Oduu Haaraya

Kutaa3ffaa: Siyaasa gantummaa fi gartummaa to`achuun tokkummaa moraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) dhugoomsa

 Zakaariyaas Mulataa fi Malkamuu Jaatee

Caamsaa 2013, Oromiyaa

 

2.3.    Siyaasaan gartummaa jireenya diinaa dheeressa

 

Sababii hojii QBO qindoominaan hogganuuf hin milkaawinif, bekaas ta`e hin beekamin fedhiin dinaa kallattii fi alkalattiin moraa QBO kessatti raawachifamaa fi raawatamaa jira. Sirna-dhabilummaadhaan siyaasa gartummaa ijaaruun walirratti duluun qabsoo ta`eera. Kessumaa bara 1992 booda hogganoti siyaasa QBO heera jaarmaa faallessuudhaan  gartuu  dhalchanitti  fayyadamuun  moraa  QBO  tasgabbii dhorkuu fi dina tumsuun ba´llachaa ademeera. Fakkenyaaf bara 2002 moraa QBO kessatti ABO fi QCABO giddutti dorgomiin siyaasa gartummaa geggefamee ture Waraana  Bilisummaa  Oromoo  (WBO)  kibba  Oromiyaa  walirratti  dulsisuudhaan lubbuu qabsaawotaa bilaasha taasiseera. Akkasumas bara 2008, gartummaan ABO fi QJABO giddutti dhalate, haaluma walifakkaatun dina tumseera. “Ethiopia has taken more than 100 armies of the OLF into custody after they surrendered and handed over a cache of arms and the group included Lucho Burbura who has been one of

the group’s top military commanders and its head of foreign relations16.” Siyaasa gartummaa irraa jequmsi dhalatu badii walifakkaatu qaqabsisuudhaan bara 1978

irraa egalee moraa QBO kessatti deddebiyeera. Farreen irratti duluun duddubatti

hafee; garuu wali irratti duluun aadaa hogganoota gartulee siyaasa QBO taasifame.

 

Qabenyaa fi angoon silaa dina waloo dadhabsisuf hojii irra oluu malan gara ittiin ofi irraati duulanii ofi (QBO) dadhabsisan fi dina tumsanitti geddarame. Gartummaan wali irratti duluu jaarmolee  siyaasa QBO kessaan  ergamtooti dinaa moraa QBO olisenuun golii dhalchuuf milkaawaniru.. “Dinni karaa dirree lolaa hin milkawiin hafe karaa siyaasa gartummaa ulaa saaqameef kessaan kallatti fi alkallattiin moraa QBO kessa  senuudhaan  hojii  QBO  dadhabsisuuf  carraa  guddaa  argateera13.”   Sirna

dhabilummaan siyaasa gartummaa hogganuun kun yeroo hedduu gurmuu qabsaawotaa gartuuleef addaan qoduudhaan wali takaalsiseera. Hojiin QBO deggersaa fi firooma quphsaa argachuuf hin milkofine, sababii siyaasa gartummaa warra akka ABIO/AWDO, IBSO (GBO), QCABO, QJABO, AWO (ADFBO) , fi kkf jalatti moraa QBO caccabsuudhan qabsaawota wali irratti dulsisuu kessaan afaan faajjiin ballifamaa adeemef. Akkasumas sochii dinni moraa QBO kessatti geggefatu bilchinaan to`atu hin dandenye, sababii siyaasi gantummaa fi gartummaa rakkoo kessaa  ta`uun  isaanii  jaarmoolee  biratti  hin  hubatamniif.  “Akkuma  Oromootni deebi’ee tokkoomuu ABOtti gumaachan mul’atan, warri (beekaas ta`ee hubannoota gahaa dhabuudhaan) laamsha’ee hafuu gurmuu qabsaa´otaa qofatti osoo hin taane

kan sabichaattille gumaachaa turan argamuu dha9.” Sochilee QBO hogganummaa tokkomeen (tumsomeen) geggesuu hanqachuu jaarmolee QBO kessaan deggersi

dinaaf kennamaa jiruu waan mullisu kessaa: “ummati Oromoo fi ummatooti Itophiyaa

bara dheraaf sirna gabirummaa kessatti akka hidhamaniif dinaaf carraa guddiseera.”

