Oduu Haaraya

Kanneen Oromoo Diiguu Akeeka Godhatan Irraa ijaarsa hin eegnu!

By Mahdi Idris

 

Akeekni ABO ummata Oromoo cunqursaa bifa hundaa jalaa baasuu fi Oromiyaa Bilisaaf walaba taate ijaaruu dha. kaayyoon kun kaayyoo xaliilaa fi wabii jireenya ummata Oromoo ti. Haa tahu malee Ummata Oromoo salphina gabrummaa waggaa dhibba jala ture keessaa baasuun kaayyoo xaliila qabaachuu ol gaafata. Hunda dura ummata tokko ta’e, biyya tokko qabuu fi hireen isaa walitti hidhamte kana deebisanii ijaaruu fi akka nama tokkootti akeeka tokko bakkaan gahuuf akka warraaqu gochuu feesisa. Tokkummaan sabaa waan hojjannu hunda dursa.waayee Biliisummaa Oromoo tokkummaa Oromoo malee dubbachuun nama dhiba. Tokkummaan Oromoo osoo hin argamin bilisummaan dhugaa fi fedhii saba Oromoo bakkaan gahu jiraatuu hin danda’u. Dhugaan kun lammii Oromoo bilisummaa hawwu hunda biratti ifaa dha. Dhugaa kana kanneen maqaa bilisummaa Oromootiin socha’an ni wallaalan jechuun nama dhiba. Garuu barootaaf mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti shira tokkummaa Oromoo fi gurmuu qabsaawota Oromoo diiguuf xaxamaa ture yoo ilaalle kanneen maqaa Oromoo himatan keessattuu murni SH-G-ABO farra tokkoffaa tokkummaa Oromoo tahee mul’ata.

Barreeffama Dhiheenya kana basaastota diinaa saaxiluu jedhuun basaasaa Wayyaanee Kan tahe girmaa xurunaa fi hidhata inni shanee waliin qabu saaxila baasan ilaalchisee ololli murni Shanee oofaa jiru farra warraaqsa Oromoo fi booressitoota tokkummaa saba Oromoo tahuu isaaniif ragaa guddaa dha. Seenaa bara dheeraa keessa deebinee yoo ilaalle ABO kaayyoo xaliila tokkummaa Oromoo mirkaneessuu fi bilisummaa sabaa argamsiisuuf gootota ilmaan Oromoon ijaarame farroota diina tokkummaa fi bilisummaa Oromoon guututti akka dhuunfatame hubachuun ni danda’ama. Kanaaf seenaa diiggaa fi farrummaa murna shanee sirriitti hubachuuf muuxannoo baroota hedduuf dhaaba kana keessaa qooda fudhachuun qabu dubbiftootni barruu kanaa xiinxala mataa isaanii irra akka gahan bifa armaan gadiitiin dhiheessa. Muuxannoo kiyya irraa ka’ee murni farra warraaqsa Oromoo fi tokkummaa akka tahe ragaa waliin dhiheessa.

1. Waldhabbii murna shanee fi Qaama Cehumsaa gidduutti dhalate; Waldhabbii murna kanaa fi Shanee gidduutti tahe irraa deebinee yoo ilaalle eenyummaa murna shanee hubachuun nama hin dhibu. Jalqabuma irraa kaasanii rakkoo qabsaawota gidduutti dhalate furuu osoo hin taane facaasuu irratti bobba’an. Osoo murni Dhugaasaa Bakakkootiin hoogganamu dhaaba keessa jiru harka lafa jalaatiin, ijoolleen naannoo Naqqamtee dhaaba irratti finciluu barbaadu ololli jedhu harka lafa jalaatiin oofamuu eegale. Kanatti dabalees ijooleen naannoo sanaa [Naqqamtee] hundi qabsootti amantee osoo hin taane Galaasaa qofa of duratti ilaaluun qofa akka miseensota dhaaba kanaa tahan lallabuu jalqaban. Hunda caalaa kan nama dinqu garuu kanneen barootaaf qabsoo keessa turan goobanticha Morodaa Bakaree Oromoo ganee Minilikitti harka keenne waliin walitti hidhuuf tattaafachuu ture. kana irra dabramees hoogganni dhaabaa ol’aanaan osoo hin hafin Murni Galaasaa Dilboo akka TPLF waliin harka lafa jalaatiin hojjachaa ture walgahii miseensotaa irratti himan.Rakkoon kun akka furmaata dhugaa hin arganne, namoota madeessuun akka daran hadhaawu gochuu fi qabsaawotaa fi Oromoota naannoo adda addaa gidduu akka wal shakkiin dagaagu shira xaxuu itti fufan. Kanneen dhugaa kana hin beekne ifatti bahanii qabsaawota kaleessa waliin kufanii kuffisaa turan akka diinaatti ilaaluun maqaa xureessuun itti fufee diigamni 2001 dhalate. Sababa kanaan ilmaan Oromoo hedduun ABO irraa akka bahan jaallewwan isaanii dura akka dhaabbatan akkasumas akka abdii kutatanii manatti galan taasifame. Dhibdeen kun caasaa ABO bira dabree akka hariiroo hawaasummaa ilmaan Oromoo gidduu jiru boorahu godhe.

2. Waldhabbii 2008

Waldhabbii kanaaf sababni guddaan dhibdee qabsoo bilisummaa saba Oromoo mudatte furuu irratti garaa garummaan yaadaa dhalatee ture. Murni tokko [kanneen maqaa Jijjiiramaan bekkaman] xiinxala godhame irratti laamsha’uu qabsoo Oromootiif sababni guddaan aadaa dhaabaa keessatti karoorri bahu hojii irra ooluu dhabuu fi kanaafis sababni aadaan namni hojiin itti madaalamu jiraachuu dhabuu, hoogganni jiru dhibdee qabsoo Oromoo mudatteef furmaata qormaata dhugaa irratti hundaa’e dhiheessuu dandeetti akka hin qabne hubatan. Kana malees hoogganni ture ilmaan Oromoo dhaabatti dabalaman leenjisee hojii isaaniin malutti ramaduu dadhabuu, ganna hedduuf baqattummaa keessa jiraatuun haala ummatni Oromoo keessa jiru kan quba hin qabnee fi qabsoo saba Oromoo hoogganuuf hamileen akka hir’atu yaada dhiheessuun kanneen shaneen mormaan ture. Gama murna shanee irraa kan dhihaate, qabsoon saba Oromoo waggaa dheeraaf hooggana dhabuun rakkoo akka hin tahin, rakkoon ture namni waliif ajajamuu dhabuu fi gandummaa dha yaada jedhu ykn xiinxala jedhu irra gahan. Xiinxala jaamaa kana irraa dhaabbatuun tattaaffii hooggana biyyatti deeisuu fi humna waraanaa ijaaruu dura dhaabbatan. Ajaja Waraanaa addatti ijaarame akka karoora lafa kaayametti diinagdee hojiif barbaadamu dhorkachuu fi biyyoota ollaa irraa qaadhimamtoota dirree leenjisaatti dhihaachuu qaban karaa itti cufan. Waldhabbiin jabaataa dhuftee kanneen dhaaba keessa jiraanii fi fagoo arganis rakkoon kun karaa nagayaatiin akka furamu osoo tattaafatan miseensotaa fi hoogganoota dhibdee ABO sakaaleef furmaata barbaadan olola irratti oofuu jalqaban. Osoo dhaaba keessa jiran SBO-tti gargaaramuun warra “mana barnootaa OPDO” irraa bahe jedhaniin. Bakka hundatti caasaa dhaabaa yaada keenya hin fudhatu jedhaniin diiguu eegalan. ilmaan Oromoo barootaaf wal-amantiin waliin qabsaawaa turan guyyama tokkotti diina walitti taasisan. Bar murni kun OPDO waliin hojjataa, ganda akkasii ijaara jechuu jalqaban. Ifatti jaallan isaanii akka hoogganaatti waliin dalagan kora sabaatiin filaman barruu maqaa xureessii irratti facaasuu eegalan. Akkuma 2001 ammas ABO bakka lamatti facaasuu itti milkaayan. Akkuma 2001 murna QC OPDO fi farra qabsoo godhanii dhiheessan, olola dharaatiin miseensota shira isaanii hin hubanne walitti duulchisan.oromoota dhalootaan naannoo Arsii fi Baaletti dhalate hunda OPDO fi leelliftoota Juneeydii Saaddoo godhan. Loqoda nama naannoo Arsii fi Baalee hunda loqoda OPDO godhan. Gootoa naannoo kanatti dhalatan kanneen lubbuun hin jirre hunda abaaruu itti fufan. Ololli diiggaan kun hanga ar’aatti itti fufee jira.

3. Hawaasa Oromoo diiguu; Biyya hunda keessatti murni shanee ijaarsa hawaasa Oromoo hunda dhuunfachuuf tattaaffiin godhaa ture bakka hundatti ijaarsi Hawaasa Oromoo akka boora’u taasise. Jaarmaya hawaasaa dhuunfachuuf qofa kanneen hooggana ABO fi adeemsa qabsoo irratti quufa hin qabne, gaaffiilee haqaa qaban hunda akka diinaatti adda baasanii itti duuluu eegalan. Dhaadannoo ABO jechuun ummata Oromoo ti, Oromoo jechuun ABO jedhu irratti hundaa’uudhaan kanneen walaba tahan hunda diina Oromoo fi qabsoo bilsummaa godhanii dhiheessuun akka ummataan jibbaman duula wal irraa hin cinne irratti gaggeessan. Maqaa namootni hin qabne itti maxxansuun namootni hedduun bakka Oromoon itti walgeette akka lagatanii fi Oromummaa irraa abdii kutatan taasisan. Jaarmaya keessatti ilaalchi gandummaa akka babal’atu gochuudhaan Oromoon akka wal-shakkuu fi Oromummaan osoo hin taane eenyuu keenyatu achi keessa jira yaada jedhuun akka walitti dhufu dirqan. Kutaa USA magaalaa Minesota keessatti hawaasa bara dheeraaf ititaa ture, namni murni shanee ittiin hawaasa toohatuu barbaadu filmaata keessaa hafuu qofaan ilmaan Oromoo baroota dheeraaf hafuura obbolummaan waliin jiraataa turan diina walitti godhan. Kanneen baroota dheeraa qabsoof of wareegaa turan guyyama akkaataa dhaabni qabsoo Oromoo itti gaggeessu irratti gaaffii dhiheessan,moggaasni kun diina Oromoo miti Amaara, OPDOf hojjata fi olola kkf fakkaatuun maqaa xureessun ilmaan Oromoo hedduu waltajii hawaasaa irraa ari’uutti milkaayan.

4. Murni Shanee Yeroo adda addaatti kanneen bifa jaarmaya siyaasatiin of ijaaran irratti olola tokkummaa Oromoo booressu oofaa tureef haalli FIDO, AWO,fi ibsoo akkasuma ABO jijjiiramaa keessa dabran ragaa guddaa dha.duulli sun Ammas hin dhaabanne KWO,ADO fi OFC irratti deemaa jira.Barootaaf imaammatni murni shanee ilmaan Oromoo gar-gar faacaasuuf hordofaa turre har’a sadarkaa nama gosa keenyaa malee kan biroo dhagahuu nu hanqisuu fi kan keenya jennuun malee kan hafe hundi akka diina walii tahetti Oromoon fudhattu irraan saba Oromoo gahan.Yeroo har’a adda faca’uu hawaasa Oromoo irraa kan ka’e kan Oromoon akka hoogganaatti ilaaltu hin jiru. Kan jiru hooggana gandaa malee hooggana Oromoo miti. Haala 1992 keessa turre yoo ilaalle hangam akka hawaasni Oromoo diigamee hubachuun nama hin dhibu. 1992 Oromoo kutaa Oromootti dhalate hundi xinnaatu harki 90% hooggana ABO akka hooggana biyyaatti /National Leader/ ilaala ture. Amma haalli keessa jirru fokkisaa fi fuula dura deemuu ykn kaayyoo ummata tokko, biyya tokkoo fi hiree takka jettu san irraa akka fagaataa jirru mul’isa.

Kuni maaliif tahe jennee of gaafachuun barbaachisaa dha. Xiinxala kiyya irraa haalli armaan oli saba Oromoo mudachuun amala farrummaa murni Shanee agarsiisaa ture irraa kan maddee fi qabsoo Oromoo hoogganuu dadhabuu irraa sababa dhiheessan barbaaduu irraa kan dhufe. Yeroo murni QC dhaaba irraa bahetti fi sana boodas sochiin dhaabaa laafachuuf sababni dhihaataa ture, Hayyuu Duree dhaabaa kan ture Galaasaa Dilboo fi murni isaa qabsoo hoogganuu dadhabuu dha jedhame. Biyya ambaa keessatti jaarmaya ummataa cimaa ijaaruu fi miseensota hedduu ABOn akka hin horanne kan godhe dadhabina Shanee osoo hin taane akka murni kun jedhutti kanneen “OPDO, Amaara, ykn farra” qabsoo bilisummaa tahanii dha. Akka isaan jedhanitti hooggana Daud Ibsaa jalatti ABOn humna Waraanaa akka hin ijaarree fi hin bobbaafne Kan godhe murna amma “Jijjiirama” jedhaniin kana jedhu. Hooggana shanee akka biyya keessatti deebi’ee ummata isaa waliin qabsoo hin goone kan dhoorke murannoo dhabuu isaanii osoo hin taane, kanneen isaan dadhabbii isaanii dhoksuuf akka diinaatti uuman tahuu qabu. Ganna dheeraa dura yeroo dhaaba kanatti dabalamu haala keessa dabre irra deebi’ee akka yaadadhu na godhe.leenjii siyaasaa ABO fudhe. Akka nama haaraa qabsootti dabalameetti seenaa dhaabaa fi haala inni keessa dabre, maaliif ummata Oromoo dhaqqabuun ijaaruu akka hanqate, jaarmayoota ummatoota naannoo TPLF fi EPLF duubatti akka ABOn hafe gaafachaa ture. Guyya irraa guyyatti kan natti himamaa turee fi anis bara dheeraaf ilmaan Oromoo na duubaan dhaaba kanatti dabalamanitti himaa ture akkamitti qabsoo tana bakkaan gahuu akka dandeenyu osoo hin taane, akkamitti ayyaan laallattotni, gantootni, seera dhablootni, kanneen Amaara tahanii nu keessa seenaanii fi kkf akka qabsoo sakaalan ture. Eegaa dhaabni Oromoon waan guddaa irraa eegaa ture, dhibdee gabrummaa akka hiibbootti hiikkachuu dadhabeef deebiin hoogganni shanee kennuuf leenjii guddaa itti qabu akkamitti diina akka of irraa faccisan osoo hin tahin ilmaan Oromoo” gantoota, Amaara, goobana, OPDO” fi kkf maqaan jedhamu kennameef irratti akka duulu, akkasumas hunda akka ija shakkiitiin ilaalu qofa jechuun ni dandayama.

Dhiheenya kana hoogganooni dhaabbileee oromoo afur walitti dhufuun ni yaadatama. haala dabre irraa baratanii Oromoo gidduutti akka nagaan bu’u Oromoo irratti duuluun akka dhaabbatu Kan jedhuufi waliif tumsaa aaddaadummaa yaadaas waliif kabajaa diina qofa irratti Akka xiyyeeffatamu kan jedhu ture.kanatti sabboontoni oromoo hundi gamamchuu qabu. gaafii sabaa Waan taheef,garuu murna shanee biraa Kan muldhatu faallaa kanaati. duulli Oromoo adda facaasuun gaggeeffamaa ture ammas haarayoomfamee itti fufe. Haala gurri oromoo dhagayuu hin dandeenneen ilmaan Oromoo sabaaf jedhanii lubbuu isaanii wareegaa jiraniin oromoo miti,kaaniin diinaaf hojjata Jechuun maqa balleessii isaanii eegalan.yeoo oromoon keessaa tokko tahe diina raasaa jiru akkasuma wareegama guddaa walirraa cinne kennaa jiru kanatti yeroo Kan biyya alaa jirus hafuura obbolummaa gaarii argamsiisaa jiru kanatti duula maqa balleessii akkanaa eegaluun murni shanee farra qabsoo Oromoo akka tahan kan ragaa bahuu dha. Olola diiggaa waggaa dheeraaf oromoo keessatti oofaa turan qabaneessuuf qooda taphachuu irra hayyuu dureen shanee duula marraa lammafaaf hordoftoota isaa bobbaasuun tokkummaan Oromoo daran akka boora’u gochuun diina tokkummaa Oromoo irraa sodaa qabu tahuu shanee saaxila. Duula diiggaa ilmaan Oromoo gidduutti qabsiifame kana hoogganni Shanee ol’aanaan akka keessa jiru raagaan guddaan barruu Gaashuu lammeessaafi Odaa xasee laaluun gayaadha.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *