Oduu Haaraya

Kennaan, dandeettii fi beekumsi Oromoo kan fedhii saba Oromootiif hin taane ykn hin oolle hiikkaan isaa maali?

 

 

Abdii Boruutiin

 

Mata duree kanaan barruu kana akkan dhiyeessu kan na taasise, barreeffama dhiyoo kana Obboo Fayyis Oromiatiin mata duree “Oromo Talents in the Habesha Political Clubshttp://gadaa.com/oduu/20698/2013/07/10/oromo-talents-in-the-habesha-political-clubs/ jedhuun dhiyaate dha. Barruulee Obboo Fayyis dhiyeessu, xinnaatee yoo xinnaate waggoota afran dabran keessatti hordofaan ture, hordofaan jiras. Akka ilaalcha kiyyaatitti, barruuleen Obboo Fayyis tokko tokko qabiyyeen isaanii mormisiisaa haa ta’an malee, kan hafan harki caalaan isaanii kan barumsa namaaf kennanii dha jedheen yaada. Ani Obboo Fayyis fuulaan beekuu baadhus, nama beekumsaa fi dandeettii guddaa qabu akka ta’en hubadha. Kanaafuu akka ilma Oromoo tokkootti kabaja fi ulfina guddaan qabaaf. Dandeettii barreessuu isaallee nan dinqisiifadha. Yeroo tokko nan yaadadha, yeroo anis barreessuu jalqabu, yaada jajjabeessaa naaf barreessinaan, “…Obboo Fayyis, nama akka keetii kanarraa yaada hamilee namaa jajjabeessu argachuun kiyya baay’ee na gammachiisa. Ati nama fakkeenya gaarii namaaf taatu dha..” jedhee yaada isaarratti akka deebiitti yaada (comment) koo barreesseen ture. Ammas taanan dandeettii isaa gaafii keessa galchuu kiyyaa miti. Obboo Fayyis nama (Barreessaa) dandeettii qabu dha.

 

Haa ta’u malee, barreeffamni isaa, kanan armaan olitti kaase kun komii na keessatti uume. Dhugaa dubbachuudhaaf, qabiyyeen barreeffama isaa kunillee kan qabsoo keenya jabeessu fi tokkummaa ilmaan Oromoo cimsu natti hin fakkaatu. Obboo Fayyis, nama waan tokkummaa Ormoo jabeessu barreessaa turee dha. Akkamitti barreeffama isaa kana keessatti dubbii nama mormisiisu akka barreesse naaf hin galu. Asirratti, wantin dubbistoota barruu kiyyaa hubachiisuu barbaadu, anillee silaa yeroo ammaa, yeroo diinni fi alagaan akkasumas tajaajiltuun isaanii gamaa gamanaa qabsoo fi Oromummaa keenyarratti duulaa jiran kana, Sabboontota Oromoo qeequurratti hin xiyyeeffadhun ture. Haa ta’u malee, qabiyyeen barreeffama Obboo Fayyis akkan callisee dhiisu na hin goone. Obboo Fayyis irraa waa baay’een eega. Kanan barreeffama isaa keessatti dubbise garuu faallaa ta’een arge. Kanaaf jedheetan barruu kana dhiyeessuu barbaade malee otuu rakkoolee biroo qabnuu, isaan kana dhiisee Sabboontota keenyarratti olola oofuuf kaayyoo godhadheetii miti. Ani fedhii fi hawwiin kiyya mooraan keenya tasgabbii fi nagaa argatee akka humni Oromoo cimu malee, namoota qeequuf kaayyoo qabaadheetii miti.

 

Gara ijoo dubbiitti deebi’uudhaaf, maalirraa ka’ee akkan barruu kana dhiyeessu kan na taasisan qabxiilee tokko tokko barreeffama Obboo Fayyis keessaa fudheen yaada koo ibsuu yaala. Obboo Fayyis, jalqaba barruu isaarratti akkana jedha “…We sometimes denounce such fellow Oromo as being collaborators, betrayers of our objective and even paint them as criminals, who did atrocities against the Oromo nation…”  Akkuma feene fi karaadhuma feeneenuu haa ilaallu fi hubatnu, akka matayyaatti kennaa ykn dandeettii namootaa dinqisiifachuun waanuma jiruu dha. Haa ta’u malee, hammuma fedhe kennaa ykn dandeettii addaa qabaatus, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti namni fedhii uummata ykn saba Oromoo faallessee, diinaaf tajaajila kennu gantummaa fi galtummaarraa qulqullaayuu hin danda’u. Amannus amanuu baatnus, jaalannus jibbinus, fudhannus dhiisnus, kun dhugaa lafa jiruu dha. Namootni akkanaa kun, hanga kaayyoo QBO faallessanitti; hanga mooraa diinaa cimsuuf hojjetanitti; hanga qabsoo keenyatti gufuu ta’anitti, kennaa fi dandeettii fedhe qabaatanis isaan kun farra QBO ti yoon jedhe dubbii oo’isuu natti hin fakkaatu. Maaliif yoo jedhame, gabaabumatti meeshaa diinaa waan ta’aniifi.

 

Asirratti gara qabxii biraatti otuu hin cehin dura, mee fakkeenya Obboo Fayyis kaase waayee taphattoota kubbaa miilaa kan biyya Jarmanii inni jedhu (Klose and Podolski) haa ilaallu. Akka ilaalcha kiyyaatitti, kun waayee saba Oromoo fi qabsoo isaa wajjin hin deemu. Poolaand fi Jarmaniin biyyoota walaba ta’anii dha. Erga uummatni isaanii bilisummaa qabaatanii fi biyyi isaanii walaba ta’anitti, lammiileen isaanii, kan kennaa ykn dandeettii (talent) qaban, bu’aa maallaqaatiif ykn diinagdeedhaaf jedhanii akka dhuunfaatti bakkee fedhanitti yoo taphatan, kun waan fedhii saba ykn uummatoota isaanii faallessuu miti. Otuu yeroo Naaziin Jarmanii Poolaand qabatan (yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa) sana ta’ee; lammiileen Poolaand Naaziidhaaf gargaarsa godhanii turanii, inni kunis akkuma gantummaatti ilaalama ture. Maaliif yoo jedhame, yeroo sana fedhii uummata Poolaand waan faallessaniifi. Har’a garuu erga Poolaand walabummaa ishii qabaatetti, lammiileen ishii bu’aa dhuunfaatiif jedhanii biyya Jarmanii keessatti kennaa ykn dandeettii isaanii yoo gurguran kun yakka hin ta’u. Mee haa jennuu, erga Oromiyaan walaboomte booda, lammiileen Oromoo kan kennaa addaa qaban, fedhii dhuunfaatiif jedhanii biyya Amaaraa dhaqanii yoo waa godhan kun fedhii uummata Oromoo faallessuu natti hin fakkaatu.

 

Qabxiin biraa, akka ilaalcha kiyyaatti, kan tokkummaa ilmaan Oromoo gaaga’ama keessa galchuu malu, yaada Obboo Fayyis akkana jedhee barreesse dha: “…I think the politics of the empire in the last 300 years, till the Woyane took power in 1991, was seemingly under the domination of some Oromo, including the Amharinya-speaking Oromo. The main crime or mistake these Oromo elites did seem to be their action of promoting and using Amharinya as a national language, neglecting or even oppressing Afan Oromo…” Itti fufuudhaan Obboo Fayyis akkana jedha: “…It is historically recorded that very few soldiers from Tigrai or Semien came to invade Oromia, but mainly the “gallant” Oromo (both Amharinya-speakers and Afan Oromo-speakers) being led by Minilik II and Gobana Daacee did the invasion…” Kun waan baay’ee nama dinquu dha. Mee gaafii gabaabaa tokkon Obboo Fayyisiif dhiyeessa: Waa nafxanyoota Oromiyaa keessatti horani wal horsiisan; kan waggoota dhibba tokkoo fi soddomaa ol Oromiyaa gabroonfataa turani fi jiran Oromoota Shawaa ti jechuu dhaa? Kan caalaatti ajaa’iba namatti ta’u ammoo kan duri haa hafuu; kanuma yeroo Wayyaanee kana yoo fudhanne, kan baay’inaan Oromiyaa keessa jiran loltoota Tigroota ta’an otuu hin taane Oromoota Shawaa kan Wayyaanee tajaajilanii dha jechuu isaa tii?

 

Obboo Fayyis, loltoota Tigree kan har’a Oromiyaa keessatti akka galaanaa uummata keenyarratti dhangala’aa jiran fi nu weeraranii biyya keenya qabatanii jiran kana lakkoofsi isaanii baay’ee xiqqaa dha jedhinaa laata? Lakkoofsi loltoota Tigree xiqqaa yoo ta’e, kan hafan loltoota Oromoo Shawaa ti jechuu isaatii? Kaayyoon barreeffama kanaa seenaa fi dhugaa jiru nutti himuuf moo Oromoota jidduutti wal shakkii fi wal balaaleffachuu uumuufi? Karaa biraatiin, siyaasaan impaayarittii kan waggoota 300 keessatti, hanga bara 1991tti, gaggeeffamaa ture harka caalummaa Oromoo tiini jechuun isaa, kan Dr. Fiqiree Tolasaa jedhuun waan wal fakkaatu dha. Oromoon sirumaa hin gabroonfamne jechuu maaltu nama dhoowwa (dhoorka) ree? Bara 1991 booda garuu harka caalummaa Wayyaaneetiin akka ta’e  nuuf ibsa. Kun lakkoofsi Tigree xiqqaa dha kan jedhu sana hin faallessuu? Moo lakkoofsi isaanii xiqqaa dhaa, garuu siyaasaa keessatti harka olaanaa qabu jechuu isaa ti? Obboo Fayyis waan biraa nu barsiisaa ykn nutti himaa turee; amma garuu akkuma Habashootni nuun jechaa jiran, warri bebbeekamoon (kan kennaa addaa qaban) kan impaayara tana keessatti hogganummaa olaanaa qabaachaa turan Oromoota waan ta’aniif yookaanis dhiiga Oromoo waan of keessaa qabaniif, lakkii Oromoon hin gabroonfatamne nuun jechuufi?

 

Akkuman armaan olitti, jalqaba barreeffama kiyyaa kana keessatti ibse, Obboo Fayyis nama kennaa (talent) qabuu dha jedheen amana. Haa ta’u malee, akka barreeffamni isaa kun mul’isutti, garuu innumtuu kennaa isaa kanatti fayyadamee; siyaasaa faallaa fedhii Oromoo ta’e keessatti dhaamsa biraa nuuf dabarsuu waan barbaade fakkaata. Tarii kanaaf jedhee, dursee Oromootni kennaa qaban, kan kilabiilee siyaasaa Habashaa (Habesha Political Clubs) keessatti dalagaa jiran, balaaleffatamuu hin qaban jechuuf ta’inaa laata?? Barreeffama Obboo Fayyis kana keessatti qabxiileen baay’ee mormisiisaa ta’an heduutu jiru. Haa ta’u malee, hunduma isaaniituu tokko tokkoon asitti dhiyeessee yaada koo irratti barreessuu irra; kan hafan dubbistootaaf dhiisuudhaan; xumura barreeffama kiyyaarratti, gaafiin ani Obboo Fayyis fi namoota akka isaatiif dhiyeessuu barbaadu: Kennaan, dandeettii fi beekumsi Oromoo, kan fedhii saba Oromootiif hin taane ykn hin oolle, hiikkaan isaa maali? kan jedhu ta’a. Ani dura Oromoo dha!! Oromummaatu dursa!!!!!!!!!!

 

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

 

 

 

 

 

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …