Wayyaaneen ilmaan Oromoo nagahaa manneen barnootaa, bakka hojii fi
iddoolee gara garaatii dharaan yakkitee hidhaa, dararaa fi ajjeesaa
turuu fi jiraachuun ni beekama. Ilmaan Oromoo daandii, mana
isaanitii fi bakka hojiitii Agaa’aazii fi hidhattoota sirnichaatin
butamanii hidhaman kunneen akka kuma dhibbootan lakkaawwamanis
gabaafamaa ture. Gabaafamaas jira. Kanneen ajjeefamanii fi bakka
buuteen isaanii dhabames akkasuma manni yoo lakkaawee fixe malee hanga
hin qaban. Ilmaan Oromoo yakka tokko malee karaa,manaa fi bakka
hojiitii akkaanfamanii guuramaa turanii fi jiran kunneen ammoo akka
seerri sirnichaa fakkeessiif bahe sun jedhuttilleen seeratti hin
dhihaanne. Hundi isaanituu mooraa leenjii waraanaatti guuraman.
Mooraalee leenjii waraanaa Xolaayi, Sanqallee, Huursoo fi kKF
keessatti dararamaa turan,jiranis.
Dhugaan waggoota 25n darbaniif keessumaa waggaa 2n darbanii as
Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti muldhachaa jiru kan biraa,kan
Wayyaaneen hololaa jirtu ammoo kan biraati. Akkuma Ra’een gamana
forguggeen gamas jedhamu san kan ummattoonni biyyattii keessumaa
ummanni Oromoo itti jiruu fi Wayyaaneen hololtu wal –faallaa dha.
Dhugaan lafarra jiru kan biraa yoo ta’u kan wayyaaneen odeessitu
ammoo karaa dhugaa kana haguuga jettee yaaddeen oduu biraati.
Ummanni Oromoo qabsoo walirraa hin citin, FXG irra jiraachuun ifaadha.
Wayyaaneen garuu kana dhoksuuf sobaa, holola fakkeessii hololaa
oolti, dhugaa dhoksitee akka waan nagaa fi tasgabbiin jiruutti
odeeffachuuf yaalti. Dhugaan garuu dhokachuu hin dandeenye.
Har’a haalli Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiru kan duriin adda.
Keessumaa erga qabsoon ummata Oromoo FXG finiinee itti fufee asii
haalli biyya kana keessa jiru, sadarkaan Wayyaaneen itti jirtu
hundeerraa jijjiramaa jira. Waggoonni 2n darban ammoo kan addaati.
Barroonni 2n as aanan baroota qabsoon Oromoo impaayeera Itiyoophiyaa
bira darbee gutummaa addunyaatti ifee muldhatee dha. Bara dhugaan
Oromoo eenyufuu ifa itti ta’ee dha. Gaafiin Oromoo gaafii haqaa,
gaafii sirrii fi gaafii deebii atattamaa argachuu qabu ta’uunis bara
caalaatti itti mirkanaayee dha. walumaa galatti waggoonni lamaan as
qabsoon Oromoo, FXG bara Faashistummaa Wayyaanee addunyaaf itti
saaxilee dha. Wayyaaneen hara’a qabsoo Oromootin dhiphattee, baaragaa
jirti.
Ummanni Oromoo kan qabsaawaa jiruuf mirga saba biraa dhiibuuf, haqa
namaa, qabeenya saba biraa, barbaadee ykn biyyaa fi daangaa saboota
biraa weeraruufii miti. Mirga saba biraa dhiibuun aadaa isaas miti.
Oromoon saba dhugaa, nagaa, bilisummaa jaalatuu dha, saba yoo
ollaan nagaa hin qabne mana ykn qayee kiyyas nagaan hin jiru jedhee
amanuu dha. Nagaafis iddoo olaanaa kennuudha. Oromoon ummata mirga
namaaf iddoo ulfaataa qabuu dha. Kanarraa ka’uun Oromoon haqa isaa,
mirga abbaa biyyummaa isaaf falamachaa ture, falamachaas jira malee
akka Wayyaaneen jettu ummata gooleessaa miti. Dhugaa Oromoon
qabsaawuuf kanammoo saboonni olla isaa jiranis ta’ee biyyoonni olla
Impaayeera Itiyoophiyaa jiran martuu ni beeku. Kanarraa ka’uun
wayyaaneen maaliyyuu hololtus, dhiibbaa fi dhiittaa kamuu gaggeesitus
qabsoon Oromoo roga kamiinuu qabsoo haqaa, qabsoo mirga ofii ofiin
murteeffachuu waan ta’eef xumurri isaa milkiidha. Fakkeenyummaan
isaas saboota cunqursaa sirna Wayyaanee jala jiran maraafuu akkuma
ta’aa jiru bilisummaan isaas bilisummaa saboota ollaa isaa jiranii
akka ta’u shakkiin hin jiru.
FXG ummanni Oromoo gaggeessaa turee fi jiru ummata Sidaamaaf,
Koonsoof, Amaaraa fi saboota biroofillee fakkeenya guddaa ta’eera.
Saboonni kun caalaatti akka Wayyaanee irratti gaafii mirgaa, fincila
gaggeessan taasiseera, onnachiisee jira. Kana birattis qabsoon
hidhannoo ummanni Oromoo dhugaa isaa deeffachuuf karaa dhaaba isaa
ABOn finiinsaa jiru akkasuma qabsoo haqaa ta’uu kan hubatan
dhaaboleen bilisummaa saboota akka Sidaamaa, Ogaadeen, Beeniishaangul
Gumz, fi Gaambeellaaf qabsaawan kunoo tumsa qabsoo ABO waliin
ijaarratanii qabsoo hidhannoo finiinsaa jiru. kun injifannoo dha.
Oromoon kalees har’as qabsoo bilisummaarra jira, qabsoon isaa ammoo
akkuma muldhachaa jiru firii naqachaa, daran finiinaa diina raasaa
jira. Amma bilisa bahuttis qabsoo roga maraa gaggeessurraa dubatti
waan jedhuu miti. Humni duubatti isa deebisuus hin jiru. hololli ,
hidhaa, ajjeechaan Wayyaanees kana hin dhaabu.
Wayyaaneen namoota nagahaa kumoota hedduun lakkaawwaman kan
karaarraa hartee mooraa leenjii waraana ishiitti naqxee hiitee
dararaa turte tibba kana leenjisee heebbisiisee jiraa jettee karaa
TV fi Raadiyoo ishii hololaa turte. Baayyee nama raja! Calqaba
jarri kun maal leenji’an waraana ta’an moo maali..? kan mooraa leenjii
waraanaatti leenji’u waraana waan ta’eef. Inni biraan gaafiin ijoon
Wayyaaneen asiin dura hidhe jettee kan himaa turte nama kuma 11 hin
caalu. Ammammoo kan leenjisee gadi dhiise jettee karaa TV ishii nutti
argisiisaa jirtu yoo xiqqaate marsaa 3n yoo namni kuma 30 ol ta’u
tiishartii ykn qomee ayyidagamiim jedhu uffatee gadi dhiifamuu dha.
Gaafii asirratti ka’uu qabukaa namni kumni 11 qofatu hidhame
jedhamee sobamaa bahee, kumni 35 ol eessaa dhufeet hiikame kan
jedhuudha? Essaa dhufe namni kumni 20 ol gaafa gadi dhiisii itti
dabalame? Isa kanaaf Wayyaaneen deebii hin kenniine. Kennuus hin
barbaaddu.? Nus irraa hin eegnu maaliif jennaan wayyaaneen sobduudha.
Deebiin isaa dhugaan jiru Wayyaaneen namoota kuma 11tti hiiqanan
qabee hidhe jettee haa haaltu ykn haa kijibdu malee durumaa akkuma
miidiyaaleen adda addaa fi dhaabonni mirgoota namoomaaf falaman himaa
turan kan Wayyaaneen ajjeefaman kumootaan lakkaawwamu. Kan karaa fi
bakka hojiitii yakka malee haramanii kaampii waraanaatti dararamaa
jiran kuma dhibbaa oli. Isaan keessaa kan murtaaye gadi dhiisaa
jirti. Ammalleen kan hin hiikamin ilmaan Oromoo kumoota hedduun
lakkaawwamu. Dhugaa kan kanneen ijaan argan ragaa bahaa jiru.
Kanarraa ka’uun kan Wayyaaneen barsiisee Ayyidaggamiim jedhan jettee
argisiistu hololaafi. Kan hundaawuu hiikee jira jettee humnaan
tiishartii ykn qomee itti uuwwuftee nutti argisiisaa jirtus dubbii
dharaati. hololii fi sobni akkanaa ammoo murni tun ammam akka murna
sobaan guutamte muldhisuu malee hiikoo biraa hin qabu. Maaliif jennaan
ummanni Oromoos ta’e saboonni biroon sichi qasbootti jiru malee akka
Wayyaaneen odeesitu kanatti Ayyidaggamiim ykn itti hin deebinuurra
hin jiran. Warri tiishartiin sobaa kun humnaan itti uwwufamees kanuma
dhugoomsaa jiru.
Gaafiin ummanni Oromoos ta’e saboonni biroon gaafachaa turanii fi
jiran maaltu furame?, Wayyaaneen maal gaafatmeet maal deebii
kenniteet? Namni mirga isaaf qabsaawu Ayydaggamim jedha? Kan ummanni
Oromoo gaafatee fi gaafataa jiru hiree ofii ofiin murteeffachuu dha,
deebiin Wayyaanee ammoo dhukaasanii ajjeesuu, hidhanii dararuu fi
saamuuu ture, ammas isumatu itti fufaa jira. Haala kana keessaatti
maaltu galama gaheet ummanni mirga isaaf qabsaawu ayyidggamiim ykn
itti hideebinu jedha? Kun oduu fakkaatuu miti. Hin jennees hin
jedhus. Wayyaaneen of sobaa jirti.
Oromoos ta’ee saboonni biroo saamamaa, ajjeefamaa, hidhamaa fi
dararamaa akksumas biyyaa godaansifamaa itti hin deebinu, fincila
dhiifne gabrummaa tole jennee fudhanne hin jedhan, jedhaniis hin
beekan, Amma gabroonfataan akka Wayyaanee jiruttis qabsoon itti fufa.
Kan ta’aa jiruu fi muldhachaa jirus kanuma. Kanaafuu hololli
Wayyaanee holola fudhatamaa hin qabneedha. Holola fakkeessiti. Dhugaa
kana hubachuudhaan iddoo jirutti qabsoo keenya ,FXG haa jabeessinu.
Diinarraa Of ittisuun, saba ofii ittisuun kennaa uumamaati! dirqama
lammuumaatisi.
Check Also
OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA
Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …