Oduu Haaraya

Guddinni Afaan Oromoo qaama qabsoo bilisummaa Oromooti

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Cimina qabsoo bilisummaa Oromootu (QBOtu) Afaan Oromoo guddisa moo guddina Afaan Oromootu QBO cimsa? Deebiin gaafii kanaa akka waayee fuula saantima (coin) tokkoo ti. Fuulli saantima tokkoos lama haa ta’u malee qaamni isaa tokko’uma. Afaan Oromoo fi QBOs akkuma waayee kanaa ti jechuu dha. Cimina QBOtu Afaan keenya cunqursa irratti godhamaa ture keessa isa baasee, kunoo har’a akka sadarkaa kanarra ga’u isa taasise. Bu’aalee QBOn fide keessaa inni tokko fi guddaan Afaan keenya qubee ittiin barreeffamu argatee, Afaan biroo wajjin addunyaa kanarratti mul’achuu dha. Kanaaf, ciminni QBO akka Afaan keenya guddisu ykn akka inni guddatu godhu mamiin hin jiru. Karaa biraatiin yoo ilaalle hoo, guddinni Afaan Oromoo QBO cimsaa?

 

Guddinni Afaan Oromoo akka meeshaa waraanaa ta’ee, diina injifatee, bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabne deebifnee argachuu dhaaf amma nu gargaaruu baatu illee, guddinni Afaan keenyaa eenyummaa keenya waan guddisu fi cimsuuf Oromummaan akka guddatu taasisa jedheen amana. Oromummaan yoo guddate ammoo cimina QBOf hundee akka ta’u waan nama mamsiisuu miti. Kanaaf, guddinni Afaan Oromoo QBO cimsa yoo jennes dogoggora waan ta’u natti hin fakkaatu. Diinni fi tajaajiltuun isaa illee waan dhugaa kana beekani fi hubataniif akka Afaan keenya hin guddanne godhu. Guddina Afaan keenyaatiif waa godhuun hafee, sadarkaa’uma amma inni irra jiru kanaanuu ol guddatee Afaan Federaalaa akka hin taane dubbachuun isaanii kan yaadatamuu dha.

 

Diinni fi jala kaattuun isaa guddina Afaan Oromoo haa jibban malee, karaa biraatiin Afaan keenyatti fayyadamanii, isa meeshaa godhatanii umrii bittaa gabrummaa nurratti dheereffachaa jiru. Dhugaa dubbachuu dhaaf, Afaan keenya har’a diina nurratti cimsaa jira. Warri Afaan kana dubbatan dhalootaan Oromoo of fakkeessanii uummata keenyarratti shira xaxaa jiru. Kan meeshaa diinaa ta’ee uummata Oromoo hidhaa, dararaa, ajjeesaa fi biyyarraa baqachiisaa jiran warra dhiiga fi fooniin alagaa ta’anii garuu Afaan Oromoo dubbachaa uummata keenya afaanfaajjesanii dha. Diinni tooftaa baafatee, gabrummaa uummata keenyaa dheeressuu dhaaf leenjiin Afaan Oromoo akka alagootaaf kennamu godhee nurratti duulchisaa jira. Yoo gaafiin guddina Afaan keenyaa ka’e garuu sababa gara garaa uumanii akka kun hin milkoofnne godhu.

 

Waaqa/rabbi galanni haa gahu, xinnaatus Afaan keenya guddisuu dhaaf yaaliin godhamaa jira. Kanaaf ammoo mariileen akkasumas gaafii fi deebiin namoota gara garaa waliin VOA sagantaa Afaan Oromoo fi Raadiyoonii Sagalee Oromiyaa irratti yeroo adda addaa godhamaa turan jajjabeessaa dha. Tattaaffiin akkanaa akka Afaan keenya hin dagatamne godhuu bira dabree Afaan Oromoo akka qulqullaa’u, guddatu fi dagaagu waan taasisuuf itti fufuu qaba. Warri barumsa, beekumsa fi dandeettii Afaanii qabanis ta’ee warri guddina Afaan keenyaaf yaadan waan danda’ame karaa danda’ameen gahee ykn qooda ofii gumaachuu qabu. Kun gaafii eenyummaa fi hundee Oromummaa ti. Kan QBOtti amanu guddina Afaan Oromoottis amanuu qaba.

 

Guddinni Afaan tokkoo humna (power) uummata tokkoo ti. Fakkeenyaaf, Habashoota keessumaayuu Amaarota yoo fudhanne, kan isaan halkanii fi guyyaa tokkummaa immiyyee Itoophiyaa isaaniitiif iyyan dhuguma tokkummaa impaayarittii qofaaf otuu hin taane olaantummaa Afaan Amaaraatiifi. Guddina Afaan kanaatu meeshaa gabrummaa ta’e; guddina isaatu kan biraarratti dhiibbaa godhaa ture; guddina isaatu sirna gabrummaaf hidda ta’e. Har’a Wayyaaneen illee Afaan kanatti fayyadamtee saboota cunqursaa kan jirtu waan Afaan kun guddateefi; kun ammoo mallattoo bittaa Habashootaa ti. Akkuma guddinni Afaan Oromoo qaama QBO ta’u, guddinni Afaan Amaaraa ammoo qaama gabrummaa Habashaa ta’e.

 

Waayee guddina Afaan Oromootti deebi’uu dhaaf, yeroo tokko mata duree“Guddina Afaan Oromoof maaltu godhame, maaltu godhamaa jira, maaltu godhamuu qaba?” jedhuun barruu tokko dhiyeesseen ture.https://bilisummaa.com/index.php?mod=article&cat=Afaan&article=1234 yknhttp://www.voiceoforomia.com/99847.html ilaali. Afaan Oromoo qulqulleessuu dhaaf, guddisuu fi bal’isuu dhaaf waltajjiin marii hunda hammataa (forum) tokko otuu godhamee, marii kana keessatti ammoo caasaan qorannoo Afaan keenyaatokko otuu dhaabbate, guddina Afaan keenyaaf bu’aa tokko fiduu danda’a jedhee yaada dhiyeesseen ture. Waayee akkanaa kana hojiirra oolchuun akka salphaa hin taane naaf gala. Haa ta’u malee, wanti danda’amu, karaa danda’amu hundaan yaaliin hoo godhame, bu’aa akka fidu waan nama mamsiisuu miti. Kunis qabsoo barbaachisa. Kanaaf, guddinni Afaan keenyaa qaama QBO ta’a jechuu dha.

 

Waayee’uma kana wajjin kan walfakkaatu, dhiyoo kana gaafii fi deebii tokko VOA sagantaa Afaan Oromoorratti dhaga’een ture. Akkan asirraa hubadhetti, dhuma bara kanaarratti, konfaransiin magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffamuuf akka jiru dha. Kun oduu gammachiisaa fi waayee jajjabeessaa dha. Afaan Oromoo waaltessuu fi akkaataa tokkoon akka barreeffamu (standardised way of writing) godhuun Afaan keenya akka guddatu taasisa. Biyyi keenya Oromiyaan biyya bal’aa waan ta’e fi uummanni keenyas baroota dheeraa (bar-dhibbee tokkoo ol) addaan hiramanii sirna gabroonfataa Habashaa keessa waan turaniif Afaan tokko haa dubbatan malee jechoonni tokko tokko kutaa dhaa kutaatti adda adda ta’uu danda’u; hiika gara garaa illee qabaachuu malu. Waanan kana jedheef mee fakkeenya tokkon dhiyeessa.

 

Nama tokkotu akkana naan jedhe: Abdii, uummanni Oromoo Afaan tokko dubbatu malee yeroo tokko tokko walii hin galanii bar naan jedhe. Maal jechuu keeti, namni Afaan tokko dubbatu akkamitti walii galuu dadhaba jedheen gaafadhe. Gaafii kee kanaaf deebii siif kennuu dhaaf fakkeenya tokkon sitti hima naan jedhe. “Oromoota lamatu, kan kutaalee Oromiyaa adda addaa keessaa dhufan, silkii dhaan wajjin haasa’an; inni tokko Oromiyaa lixaarraa yoo ta’u, maqaan isaa Guddisaa dha; inni biraa Oromiyaa jiddugaleessa irraa yoo ta’u maqaan isaa ammoo Dabalaa dha. Guddisaan Dabalatti waayee obboleessa isaa itti haasa’aa jira. Obboleessi isaa kunis dhukkubsachaa turee booddeerra du’aan addunyaa kanarraa boqote. Dabalaan waayee dhukkubsachuu obboleessa Guddisaa sana duraan ni beeka garuu akka inni du’e hin dhageenye, hin beekne. Kanaaf maalirra akka jiru Guddisaa gaafata. Yeroo kana Guddisaan obboleessi koo dadhabee jira jedhaan. Gaaf sana kanumaan addaan deeman.

 

Yeroo biraas akkasuma silkii walii bilbilu; Dabalaatu Guddisaa dhaaf bilbilee waayee obboleessa isaa gaafata. Yeroo kana, Guddisaan dinqamee, yeroo dabre bar akka inni dadhabe sitti himeen ture jedhaan. Akka inni dadhabe natti himtee turte garuu amma maalirra jira ree? Haalli isaa maal fakkaata? jedhaan, Dabalaan. Maal fakkaata jettee maal na gaafatta ree inni boqotee jedhaan. Dabalaan amma rifatee, maal naan jechaa jirtaa? dadhabe jette malee akka du’e yoom natti himte? jedhee baay’ee gadde. Egaa, Ilaali kan rakkoo kana fide fi waliigaltee isaan dhoowwe jecha dadhabe jedhu dha. Jechi kun Oromiyaa jiddugaleessa keessatti akka jecha “du’e” jedhuutti hin ilaalamu, hiika kanaas hin qabu” jedhee waayee kana fakkeenyaan natti odeesse. Ani illee fakkeenya kanaan baay’ee dinqamee, asirraayis ka’ee, Afaan keenya irratti hojjetamuu qaba yaada jedhu sammuu kiyya keessatti uume.

 

Egaa, kun fakkeenya dhibba keessaa tokko ta’uu danda’a. Waayeen kana fakkaatu fi kana caalaa illee rakkisaa ta’u jiraachuu mala. Kanaaf guddina Afaan keenyaa irratti hojjechuu fi tokkoomsuun barbaachisaa ta’a. Waan tokkoof jechoonni gara garaa jiraachuun akka rakkootti ilaalamuu hin qabu. Fakkeenyaaf, buuphaa, qillee, hanqaaquu yoo jedhame, kutaa dhaa kutaatti maqaa adda addaa qabaachuu mul’isa malee wanti sun tokko’uma. Rakkisaan garuu jecha barreeffamaan ykn dubbii dhaan tokko ta’ee, garuu hiika gara garaa kennuu dha. Rakkoo akkanaatiif furmaata ta’uu kan danda’u ammoo kutaalee fi naannolee Oromiyaa gara garaa keessaa namoonni walitti dhufanii, waliin mari’atanii; jechoonni hiika gara garaa qabanis akkasuma filamanii; xinxaalli irratti godhamee, kan jiddugaleessa (common) ta’an irratti waliigalamee, jechoota kanatti akka fayyadamamu fi Afaan keenyas akka waalteffamu godhuu dha jedheen yaada.

 

Afaan Oromoo Afaan ittiin dubbatamu malee Afaan ittin barreeffame otuu hin ta’in akka ture kanuma beekamu dha. Erga Afaan keenyaan barreeffamuu jalqabe ammoo kitaabonni Afaan Oromootiin qophaa’an lakkoofsi isaanii baay’ee xinnaa waan ta’aniif karaa barreeffama kitaabotaa kanarrattis hojjechuun guddina Afaan keenyaatiif barbaachisaa dha. Yaaliin akkanaa ammoo guddina Afaaniif qofaa otuu hin taane, guddina hogbarruu Afaan Oromoo (development of Oromo literature) keessatti illee gahee ykn qooda guddaa taphata. Dhiyoo kana, akka marsaalee (websites) Oromoo tokko tokko irratti maxxanfametti, kitaabni Afaan Oromoo haaraan tokko magaalaarra akka oole ni yaadatama. Kunis guddina Afaan Oromootiif gahee tokko waan gumaachuuf fakkeenya gaarii ta’uu qaba. Afaan keenya guddisuu yoo baatan illee barruulees ta’ee wanta biraa Afaan keenyaan barreessuun xinnaatu illee akka Afaan keenya hin dagatamne godhu.

 

Hamma qabsoon bilisummaa Oromoo galii booddee geessutti; hamma bilisummaa fi abbaabiyummaa dhabne deebifnee arganutti, qabsoo guddina Afaan Oromoos gaggeessuun egeree keenyaaf bu’ura waan tolchuuf, waayee kanatti xiyyeeffachuu fi ciminaan irratti hojjechuun barbaachisaa dha. Guddinni Afaan Oromoo qaama QBO ti. Guddinni Afaan keenyaa bu’ura guddina hawaasaa fi diinagdee ti. Kanaaf, waayee kanas har’a itti yaaduun barbaachisaa dha. Afaan keenya dagatamuu hin qabu; guddina isaatiif karaa fi waan danda’ameen qooda keenya gumaachuu qabna. Afaan keenya guddifnee ittiin haa guddannu. Kun mallattoo eenyummaa keenyaa ti. Hundee Oromummaa ti.

 

Galatoomaa.

 

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …