Abdii Boruutiin*
Kaayyoon barruu kiyyaa, hiika jechootni lamaan kun qabani fi garaagarummaa isaaniis ibsuufi miti. Kana warra barumsa fi ogummaa Afaanii fi Saayinsii Polotikaa qabaniif dhiisuun barbaada. Mata duree kanaan barruu kana akkan dhiyeessu kan na taasisan yeroo dabre waan lama dhaga’uu kiyya dha. Inni tokko gaafii fi deebii Obboo Galaasaa Dilboo raadiyoonii Sagalee Oromiyaa (VOO-MSP) irratti godhan yoo ta’u; inni biraa ammoo viidiyoo haasa’a Obboo Amin Jundi agarsiisu fi mata duree “Amin Jundi: Neither the Oromo Nation Nor the Oromo National Liberation Movement Has a Secessionist Agenda” jedhuun marsaa Gadaa.com irratti bahe dha. Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, yaada fi ilaalcha namoota lamaanii kana wal bira qabee ilaaluuf otuu hin taane, dhimma kana ilaalchisee yaada mataa kiyyaa dhiyeessuufi.
Gara dhimma barruu kanaa otuu hin seenin dura, jaarmayootni keenya lamaan, THBO fi QC ABO, walhubatnoo isaanii ilaalchisee ibsi isaan baasan gammachiisaa waan ta’eef, carraa kanaan anis gammachuu natti dhaga’ame ibsuun barbaada. Dhugaa dha, yoo walhubatan walii galuu danda’u; yoo waliigalteen jiraate ammoo, tokkummaa dhaaf bu’ura ta’a. Kanaaf, jaarmayootni kunis walhubatnoo bira dabranii, gara tokkoomuutti akka tarkaanfatan abdiin qaba. Itti aansees, tokkummaan qabsaa’otaa fi jaarmayoota Oromoo kan hundaa hammatus akka dhufu hawwiin kiyya daangaa hin qabu. Karaa biraatiin ammoo, asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, ani jaarmayaa ykn garee tokkotti hirkadhee; isa kana deeggaruu fi kan biraa balaaleffachuuf otuu hin taane, namootas ta’ee garee tokko otuu hin tuqin, dhimma kanarratti yaada fi ilaalcha koo ibsuufi.
Akkuman yeroo baay’ee irra deddeebi’ee ibsaa ture, ani miseensa jaarmayaa siyaasaa tokkootuu miti. Haa ta’u malee, jaarmayaa kamiiyyuu yoo ta’e, kan walaba ta’ee bilisummaa Oromoof qabsaa’u ykn hojjetu deeggarsa kiyya ni argata. Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) ilaalchisee yoon barreessus, wantin ani barreessu yaada fi ilaalcha mataa kiyyaa, akka nama tokkootti (akka ilma Oromoo tokkootti) malee, jaarmayaa ykn garee kamiifuu dhaabbadhee ykn bakkee isaanii bu’ee dubbachuufii miti. Yoon dogoggore fi waan dhugaa hin taane barreesse, kanaaf anumatu ittigaafatama fudhata. Balleessi yoo jiraate, kanaafis anumatu dubbistoota barruu kiyyaa dhiifama gaafata. Kanaaf, yoon dogoggore na sirreessuu danda’u jechuu kooti.
Gara qabiyyee barruu kiyyaatti deebi’uu dhaaf, mee gaafii tokkon kaasuu barbaada: QBOn maaliif jalqabe, maaliif ittifufaa jiras? Akkuma seenaan agarsiisu fi adeemsi qabsoo kanaas mul’isu, uummatni Oromoo kan qabsoo kana jalqabani fi ilmaan Oromoo lakkoofsi isaanii hamma kana hin jedhamne kan itti wareegaman; biyyi isaanii Oromiyaan bakkee isaan nagaan jiraachaa turan, humna fi qawwee dhaan Habashootaan waan qabameefi. Gabrummaa Habashaa jalatti waan kufani fi har’allee gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessa waan jiraniifi. Uummatni biyya fi bilisummaa isaa dhabe ammoo, waan dhabe sana deebisee argachuuf qabsaa’a. Biyya ofii keessatti abbaa biyyaa fi qabeenya isaa ta’uuf qabsoo itti fufa jechuu dha. Hanga waan dhabe sana deebisee argatutti qabsoonis ittuma fufa malee hin dhaabbatu.
Egaa, dhugaa kanarraa kaanee yoo ilaalle, kaayyoon qabsoo kanaas ta’e fedhiin uummata ykn saba Oromoo maal akka ta’e hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Fudhatanis fudhachuu baatanis; jaalatanis jibbanis; mormanis deeggaranis; uummatni keenya hiree ofii ofiin ykn ofiif murteeffachuu barbaada. Kun mirga isaa ti. Mirga kana humnaan sarbame malee kan Waaqayyo/Rabbi dhalootaan namaaf kennuu dha. Hiree ofii kana ofumaaf murteeffachuuf carraa yoo argate ammoo, yoo barbaade walabummaa biyya isaa; yoo fedhes uummatoota fi saboota biroo waliin tokkummaa dhaan jiraachuuf murteeffata. Har’a garuu uummatni ykn sabni keenya haala akkanaa kana keessa hin jiru. Hiree ofii ofiin (ofiif) murteeffachuun hafee, qayee isaa keessattuu nagaan jiraachuu hin dandeenye.
Ani akka nama tokkootti, haasa’a Obboo Amin Jundi karaa lamaanan ilaala. Karaan tokko, akka waliigalaatti yoo ilaalame, waan Obboo Amin dubbatan sirrii dha; dhugaa dhas. Uumatni keenya bakkee jiraachaa ture fi jirutti abbaa biyyaa fi qabeenya isaa ta’uuf qabsaa’a jira malee, daangaa dabree uummatoota ykn saboota birootiin falmuufii miti. Achii ka’ee ykn fottoqee gara biraa deemuufis miti. Kun dhugaa waliigalaati jechuu dha. Karaa biraatiin yoon ilaalu garuu, Habashoota amansiisuuf jennee, saba Oromoos ta’e QBOn ajandaa fottoqinsaa hin qabu jechuun rakkisaa dha jedheen amana. Obboo Amin qeequuf otuu hin taane, ilaalcha kiyya ibsuufi. Asirratti yoon dogoggore abbaan fedhe na qajeelchuu danda’a. Yaada kiyya kan dhuunfaa kanaan Obboo Aminis waanan mufachiisu ykn dallansiisu natti hin fakkaatu.
Wanti hubatamuu qabu, jaarmayootni keenya, kan walaba ta’anii qabsoo kana godhaa jiran, sagantaalee siyaasaa gara garaa haa qabaatan malee, sochiin bilisummaa saba Oromoo (Oromo National Liberation Movement) hundaafuu kan walii ti jedheen yaada. Akkuman kanaa olitti ibsuu yaale, fedhiin ykn filatnoon uummata ykn saba Oromoos maal akka ta’u, yoo hiree ofii ofiin murteeffachuu danda’e beekama. Kanaaf, gareen ykn namumti tokko ka’ee dimshaashumaan saba Oromoos ta’e, QBOn ajandaa kana ykn sana qaba; yookaanis hin qabu jechuun sirrii natti hin fakkaatu. Akkuman jedhe, kun ilaalcha dhuunfaa kiyyaa ti. Adda Bilisummaa Oromoos (ABOs) yoo ta’e, akkan beekutti sagantaan inni ittiin ijaaramee qabsoo kana gaggeessaa ture walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf akka ta’e dha. Obboo Galaasaanis gaafii fi deebii isaanii keessatti kan ibsan isuma kana ture.
Egaa, asirratti wantin ifa godhuu barbaadu, Obboo Galaasaa deeggaree, Obboo Amin balaaleffachuuf otuu hin taane, akka waliigalaatti yoon ilaalu fi hubadhu, dhugaan kana ta’ee otuu jiruu saba Oromoos ta’e QBOn ajandaa akkanaa hin qabu jechuun waan dhugaa faallessu natti fakkaata. Tooftaaf yookaanis Habashoota amansiisuuf jedhamee yoo ta’e, yaaliin Obboo Amin godhan badaa miti. Haa ta’u malee, jecha Habashootni lagatan ykn jibban, kan yeroo hundaa ABOtti illee maxxansan, jecha Afaan isaaniitiin “magganxal” jedhamu kana lagachuuf jedhamee; karaa biraatiin dhugaan jiru yoo dagatame gaarii hin ta’u. Akka waliigalaatti yoo hubatame garuu haasofni Obboo Amin godhan waan dhugaarraa fagaatee miti. Carraa argametti fayyadamanii waayee qabsoo keenyaa alagaa fi diinattis ta’e fira qabsoo kanaatti himuun waan gaarii dha; barbaachisaa dhas.
Karaa biraatiin yoo ilaalames, waayee hiree ofii ofiin (ofiif) murteeffannaa saba Oromoo yoo dubbatnu, innumti kunuu gara “walabummaa Oromiyaatti” geessuu waan danda’uuf, Habashootni kana amananii (itti amananii) waan fudhatan natti hin fakkaatu. “Magganxal” isaan jibban kun akka hin ooleef waan beekaniif jechuu dha. Karaa feeneen (barbaadneen) jecha kan ibsuu yaalullee, dhugaan kana duuba jiru dhokachuu hin danda’u jechuu kooti. “Magganxal” jechuun kutamanii ykn fottoqanii gara biraa deemuu otuu hin taane; yookaanis ammoo, akka teessoo lafaatti, fakkeenyaaf akka Eertiraatti, qarqara jiraatanii achi cituu qofaa otuu hin taane, uummatni Oromoo fedhii isaatiin Oromiyaa walaba taatu ijaarrachuu yoo barbaade fi danda’e, naanna’ee naanna’ee “magganxal” Habashootni sodaatan hin hafu jechuu dha. Maalirraa kaaneti amma sabni Oromoo ajandaa akkanaa hin qabu jennaree??
Dhumarratti, qabiyyeen barruu kiyyaa jaarmayoota ykn gareelee keenya jidduutti rakkoon akka uumamu taasisuuf otuu hin taane, dhugaa jiru beeknee fi hubatnee akka waliin deemnuufi. Akka ilaalcha fi yaada dhuunfaa kiyyaatitti, yoo fedhii uummata Oromoo hin faallessine, tooftaa fi tarsiimoo ittiamanne tokko hordofnee; karaa nutti mul’ateen qabsoo kana cimsinee; uummata keenya gabrummaa hamaa fi faashistummaa Wayyaanee kana keessaa baasuun dirqama hundaatuu ta’uu qaba. Karaa kana ykn sana wayya; tooftaa fi tarsiimoon kun sirrii dha ykn sirrii miti jedhanii waliin mormuu fi sakaallaa walitti ta’uun diinaaf malee, uummata keenyaaf bu’aa hin fidu. Wal hubachuun, wal obsuun, wal gargaaruun, tumsa waliif ta’uun, mooraa ofii cimsanii kan diinaa laaffisuun ajandaa hundaatuu ta’uu qaba. Isa kana ajandaan hatattamaa, isa kanatu ajandaan saba Oromoo ti!!
* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com