 

2.4.    Furmaata ta`uu malan

 

Rakkooleen adeemsa hojii QBO kessaa dhalataa fi guddataa adeemuun ifaadha. Furmaatis ni jira ture; garuu jaarmooleen siyaasa hogganuuf ofi gurmeessan rakkoolee isaan qunname kana sirnaan furatuuf fedha, mullata, fi qophii arifachiisaa

 

dhabuun isaanii ni yaaddessa. Moraa QBO garaa-gar cacabsuudhaan jaarmoolee gartomee fi waligaarrefatuun hojjii QBO geggessanii ummata bilisomee fi biyya walabomee  argamsisuun  amansisaa  miti:  sababii  jaarmoolee  qindoomina  hin qabaatin jalatti gurmaawun QBO geggesuu qofaadhaan angoo gutummaan dina injifatu argachuun hin mijoofineef. Kanaafuu jaarmooleen QBO akka ABO, ABIO/AWDO, ATBUO/ABUO, IBSO, fi GBO hojii QBO qindoominaan geggessuf bara 2000  waligalteedhaan  jaarmaa  Tokkummaa  Humnoota  Bilisummaa  Oromoo (THBO)  hundeessan.  Jaarmoleen  QBO  angoo  caccabaa  fi  facawaan  wali  irratti duluun hafee; qabenyaa horatan walitti fiduun gama walitumsanii qindoominaan qabsaawanitti tarkaanfachuun firootaa fi ummata Oromoo gammachisee ture. “Garuu ijaaramuun THBO akkuma akeekameetti furmaata hawwamee fiduuf hin milkoofine,

sababii qajeelfama ifaa ta`ee saganteesun dagatameef 13.” Qindoomina hawwame gara hojiitti osoo hin jijjirin THBO ijaarama waggota jaha (6) booda Adoolessa bara

2006  diigame.  The  United  Liberation  Forces  of  Oromiyaa  (ULFO/THBO)  has

announced the suspension of the OLF from the umbrella organisation for the OLF

has joined the Alliance for Freedom and Democracy (AFD)2.”

 

Siyasaa gartummaa qajeelchuuf furmaatoti ta`uu malan gosoota shan. Isaanis: (1) jaarmooleen siyaasa QBO hundi walitti baquudhaan jaarmaa THBO tokkomsuu; (2) miseensoti fi deggertooti  QBO siyaasa gartummaa lagachuudhaan jaarmaa ABOtti makamuu; (3) sirna gadaa foyyawee ijaaramu jalatti  jaarmoolee QBO ramaduun hogganummaa dabareen sochilee QBO qindeessu; (4) jaarmooleen gara gartuleetti gadi cacaban marti dogongora darbe irraa baratuun waligalteen Tumsa Bilisummaa Oromoo (TBO) ijaarudhaan hogganummaa qindaaween hojii QBO fula-dura furgaasuu; (5) yookin jaarmolee iddoo kudha lamatti (12) cacaban kessaa tokkichi jabaan tarsimoo fi toftaa qaroomee baafachuudhaan angoo argatuun bilisummaa Oromoo dhugomsuuf milkaawuudha. Siyaasa gartummaa qajeelchuudhaan moraa QBO tokkomsuuf sochii haaraan walakkessa bara 2008 booda jalqabeera. Gartulee ABO irraa cabsatan gara ABOtti deebisun moraa QBO tokkomsuun yaalamaa jira. The OLF announces that after a series of talks under the mediation of its founders have agreed to unify the organization by signing a major agreement on September

27, 201021.” Gartuulee siyaasa QBO walitti araarsuuf sochiin egalamee kun jarmaa THBO/ULFO biratti deggersa argateera. The ULFO would like to congratulate the OLF for its courageous move to successfully complete the steps necessary to resolve its internal differences: and it sees this move as a step in the right direction of future journey  to  unify  all  Oromo  forces  so  we  can  all  stand  against  the  enemy  in

unison20.”Dina  injifatuuf  waltumsuun  QBO  fininsuun  hojii  murtessaa  ta`uun  waan

hubatamuu egale ni fakkaata akka ibsoota ABO fi THBO/ULFO irraa dubbifamutti.

 

Jaarmoleen QBO hundi yookin ammi walihubatan marti hogganummaa tokkomeen QBO  sochosuuf  waan  qophaawuu  egalan  ni  fakkaata.  Fakkenyaaf  marii  yeroo dheeraaf hogganoota ABO fi QC-ABO giddutti adeemaa ture xumuruuf jilli gama lachuu walgahii araaraa gaggeeffachuun, adda bahiinsa bara 2001 hanga har’aatti turan   irratti   bal’inaatti   haasa’uun   jaarmolee    ABO   tokkoomsuuf   murteesan (www.oromoliberationfront.org/News/2012/Ibsa_Walhubannoo_fi_Araara_Qaama_C ehumsaa_ABO_fi_Shanee_Gumii_ABO.pdf).  Akkasumas jarmaa Kongiresii Ummata Oromoo fi jarmaa Warraaqsa Fediralistii fi Demookirasii Oromoo walitti dabalamuun gaaddisa  Kongiresa  Fediraalistii  Oromoo  (KFO)  jalatti  siyaasa  QBO  hogganuuf murteesun ejjannoo abdachiisaa dha. The Oromo People’s Congress (OPC) and the Oromo Federalist Democratic Movement (OFDM) have formed a coalition, Oromo Federalist  Congress  (OFC)  (www.oromopeoplescongress.org/news.php).  Sochilee

 

QBO fuldura furgaasuuf furmaati sardaan tumsa ijaaruudha, sababii facawanii qabsaawuu qofaan, dina tumsa alagaan ijaaramee fi angawee tikfamaa jiru, injifatuun salphaa hin taanef. Kanaafuu ABO tokkome, THBO walitti baquu jaarmolee irraa ijaarame, fi kkf mariyachuun jaarmaa TBO hundeesun siyaasa QBO qindoominaan hogganuuf ofi qophessuu qabuu. Hogganummaa tumsomeen sochiin QBO agobora TBO jalatti qindaawuu ergii egaleen booda, jaarmoolee tarsimoo qabsoo bilisummaa hordofan hawachuun Tumsa Bilisummaa fi Demokiraasi (TBD/AFD) haaressuu.

 

Dina injifatuudhaaf angoon dina caalanii argamuun dirqama. Tumsa ijaaruu kessaan angoolee siyasaa, qunnamti alagaa, humna namaa, dinagidee, fi waranaa walitti qindeesuudhaan qabsawanii dina waloo injifatuuf milkawuun adunyaa kana kessatti waanuma barameedha. Fakkenyaaf humnooti adda addaa angoole horatan walitti qindessun qabsoo sadarkaa adunyaatti hoggananiin impaayera Usumaan Turkii, ofi- tulummaa Hitler, hammenya Mosolonii, fi abbaa-irrummaa moraa komunstii injifatuuf milkaawaniru. Hogganoti baroota durii fi bara ammaa hikkaa tumsa siyasaa hubatan kun biyyota isaanii irra taruun adunyaa bulchuuf angoo horatan. Jaarmoolee amna qabsoo irra jiran mitii, motumooti biyyoota hogganuuf angoo ofi harkaa qaban angoolee  waranaa,  diplomaasii,  fi  dinagidee  guddifachuuf  waligalteen  Tumsa tarsimoo ijaarratu. Kanafuu sochilee QBO humneesuun dina injifatuuf takaallaa gartummaa furgaasuun TBO ijaaru fi TBD (AFD) haroomsuu kessaan hogganummaa qindaween warraaqasa bilisummaa to`achuu fi tiksuuf yeroon ofi qopheesuun dansa.

 

2.  Xumura

 

Yeroo hundaa adeemsa hojii kessaa rakkoolen (waldhibdeen) dhalatuun ni jiraata. Rakkooleen  dhalatan  mijuu  fi  fallaa  ta`uu  malu.  Rakkooleef  yeroon  furmaatoota arguuf milkomuun hundee qaroominaa fi guddinaa ti; garuu rakkooleen sirnaan hin furamin yoo turan fi sirna-malee yoo furaman gara faallaatti guddatun riqicha (dandii) farreen ittin moraa QBO kessa seenanii jequmsa omishan ta`uu malu.

 

Adeemsa QBO kessatti rakkooleen roga gantummaa fi roga gartummaan dhalatan waan ajaayibaa miti. Akkuma kan Oromiyaa bara dheraa, biyoota adda addaa sirna gabirummaa jalatti kufan kessatti, baroota dabiran, gantooti dinaan bitamuun gara jabinaan lammii kessaa dhalatan irratti yakkoota hiriyyaa hin qabnee raawataniru. Jallinni yakkamtotaa yoo hubannaan hin dangeefamneef QBO milkessuun hin salphatu. Adeemsa hojii yookin qabsoo bilisummaa kessatti hojjetooti (qabsaawoti) waldhiibanii gartummaan gosa adda addaa dhalatuu mala; garuu dorgomiin gartummaan geggefamu dina waloo kan angessu yoo ta`eef hojiin hojjetamuf yookin qabsoon geggefamuuf saganteefame ni midhama, hikkaas ni dhaba.

 

Hogganoti siyaasa bilisummaa Oromoo gartummaa jallisuun moraa QBO kessatti afaan faajjii babalisan irraa jequmsi dhalatee waan babalataa ademeef, hojiin QBO milkomina dhabuudhaan sirni gabirummaa tumsamaa jira. Jaarmooleen QBO hogganan, dogongora baroota darbanii muxannoon sirreefachaa fi waan kessa jiran sirnaan xinxalanii hubataa, fulduree QBO tottolchuuf ofiin ofi dammaqsu qabu. Silaa jaarmoolen QBO marti, hameenya gartummaan amantaa fi gosaa baatee adeemu, ummata hubachisu turee. Garuu jaarmoleen kun senaa gootowan Caamsaa 15 bara

1980 fi ummata irraa baratuun gara siyaasa safuu Oromummaa edateetti guddatuun tokkummaa qabsaawotaa tiksuuf murtesuu qabu; garuu maalif? sagantalee sochii QBO gara sadarkaalee xumuraa hafan sadanitti yeroon tatarkaanfachisuuf !

 

Ragaa:  https://bilisummaa.com/Barruu_rakkoolee_kessaan_hojii_QBO_danqan.pdf

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *