Oduu Haaraya

Habashaas ta’ee kan sammuun habashoome, lamaanuu farra qabsoo bilisummaa Oromoo ti

 

 

Abdii Boruutiin

 

Gara dhimma mata duree kanaa otuu hin seenin dura, Habashaa fi kan sammuun habashoome kanan jedhu gabaabinaan ibsuun yaala. Jechi “Habashaa” jedhu karaa adda addaatiin waan ibsamuuf ykn hiikamuus; waayeen kunis mormisiisaa ta’uu waan danda’uuf, asitti bal’inaan ibsuu hin barbaadu. Akkan barruu kana keessatti itti fayyadamutti garuu, “Habashaa” kanan jedhu gabaabumatti, warra nu gabroomsan ykn/fi ammallee gabrummaa kana keessa akka turru warra barbaadani jechuu kooti. Kan sammuun habashoome kanan jedhu ammoo, warra gabrummaa Habashaa jalatti kufanii; sirna kana keessatti karaa adda addaatiin ayidoolojiin isaanii jijjiiramee; eenyummaa isaaniillee dagatan ykn gaafii keessa galchani dha. Kun Oromoo qofaa otuu hin taane, saboota Habashaa dhaan gabrooman hundaayuu ilaala. Barruun kiyya kan xiyyeeffatu garuu Oromoota rakkoo akkanaa qabanitti ta’a.

 

Akka waliigalaatti dhugaan hubatamuu qabu tokko, namni hin dammaqini fi eenyummaa ofiitti hin amanne, bilisummaa uummata ykn saba tokkoof yookaanis walabummaa biyya tokkoof dhiisii mirga ofiitiifillee falmuu hin danda’u. Of baruun eenyummaa ofii beekuu fi itti amanuun; seenaa fi aadaa ofii baruun; walumaagalatti dammaqinsa qabaachuun bu’ura mirga ofiitiif falmuu ti jechuu dha. Oromoo ta’uun qofaa gahaa miti. Oromummaa fi Sabboonummaan yoo hin bilchaanne fi hin guddanne, maaliif akka qabsoofnu beekuu fi qabsoo kana keessattis gahee taphachuun ykn qooda gumaachuun rakkisaa ta’a. Oromummaa fi Sabboonummaa guddisuun ammoo dammaqinsarraa madda. Oromummaa fi Sabboonummaan meeshaa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) ti yoo jedhame, kun waan dhara ta’uu miti. Isaan kanaan bilchaachuu fi isaan kana guddisuutu qabsoo kanallee cimsuu fi galii hawwamutti geessuu danda’a.

 

Qabsoon bilisummaa Oromoo yoo jalqabu, keessumaayuu Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) sochii kana yoo eegalu, hojii karaa lamaa dalagaa akka ture eenyuyyuu jalaa waan dhokatu natti hin fakkaatu. Karaan tokko diinaan falmuu yoo ta’u, karaan biraa ammoo, uummata keenya dammaqsuu fi akka of baran; akka mirga ofiitiif falman taasisuu dha. Haala baay’ee ulfaataa fi walxaxaa ta’e kana keessatti wareegama guddaa kaffaluu dhaan Oromummaa fi Sabboonummaan akka guddatu taasise jechuu dha. Egaa, jijjiiramni bara 1991 argame qabsoo hadhaawaa sana keessa dabree akka ta’e seenaatu ragaa ta’a. Injifatnoolee gurguddoon, kan akka Qubee Afaan Oromoo fi Oromiyaa addunyaatti beeksisuun hafee, Oromoon of baree eenyummaa ofiitiin boonuu danda’uunuu akka injifatnoo guddaa tokkootti ilaalamuu qaba. Oromootni hunduu kanaan boonuu qabna. Bu’aaleen kun ammoo kadhaa dhaan otuu hin taane, dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin argaman.

 

Gaafii guddaan ani asitti kaasu: Yeroo ilmaan Oromoo mirga keenyaaf jedhanii lubbuu isaanii dhaban, bu’aalee isaan nuuf argamsiisanitti fayyadamnee; eenyummaa keenyaaf quuqamuu dhiifnee; har’allee gabroomsaa keenyaaf meeshaa ta’uun sababni isaa maali? kan jedhu dha. Gaafiin biraa ammoo: Oromummaa fi Sabboonummaa keenyatu hin bilchaatin moo rakkoo ayidoolojii qabna? kan jedhu ta’a. Deebiin gaafiilee kanaa waan fedhes ta’u, kan sammuun habashoome, akka ilaalcha kiyyaatitti, farra qabsoo kanaa ti. Diina caalaa kan qabsoo kana gaaga’u, kan sammuun isaa hin bilisoominii dha. Namni tokko bilisummaa uummataa fi walabummaa biyyaatiif kan dubbachuu danda’u kana bira dabrees kan qabsaa’uu danda’u yoo mataan ykn sammuun isaa bilisa ta’e fi qulqullaaye qofaa dha.

 

Nama sammuun bilisa hin taane ykn hin bilisoomne yoon jedhu garuu kun karaa lamaan ilaalamuu ni danda’a. Inni tokko kan homaa hin dhaga’in fi hin beekne yoo ta’u, nama akkanaa barsiisanii akka of baru fi dammaqu taasisuun ni danda’ama. Wallaalummaa dhaan ykn otuu hin beekin waan mirga uummata Oromoo faallessu yoo dalage, kun yakka hin qabu. Inni biraa ammoo, otuu barumsa, beekumsa fi dammaqinsa qabuu; garuu sirna gabrummaa kana keessatti ayidoolojii qabsoo kana wajjin hin deemne waan qabuuf, sababa kanaan faallaa qabsoo bilisummaa dalaga. Ayidoolojii akkanaatu akka eenyummaa ofiillee dagatu ykn gaafii keessa galchu isa taasisa jechuu dha. Namni eenyummaa ofii dagatu fi isa kanaaf dursa hin kennine ammoo, tajaajiltuu diinaa ta’ee hafa. Isa kanatu yakka guddaa dha; isa kanatu farra qabsoo bilisummaa Oromoo ti. Gaafiin deebii argachuu qabu garuu, “Maddi sababa kanaa maali?” kan jedhu dha.

 

Deebii quubsaa fi amansiisaa argachuuf xinxala bal’aa godhuu fi gadi fageenyaan qorachuun barbaachisaa ta’ullee, sababoota tokko tokko tuquun ni danda’ama. Isaan kanas gabaabinaan ibsuun yaala. Sirna gabrummaa Habashaa bar-dhibbee tokkoo ol nurra ture fi jiru kana keessatti wanti ayidoolojii namaa jijjiiran waa baay’eetu hojjetaman.

 

Tokkoffaa, waan hojjetaman keessaa inni hangafnni tokko amantii meeshaa godhatanii; isa kanaan akka dhimma keenya dagannu taasisuu dha. Sirna kana keessatti ammoo kan gahee guddaa taphate fi furtuu ta’e, amantii Ortodooksii Kristaanaa ti. Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, amantii kanarraa jibba qabaadhee ykn/fi olola irratti oofuuf otuu hin taane, kan dhaga’ame, argame fi ragaallee qabu waan ta’eef, dhugaa lafa jiru kana ibsuufi. Kan dur godhaamaa turellee yoo hafe, har’allee dhugaan kun dhokachuu hin dandeenye; hawaasa keessatti mul’achaa waan jiruuf dhokachuus hin danda’u. Wanti hubatamuu qabu garuu amantiin kamiiyyuu, yoo siyaasaaf meeshaa hin godhamne, qulqulluu ta’ee jiraachuu fi kabajas argachuu qaba. Amntiin Ortodooksiis akka amantii tokkootti akkanumatti ilaalamuu qaba. Sirna gabrummaa Habashaa kana keessatti kan mul’achaa fi calaqqisaa jiru garuu fallaa kanaa ti.

 

Akkan ofii kiyyaa argee fi hubadhetti, diina caalaa har’a kan qabsoo bilisummaa keenyaa kanaan morman Oromoota karaa amantii kanaan sammuu isaanii habashoomsani fi eenyummaa isaaniillee gaafii keessa galchanii dha. Keessumaayuu Oromootni yeroo dur, jechuun yeroo mootummaa Haila Sillaasee fi mootummaa Darguu biyyaa bahn, har’allee sammuu’uma dur sanaan yaaduu isaanii ti. Jijjiiramni bara 1991 QBOn fide ija fi gurra isaanii waan seene hin fakkaatu. Kan baay’ee nama gaddisiisu ammoo, “Oromoo” jechuu dhiisanii jecha diinni fi alagaan nuuf moggaasaniin qaanii tokko malee of yaamuu isaanii ti. Kun dammaqinsa dhabuu dha moo diina fi alagaa gammachiisuufi? Sabani isaanii waan fedhes haa ta’u, ani warra akkanaa diinaan addaan baasee hin ilaalu. Diina caalaa isaantu farra QBO ti yoon jedhe dhara hin ta’u.

 

Lammaffaa, gahee guddaa kan taphate fi taphachaa jirus Afaan Habashaa (Afaan Amaaraa) ti. Asirrattis sirna gabrummaa Habashaa kana keessatti ayidoolojiin hangam sammuu namaa akka jijjiire hubachuun nama hin rakkisu. Warri nu Oromoo dha ofiin jedhan ykn dhuguma dhalootaanis Oromoo ta’an, Afaan abbaa fi haadha isaanii otuu jiruu; kana dubbachuun tuffii ykn har’allee qaanii itti fakkaatee, Afaan alagaa kanatti fayyadamuu isaanii ti. Asirrtti wantin hubachiisuu barbaadu, Afaan alagaa dubbachuun farraa QBO ti jechuu kiyya akka hin taane dha. Warri Afaan gabroomsaatiif kabaja fi dursa kennan kun, Qubee Afaan Oromoo QBOn dhalche kanallee akka qoosaatti ilaalu. Akka waan ofii isaaniitiif Oromoo hin taa’inii, qubee keessan kana jedhanii qoosuu barbaadu. Baratanii itti fayyadamuun hafee, akka Qubeen teenya jiraattuu waan barbaadan hin fakkaatu. Oromummaa fi Sabboonummaa akka dhiphinaatti ilaalu. Waan gabroomsaan isaaniin jedhe dabarsanii lallabuu barbaadu. Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa akka tapha ijooleetitti ilaalu, itti qoosu. Akka isaanitti himametti, tokkummaa Itoophiyaatiif mudhii qabatanii mormu. Galgalaa fi ganama isuma kanaaf sagadus.

 

Afaan Amaaraa haasa’uun ykn dubbachuun; sirba Afaan Amaaraa dhaggeeffachuun; fiilmii (diraamaa) Afaan kanaan hojjetame ilaaluu fi isa kana qofaa dinqifachuun; kitaabota Afaan kanaa dubbisuun; aadaa Amaaraa ol kaasuu fi kan biraa gadi qabuun; amantiin Ortodooksii addunyaa kanarratti amantiilee hundaa caalaa qulqulluu akka ta’e godhanii olola afarsuun; kan biraa tuffachuun; walumaagalatti eenyummaa Habashaatiif ol aantummaa kennuun hammayummaa ykn baranee ta’ee isaanitti mul’ata jechuu dha. Diina caalaa kan Sabboontota Oromoorratti qeeqa tuulan jara kana dha. Jaarmayoota fi qabsaa’ota keenya jidduutti rakkoon yoo uumamu, kan dafanii quba ol qaban wara akkanaa ti. Bakkee Oromummaan itti calaqqisutti argamuu akka du’aatti jibbu. Bataskaana Ortodooksii fi bakkee ciinni Habashaa jirutti kan dursanii argaman garuu isaani.

 

Sadaffaa, kan biraa ammoo fuudha fi heerumsaan Habashaa wajjin walitti makamuu dha. Akka teessoo lafaa Oromiyaatti, sirna gabrummaa kana keessatti rakkoo guddaa kan nutti fide tokko waayee fuudha fi heerumsaa kana. Asirrattis wantin hubachiisuu barbaadu, Oromoon karaa kanaan alagaa wajjin walitti hin makamin jechuu kiyyaa miti. Kun mirga abbaa fedhee ti. Abbaan fedhe kan jaalate fuuduu ykn heerumuu ni danda’a; kun mirga ilma namaa ti. Haa ta’u malee, karaa kanaan Habashoota wajjin walitti makamuun keenya qabsoo keenyatti gufuu akka ta’e ykn ta’u waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu. Har’a yoo waayeen QBO ka’u, Oromootni fuudha fi heerumsaan Habashoota wajjin walitti makamani fi jidduutti ijoollee godhatan, wanti isaan dafanii dubbatan, yoo Ormiyaan fottoqxe (akka Habashootni isaaniin jedhanitti) yookaanis yoo Oromiyaan walaba taatu ijaaramte (akka Sabboontotni Oromoo jedhanitti), ijooleen keenya akkam ta’u? jechuu dhaan; waan hin taane sababa godhanii qabsoo kanatti gufuu ta’uu barbaadu. Erga qabsoo kana dura dhaabbatani, isaan kunis akka farra QBOtti wanti hin ilaalmaneef sababni waan jiru natti hin fakkaatu.

 

Barruu kiyya xumuruu dhaaf, egaa, har’allee QBOn kan xiyyeeffatu diina qofaatti otuu hin taane, keessa ofiituu qulqulleessuunuu qabsoo biraa ti jechuu dha. Har’as akkuma kaleessaa uummata keenya barsiisuu fi dammaqsuurratti; Oromummaa fi Sabboonummaa guddisuurratti beekumsa fi dandeettii keenya akkasumas yeroo keenya fixuun dirqama ta’uun isaa hin oolu. Yoo kuni hin taane ammoo, baay’ina keenya himachuu qofaan gahaa hin ta’u. Aynaa Oromummaa fi Sabboonummaatu murteessaa dha. Dura rakkoolee nu keessa jiraniif furmaata barbaadnee; sana booda tokkummaa keenya ijaaruu qabna jechuu dha. Tokkummaan Oromummaarratti hin hundoofne ammoo tokkummaa dhugaa ta’uus hin danda’u. Hanga kun hin milkaa’initti diinaaf saaxilamuu fi diinaaf meeshaa ta’uun keenya waan dhaabbatu hin ta’u. Yoo haalli kun akkanumatti itti fufe ammoo, bilisummaan achi fagaachaa akka deemu waan nama mamsiisuu miti. Mana keenya qulqulleessuun dursa (priority) argachuu qaba.

 

 

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *