Oduu Haaraya

Hokolee Diddu, Okkotee Hin Diddu!

Oromoon yeroo dubbii gabaabaadhumatti ibsuu barbaadu mamaaksa dhaamsa guddaa qabuun jalqaba. Waanta eddu jechuu irra jecha gabaabaan dhaamsa bu’a qabeessa dabarfata. Kan mammakaniif dubbii mi’eessuu duwwaaf otoo hin taane, waanti argan ykn dhaga’an sun faallaa (dalga) yeroo itti ta’u, maammaaksa itti dabalanii dubbatu ykn gorsu.
Haati loonii yeroo ameessi amala dhabee ilmamuu didee, waatii isaa xireeffatu, haadha loonii hokoleedhuma wajjin jifatu, ameessi kun kana booddee gatii hin qabu kan jedhu irraa kaatee, “hokolee diddu okkotee hin diddu” jetteenii abdii irraa kutatti. Haati loonii kun sa’a amala dhabee rakkise, soogidda (sanaagaa) arrabsiftee, hokaa (marga) itti aamtee, hooksitee, sossobdee yeroo dadhabdu, gadda wajjin jecha amtuu kana jetteenii of baafatti. Goromsa dhala diddee Maseenenis akkasuma jedhu.
Mammaksa oromoo kana waa malee hin kaafne. QBO keessatti buleeyyii fi gameeyyii warri ta’an, dhimma yeroo ammaa itti jiran mammaksa kana wajjin waanta wal qabateef. Buleeyyii fi gameeyyii keenya irraa silaa bilichina, gamnummaa, gootummaa, beekumsaa fi egeree saba keenyaaf kan oolu irraa dhaalla ture. Murannoo fi daandii qajeeltuu qabsoof dhaamaan galmaan gahuuf ittiin dhaadachuutu nurraa bareedaayyu. Dhaala (legacy) injifannoo isaan galmeessan dhaadhessuu qabna ture. Kun afee yeroo ammaa gameeyyiin keenya waanta isaaniif hin mallee fi irraa fokkisu yeroo hojatan akkatti dubbatanii fi itti dubbatanis nama dhiba.
Akkuma Hameessi sa’aa amalaa fi qalbii dhabee, jaartiin itti mammakte sana, buleeyyii fi gameeyyiin keenyas yeroo amala dhaban argaa jirra. Buleeyyiin keenya amalaa fi qalbii dhabuun isaanii, dhumaratti gatii hin barbaadamne, bara sooroma isaanii keessa isaan kaffalchiisaa jira. kabajaa fi hulfina qabsoo oromoo keessastti argatanii turan dhimma faallaa fedha oromoon ala dhimma itti bahuuf arreedu taanan, kabajaan kaleessaa bakka hin jiru.
Maqaa Walatajii Marii Oromoo (WMO) jedhu moggaafatanii hojii amalaa fi qalbii dhabiinsa bara sooroma isaanii keessa yeroo raawattan qaanii dha. QBO guddatus xiqqaaatus sadarkkaa amma irra jiru kanaan gahuuf gahee guddaa warra bahaa turee dha. akkaataa qabsoon oromoo itti deemuu qabuu fi galii qabsoo oromoo otoo hin afiin warra adda durummaan daandii itti baasaa turee dha. laafina mooraa qabsoo oromoo keessatti muldhatee fi bu’aalee argamaniif adda durummaan kan itti gaafatamummaa fudhatu, gameeyyii fi buleeyyii warra ta’anii dha.
Keessumaa ABO keessatti sarakaa furtuu fi murteessarra warra turanii dha. qabsoo oromoo ABOn hoogganamu keessatti warra, imaamata dhaabaa maddisiisaa turanii dha. kanaaf badii fi fafa qabsoo oromoo keessatti dhalateef itti gaafatama guutuu kan fudhatu qaamu amma WMO ofiin jedhu kana. Haata’uu garuu dhimmuma ofii raawwachaa fi raawwachiisaa turan, yeroo deebi’anii badii dhalchaniif nama biraa gaafatan argaa jirra. Seenaa kaleessa ofiif hojachaa turan yeroo nama biraatti haqachuuf yaalan, jaaroliin keenya maal ta’an jennee gaafachuun keenya hin oolu.
Warri WMO jedhee moggaafate kun akkuma yeroo tokko VOA irratti Gameeyyii fi Buleeyyii kan ta’an Leencoo Lataa jedhanitti, warri walatjii kana hundeesse, warra abdii kutatee qabsoo keessaa of moggeesse, warra dhaabbilee (murna) gara garaa keessaa ari’amanii fi fedha isaaniin qabsoo keessaa of baasanii dha jedhanii dubbatanii turan . kun dhugaa dha. warri qabsoo irraa abdii kutatee ykn badii gara garaan qabsoo keessaa ari’ataman, amma maaltu argamnaan waldaa dhaabbatan? Deebii isaa isanumaafan dhiisa.
Egaa gara mata duree barruu kiyyaatti yoon deebi’u bara humna qabanii fi aangoo guutuu itti qabaachaa turan qabsoo oromoo kan sirnaan hoogganuu dadhaban, bara dullumaa keessa maaf qalbii fi amala dhaban. Kabajaa oromoon isaaniif qabu maaliif xiqqeesuu filatan? Umurii isaan afte kanatti silaa ta’uu kan qabu gorsaa fi dogongora kaleessa dhalchaa turan, dhaloota ammaaf ifatti barsiisuu malee, waldaa dhaabbachuu maaltu fide? Bakka kabajaa fi guddaa turan dhiisanii, amma maaliif tapha daa’imaa taphachuu filatan? Silaa kan isaanirraa bareedu mooraa qabsoo hunkuruu irra, badii amma yoonaa qabsoo oromoo keessatti dhalateef itti gaafatama fudhatnii dhaloota haarawaa barsiisuu qabu ture. Kana gochaa hin jiran. Kanaaf dhaadannoon isaanii akka natti fakkaatutti , “mataan eega nubaddee maqaanis nu haa baddu” waanta jedhan fakkaata. Dhaaba siyaasaa kabajaa, ulfinaa fi maqaa itti argatan dhiisanii waldaa badii ijaarrachuuf dhama’uun daran maqaa of balleessuun ala bu’aa hin qabu.
Akkuma waltajjii isaanii gara garaa irratti ibsatan, heera mootummaa wayyaanee amma tumamee jiru nutu fide jedhanii labsatan, wayyaaneetti makamanii iheera wayyaaneen masakamuu dha. heera wayyaanee amma jiru fudhachuuf eega labsatanii, maaliif durumaanuu keessaa bahan? Akka J/ leencoo Lataa jedhanatti heera mootummaa wayyaanee dhimma xixiqqoo afan, ni sirreessina dhaadannoon jedhu dhuguma qabsoo oromoof yaadaniituu? Tarii warri mee’isoon (MESON)ofiin jechaa turan, mootummaa Dargii suuta jennee malaan sirreessina otoo jedhanii dhadhaa abidda buute ta’anii afuu isaanii ni dagatanii laata? Moo wayyaaneen warra WMO jedhaman kanaaf waadaa addaa galteefii jirti?
Akkuma mata duree barruu kanaa irratti jedhe, dubbiin warra WMO jedhamanii kun “Hokolee Diddu, Okkotee Hin Diddu! Ta’uuf jira. Oromoon gameeyyii fi buleeyyee qabsoo irraa kan eegaa turee fi eegaajiru, garuu kan dhabe injifannoon akka oromiyaa seenaan ture. Kana milkiissuu hin dandeenye. Kana gochuu dhaabuu isaaniitti oromoon eddu itti gaddus, qabsoo oromoo keessa waan turaniif, bara gadamoojjii isaanii kana badii dalagu jedhee hin yaadu ture.faallaa isaa, mooraa qabsoo oromoo hunkuranii, qalbii fi amala dhabnaan itti bahi isaa mammaksuma oromoo ta’ee jira. qabsoo oromoo keessa teessanii, bu’aa buusuuf eega qophii hin taane ykn dadhabdanii, dhuma irratti wayyaaneetti galuuf murteeffachuun Hokolee diddan, Okkotee hin diddan ta’ee jira. ammas garuu oromoon kan isiniin jechaa jiru, waldaa badii itti ijaarratanii ittiin of bituuf deemtan akka irraa dhaabbatan isin gorsa. Diddanii itti deemtu taanaan, mammaksa oromoo “Dubartii Gabaa keessatti Soqolatte, Soqolaa gargaaru” jedhu sana qalbeeffadhaa.
Camadaa Hundee
camadaa@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *