Oduu Haaraya

Kuma 10 Qofa Hiine Jechaa Turanii  Kuma 30 Gadi Dhiifneen Maal Jechuudha???!!!

Baarentuu Gadaa Irraa//

gessogeda@gmail.com

Wayyaaneen ilmaan Oromoo  nagahaa manneen barnootaa, bakka hojii fi
iddoolee gara garaatii dharaan yakkitee  hidhaa, dararaa fi ajjeesaa
turuu fi  jiraachuun ni beekama.  Ilmaan Oromoo  daandii, mana
isaanitii  fi bakka hojiitii  Agaa’aazii fi hidhattoota sirnichaatin
butamanii hidhaman kunneen akka kuma dhibbootan lakkaawwamanis
gabaafamaa ture. Gabaafamaas jira. Kanneen ajjeefamanii fi bakka
buuteen isaanii dhabames akkasuma manni yoo lakkaawee fixe malee hanga
hin qaban. Ilmaan Oromoo yakka tokko malee karaa,manaa fi bakka
hojiitii akkaanfamanii guuramaa turanii fi jiran kunneen ammoo akka
seerri sirnichaa fakkeessiif bahe sun jedhuttilleen  seeratti hin
dhihaanne. Hundi isaanituu mooraa leenjii waraanaatti guuraman.
Mooraalee leenjii waraanaa Xolaayi, Sanqallee, Huursoo fi  kKF
keessatti dararamaa turan,jiranis.
Dhugaan  waggoota 25n darbaniif  keessumaa waggaa 2n darbanii as
Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti muldhachaa jiru kan biraa,kan
Wayyaaneen hololaa jirtu ammoo kan biraati. Akkuma  Ra’een gamana
forguggeen gamas jedhamu san kan ummattoonni biyyattii  keessumaa
ummanni Oromoo itti jiruu fi  Wayyaaneen  hololtu wal –faallaa dha.
Dhugaan lafarra jiru kan biraa yoo ta’u  kan wayyaaneen  odeessitu
ammoo  karaa dhugaa kana haguuga jettee yaaddeen oduu biraati.
Ummanni Oromoo qabsoo walirraa hin citin, FXG irra jiraachuun ifaadha.
Wayyaaneen garuu kana dhoksuuf sobaa, holola fakkeessii hololaa
oolti, dhugaa dhoksitee akka waan nagaa fi tasgabbiin jiruutti
odeeffachuuf yaalti. Dhugaan garuu dhokachuu hin dandeenye.
Har’a haalli  Impaayeera  Itiyoophiyaa keessa jiru kan duriin adda.
Keessumaa erga qabsoon ummata Oromoo FXG finiinee itti fufee asii
haalli biyya kana keessa jiru, sadarkaan Wayyaaneen itti jirtu
hundeerraa jijjiramaa jira.  Waggoonni 2n darban ammoo  kan addaati.
Barroonni 2n as aanan baroota qabsoon Oromoo impaayeera Itiyoophiyaa
bira darbee gutummaa addunyaatti ifee muldhatee dha. Bara dhugaan
Oromoo eenyufuu ifa  itti ta’ee dha.  Gaafiin Oromoo gaafii  haqaa,
gaafii sirrii fi gaafii deebii atattamaa argachuu qabu ta’uunis  bara
caalaatti itti mirkanaayee dha.  walumaa galatti waggoonni lamaan as
qabsoon Oromoo, FXG bara Faashistummaa Wayyaanee addunyaaf  itti
saaxilee dha. Wayyaaneen  hara’a qabsoo Oromootin dhiphattee, baaragaa
jirti.
Ummanni Oromoo kan qabsaawaa jiruuf   mirga saba biraa dhiibuuf, haqa
namaa, qabeenya  saba biraa, barbaadee ykn biyyaa fi daangaa saboota
biraa weeraruufii miti.  Mirga saba biraa dhiibuun aadaa isaas miti.
Oromoon  saba dhugaa, nagaa, bilisummaa  jaalatuu dha,  saba yoo
ollaan nagaa hin qabne mana ykn qayee kiyyas nagaan hin jiru jedhee
amanuu dha. Nagaafis iddoo olaanaa kennuudha.  Oromoon ummata mirga
namaaf iddoo ulfaataa qabuu dha. Kanarraa ka’uun Oromoon haqa isaa,
mirga abbaa biyyummaa isaaf falamachaa ture, falamachaas  jira malee
akka Wayyaaneen jettu ummata gooleessaa miti.  Dhugaa Oromoon
qabsaawuuf kanammoo saboonni olla isaa jiranis ta’ee biyyoonni olla
Impaayeera Itiyoophiyaa jiran martuu ni beeku.  Kanarraa ka’uun
wayyaaneen maaliyyuu hololtus, dhiibbaa fi dhiittaa kamuu gaggeesitus
qabsoon Oromoo roga kamiinuu qabsoo haqaa, qabsoo  mirga ofii ofiin
murteeffachuu waan ta’eef  xumurri isaa milkiidha. Fakkeenyummaan
isaas saboota cunqursaa sirna Wayyaanee jala jiran maraafuu akkuma
ta’aa jiru bilisummaan isaas bilisummaa saboota ollaa isaa jiranii
akka ta’u shakkiin hin jiru.
FXG ummanni Oromoo gaggeessaa turee fi jiru ummata Sidaamaaf,
Koonsoof, Amaaraa fi saboota biroofillee fakkeenya guddaa ta’eera.
Saboonni kun caalaatti akka Wayyaanee irratti  gaafii mirgaa, fincila
gaggeessan taasiseera, onnachiisee jira. Kana birattis  qabsoon
hidhannoo  ummanni Oromoo dhugaa isaa deeffachuuf  karaa dhaaba isaa
ABOn finiinsaa jiru  akkasuma  qabsoo haqaa ta’uu kan hubatan
dhaaboleen  bilisummaa saboota akka Sidaamaa, Ogaadeen, Beeniishaangul
Gumz,  fi Gaambeellaaf qabsaawan  kunoo tumsa qabsoo  ABO waliin
ijaarratanii qabsoo hidhannoo finiinsaa jiru. kun injifannoo dha.
Oromoon kalees har’as qabsoo bilisummaarra jira, qabsoon isaa ammoo
akkuma  muldhachaa jiru firii naqachaa, daran finiinaa diina raasaa
jira. Amma bilisa bahuttis qabsoo roga maraa gaggeessurraa dubatti
waan jedhuu miti. Humni duubatti isa deebisuus hin jiru. hololli ,
hidhaa, ajjeechaan Wayyaanees kana hin dhaabu.
Wayyaaneen  namoota nagahaa kumoota hedduun lakkaawwaman  kan
karaarraa hartee  mooraa leenjii waraana ishiitti  naqxee hiitee
dararaa turte tibba kana   leenjisee  heebbisiisee jiraa jettee  karaa
TV fi Raadiyoo ishii hololaa turte.  Baayyee  nama raja!  Calqaba
jarri kun maal leenji’an waraana ta’an moo maali..? kan mooraa leenjii
waraanaatti leenji’u waraana waan ta’eef.  Inni biraan gaafiin ijoon
Wayyaaneen asiin dura hidhe jettee kan himaa turte nama kuma 11 hin
caalu. Ammammoo kan leenjisee gadi dhiise jettee karaa TV  ishii nutti
argisiisaa jirtu  yoo xiqqaate marsaa 3n yoo namni kuma 30 ol ta’u
tiishartii ykn qomee  ayyidagamiim jedhu uffatee  gadi dhiifamuu dha.
Gaafii asirratti ka’uu qabukaa  namni kumni 11 qofatu  hidhame
jedhamee sobamaa bahee, kumni  35 ol  eessaa dhufeet hiikame kan
jedhuudha?  Essaa dhufe namni kumni 20 ol  gaafa gadi dhiisii itti
dabalame?  Isa kanaaf  Wayyaaneen deebii hin kenniine.  Kennuus hin
barbaaddu.? Nus irraa hin eegnu  maaliif jennaan wayyaaneen sobduudha.
Deebiin isaa dhugaan jiru Wayyaaneen   namoota kuma 11tti hiiqanan
qabee hidhe jettee  haa haaltu ykn haa kijibdu malee  durumaa akkuma
miidiyaaleen adda addaa fi dhaabonni mirgoota namoomaaf falaman himaa
turan kan Wayyaaneen ajjeefaman kumootaan lakkaawwamu. Kan karaa fi
bakka hojiitii yakka malee haramanii kaampii waraanaatti dararamaa
jiran  kuma dhibbaa oli. Isaan keessaa kan murtaaye gadi dhiisaa
jirti. Ammalleen kan hin hiikamin ilmaan Oromoo  kumoota hedduun
lakkaawwamu. Dhugaa kan kanneen ijaan argan ragaa bahaa jiru.
Kanarraa ka’uun  kan Wayyaaneen  barsiisee Ayyidaggamiim jedhan jettee
argisiistu hololaafi. Kan hundaawuu hiikee jira jettee humnaan
tiishartii ykn qomee itti uuwwuftee nutti  argisiisaa jirtus dubbii
dharaati.  hololii fi sobni akkanaa ammoo  murni tun  ammam akka murna
sobaan guutamte muldhisuu malee hiikoo biraa hin qabu. Maaliif jennaan
ummanni Oromoos ta’e saboonni biroon sichi qasbootti jiru malee akka
Wayyaaneen odeesitu kanatti Ayyidaggamiim ykn  itti hin deebinuurra
hin jiran. Warri tiishartiin sobaa kun humnaan  itti uwwufamees kanuma
dhugoomsaa jiru.
Gaafiin ummanni Oromoos ta’e saboonni biroon gaafachaa turanii fi
jiran maaltu furame?, Wayyaaneen  maal gaafatmeet maal deebii
kenniteet? Namni mirga isaaf qabsaawu Ayydaggamim jedha? Kan ummanni
Oromoo gaafatee fi gaafataa jiru  hiree ofii ofiin murteeffachuu dha,
deebiin Wayyaanee ammoo dhukaasanii ajjeesuu, hidhanii dararuu fi
saamuuu ture, ammas isumatu itti fufaa jira.  Haala kana keessaatti
maaltu galama gaheet ummanni mirga isaaf qabsaawu   ayyidggamiim ykn
itti hideebinu jedha?  Kun oduu fakkaatuu miti.  Hin jennees hin
jedhus. Wayyaaneen of sobaa jirti.
Oromoos ta’ee saboonni biroo saamamaa, ajjeefamaa, hidhamaa fi
dararamaa akksumas biyyaa godaansifamaa  itti hin deebinu, fincila
dhiifne gabrummaa tole jennee fudhanne hin jedhan, jedhaniis hin
beekan,  Amma gabroonfataan akka Wayyaanee jiruttis qabsoon itti fufa.
Kan ta’aa jiruu fi muldhachaa jirus kanuma.  Kanaafuu hololli
Wayyaanee holola fudhatamaa hin qabneedha. Holola fakkeessiti. Dhugaa
kana hubachuudhaan  iddoo jirutti qabsoo keenya ,FXG  haa jabeessinu.
Diinarraa Of ittisuun, saba ofii ittisuun kennaa uumamaati! dirqama
lammuumaatisi.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …