Oduu Haaraya

Marii xumura hin qabne dha moo waan furmaata fi bu’aa fidu ta’ina laata?

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Dhimmoonni lamaan “paradigm shift” fi “All-Inclusive-Alliance” ajandaa marii yeroo ammaa ta’anii akka jalqabamanitti amma illee ittifufaa jiru. Keessumaayuu marsaa gadaa.com irratti marii oo’aan godhamaa jira. Waayee kana ilaalchisee yaadoleen gara garaa namoota adda addaarraa dhiyaachaa jiru. Akkan hubadhetti, marii gaariin waan deemaa jiru natti fakkaata. Mariin akkanaa kun ammoo mala gara garaa fidee, kana keessaa furmanni tokko cuunfamee ba’ee, bu’aa tokko akka fidu abdiin qaba. Waan tokkorratti waliigalamee, waliin mormuun dhaabbatee, walirratti duuluu fi humna walii dadhabsiisuun hafee, haala tasgabbii fidu uumuunuu bu’aa guddaa dha. Wanti biraa haala tasgabbaa’u kanarratti hundeeffamee, sadarkaa sadarkaa dhaan ittifufuu danda’a jedheen yaada.

 

Mariin akkanaa kun isa jalqabaa fi haarayaa ta’uu baatu illee, waan kanaan dura, hamma har’aatti  godhamaa ture hubachuu fi kan dabre irraa illee barachuu dhaan; muuxannoonis irraa argamee; mariin amma godhamaa jiru kun garuu furmaata tokkotti nama geessuu danda’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, furmaanni tokko kan argamuu danda’u yoo yaadoleen gara garaa burqan gamaaggamamanii, kan gaarii ta’an filatamanii gara hojiitti jijjiiraman ykn hojiirra ooluu danda’an qofaa dha. Yoo akkanumaan kan lafumatti dubbatamu ykn haasa’amu fi furmaanni tokko irraa hin argamne ta’an, akka bishaan dhagaarratti dhangalaasanii waan ta’uuf, bu’aa tokko malee duwwaa ta’ee hafa jechuu dha. Kanaaf, mariin deemaa jiru kun marii mala tokko fidu; marii waliigaltee uumuu danda’u; marii jijjiirama fidu fi marii xinnaatu illee bu’aan tokko irraa argamu ta’uu qaba.

 

Yaadoleen adda addaa kan namoota gara garaarraa burqan ykn dhiyaatan hunduu yaadolee gaarii fi kan furmaata fiduu danda’ani dha jechuun nama rakkisa. Yaadoleen gaarii ta’anii garuu isaan kana hojiirra oolchuun rakkisaa ta’u dhiyaachuu danda’u. Haala amma jiru keessatti, yaadolee tooftaa fi tarsiimoo gaarii uumuu hin dandeenye ta’uu malu; yaadolee gaarii fakkaatanii garuu kaayyoo galii booddee faallessan ta’uu danda’u. Beekaniis ta’ee otuu hin beekin namoonni tokko tokko yaada afaanfaajjessaa dhiyeessuu danda’u. Kanaaf egaa yaadoleen dhiyaatan hunduu mala ykn furmaata fiduu waan hin dandeenyeef, murteessitoonni (descision makers) ykn hoggantoonni keenya yaadolee dhiyaatan hundaa hubatanii gamaagamuu dhaan yaada gaarii, kan walii, kan furmaata tokkotti isaan geessuu danda’u keessaa cuunfanii baasuun hojii isaanii ti; kun dirqama illee ta’uu qaba; yoo qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) kanaaf bu’aa kan fidu ta’e jechuu kooti. Namoonni gara garaa yaada ofii kan dhiyeessan; kana keessaa ammoo yaadni gaariin cuunfamee kan ba’u hoggantoota keenyaaf gargaarsa yaadaa (input) akka ta’uuf malee wanti hojjiirra oolu (output) hoggantoota keenyaan murteeffama jechuu dha.

 

Waayee “paradigm shift” ilaalchisee yaadni fi ilaalchi bakkee lamatti waan qoodame fakkaata. Namoonni tokko tokko waayeen kun jijjiirama kaayyoo ti jedhu ykn jedhanii yaadu; kan biroo ammoo jijjirama kaayyoo otuu hin taane, akkaataa qabsoon kun ittiin gaggeeffamuu danda’u yookaanis ammoo karaa fi sadrkaalee qabsoon ittin gaggeeffamee galii booddee ga’uu danda’u dha jedhu ykn jedhanii amanu. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, gaafii: Yaada bakkee lamatti qoodame kana keessaa isa kamtu sirrii dha? jedhuuf deebii argachuu dhaaf dura gaafiin uummata Oromoo maal akka ta’e beekuu dha; amanuu dhas. Gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa (fundamental question) gaafii bilisummaa fi abbaabiyyumaa ti. Bilisummaa fi abbaabiyyummaa humnaan dhabe deebisee argachuufi. Kan QBOtti amanu gaafii kanatti amanee fudhachuu qaba; kun kan nama mamsiisu fi kan waliin nama mormisiisu natti hin fakkaatu. Ilmaan Oromoo kan miliyoonaan lakkaawwaman lubbuu isaanii kan dhabaniifis gaafii’uma kanaafi.

 

Erga gaafiin uummata Oromoo ifa ta’e, deebiin isaatiis akkanuma ifa ta’uu qaba; deebiin kun ammoo hamma bilisummaa fi abbaabiyyummaan deebi’anii argamanitti karaa danda’ame hundaanuu falmachuu dha; qabsoo cimsuu dha; kanaaf illee wareegamuu dha. Asirratti “karaa danda’ame hundaan” kanan jedhe hubadhaa! Boodan itti deebi’a. Uummanni Oromoo har’as akkuma dur gabrummaa jala/keessa jira; gabrummaan har’aa kun ammoo kan yeroo hundaa caalaa hamaa ta’e malee wanti fooyya’e hin jiru. Maaltu hamaa isa godhe har’a? Uummanni keenya gabrummaa keessa turu illee dur lafa ofiirra, qayee ofii keessa jiraachaa bitamaa ture; har’a garuu lafa ofiirra ykn qayee ofii, qayee abbaa, akaakayyuu fi abaabayyuu… isaarraa humnaan buqqa’aa jira; biyyi teenya Oromiyaan illee cicciramtee gurguramaa jirti. Karaa biraatiin ammoo, uummanni keenya kan dur argee hin beekne beela fi dhukkubaan akka baala mukaa harca’aa jira. Egaa gabrummaa hamaan kana caalu jiraaree??

 

Qabsoo bilisummaa kana yoo ilaallu, har’a bakka jirru fi buru bakkee geenyu hubachuu qabna. Har’a gabrummaa keessa jirra; bakkeen boru ga’uu barbaadnu ammoo bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabne deebifnee argannee, biyya keenya dureettii keessa nagaan jiraachuu dha. Naannoo gaafa Aafrikaa sana keessatti illee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu qooda keenya gumaachuu dha. Uummanni keenya bal’aa sabni keenya guddaa waan ta’eef waa hunda godhuuf humna qabaachuu danda’a, kanas qaba. Har’a gabrummaa keessa/jala jirra jennee erga amanne ammoo, kana keessaa/jalaa ba’uu dhaaf karaa danda’ameen qabsaa’uun dirqama hundaa ti jedheen amana. Karaan galii booddeetti nu geessu kun baay’ee dheeraa dha; karaa kana ammoo yeroo tokkoon deemnee xumuruu yoo baanne ykn yoo dadhabne, tarkaanfii tarkaanfii dhaan deemuu qabna. Tarkaanfiin kun ammoo xinnaatu illee gara galii keenyaa sanatti kan nu geessu yoo ta’e, itti amanamee fudhatamuu qaba. Kan galii booddee sana barbaadu hunduu tarkaanfii kana waliin godhuu qabu; waliin deemuu jalqabuu qabu; yoo akkana hin taane, bakkuma amma (har’a) jiran, gabrummaa keessatti hafuu ta’a jechuu dha.

 

Mee amma gara jaarmayoota ykn/fi dhaabilee siyaasaa Oromootti deebi’uu dhaan waan tokko tokko kaasuun barbaada. Jaarmayoonni fi dhaabileen keenya, kan walaba ta’anii bilisummaa Oromootiif qabsaa’an bakkee lamatti ba’anii ilaalamu. Isaan kunis jaarmayoota bilisabaasota kan akka ULFO fi ABO yoo ta’an; kan biroo ammoo dhaabilee biyya keessatti socha’an kan akka OFC ti. Akkan beekutti ykn akka naaf galutti, OFCn sirna Federaalaa dhugaa (true killil federation) kan Oromian autonomy mirkaanessu fiduuf qabsaa’u. Yoo kun galii isaa ga’e, gabrummaa amma keessa jirru kana keessaa baanee, tarkaanfii guddaa tokko gara galii booddeetti deemna jechuu dha. Gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa deebii argachuu baatu illee, yoo sadarkaa autonomy geenye, galii keenya isa booddeetti waan dhiyaannuuf, isa bira ga’uu dhaaf illee qabsoon kun akka itti fufu haalli gaariin tolfamuu danda’a jedheen yaada.

 

Sadarkaan ykn tarkaanfiin kanatti aanee dhufu, tarkaanfii jaarmayoonni bilisabaasonni keenya itti fufanii dha. Haalli gaariin tokko yoo tolfame ykn uumame, uummat keenya qabsoo dhaaf caalaatti qopheessuun waan danda’amuuf, bilisabaasota keenyaaf haalli gaariin uumamee, qabsoo kana akka cimsan taasisa jechuu dha. Egaa, tokko kan biraatiif akka karaa tolchuu danda’u hubadhaa!! Karaan kun ammoo akka tolfamu fi qulqullaa’u jaarmayoonni fi dhaabileen keenya waliin mormuu dhiisanii wajjin hojjechuu qabu. Waliin mormuun diinaaf malee uummata keenyaaf, qabsaa’otaaf illee bu’aa tokko hin fidu; gabrummaa keessa akka turan nama godha malee. Yeroon wajjin hojjetan, wal gargaaran fi tumsa waliif ta’an yoomiyyuu caalaa amma. Kanan kanaa olitti “karaa danda’ame hundaan” jedhes waayee’uma kana dha. Yoo “paradigm shift” akkanatti kan ilaalamu ta’e, kun fe’ii uummat Oromoo waan hin faallessineef, jijjiirama kaayyoo waan ta’u natti hin fakkaatu. Jijjiirama ykn tarkaanfii qabsoon kun ittiin gaggeeffamu ta’uu danda’a; qabsoo kana qindeessanii galii booddeetti geessuu dha jedheen yaada.

 

Asirratti waan tokko kaasuun barbaada. Wanti kun ammoo yaada fi ilaalcha dhuunfaa kiyyaa ti malee, jaarmayaa tokko deeggaree kan biraa balaalefachuu ykn garee tokko bakkee bu’ee dubbachuufii miti; kun akka sirriitti hubatamun barbaada. Yeroo tokko tokko yoon taa’ee yaadu ykn itti yaadu, maaliif gareen ABO sadeen waliigaltee akka dhabani fi deebi’anii ABO tokko ta’uus dadhaban, yaada gara garaa sammuu kiyya keessatti uuma. Maaluma rakkoon isaanii jedheen of gaafadha. Ilaacha siyaasaa ti moo dhimma dhuunfaatu duuba jira? jedheen yaadaan gadi buusee ol baasa. Waayeen kun ammoo akkan waan tokko tokko yaadu na taasise; kun ammoo keessumaayuu garee QC ABO fi garee Shanee ABO ilaalchisee ti. Gareen kun lamaan kaayyoon isaan waliin qaban “walabummaa Oromiyaa” natti fakkaata. Garaagarummaan isaanii akkaataa qabsoon kun ittiin gaggeeffamee galii hawwame sana ga’u dha jedheen yaada; kun yaada kiyya malee wantin keessa isaa beeku hin jiru.

 

Akkan hubadhetti gareen lamaanuu dadhabbii qabu. Asirratti wanti hubatamuu qabu jaarmayoonni keenya hunduu dadhabbii qabu. ABO jijjiiramaas taanan erga jijjiirama labsanii kunoo waggota lama dabrsee jira; garuu jijjiiramni tokko illee hin mul’anne. ULFOs yoo ta’e, jaarmayaa tokko ta’uu isaani nutti himanii nu gammachiisan malee; ergasii wanti isaan godhaa jiran hin beekamu. Haa ta’u malee, garee lamaan QC fi Shanee walbira qabee ilaaluu waanan barbaadeef isaan kana lamaan kophaatti baase. QC ABO yoo ilaalle, kaayyoo ganamaa gadi hin lakkifnu, hamma fe’e haa turu hamma kun galii booddee ga’utti karaa’uma tokkoon qabsoo kana itti fufnna jedhanii, karaa gara garaa otuu hin yaalin waanuma karaa tokkorratti cichan natti fakkaatu; yoon dogoggore na qajeelchuu danda’u. Yeroon ammaa garuu tooftaa fi tarsiimoo jijjiiranii, karaa gara garaa yoo hin yaalin

haala ulfaataa kana keessatti karaa tokkoon qofaa galii hawwame ga’uun waan namatti tolu natti hin fakkaatu. Humna qabanis xinxaaluun gaarii dha. Yoo humna cimaa qabaachuu baatan, waan barbaada sana argachuu fi bakkee barbaadan sana ga’uun baay’ee rakkisaa ta’a. Waayee humna ofii ilaalchisee kun jaarmayoota hundaafuu walfakkaataa dha.

 

Garee Shanee ABO yoo ilaalle ammoo, karaa adda addaatti fayyadamanii qabsoo kana galii hawwameen ga’uuf yaalii waan godhan natti fakkaatu. Tooftaa fi tarsiimoo gara garaa waan yaalan fakkaatu; akkan ofii kiyyaa hubadhutti jechuu kooti. Haa ta’u malee, kaayyoon galii isaanii (concrete goal) sirriitti ifa naaf ta’uu dide. Karaa fi tarkaanfii gara garaa yaalu; kun gaarii dha; haala yeroo ammaa wajiin deemuu danda’a; garuu galiin booddee isaanii maal akka ta’e sirriitti ifa godhanii garee biroo fakkeenyaaf QC ABO amansiisuu waan danda’an natti hin fakkaatu. Yaalaniis ta’uu danda’a; wantin beeku hin jiru; kun tilmaama dhunfaa kootiiti. Oromian autonomys haa ta’u, walabummaa Oromiyaas haa ta’u, sana bira dabranii illee walfaanummaa (union) saboota walaba ta’aniis haa ta’u, bakkuma haalli tole fi galiin tokko argametti waan dhaabbachuu barbaadanis natti fakkaatu. Ammas irran deebi’a, kun yaada mataa kiyyaa ti; yoon dogoggore, abbaan fe’e na qajeelchuu danda’a. Kanatu rakkoo isaan jidduutti uume natti fakkaata; kanaaf waliigaluu dadhaban jedheen yaada.  QC ABO qofaa otuu hin taane garee hafe fi ULFO waliin illee tokkummaa uumuun rakkisaa kan ta’u asirraa ka’ee ta’uu danda’a jedheen yaadas.

 

Waayee yaada tumsa hunda hammataa irratti illee, yaada fi yaamicha kan dhiyeesse Shanee ABO ti. Tumsi hunda hammataan (All-Inclusive-Alliance) kun ammoo humnoota diimookraasii Habashootaas dabaluu akka danda’u yaadama. Dhugaan mamii hin qabne tokko garuu, Habashoonni ammoo hammuma fe’an diimookraasiitti amanani illee, hammuma fe’an garaa qulqulluu dhaan Oromoo wajjin hojjechuu barbaadan illee, diina waliin qabnu Wayyaanee faashistii kana waliin kuffisuuf malee, dhuguma “walabummaa Oromiyaa” ni fudhatu jedhanii yaaduu fi amanuun rakkisaa dha. Otuma Wayyaanee waliin kuffisani fi waan sana booda dhufurratti waliigalteen kan godhamu ta’e, yoo baay’atee baaya’te Oromian Autonomy fudhatu malee, Oromiyaa walaba taatu “independent Oromia” akka hin barbaadne waan mamii ykn shakkii qabu natti hin fakkaatu. Isaan kaayyoon isaanii, fe’ii fi hawwiin isaanii immiyyee Itoophiyaan isaanii akka hin diigamne dha.

 

 

Kanaaf waayeen kunis shakkii uumee, akka gareen kun walii hin gallee taasisa natti fakkaata. “Paradigm shift” illee karaa biraatti hiikanii kan ilaalan asirraa ka’ee ta’uu danda’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, ani gara kootiin, akkuman kanaan duras jechaa ture, yoo mooraa QBO keessatti waliigaluu fi wajjin hojjechuu dandeenye, yoo tumsa ofii keenyaa ijaarre fi cimsine, sana booda tumsa hunda hammataa kan humnoota diimookraasii Habashaa illee dabalatu ijaaruuf sodaachuu hin qabnu. “Abjuu sodaatanii rafuu hin dhiisan” jedha mitiree Oromoon yoo makmaaku. Kaayyoon tumsa akkanaa Wayyaanee faashistii kana kuffisuuf waan ta’uuf; isa kuffisuun ammoo tarkaanfii takka illee ta’u gabrummaa keessaa baanee gara galii booddeetti deemuu ta’a jedheen amana. Yoo mooraan QBO qulqullaa’e fi walirratti duuluun dhaabbate; yoo waliigalteen jiraate fi tumsa waliif ta’uun danda’ame; yoo hunduu waliin hojjetan; kufaatii Wayyaanee booda illee rakkoon tokko uumamuu kan danda’u ta’e, humna cimaa horachuun waan danda’amuuf, rakkoo dhalatuuf illee of qopheessuuf nama gargaara. Kanaaf dura tumsa ofii ijaaruun barbaachisaa ta’a.

 

Barruu kiyya otuun hin xumurin dura, dhaamsi ani jaarmayoota keenyaafis ta’ee qabsaa’ota keenyaaf keessumaayuu hoggantoota jaarmayoota keenyaaf dabarsuu barbaadu, akkuman kanaa olitti tuqee dabre, yeroon ammaa yeroo taa’anii wal ilaalanii fi waliin morman; yeroo karaa tokko qofaatu nu baasa jedhanii yaada tokko qofaarratti cichan otuu hin taane, yeroo haala jijjiiramu wajjin ofjijjiiranii (kun kaayyoo jijjiiruu miti!!) karaa gara garaatiin qabsoo kana cimsuu yaalan waan ta’eef, xinnaatu illee karaa gabrummaa keessa nu baasuu danda’u tokkorratti waliigaluu fi mooraa QBO keessatti nagaa fi tasgabbii buusuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaa dhas; dirqama hundaatis ta’uu qaba. Har’a uummanni keenya dafee akka gabrummaa keessa ba’u ciminaan hojjechuu dha malee, kun kaayyoo yeroo gabaabaa ti; sun kaayyoo yeroo dheeraa ti; karaa kana malee karaan sun gaarii miti jedhanii waliin mormaa yeroo fixuun dhaabbachuu qaba; kun diina keenyaaf malee uummata keenyaaf bu’aa hin qabu; sirumaa akka diinni cimaa deemu taasisa malee qabsoo kanas cimsuu hin danda’u. Waliigaltee haa uumnu, wajjin haa hojjennu, tumsa waliif haa taanu, humna keenya haa cimsinu, irree tokkoon diinarratti haa duullu.

Galatoomaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *