Message: O.Leencoo Lataa, Diimaa Nogoo faa namuu ganna, /hangafummaa fi lafa bultiin/ akkuma aadaa hawaasa Oromootii akka jabaa ulfeessa.
Ammallee akka lammii Oromoo biraa rakkoon saba Oromoo dhukkubsuun QBO godhuun qooda mataa ufii gumaatuun quudhuuf heddu akka jiru hin beekama.
Garuu haga ABOn 1992 MCT keessaa Wayyaaneen dhiibamee as wanti marti jijjiirame. Haga jaalate jibbuu fi balaallefatuun akkuma QBO dheerattuu fi ABOn laafuun dachama dabalaa deeme.
Gurmuun hawaasa Oromoo dubbii cokee laaluu fi yaada goomullee dura faarsuun booda balaallefatuun akkaatama waa hubatuu namaatiin gargar tawuun arma gaye. Keessattuu akka dararaan, QBO dheeratuu fi wareegamni /qabeennaa fi lubbuu namaa/ heddumaatuun waggaa 10n lamaa ol martuu QBO laaffisuun argaa-dhageettii jaraa jibbuu hin sokeeenne.
Gariin haguma qara ‘Nabbiyyoota fi Maleeykota’ duuba ammoo ‘Nama’ godhuun mufachiisuu bira dabarsee qooduma QBOtii gumaachan milkii fi hoongoo wal bira qabuun akka hoongoon gama jaraatiin mudate ummata Oromoo miidhe amanuun haga faallaa itti garagalee aalatuu mitii homa gootee waakkatuu fasa gaye.
Gareen hawwiin madda qabeennaa dhuunfatuu irratti waldhabsiise ammoo badii-yakka waliin murtii kennuun mudate cufaafuu aadama walbarsiifataniin walitti haqatuu fi quba qabuun if qulqulleessuu ijibaata godhaa as dhufuu argaa-dhagayaa as geenne.
Durumaa gariin gorsa hayyootaa,
“Faarsuu hin ariifatin, hegeree balaallefatuun /arrabsuun/ si dhibaa. Balaallefatuu hin jarjarin duuba faarsuun si dhibaa” jedhuun faarsuu hin jarjarre.
Keessattuu mama akka J/Waaqoo Guutuu teessuma jaarsummaa dhaabota Oromoo 5n walitti araarsuu godhame irratti
“Adurreen damman nyaattuu, Amaa situ waa goggodhata. Sinbirreen foon hin nyaattuu Cirrii situu waa goggodhata. Mammaakee akkasiin hin lakkisuu, Leencoo kanatti quba qaba.” Jedhee mammaake duruma nama heddutti waa bulchuun akka faarsurraa uf qusatu godhe.
Osomaa oolee hin bulin wanti armaa gadii kunniin yoosuu hawaasa Oromoo akka ija mamaatiin hoggana Dirree Dhiyaa keessattuu O/Leencoo laalu godhuu dandaye.
1-Karaa Damee siyaasaatiin
a/Dabballoota dhalootaan naannawa dhiyaa /Wallaggaa/ baabataa akka yoo sanitti Oromoon gariin miseensota ABOtuu dabalatee maqaa “warshaan A/Caalaa Dambi Doolloo” jedhee moggaasee fi Finfinnetti leenjisee baasu naannaya Gosoota Oromoo biraarra dhangalaasuun haga afaaniin hawaasa Oromoo akka dadhabaa fi naannawa ufii bilisoomsuun gargaaruu dhufanii tuttuquun,
b/Waajjira ABO-Gullallee O/Leencorraa kaasee haga waajjira qunnamtii yoo sanitti baname 19 qofaa mitii hojjattu waa qulqulleesituu warruma Dhiyaa qofaan guutuun Oromoo naannaya biraa keessummeessu dhibuu, miseensota dhaabaatuu wal dabarfatuu arguu
2-Karaa Damee Waraanaatiin ammoo
a/ miseensota RQ /Raadiyoo qunnamtii/ waraanarra dalagan akkuma dabballee Dhiyatti leenjisuun bakka WBO jiru maratti bobbaasuun miseensota qara hojjtan jijjiiruun dubbiin gargalcha /coup/ waraanaa fakkaate
b/Qondaalota haarawa haga naannawa Dirree Bayaa WBOn bara dheeraa QBO godhuun mooyxaan caalutti lolaasuun akka A/Buttaarraa kaasee achii oliti ramadaman godhuu hawaasa Oromoo Jaarraol diigamuun gargar ture hireen walitti dachaase “Gurmuun hoggana akka O/Leencoo faa yoo ifii godhu/ goosisuu funyaan butuu baatee, akkamitti maal nuun jedhanii laallatuu /arguu dhabe” jedhuun shakkii itti uume.
3-Damee siyaasaa dabballee ta O/Leencoo fi Waraanaa ka O/Galaasaa godhuun”/Dabballee-waraanaa”jedhuun qooduun caasaan dhaabaa wal faalleessuun miseensa duraatii fi haarawa-‘’Chaartarri dhalche” jedhuun miseensarraa haga tokkummaa hawaasa Orommoo dhorutti walitti sufe.
Wanti nama maalalu yoo caasaan dhaabaa akkasitti akka nafnummaan namaa tokko BITAA-MIRGAAN walfaallessuun, Jedhan dhugaa ibsu malee waa dhaadhessuu hin goone.Diina ifirraa ittisuu mitii namichinuu hinjiru. Yoo jiraatee akka hinqabu.
Wantummaan godhamu martuu yoo Oromoon bilisummaa gonfatee garee naannoo fi gandaanhawaasa Oromoo biraa gabroonfatu bakka gurmuu ‘Nafxanyaa fi Wayyaanee’ buusuun bulchuu deemuu fakkaatuun dhokataa baye.
Itti aansee WBO moonaa galchuun hikkachiisuun maayii MC lakkisuun eega Wayyaaneen bakka tarsiimoo qara hin dhaqqabin seente murtii fudhatuu fi labsuun booda
“O/Leencoon karaa nagayaa O/Galaasaan faa lola barbaaduu’’ faa walitti dabarfatuun asdhufe.
Garuu O/Leencoo gaafuma san maaltuu dhaabbii karaa nagayaatiin Wayyaanee waliin dalaguu ibsatuun wareega qabeennaa fi namaa oolchuu dura dhaabatuu dhoorge?
Silaa akka amma aduu dhiiteen eega qabeennaa fi lubbuun hedduu bade fiiguu caalaa Oromoon yoo gaafasitti jalaa fudhatuu dhabee oolee-bulee amanuu hin oolu.
Uumaa fi aadaa bulchitoota Abashaa garee Nafxanyaatii –Wayyaanee ammaa biyya irratti waljijjiiruu hawaasa Oromoo biyya teenna dhiisii akka human malee karaa nagayaa bakka walitti hin kennine biyya lafaatiin beekama. Wayyaaneen bakkuma gaafa duraa jirti.
Garuu gaafiin wanti garee amma Dhaaba ijaaree labsu keessattuu jaarsota tana galgalaan hirriba QBO hobbaafatuun xiixxee raftu keessa kaasee maaluma laata? Jedhu yoo deebisu gurmuun hawaasa Oromoo hedduu
1-Inaaffaa J/Kamaal numa duubaan dhufee homa silaa hawwituu fi saba Oromoo dhugaa itti himuu amansiisuun fudhachiisuun sabaa fi sablammoota waliin hirirsuun Wayyaanee diiguu sodaatte godhuu,
2-Mallasiin duuba Wayyaaneen gaduma deemuu malee bultii baafatuu hin dandeettu kana hubatuun yoo dandeette Wayyaanee bulti baafatuu ijibaata gooturraa yoo hayyama argatte galtee rakkoo saba Oromoo hiddaan furuu ossoon taane bakkuma Girmaa W/Goorgis akka barcumarra keettu kadhatuu
3-Akka J/Waaqoo Guutuutii fi Jaarraa A/Gadaa /A/Kariim Ibraahim/ yoo biyyuma Ambaatt duuti uumaa Waaqaa dhaqqabe akka ummanni Oromoo akkasitti ulfinnaan reeffa galchee hin awwaalle abdii ifirraa dhabuu fi kanniin faa ibsa.
Yoo Wayyaanetti galte rakkoo itti fidu yoo jiraate
1-O/Leencoorraa qabee warri amma dhaaba ijaaruu labsu warruma Shanee waliin akka hin dune akka girrisaa Jijjiirama ABO duudee fibiyyuma Ambaatii maqaa baatee Qabsoo Oromoo hogganutti amana.
2-Nammiin dhaabota osoo hin dhalanne duutu-garaa gatuu ijaaruu aadefatan,
-Karaa Nagaya namuu hinjaalata. Akkuma nama cufaa O/Leencoon yoo maraa karaa nagayaa rakkoo furuu jaaslatuu himatuu qofaa mitii homa waraana jedhan jibbuu fi Qawwee sodaatuu himatuun himama. Amma mataa dhaaba kana yoo godhan
-Dhaaba waraana hin qabneen akkamitti Wayyaanee cabsuu barbaada? Wayyaanee fi biyya bulchitoota humnaan waljijjiiruun baratamee akkamitti bulchuu deema? Wayyaaneen yoo Biblii dura qabuun kadhatan huubattu hin fudhattu.
-Osomaa achuu hin geenne yoo Wayyaaneen nama/gurmuu maqaa ABOtiin waliin dalagu hayyamte OPDOn gaafuma san duuti. Haga lubbuun duutuu ammoo ifirratti eeguu manna if ittisuu tattaafatuun hin hafu.
Garuu yoo wanti Mallasiin duuba O/Leencoo fi Wayyaanee walii galchu hinjiraa laata? Jedhan namni hedduu hawaasa Amantii Islaamaa amma Wayyaanee danqe keessattuu Oromoo Islaamaa dhabamsiisu irratti akka walii galan irratti walii gala.
Yoo tokko Mallas, akka
“Kumaan akka OPDOn saba Oromootii homaa hin hojjatin MM keessatti dubbannaan Ati Leencoon ajjeefamuu akka qabu yaada dhiyeefannaan si harkatti hin dinnee?” jedhee afaan dabooluu himan
Amma Mallas hinjiru garuu Kumaa, OPDO fi Wayyaaneen achuma jirti. Namuma Kumaa akkasitti irraa dhoorgu hin argan.
Ammallee Yoo OPDOn faa ija itti babaafte O/Leencoo fi Diimaan maal taya laata? Jedhan akkuma baratte akka O/Leencoon addurree tayee, O/Diimaan ammoo gurraachayee miilaan,
“Boolee karaan garami?”jettu dubbatu
Yoo jaraa Wayyaaneen itti kolfaaVisa dhooftee qajeelchitu dhiirti akka Nadhii, Guutamaa, Buruuysoo, Milkeessaa, Abbayyee, Leenjisoo /M/Amaan/ faa biraa hafee gaaratti qajeelu tokkollee akka jara tana keessa hinjirre mamaa hin qabu.
Dhiibbaan Hoggana Biyya Ambaa Jiraatu Rakkoo biraa qaba
Gurmuun kun warruma lammummaa ykn hayyama biyyoota Ambaa jiraatu qabu. Ummanni Oromoo ammoo bakka gaafa 1992 hinjiru hoggana hadhaa waliin dhandhamaa akka gootota duraa hawaasa sochoosuu fi falmuun akka mirgaa fi bilisummaa gonfatu qofa barbaada.
Sanirraa Jaarsota tana laaluun !!!!!
JAARSA AKKA JAARE E, JAAMAA AKKA JAAME WALLAALE CAALAA WANTI NAMA RAKKISU HINJIRU JEDHA.