Abdii Boruutiin
Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) akka jaarmayaa bilisa baasaa tokkootti ijaaramee qabsoo bilisummaa Oromoo haa gaggeessu malee innumtuu uummata Oromoo ti;uummanni Oromoo illee ABO dha; isaan kun lamaan addaan hin ba’an. Har’a uummanni keenya maqaa jaarmayaa jaalatamaa kanaan kan hidhamu, dararamu, ajjeefamu, hidhaan bara dheeraa fi duuti kan irratti mutreeffamu miseensa jaarmayaa kanaa qofaa ta’anii otuu hin taane, uummanni keenya waan ABO jaalatuuf, deeggaruuf; diinni ammoo kana beekee hamilee uummata keenyaa cabsuufi. Karaa kanaan uummata jiilchee akka ABO hin deeggarre, akka maqaan isaa hin kaane, akka inni dhabamu yaalii haa godhu malee ABO balleessuu fi abdii uummanni Oromoo ABO irraa qabus dhabamsiisuu hin danda’u.
Dhugaa dha, ABOn bara 1991 jijjiirama guddaa hamma kana hin jedhamne uummata keenyaaf fidee fi seenaa boonsaa barreesse kun, erga hoggantoonni isaa bara 1992 dirqamaan biyyaa ba’anii kaasee laafaa deemuun isaa kanuma beekamu fi amanamuu dha. Laafina kanaaf ammoo sababa ta’uu kan danda’u cimina diina keenyaa qofaa miti. Sirumaa laafina ABOtu diina keenya cimse malee, diinni keenya cimee ABOn akka laafu waan taasise natti hin fakkaatu. Laafinni ABO maalirraa akka dhufe ibsuu dhaaf xinxaala bal’aa barbaachisa. Addaanfotoqinni ABO laafina isaatiif sababa isa guddaa tokko ta’u illee sababoonni gara garaa jiraachuu malu. Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) inni guddaan walumaagalatti bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabne deebifnee argachuuf ta’u illee, ilaalchi fi karaan qabsoon kun ittiin gaggeeffamu hoggantoota jidduutti adda adda ta’uu danda’a. Inni kunis laafina ABOtiif qooda tokko taphata jechuu dha.
Haala yeroo ammaa mooraa ABO keessa jiru wajjin walqabsiisanii namoonni tokko tokko yeroo dubbatan ykn barreessan ABOn kana booda jaarmayaa faayidaa hin qabne dha jedhu. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti waayeen kun sirrii miti. Of duuba gargallee yoo ilaalle fi seenaa isaas yoo hubanne, bara 1991 duras ABOn erga ijaaramee jalqabee rakkoolee hamtoota gara garaa keessa dabree injifannoo guddaa sana agarsiise. Dirree lolaatti illee waraana gara garaa jidduu seenee bitaa fi mirgaan akka irratti duulamaa ture kan seenaan muli’suu dha. Sana hundaa injifatee, laafina yeroo sana qabaate illee jabeenyatti jijjiiree bu’aa fi jijjiirama guddaa uummata keenyaaf fide. Kanaaf, har’as taanan rakkoolee jiraniif furmaata argatee, yoo deebi’ee tokko ta’e wanti akka hin jabaanne fi akka faayidaa hin qabne isa godhu waan jiru natti hin fakkaatu.
Karaa biraatiinis tokkoomuun ABO qofaa jaarmayaa kana jabeessuu fi QBO cimsuu hin danda’u warri jedhanis hin dhabamne. Waayeen kun karaa lamaan mul’ata. Inni tokko karaa olola diinaa yoo ta’u, araarri fi tokkummaan ABO kan yeroo ammaa yaalamaa jiru akka hin milkoofnne gufuu itti ta’uu fi hamilee uummata keenyaas cabsuufi. Karaa lammaffaan ammoo namootuma keenya Oromoota irraa yoo ta’u, kun garuu tokkummaa faallessuuf otuu hin taane, yaaddoo ofiif qaban irraa kan ka’e natti fakkaata. Tooftaa fi tarsiimoo cimaa tokkoon, kaayyoo tokkoof qabsoon kun bifa biraatiin yoo gaggeeffame malee ABOn deebi’ee tokko ta’eef qofaa jaarmayicha kana jabeessuu fi QBO cimsuun waan danda’amu hin fakkaatu jedhanii warra yaadanii dha.
Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, qabsoon kun tooftaa fi tarsiimoo cimaa tokkoon kan godhamu dura waliigaltee fi tokkummaan qabsaa’otaa yoo jiraate dha jedheen amana. Yoo waliigalteen jiraate, kaayyoo tokkorratti waliigalame; yoo kaayyoo walii tokko qabaatan, kaayyoo kanas galii dhaan ga’uuf tooftaa fi tarsiimoo gaariin tokko lafa kaa’ama; kanarratti ciminaan hojjetama. Yoo tokko ta’an, rakkoolee hundaafuu wajjumaan (walumaan) furmaata barbaadu. Kanaaf, tokkummaan barbaachisaa ta’a. Tokkummaa qabsaa’otaa hunda hammataa tokko ijaaruu dhaaf ammoo tokkoomuun ABO hundee dha; hundee kanarratti jaarmayaa bilisa baasaa TOKKO (ABO + ULFO) ijaarama jechuu dha. Akkanatti sadarkaa sadarkaa dhaan deemuu qaba. ABO irraa abdii murachuu hin qabnu; ABO tokkoomsuu fi jabeessuu dhaaf wanti danda’amu godhamuu qaba.
Addaanfotoqinni fi rakkooleen moraa ABO keessatti uumaman ABO laaffisuu fi dadhabsiisuu qofaa otuu hin taane, kana bira illee dabranii uummata Oromoo jidduutti summii facaasan. Summiin kun ammoo Oromummaa irratti dhukkuba fide; Oromummaa qancarse; qabsootti danqaraa ta’e. Summiin kun ammoo akka xuriitti dhiqamee baduu qaba. Hawaasni fi uummanni keenya kana irraa of qulqulleessuu qabu. Yoo kun hin badin, naannofnee rakkoo’uma duritti deebina jechuu dha. Summiin kun hoo maali inni? Summiin kun kutaa, naannoo fi amantii dhaan wal qoqqooduu, kan kanaan ka’e Oromummaa dagachuu, waan biraatiif dursa kennuu; wal tuffachuu, kabaja walii dhabuu, aadaa keenya faallessuu, olola walirratti oofuu, waliin mormuu, karaa walitti cufuu fi diinaaf ammoo qaawwa banuu fi karaa baasuu dha. Summii kanatu tokkummaa qabsaa’otaa qofaa otuu hin taane tokkummaa ilmaan Oromoo illee gaafii keessa galche.
Tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayootaa ijaaruu qofaa otuu hin taane dura summiin hawaasa keessatti faca’e kun badee, hawaasonni Oromoo qulqullaa’anii, tokkummaa ijoollee Oromootiif of qopheessuu qabu. Kanaa ala waayee tokkummaa haasa’uun faayidaa hin qabu. Gara tokkoon ijaaraa gara biraatiin diiguun bu’aa hin fidu. Kafana (wayyaa) illee haaraa yoo uffatan, dura qaama (nafa) ofii yoo qulqulleessan malee, kafanni haaraan kun dafee xuraayuu ykn foolii badaa qabaachuu danda’a. Har’as karaa tokkoon waayeen tokkummaa yaalamaa otuu jiruu, karaa biraatiin ammoo olola walirratti oofuun, yaalii tokkummaa faallessuun Oromoo dhaaf bu’aa hin fidu; kan kanarraa bu’aa argatu diina QBO qofaa dha.
Rakkooleen gara garaa qormaata itti ta’anii, jabeenya dur qabu laaffisaa deemani illee, ABOn akkuma dur har’as, burus, egeres abdii uummata Oromoo ti. Dhiiga ijoollee Oromootiin ijaarame, dhiiga ijoollee Oromootiin guddate, dhiiga isaaniitiin dagaaga. Dhaloota irraa dhalootatti dabra malee, hamma bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa argamutti dhabamuu hin danda’u. Uummanni Oromoo illee abdii irraa hin muratu. ABOn lafee, foon, dhiiga fi qaama Oromoo ti. Jaarmayaa dhugaa kan qabsoo hadhaawaan dhalchee malee, jaarmayaa artifishaalii kan diinaan ijaaramee miti. Kan diinaan ijaarame ykn ijaaramu diina tajaajiluuf malee uummata keenya bilisoomsuufii miti. Kan diinaan ijaarame ykn ijaaramu meeshaa diinaa ti; uummata keenyaaf dhaabbachuu hin danda’u, garaa ofiitiif yoo ta’e malee.