhuu dha. Ani akka yaada dhuunfaatti, gaafii kanaaf deebii laman qaba; inni tokko “eeyyen simachuu ni dandeenya” kan jedhu yoo ta’u, inni biraa ammoo “lakkii hin dandeenyu” kan jedhu dha; tokko tokkoon ibsuun yaala. Duraan dursee garuu waan lama addaan baasuun barbaachisaa dha. Waayee gabroonfataa yoo dubbannu, Amaaraa akka sabaatti gabroonfataa dha jenna moo garee ykn tuuta namootaa kan saba kana keessa ba’antu gabroonfataa dhaa? Gaafii kanaaf deebii quubsaa kennuu dhaaf, seenaa saba kanaas ta’ee walumaagalatti seenaa gabrummaa Habashaa keessa seenuu fi gadifageenyaan hubachuu nama barbaachisa. Waayee kana ammoo barruu kana keessatti dhiyeessuun hin danda’amu; isaafuu barruu of danda’aa barbaachisa jechuu kooti.

 

Waayee seenaa warra barumsa fi ogummaa seenaa qabaniif dhiisee, garuu akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, gaafii kanaaf deebii kennuun yaala. Ani akka natti fakkaatutti, garee ykn tuuta namootaa kan saba Amaaraa kana keessaa bahantu yookaanis ammoo naannoo Amaaraa tokko keessa bahntu akka gabroonfataatti saboota biroo cunqursaa fi gabroomsaa turan malee, dimshaashaan sabni Amaaraa kanaaf ittigaafatama qaba jechuun rakkisaa dha jedheen yaada. Fakkeenyaaf, saba Tigree yoo fudhanne, gochaa Wayyaaneen dalagaa jirtu kanaaf TPLF tu ittigaafatama malee, waan isaan saba Tigree keessaa dhufaniif sabni kun dimshaashumaan waan ittigaafatamuu qabu natti hin fakkaatu. Wayyaaneetu gabroonfattuu dha malee, sabni Tigree akka saba gabroonfataatti ilaalamuu hin danda’u jechuu kooti. Gabrummaa ijoolleen Tigree (Wayyaaneen) saboota biroorratti godhaa jirtu kanarraa garuu sabni isaanii bu’aa hin arganne jechuu miti; bu’aa guddaa argachaa jiru. Kanaaf, sabni Amaaraas akka saba ykn uummata tokkootti gabroonfataa dha jechuun rakkisaa ta’a. Ilaalchi sabni ykn uummanni Amaaraa saboota birootiif qaban garuu waan biraa ta’uu danda’a.

 

Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, Afaan Amaaraa akkuma dur har’as Afaan biyyoolessaa, Afaan hojii, Afaan Federaalaa (Federaala sobaa) ta’ee itti haa fayyadamamu malee, erga Wayyaaneen aangootti dhuftee kaasee sabni Amaaraas akkuma saba biroo Wayyaanee dhaan cunqurfamaa waan jiru natti fakkaata. Bara 1991 kaasee rakkoo walii ykn walfakkaataa qabna jechuu dha. Hunda caalaa kan Wayyaaneen irratti xiyyeeffattu saba ykn uummata Oromoo ta’u illee, sabni Amaaraas cunqursaa kolonii haarayaa kan Tigree kana jalaa hin baane. Dhugaa kanarratti hundeeffamee yoo ilaalame, har’a rakkoo walfakkaataa waan qabnuuf, kilabii warra cunqurfamtootaatti saba Amaaraas simachuun ni danda’ama. Kaayyoon simannaa kanaa garuu gargaarsa fi tumsa waliif taanee, diina waliin qabnu Wayyaanee kuffisuu dhaafi malee, akka saboota gabrummaa Habashaa jala turanii, seenaa walfakkaataa qabaannee ti miti. Kan ta’es ta’u, gaafii Obboo Fayyisiif “eeyyen simachuu ni dandeenya” kanan jedhu asirraa ka’ee ti.

 

Sababni deebii “lakkii hin dandeenyu” na jechisiisu ammoo akkan waan tokko tokko kaasu na godha. Inni tokko, akkuman jalqaba barruu kanaarratti tuqee dabre, karaa marii raadiyoonii sanatti na geessa. Akkan marii raadiyoonii sanaa hubadhetti, yaadolee namoonni lamaan obboo Abraha fi obboo Tamagna akkasumas yaada ykn gaafiilee marii qopheessaan ykn keessummeessaan, obboo Ababa, kakaasan, dhugaa dubbachuu dhaaf, yaada biraa keessa nama galchu. Namoota yaada akkanaa qaban wajjin waliigaltee uumanii wajjin hojjechuun hafee, walumaanuu haasa’uun rakkisaa natti fakkaata. Yaadni isaan dhiyeessan Itiyoophiyaa takka taate ijaaruu fi yoo danda’ame sirumaa sirna Federaalaa, kanuma amma jiru kana illee, diiganii Itiyoophiyaan takka taatu deebitee akka ijaaramtu waan yaadan ykn hawwan fakkaatu.

 

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) akka gaafii uummata Oromootiif ijaarame fi kanaafi illee qabsaa’aa jiru sirumaa dagatanii (dhaga’uu dhaa waan barbaadan hin fakkaatan) waan uummata Oromootiif hin dhaabbanne ykn/fi deeggarsa uummaticaas hin qabne fakkeessanii, afaanfaajjii uumuu yaalan. Akkuma kanaan dura barame fi sirbuma dur beekamu sana: “Maa ka maa yiganaxxalaal?” (hiikni isaa: Eenyutu eenyurraa fottoqaa?) jedhanii  siriidhaa ABOrratti waan olola ofuu barbaadan fakkaata. Haa ta’u malee, kun yaada fi ilaalcha dhuunfaa namoota achirratti dubbatanii ti. Isaan kun akkana jedhaniif namoonni biroos ykn sabni Amaaraas akkasuma jedhu jechuun rakkisaa waan ta’u natti fakkaata. Dubbiis dhiphisanii ilaaluu fakkeessa.

 

Haa ta’u malee, yoo namoonni (Habashoonni) hunduu ilaalcha akkanaa kan qabaatan ta’e; yoo sabni Amaaraas ilaalcha akkanaa kan qabu ta’e; yoo Itiyoophiyaa takka qofaatti kan amananii fi sirna Federaalaatiin illee kan morman ta’e, akkamitti kilabii tokkotti isaan simachuun danda’amaree?Waayee kanatu deebii “lakkii hin dandeenyu” kan jedhutti na geessa. Yoo yaadni Itiyoophiyaa takka jedhu kun sammuu keessatti uumamee fi mirgi hiree murteeffannaa sabootaa kan hin kabajamne ta’e, akkamitti saboonni walaba ta’uu danda’u? Akkamitti walfaanummaan saboota walaba ta’aniis yaadamuu danda’a? Maalirratti waliigalamee, tumsa waliin ijaaruun danda’ama? Kan kaayyoo tokko qabani fi uummata tokkoof dhaabbanna jedhanuu kunoo jaarmayoonni Oromootuu waliigaltee fi tokkummaa ijaaruu dadhabanii jiru. Akkamitti diina waliin qaban kana kuffisuun danda’ama? Waayee akkanaa kanatu waa hunda gaafii keessa galcha. Warra har’a rakkoo walfakkaataa qaban wajjin tumsa ijaaruun; humna diina walii Wayyaanee kana injifatu uumuun yeroon isaa illee amma dha. Haa ta’u malee, yaada walfaallessaa fi kaayyoo walitti dhufuu hin dandeenye qabatanii tumsa waliif ta’uun baay’ee rakkisaa natti fakkaata; waanuma milkaawuu hin fakkaatu.

 

Waayee marii raadiyoonii sanarratti ta’e keessaa otuu hin bahin, wanti biraa kanan marii sana keessatti hubadhe, yaada obboo Jawar yoo ta’u, walumaagalatti yaadni inni dhiyeesse ykn deebii inni gaafiilee dhiyaataniif kenne dhugaarratti bu’ureeffamee waan ta’eef gaarii dha; ofii kiyyaaf itti gammadee jira. Haa ta’u malee, marii isa kutaa duraarratti yaaliin inni godhe xinnoo natti haphate. Kun yaada fi ilaalcha mataa kootii ti malee obboo Jawar qeequu barbaadee ti miti. Obboo Jawar yoo yaada isaa ibsu ykn gaafii dhiyaateef deebii kennu, ani miseensa ABO ti miti; deeggaraas miti jedhee jalqabuu dhaan yaada isaa ibsuu yaale. Gaafiin kiyyas maaliif kana ta’uu dhiifte ykn maaliif deeggaruu diddaa miti. Anis taanan miseensa jaarmayaa siyaasaa tokkootuu miti; ta’ees hin beeku; garuu kaayyoo ABO nan deeggara. Miseensa jaarmayaa tokkoo ta’uun ykn deeggaruun yookaanis ammoo ta’uu fi deeggaruu dhiisuun mirga abbaa fedhee ti. Obboo Jawar otuu miseensa ABO ta’e fi waayee kanarratti gadifageenyaan ibsa kennuu kan yaalu ta’eeyyuu, siriidhaa ulfaataa fi rakkisaa ta’uu danda’a ture. Maaliif yoo jenne, inni waan miseensa ta’eef akkanatti dubbata jedhu malee, dhugaa inni dubbatu isarraa hin fhudhatan ta’a jechuu kooti. Garuu akka Oromoo tokkootti walaba ta’ee, yaaddoo fi sodaa tokko malee (sodaa fi yaaddoo yoon jedhu, warra isa wajjin mariirra jiran sana hin mufachiisu kan jedhu yoo ta’e jechuun barbaade), dhugaa jiru tokko ittisuu fi ibsa bal’aa kan jara sana amansiisuu danda’u kennuu ni danda’a jechuu dha.

 

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, namni waayee waan tokkoo sirriitti beeku; kan waayee kana xinxaaluu danda’u; keessumaayuu namni akka obboo Jawar, kan waayee uummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa isaa gadi fageenyaan beeku; kanaaf illee ibsa bal’aa kennuu danda’u, carraa akkanaa argatee, Habashoota wajjin yoo marii gaggeessu, waa baay’eetu irraa eegama. Ani obboo Jawar fuulaan (suuraa yoo ta’e malee) hin beeku, garuu barruulee isaa hedduu waanan dubbiseef beekumsa fi dandeettii inni qabuuf kabaja guddaan qaba. Kanan waan baay’ee isarraa eeges ykn eegus asirraa ka’eetani. Walumaagalatti, wantin jechuu barbaade, obboo Jawar, gara fuulduraatti carraa akkanaa yoo argatte, akka dhuunfaatti qofaa otuu hin taane akka nama bakkee uummata isaa bu’ee dubbatu tokkotti, dandeettii waan qabduuf, ibsa bal’aa fi quubsaa kennuu dhaan warra siin morman illee amansiisuu yaali; akka qeeqaatti hin fudhatini jechuu kooti.

 

Marii kutaa lammaffaa keessatti, dhugaa dubbachuu dhaaf, haalli uumame haala mariif toluu miti. Marii gaarii tokko keessatti walqixxummaan namootaa eegamee; yeroo walqixxeen illee hundaafuu kennamee; namoonni achirratti hirmaatan hunduu yaada ofii dhiyeessanii; kana keessatti amananii wal amansiisuuf yaaliin godhama. Wanti marii sana keessatti ta’e ykn godhame garuu kan marii gaarii faallessu ture. Walqixxummaan hin eegamne; marii qopheessaan ykn keessummeessaan illee akka “moderator” otuu hin taane gita namoota biroo qabee; siriidhaa waan obboo Jawariin mormu of fakkeesse. Erga wal dhaggeeffachuun hin jiraannee; erga hunduu beekanii yaada keetiin mormani; erga hunduu gita tokko qaban; marii akkanaa ittifufanii xumuruun waan rakkisaa ta’uuf faayidaa tokko malee yeroo fixuu ta’a. Kanaaf, hamma xumuraatti jarattii sana amansiisuu yaaluuf itti fufuun barbaachisaa ta’u illee, haala obsa nama dhabsiisu kana keessaa of baasuuf marii sana kutanii ba’uun akka yaada kiyyaatti sirrii dha. Obboo Jawars yeroo biraa walitti deebina jedhee marii sana kutuun isaa sirrii dha; gabnummaa dhas jedheen yaada.

 

Egaa, gara xumura barruu kiyyaatti deemuu dhaaf, uummata ykn saba fedhe haa ta’u (Amaaraas ta’ee kan biroo jechuu kooti) yoo mirga uummata Oromootiin; mirga hiree murteeffannaa isaatiin hin mormine; yoo kan kana kabajan ta’e, abba fedhee simachuu ni dandeenya. Diina waliin qabnu faashistii kanas kuffisuu dhaaf warra fedhii uummata keenyaa hin faallessine wajjin hojjechuu, wal gargaaruu fi tumsa waliin ijaaruu dhaaf illee wanti didnuuf ykn sodaannuuf hin jiru jedheen yaada. Haa ta’u malee, Itoophiyummaa sammuu keessatti qabatanii saboota walaba ta’aniif yaaduun; sana booda illee walfaanummaa saboota walaba ta’anii (union of independent nations) yaaduun waan wajjin demuu miti. Itiyoophiyaa takka taate, kan aadaa, Afaan fi yoo danda’ame amantii tokkoon jiraattu fi saboota walaba ta’an ijaaranii, walfaanummaa isaaniis uumuun yaadolee lama kan akka dugdaa fi garaa ti; yaadolee wajjin hin deemne, siriidhaa kan wal faallessannii dha jechuu kooti.

 

Dhumarratti, jaarmayoota yookaan dhaabilee siyaasaa kan Habashootaa yoo ilaalle, dhibbarraa harki sagaltamaa ol maqaa saba Amaaraatiin otuu hin taane, maqaa Itiyoophiyaa jedhamuun ijaaraman. Kaayyoon isaaniis Itiyoophiyuma ilaalchise malee, saba Amaaraa waan kophaatti baasu natti hin fakkaatu. Sabni Amaaraa illee waan kanaan dura gabrummaa jala hin turiniif, akka Itiyoophiyaatti waan of ilaalan natti fakkaatu. Kanaaf, gaafiin ka’uu danda’u tokko: Sabni Amaaraa akka saba walaba ta’uu qabuu ykn barbaaduu tokkotti of ilaalaa; walabas of baasee sana booda walfaanummaa saboota walaba ta’anii ijaaruu barbaadaa? kan jedhu dha. Saba Oromoos ta’ee saboonni biroo, kan gabrummaa Habashaa jala turani fi ammas jiran waayee akkanaa kanarraa rakkoo waan qaban natti hin fakkaatu. Waayeen akkanaa kun kan milkaawu yoo ta’e, kun hundaafuu bu’aa fida ykn fiduu danda’a malee bu’aa dhabeessa waan ta’u miti jedheen yaada. Naannoo gaafa Afrikaa sanaaf illee nagaa fi tasgabbii buusuu danda’a jedheen amana. Haa ta’u malee, akkuma mata dureen barruu kanaa jedhu, Itiyoophiyummaa sammuu keessatti qabanii walfaanummaa saboota walaba ta’anii yaaduun baay’ee rakkisaa ta’uu danda’a. Waayee kanatti amananii wal amnsiisuu dhaafis baay’ee ciminaan irratti hojjechuu barbaachisa.

 

Galatoomaa.

 

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *